‘Injifannoon arganne anaaf haaloo ba’uudha’ – Leenjisaa Ayivorii Koost, Faayee

Emersee Faayee

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan yeroofii garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Ayivorii Koost Emeresee Faayee Waancaa Afrikaa 2023 mo’achuun keenya “ana nama osoon taphadhee hin quufiin ijoollummaatti soorama baheef akka haaloo ba’uuti” jedhe.

Ayivorii Koost Waancaa Afrikaa 2023 ofiin qopheessite kan mo’achuu dandeesse erga sadarkaa ramaddiirratti kufte jedhamee abdii kutataniin booda carraa dhiphaa oolmaa Moroookoon Zaambiyaatiin mo’achuusheetiin oolteefiin argataniinidha.

Ayivorii Koost tapha ramaddii isa dhumaarratti Ikuwaatooriyaal Giiniitiin 4-0n qe’ee isaaniirratti mo’amanii waaroo qaanii uffatanii ture.

Garuu bataluma sanatti leenjisaa warra Arbaa [the Elephant] kan ture Jiin Luwis Gaaseetaa ari’uun Emersee Faayee bakka buuse.

Dorgommicha walakkaarratti leenjisaa yeroof ta’uun imaanaa kan fudhate ga’eessi wagga 40 Faayeen, hanga Dilbata darbe Naajeeriyaa waliin dhumarratti waancaaf dhiyaatanitti mo’achuu malee mo’amuu hin argine.

Taphoota nuusa xumuraa, xumura walakkaafi isa xumuraarratti gahumsa ajaa’ibaa agarsiisuun ture kan mirgaan galan.

Faayeen saba fayyaa miila isaa mudateen umuriin isaa wagga 28 osoo jiruu tapha dhaabuuf dirqame.

“Kun anaaf kubbaa miilaa keessatti akkasumas walumaagala jireenya keessatti haaloo ba’uudha, sababiin isaa ammoo saba fayyaa na mudateen wumurii wagga 28 irratti taphachuu dhaabuufan dirqame,” jechuun BBCtti dubbate Faayeen.

“Erga yeroo sanaatii kaasee, taphataa ta’ee kanan mo’achuu dadhabe akka manaajeraatti waancaa nan mo’adha kan jedhun murteesse, sammuu kiyya keessas kanumati ture.”

Faayeen akkamiin biyyasaa fafa oolche?

Faayeen dolaarri 163,000 kaffalameefiif leenjisaa Ayvorii Koost Jiin Liwiis Gaaset ari’ame bakka bu’uudhaan itti gaafatamummaa fudhatee yeroo gabaabaa keessatti fafa isaan oolchuurra darbee seenaa hojjeteeraaf.

Gareen kubbaa miilaa Ayivorii Koost ganamaan sadarkaa ramaddiirratti dorgommii keessaa bahanii qe’ee isaaniirratti yeroo biyyoonni Afrikaa kaan taphatan taa’anii daawwachuu qofatu isaan hafee ture.

Garuu carraa dhiphoo uumamteen deebiyanii ‘lamaffaa jiraatan’.

Faayeen yeroo itti gaafatama kana fudhatetti abdii kutannaafi hamilee bu’aa keessa turan warri Arbaa. Haata’u malee, leenjisaan kun hunda dura hamilee isaanii cimsuun akka ofitti amanamummaa godhatan gochuun taphoota itti aanan hunda akka mo’atan godhe.

“Gadda guddaatu ture. Sana akka caallu addunyaatti agarsiisuun nurra ture,” jedhe Faayeen.

“Waan darbe dagannee gara fuula duraatti qabna jedheen taphattootatti hime,” jedhe.

Piriimer Liigiirraa naamusaan adabamuutii hanga Waancaa Afrikaa mo'achuutti kan qaaqabe, Emersee Faayee eenyu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aayivorii Koost Waancaa Afrikaa 2023 qopheessitee garee ishee keessaa kufuuf qarqara irra yoo geessu biyyitiifis tahe taphattota ishee duraanii akka Diider Diroogbaa fa'aaf naasuu guddaa ture.

Ikkuwaatooriyaal Giiniin 4-0n gaafa mo'atu leenjisaa isaanii Jiin Luwis Gaaseetaa hojiirraa gaggeessuuf murteessan.

Leenjisaa garee dubartootaa Faransaay Harve Renaardi ergisaan hanga dorgommichi xumurutti fudhachuuf gaafatan. Garuu Faransaay ni didde.

Hareve Renaardii kana dura Zaambiyaa leenjisuun Waancaa Afrikaa 2021 injifataniiru.

Dabalata Aayivorii Koostiin leenjisuun ammoo bara 2015 Waancaa Afrikaa mo'achuun leenjisaa jaqlabaa biyyoota Afrikaa add addaa lama leenjisuun waancaa kan kaasan tahan.

Muddama keessa kan turtee fi leenjisaa barbaaduuf yeroo kan hin arganne Aayivoorii Koost garee leenjisaa ari'amee keessaa Emersee Faayee ganna 40 tahe yeroodhaaf qacaruuf murteessan.

Ergasii Senegaal Shaampiyoonaa AFCON darbee fi Maalii mo'achuun xumuraaf dhaqaban.

Xumura Waancaa Afrikaa 2023 irrattis Naajeeriyaa mo'achuun waancaa kaasuu danda'an.

Leenjisaan Emersee Faayee jedhamu leenjisummaan nama hagas mara beekamu miti.

Emersee Faayee kana dura Piriimer Liigii Ingiliz keessatti bara 2007-08 kilaba Riidiingi jedhamuuf taphataa ture.

Riidiingi yeroo sana Piriimer Liigii keessaa hin buune ture. Maatii isaa lammii Aayivoorii Kosti tahan irraa Faransaay magaalaa Naantes keessatti dhalatee guddate.

Bara 2003 kilaba Liif 1 Faransaay keessatti dorgomu Naantesiif mallatteessuun taphachaa ture.

Bara 2007 paawondii miliyoona 2.5 tahuun kontiraata waggaa sadiin kilaba Ingiliz, Riidingitti makame.

Haa tahu malee osoo kilebichaaf taphatuu bara 2008 keessa gidduutti dorgommiin Waancaa Afrikaa waan tureef biyya isaaf taphachuuf deeme.

Achitti busaadhaan qabamee waan deebi'eef yeroo yaalamee fayyu gahumsi isaa quubsaa waan hin taaneef carraa taphaa dhabe.

Kilebni isaa garee eeggattootaa waliin akka taphatuuf ajaje. Gareen eeggattootaa Riidiingi garee eeggattootaa [reserve team] Tootenhaam waliin tapha waan qabaniif akka achirratti taphatu gaafatamnaan ni dide.

Kanumaan miindaa isaa torban lamaa fi taphoota lama adabame. Taphoota lamaan xumuraa Riidiingi akkuma dhabeen Riidingi bara sana Piriimer Liigii keessaa gara shaampiyoonshiippiitti gadi bu'e.

Faayeen kanumaan lammaffaa Riidiingiif hin taphadhu jechuun gara Faransaayitti deebi'e.

Sana booda kileba Faransaay Niis [Nice] jedhamuuf taphataa turee umurii isaa waggaa 28n kubba irraa soorama bahe.

Sana booda garee guddattootaa kileba Niis fi kan umurii 23 gadii garee biyyaalessaa Aayivoorii Kosti leenjisaa ture. Bara kana ammoo gargaaraa leenjisaa garee biyyaalessaa Aayivoorii Kosti tahuun erga hojjetaa turee yeroo leenjisaan ari'amu bakka isaa bu'e.

Emerse Faayee, leenjisaa yeroofii Aayivoorii Kosti

Madda suuraa, Getty Images