AFCON 2023: Ayivoorii Koost walwaraansaa hanga qophii Doolaara biliyoona tokkoo

Madda suuraa, Getty Images
Biyyi walwaraansa keessa turte Ayivoorii Koost, Dorgommii Waancaa Afriikaa 2023 qopheessuunshee dandamannaa walwaraansa bara faranjootaa 2011 booda eegalte caalmaatti akka si’eessu mootummaan biyyattii abdateera.
Mootummaan Ayivoorii Koost dorgomicha qopheessuuf yoo xiqqaate maallaqa Doolaara biiliyoona tokko (naannoo birrii biliyoona 56) baasii gochuusaa beeksiseera. Biyyattiin dirreewwan kubbaa miilaa haaraa afur kan ijaarte yemmuu ta’u, kan duraan turan lama immoo haaromsiteerti.
Dabalataan magaalota taphoonni kubbaa miilaa itti adeemsifaman shan keessatti buufataaleen xayyaaraa, hospitaalonnifii hoteelonni haaraan ijaaramaniiru, kan duraan turanis haaromsamaniiru.
Bara faranjootaa 2002-2007 akkasumas 2010-2011 walwaraansa keessa kanturte Ayivoorii Koost, maallaqni Waancaa Afriikaa 2023 qopheessuuf itti fayyadamte hammi tokko liqaa Doolaara biliyoona 3.5 Fandii Maallaqaa Addunyaarraa Ebla bara darbe argatterraa kan fudhatamedha.
Biyyattiin duroomaan biyyoota addunyaa 190 keessaa sadarkaa 138ffaa irratti kan argamtu yemmuu ta’u, baasiin dorgomiicha qopheessuuf bahe namoota tokko tokkoof yaaddoo ta’uunsaa hin oolle.
Ayivoorii Koost, Pirezidaantiii biyyattii ALA bara 2010 aangoo qabatan Alasaan Otaaraan hogganamuu erga eegaltee as giddugaleessaan waggaa waggaan guddina diinagdee 8% galmeessisaa turteerti.
Haa ta’u malee BBC Sport Africa’dhaaf yaadasaanii kan kennan piroofeessarri diinagdee lammii biyyattii ta’an Prao Yao Seeraafin, “Ayivoorii Koost biyya hiyyeettiidha” jedhu.
“Kanaafi Pirezidaant Otaaraan pirojektii kana dhugoomsuuf liqaa kan fudhatan. Kanaafuu liqaawwan kunneen Ayivoorii Koost kan fayyadan ta’uusaanii mirkaneeffachuu qabna. Biyyattiin bu’uuraalee misoomaa ijaarte kunneen tursiisuu danda’uu qabdi” jedhu.
“Dirreewwan kubbaa miilaa kunneenirraa akkamiin galii argachuu akka dandeenyu ofeeggannoon hin yaadnu taanaan biyyi arbaa tun ‘arba adii’ akka hin oomishne sodaan qaba” jedhu.
‘Arba adii’ jechuun jecha aadaa biyya Taayilaandirraa fudhatamefii kan namoonni bineensota kunuunsi isaanii qaalii ta’e moototaaf itti kennan ibsudha. Jechichi yeroo baay’ee pirojeektota maallaqni guddaan itti bahe garuummoo bu’aansaanii hamma maallaqa bahe sana hintaane ibsuuf faayidaarra oola.
Dhaloota dhufuuf ijaaruu

Madda suuraa, REUTERS/GETTY IMAGES
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ayivoorii Koost qophii dorgommii Waancaa Afriikaa 2023’f Doolaara biliyoona tokko baasii goochuunshee galii akka argamsiisuuf investaroonni abdii godhatanillee kaayyoon dorgommicha qopheessuu garuu galii argachuu akka hintaane biyyattiin himti.
Miseensa Koree Qindeessituu Waancaa Afriikaa 2023 kan ta’an Fraansuwaa Amishiyaa, “Ayivoorii Koost dorgommii kana qopheessuuf yemmuu murteessitu kaayyoonshee maallaqa argachuu osoo hintaanee haala keessa jirtu jijjiiruufi” jedhan.
Dabaluunis “Bu’uuraalee misoomaa Ispoortii ijaaruuf carraa kan nuuf uumedha. Isin yaadachiisuuf waggoota darbaniif bu’uraaleen misoomaa ispoortii tokkoyyuu hin ijaaramne. Waancaan Afriikaa garuu al tokkotti dirreewwan kubbaa miilaa haaraa afur ijaaruufii kan duraan turan lama haaromsuu nu dandeessiseera” jechuunis Ministirri Ispoortii biyyattii duraanii fi miseensi paarlaamaa yeroo ammaa kun himu.
Dirreewwan kubbaa miilaa haaraan magaalota Yaamusukroo, Korhogoo fi Abijaan keess ijaarraman duraa duubaan baasiin Doolaara miliyoona 79, 84 fi 113 irratti baheera. Kana malees haaromsi istediyeemii Feeliks Huufet Boonii immoo maallaqni Doollaarri miliyoona 109 baasii itti ta’eera.
Dabalataan biyyattiin magaalota dorgommileen kubbaa miilaa itti adeemsifaman shan keessatti giddugalawwan shaakallii haaraa ijaarramanfii haaromfaman 24 qopheessiteerti.
Kana malees maqaan ‘Magaalota Acon’ (Afcon cities) jedhu kan mogga’eef viillaawwan 32 kan tokkon tokkon isaanii manneen ciisichaa shan qaban magaalota sadi keessatti ijaarramaniiru. Magaalaa Korhogoo keessattimmoo hoteelli kutaalee ciisichaa 48 qabu ijaarameera.
Kana malees hospitaalli magaalaa Korhogoo keessatti argamu sadarkaansaa akka guddatu yemmuu taasifamu, magaalaa Saan Peedroo keessattimmoo hospitaalli haaraan ijaarrameera.
“Ayivoorii Koost yeroo ulfaataa, gama diinagdeenis salphaa hintaane keessa dabarte. Dorgommiin kunimmoo Ayivoorii Koost bu’uuraalee misoomaa ispoortii fi kunneen biroo akka qabaattu taasiseera” jechuunis Fraansuwaa Amishiyaa himu.
Bu’uuraalee misoomaa ijaaramanitti fayyadamuu

Madda suuraa, Reuters
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ayivoorii Koost dirreewwan kubbaa miilaa haaraa ijaarramaniiin walqabatee yaaddoowwan piroofessarri diinagdee Seeraafin kaasan furuuf hojjechaa tureera.
Dirreewwan kubbaa miilaa magaalota Buwaakee fi Saan Peedroo keessatti ijaaraman ji’a tokko dura taphoota Dorgommii Chaamiyoons Liigii Afriikaa kan dubartootaa kan keessummeessan yemmuu ta’u, biyyattiin dorgommiilee akkanaa gama keessummeessuutiin naannicha keessatti adda duree akka taatu gochuunis fedhii lammiilee biyyattii hedduuti.
Taphoota gulaallii Waancaa Afriikaa 2023 fi Waancaa Addunyaa 2026 lakkoofsaan 27 ta’an keessummeessuun Moorookoon addaduree yemmuu taatu, Ayivoorii Koostis carraa Moorookoo kana qooddachuu barbaaddi.
“Biyyi keenya Lixa Afriikaatti giddugala dorgommiiwwan kubbaa miilaa fi ispoortiiwwan biroo akka taatuuf ni hojjenna” jedhan Pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa biyyattii Idiriis Diyaaloo.
“Kun immoo biyyoota bu’uuraalee misoomaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afriikaa fi Fifa’n ragga’an hinqabneef haala mijataa kan uumudha” jechuunis himan.
Carraa daldalaa guddaa

Madda suuraa, Getty Images
Xummuramuu walwaraansaa Ayivoorii Koost lammiileen miliyoona lamaa ol itti buqqa’an hordofee biyyattiin misooma diinagdee ariifataa galmeessisteerti.
Investimantiin mootummaafii guddinni alergii omishaalee bunaa fi Kookoo biyyattiin biyyoota Lixa Afriikaa keessaa cimina diinagdeen sadarkaa lammaffaa akka qabattuu kan taasisu fakkaata.
Bara faranjootaa 2013’tti omishni waliigalaa (GDP) Ayivoorii Koost Doolaara biliyoona 43 yemmuu ta’u kan Gaanaa immoo doolaara biliyoona 63 ture. Ragaan Fandii Maallaqaa Addunyaa kan bara faranjootaa 2022 immoo garaagarummaan biyyoota lamaan gidduu jiru dhiphachuusaa agarsiisa. Haaluma kanaan omishni waliigalaa Ayivoorii Koost kan bara 2022 Doolaara biliyoona 70 yemmuu ta’u kan Gaanaa immoo Doolaara biliyoona 73 dha. Biyyoonni lamaan biyya boba’aan badhaate Naayijeeriyaan durfamanii jiru.
Magaalaa diinagdee Ayivoorii Koost kan taate Abijaan keessa mana nyaataa kan qabdu Akuubaa Angoolaa, kunneen guddina dinagdee biyyattii dinqisiifatan keessaa tokko.
Yeroo biyyattiin walwaraansa keessa turtetti biyya Ameerikaa kan turte Angoolaan, ALA bara 2017 gara biyyasheetti deebite.
“Gara biyyaatti deebi’uuf yeroo sirrii ta’edha. Sababnisaas biyyattiin nagaa keessa jirti, wanti hundis haala gaariin deemaa jira” jechuun BBC Sport Afriikkaatti kan himte Angoolaan, “Waggaa kudhan dura asitti daldala banachuun hojjechuun rakkisaa ture” jetti.
Haati qabeenyaa kun ALA 2021 booda manneen nyaataa shan akka banatte himuun, Dorgommiin Waancaa Afriikaa immoo diinagdee biyyattii caalmaatti kan guddisu akka ta’e abdii qabdu himti.
“Waancaan Afriikaa daldalaaf carraa gaariidha, sababnisaas namoonni baayy’een biyyoota birootii dhufan as Ayivoorii Koost keessatti hagam tokko hojjechaa akka jiru ni ilaalu. Fakkeenyaaf ani daldalakoo biyyoota Afriikaa biroo keessattillee babal’isuu nan barbaada” jechuunis himti.
Gama biraatiin Dorgommiin Waancaa Afriikaa 2023 Ayivoorii Koostiif faayidaa diinagdee yeroo gabaabaafii dheeraa kan argamsiisu ta’uu kan himan Pirofeesar Seeraafin, “bu’aan yeroo gabaabaa inni tokko hawwatummaa Ayivoorii Koost abbootii qabeenyaa dhuunfaaf qabdu ni dabala” jedhu.
“Kana malees daldaltoonni maamila ni argatu, hoteelota keessattis carraan hojii ni uumama. Diinagdee keenya keessatti gahee dhibbeentaa sagalii kan qabu tuurizimiinis ni guddata” jedhu.
Yeroo keessammoo bu’uraaleen misoomaa ijaaraman fedhii lammiileen Ayivoorii Koost gara dirreewwan kubbaa miilaa seenuun dorgommiilee daawwachuuf qaban kan si’eessu akka ta’e ogeessi diinagdee kun himu.
Gama biraatiin haleellaan hidhattoonni ALA bara 2016 dhiyeenya magaalaa Abijaan Rizoortii Giraand Baasam irratti raawwachuun namoota 16 itti ajjeesan taatee dhiyeenyatti yaadatamu yemmuu ta’u, eegumsi nageenyaa cimaan akkasumas namni akka malee akka walitti hin baay’anne to’achuun milkaa’ina dorgommichaaf dhimmoota ijoo ta’uus Pirofeesar Seefaarin himaniiru.
Dhumarrattis “Haalawwan kunneen yoo guunne, Ayivoorii Koost biyya cimtuu dorgommii kana carraa gaariif oolchitu ni taati” jedhaniiru.












