Waancaa Afrikaa: Dorgommii Afrikaa bara kanaa eenyutu injifata? Tilmaama BBC

Madda suuraa, BBC Sport
Taphi waancaa Afrikaa Somabata Amajjii 13, 2024 eegaleera. Tapha baniinsaas qopheessituun taphichaa Ayivoorii Koostii Giinii BIsaawu waliin taphattee injifachuun eegalte.
Biyyi Saadiyoo Maanee, shaampiyoonaan bara darbee- Senegaal gara dorgomichaatti imalteetti. Barana hoo carraan injifachuu hangam?
Ispoortiin BBC Optaa waliin ta’uudhan eenyu shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa ta’uu akka danda’u ilaaluuf yaaleera.
Optaan dhaabbata qabxiilee ispoortii xinxaluudha.
Abbaan Waancaa Senegaal, garee ajaa’ibsiisaa waancaa addunyaa kan ta’an Morookoo ykn Naayijeeriyaa, kan goolii hedduu lakkoofsiisuurratti argamtu, injifachuuf carraa qabuu?
Mala tilmaama hubannoo nam-tolchee Optaatti fayyadamuun Seeneegaal irra deebiin waancaa fudhachuuf carraa qabdi. Kanaanis walitti fufiinsaan waancaa injifachuun garee arfaffaa taati.
Masriin bara 2006-2020tti walitti aansuun yeroo sadiif abbaa carraa erga taateen booda, garee tokkooffaa taati. Injifattoonni waancaa darban 6 keessaa tokkoon saanituu 16 keessa darbuu hin dandeenye.
Waancaa Afrikaa eenyu akka injifatu ilaalchisee fakkii guutuu argachuuf, malli raaguu tapha hunda tilmaameera. Carraawwan dorgommiifi sadarkaalee garee biyyaaleessa Optaa fayyadameera.
Tilmaamiichiifi sadarkaan seenaafi taphawwan garee biyyaaleessaa yeroo dhiho irratti kan hundaa’eedha.
Moodeelichis cimina falmitootaa fi imalli gara waancaatti taasisan cimaa ta’u ilaaleera.
Kanaafis tilmaamawwan taphootaa, haala gareewwaniifi sadarkaa darbuutti fayyadameera.
Haala moodeelii kanaatiin, Senegaal injifachuuf carraa parsantaa 12.8 qabdi. Bara 1992 fi 2015 booda yeroo sadaffaadhaaf waancaa injifachuuf kan yaaltu qopheessituun dorgommii kanaa, Ayivoorii Koosti eddo ittaanu (%12.1) qabattee jirti.
Dorgommii qopheessuudhaan kan waancaa injifatte gareen dhumaa Masrii yoo taatu, innis bara 2006 ture.
Dorgommiiwwan darban 9n qabxii gaarii kan galmeessan Gaanaa fi Kaameeruun yoo ta’an, sadarkaa lammaffaafi sadaffaa qabachuun xumuran.
Morookoof ammoo (%11.1) taphicha injifachuuf carraa gaarii sadaffaa moodeelichaan kennameefiira. Bara 1976 erga injifataniin booda waancaa Afrikaa lammaffaa injifachuu ni yaadu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2004tti tapha xumuraa Tuuniziyaatti 2-1n erga injifatamaniin booda, taphawwan irratti hirmaatan 7n xumura nuusaa darbuu hin dandeenye.
Biyyoota abdii injifachuu qaban keessaa Aljeeriyaa (%9.7)n sadarkaa arfaffaa irratti argamti. Masriin sadarkaa (%8.5)n sadarkaa shanaffaa taatee jirti. Aljeeriyaadhaaf gareewwan kaan caalaa carraan injifachuu kan gaarii ta’eef waan ramaddii cimaa hin taane keessatti argamtuufiidha.
Yeroo torba injifachuudhaan riikardii kan qabattee Masriin, bara 2021tti tapha xumuraa Seneegaal waliin rukuttaa addabbiitiin injifatamuun gadda ishee mudatee haaloo bahu dandeessii laataa? Yoo milkaa’u dandeesse, bara 2020 as waancaa jalqabaa isheef ta’a.
Mohaammad Saalaahn bara 2017tti tapha xumuraatiin waan injifatameef, tapha xumuraa ittiin injifatame lamaan booda yeroo jalqabaatiif waancaa Afriikaa argachuuf ni barbaada. Wanti gaariinsaa baran Masriin xumuraaf qaqabuuf carraa %16 qabdi.
Haala raaguu Opiitaatiin, gareewwan ciccimoo torba injifachuudhaaf dursi kennameef keessaa injiffattuun yeroo sadii Naayijeeriyaan (1980, 1994 fi 2013) fi yeroo shan shaampiyoonaa kan taatee Kaameeruun (1984, 1988, 2000, 2002 fi 2017) keessatti hammatamaniiru.
Naayijeeriyaan waancaa injifachuudhaaf carraa % 8.1kan qabdu yoo taa’u, Kaameeruun ammo carraa %7.5 qabdi.
Biyyoonni kubbaa miilaa ardittii keessa maqaa qaarii qaban lama ammo taphattoota goolii galchuudhaan cimaa ta’an qabanis jiru. Taphataa kubbaa miilaa cimaa bara 2023 kan ta’e Viiktoor Osiimheen calleessuu rammadiitiin Naayijeeriyaadhaaf gooliiwwan 10 lakkoofsiiseera. Kunis taphattoota kaan irra shaniin caalmaa qaba.
Callallii ramaddiitiin gareen biyyaalesaa waliigalatti gooliiwwan 22 lakkoofsiise.
Dursaan garee Kaameeruun Viinseent Abubakar bara 2021tti gooliiwwan saddeet lakkoofsiisuudhaan dandeettii kophee warqii ittiin injifate sana irra deebii’uf yaala ta’a.
Bara 1974tti Waancaa Afriikaatiin gooliiwwan 9 kan lakkoofsiise lammiin Zaayar Nidaayee Mulaamgaa, taphataa tapha tokkiichaan gooliiwwan hedduu lakkoofsiiseedha.
Seenegaal akkuma bara 2021tti raawwattee sana yeroo jalqabaa gareen waancaa kaasuu ni jiraataa laata? Yoo akkas ta’e, Maaliin kan (%3.7) waan carraa gaarii qabdu fakkaata.
Riisaawwan taphattoota 12 kanneen Awurooppaatti Liigiiwwan gurguddaa shan keessatti taphan hirmaachisanis, tapha bara 1972tti lammaffaa ta’un xumuraniin booda xumuuraaf qaqabuuf carraa %8.7 qabu.












