Kaardiin cuquliifni taphattoota daqiiqaa 10f tapharraa ittisu yaalamuuf

Madda suuraa, Getty Images
Murteessitotni tapha kubbaa miilaa taphattoota badii dalagan adabuuf kaardii itti fayyadaman keelloofi diimaatti dabalataan kaardiin cuquliifni yaaliif hojiirra ooluufi.
Kaardiin cuquliifni kun taphattoota badii kaardii diimaa hin kennisiifne garuu ammoo daqiiqaa 10 taphataan akka hin taphanne dhorkuudha.
Seerri kun garee seera baastota Waldaa Kubbaa Miilaa Idila Addunyan qophaaye.
Ammaaf kardiin kun taphattoota murteessitoota waliin haala hin barbaachifneen atakaarootti galan adabuuf kan kennamu yeroo ta'u, taphattoota kubbaa walii haala wal hin qabanneen badii dalagan adabuuf hojiirra oola jedhamera.
Taphataan badiiwwan kana dalaguun kaardii cuquliifni kennameef daqiiqaa 10 dirree taphaa keessaa akka bahu ta'uun adabama.
Yaaliin seera haaraa kanaa yoomiifi tapha isa kam irratti akka raawwatamu odeeffannoo qulqulluun hin argamne.
Piriimiyeer Liigiin Ingiliz garuu seerri haaraa kun akka irratti hin yaalamne ibsee jira.
Qaamni Kubbaa miilaa addunyaa bulchu seerri kaardii cuquliisaa sadarkaa olaanaatti raawwatamuuf gahaa miti jedheera.
''Yaaliin akkasii kamuu haala gaafatama qabuun dorgommii kubbaa miilaa sadarkaa gadiitti yaalamuu qaba'' jedheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Boordiin Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa yaa'iisaa kan waggaa torban sadii booda Iskootlaanditti kan gaggeessu yoo ta'u, dhimmoota irratti dubbatu keessaa tokko kaardii cuquliisarratti ejjennoo qabachuudha.
Seerri kaardii cuquliisaa bara 2018/19 liigiiwwan 31 irratti yaalamee morkii murteessaa taphaa waliin godhamu dhibbeentaa 38n hir'suu akka danda'e gabaasni Boordii Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa ibseera.
Bara 2019/20 keessa ammoo walkabajuufi tapha haqa qabeessa taphachuu kaayyeffachuun dorgommiiwwan sadarkaa gadiirratti raawwatameera.
Hoji gaggeessaan Waldaa Kubbaa Miilaa Ingilaand Maark Beeliingihaam ''deeggartootni gareen isaanii qolataanii jifachuu abdii qaburra osoo jiraanii badii teeknikaa osoo raawwatee waan aaran natti fakkaata'' jedhan.
Itti dabaluunis ''gaaffii ijoon kaardiin keelloo gahaadhaa?'' kan jedhuudha jedhan. ''...kaardiin cuquliisni amalaafi atakaaroo irratti hundaa'ee ka kennamu ta'us, badiiwwan taaktikaafis hojiirra oolchuu qabna'' jedhan.












