Afcon 2023: Tapha xumuraa Ayivoorii Koost fi Naayijeeriyaa har'aatiin eenyuti mirgaan gala laata?

taphattoota Naayijeeriyaa fi Ayivoorii Koost

Madda suuraa, BBC Sport

Rikoordii gooliiwwan galan hedduu, taateewwan rifaasisoo fi hin eegamne - Waancaan Afrikaa baranaa kanneen irratti argine Dilbata xumura argata.

Qopheessituu Ayivoor Koost moo biyya Lixa Afrikaa biroo Naayijeeriyaa, eenyutu mootii Afrikaa jedhamuun gonfoo fudhata?

Gareen Naayijeeriyaa maqaa 'Super Eagles' jedhamuun beekaman, dorgommii Abijaan kanaan marroo afreessoof waancicha kaasuuf morkatu.

Arba (The Elephants) jedhamuun kan beekaman gareen biyyaalessaa Ayivoor Koost ammoo waancaa baroota 1992 fi 2015tti argatan irratti sadaffaa dabaluun shaampiyoonaa tahuu fedhu.

Gareen lamaan kun dorgommii kanarra yeroo lammaffaaf walargu. Guyyoota 24n dura, tapha gareen Warri Risaa gaafas Arboota 1 fi 0n mo'atan. Kunis yeroo jalqabaaf dirreesaaniirra Naayijeeriyaan kan mo'aman tahuun galmaa'e.

Ayivoor Koost bara 2005 as erga Masrii yeroo jalqabaaf dorgommicha qopheessuun biyya waancaaf dhiyaatte taate.

Kanneen qopheessuun ofiisaanii waancaaf dhiyaatan jaha keessaa shan mirgaan galaniiru. Kana milkeessuu kan dhabde Naayijeeriyaa turte - 2000tti.

Gareen Naayijeeriyaa lamaan keessaa sadarkaa kubbaa miilaan Ayivoorii Koost ni caalu - Afrikaarraa jahaaffaa, addunyaarra ammoo 42ffaa gubbaa jiru. Ayivoorii Koost ammoo ardicha keessaa saddeettaffaa, addunyaarra ammoo 49ffaarra jirti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Warri Risaa erga bara 2013 as waancaa fudhachuuf morkatu. Taphoota ramaddii isa ammaas tahe, kan gulaallii gahumsa addaa agarsiisuun as gahan.

Faallaa kanaan biyyi qopheessituu kun ammoo haala ajaa'ibaati jedhamuun xumuraaf geesse. Ramaddii gareen Naayijeeriyaan erga mo'amtee boodas, Ikuuwaatooriyaal Giiniin 4 fi 0n mo'amuun keessaa godaananiiru erga jedhamee booda, warra garee keessaa haala gaariin sadaffaa xumuran jedhamuun dabarte.

Ergasiis Senegaal, Maalii fi DR Koongoo haalli itti injifatanis ajaa'ibaafi diraamaan kan guutame ture.

Waggoota dhiyoon asitti Waancaa Afrikaa ajaa'ibaati kan jedhame dorgommiin baranaa, istaadiyemii magaalaa Abijaan teessoo 60,000 qabu kanatti morkii bashannansiisaa akka nutti agarsiisu abdanna.

"Qophiin akkaan bareedaadha, dirreenis guddoo dansa, taphoota ajaa'ibsiisoos argineerra. Amma Ayivoorii Koost fi Naayijeeriyaan ni morkatu - tapha akkaan dansa [taha]," jechuun taphataan Ayivoorii Koost duraanii Kooloo Turee BBCtti hime.

Istaadiyemii Abijaanitti haa taphataniyyuu malee, Naayijeeriyaan mo'ichaan galuuf kutataniiru.

Dabalataan deeggartoonni warra Arbaa, deeggarsa addaan hincinnee fi oonnachiisaa taheen, taphattootarraa odoo hin hafin leellifamaa jiru.

Kun tahus garuu mo'ichi kan keenya jedhu leenjisaan Naayijeeriya Joosee Pereeroo. "Miirri istaadiyeemii keessaa ajaa'iba ni taha. Taphattoonnikoo fi gareen keenya istaadiyemii guutuu tahe keessa taphachuu filanna."

Naayijeeriyaan waancaa sadan amma duraa kan injifatte 1980, 1994 fi 2013tti ogguu tahu, sadanuu wayita mo'atan kan taphatanis Ayivoorii Koost wajjin ture.