Waancaa Afrikaa: Morkii waancaa biyyoota jajjaboo Lixa Afrikaa lamaanii

Taphataa Ayivorii Koost, Sebaastiyaan

Madda suuraa, Getty Images

Waancaan Afrikaa Amajjii 13, 2024 eegale dhumarratti biyyoota Afrikaa Lixaa jajjaboo lamaan-Ayivorii Koostiifi Naajeeriyaa walitti fide.

Tapha baniinsaatiin qopheessituun dorgommii kanaa Ayivoorii Koostii Giinii Bisaawu waliin taphattee injifachuun eegalte.

Guraandhala 7, 2024 ammoo tapha xumura walakkaatiin DR Koongoo mo’achuun waancaaf qaqqabdeetti.

Jalqaba dorgommii kanarratti biyyoota Afrikaa 24 hirmaatan keessaa eenyu eenyu akka mo’atan tilmaamni kennameera. Ispoortiin BBC Optaa waliin ta’uudhaan eenyu shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa ta’uu akka danda’u ilaaluuf yaaleera. Optaan dhaabbata qabxiilee ispoortii xinxaluudha.

Akkaataa kanaan shaampiyoonaa bara darbee kan turte Senegaal tilmaamni tokkoffaa % 12.8 kennamuufis nuusa xumuraatti keessaa galteetti.

Akka tilmaama kanaatti bara 1992 fi 2015 booda yeroo sadaffaadhaaf waancaa injifachuuf kan yaaltu qopheessituun dorgommii kanaa, Ayivoori Koosti sadarkaa lamaffaatu (%12.1) kennameeraaf.

Naayijeeriyaan waancaa injifachuudhaaf carraa % 8.1 qabdi jedhamee ture.

Ayivoori Koost tapha xumura walakkaa irratti DR Koongoo waliin taphattee waancaaf darbuushee mirkaneeffatteetti.

Tapha xumura walakkaa Naajeeriyaafi Afrikaa Kibbaa walitti fideen ammoo warri ‘Suppar Eegils’ warra ‘Bafaanaa Bafaanaa’ rukkuttaa penaaliitii saatiin dabalataa erga dhumee booda gaggeeffameen 4 fi 2n mo’ataniiru.

Taphni Naajeeriyaafi Afrikaa Kibbaa osoo gara rukkuttaa penaaliitii hin qaqqabiin dura goolii 1 fi 1 saatii idileefi kan dabalataa daqiiqaa 30 dabalataa xumuraniiru.

Daqiiqaa 64ffaa irratti jifataan Naajeeriyaa Viktar Osimheen irratti badii hojjetameef Naajeeriyaatiif peenaaliitiin kennameef. Amabballiin Naajeeriyaa Wiliyaam Tiruus Iikung daqiiqaa 67ffaa irratti goolii lakkoofsisee akka dursitu taasisee ture.

Diraamaa VAR goolii Osimheen jalaa haqsiise

Yeroon hafe daqiiqaa shan qofa ture, taphni dhumee fiishiikaan hafuufamuuf. Viktar Osimheen goolii isaa kanaan mo’ichaan goolaban itti fakkaatee ture.

Kubbaa Biraayitan Osaayi-Saamu’eel cinaarraan ergeef gooliitti akkuma jijjiireen gara deeggartootaatti fiigee gammachuusaa ibsachaa ture. Garuu gammachuun isaa baayyee hin turiin hafte.

Daqiiqaa 84ffaa irrattis Viktar Osimeheen goolii lamaffaa lakkoofsisee ture garuu VAR goolii gale kana akka haqamu taasisuun faallaa isaa Afrikaa Kibbaatiif penaaliitiin akka kennamu taasiseera.

Goolii Naajeeriyaan lamaffaarratti lakkoofsifataniif ka’umsa kubbaan ta’e dogogora karra gollii Naajeeriyaa keessatti uumae darbuu dhufeeti goolii ta’e jechuun ture kan haqamee peenaalitiin Afrikaa Kibbaatiif kenname.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kun ammoo gareen lamaan 1-1n akka daqiiaa dabalataatti seenan taasiseera.

Daqiiqaa dabalataarratti garuu walirratti lakkoofsisuu hin dandeenye.

Garuu rukkutaa penaaliitiitti yeroo seenametti tilmaamni mo’achuu Afrikaa Kibbaaf kennamee ture. Sababiin isaa ammoo Afrikaa Kibbaa dandeettii ajaa’ibaa karra eegaan ishee hojjeteen ture tapha nuusa xumuraarratti mo’attee kan xumura walakkaaf qaqqabde.

Wiliyaams peenaaliitii shan itti rukkutame keessaa afur oolchuu danda’ee ture. Naajeeriyaa waliin garuu gahumsa sna irra deebiyuu hin dandeenye.

Sa’aaii dabalame keessatti taphataan sarara ittisaa Afrikaa Kibbaa Giraant Kekaanaa badii hojjeteen kaardii diimaan dirree keessaa ari’ameera.

Tapha halkan sa’aatii shan irratti gaggeeffameen ammoo biyyi qopheessite Ayivoorii Koost goolii tokkittii Sebaastiyaan Haaler lakkoofsiseen DR. Koongoo mo’achuun waancaatiif dabarteetti.

DR. Koongoon taphicha itti cichuun taphatanis goolii wal isaan qixxeessuu danda’u ykn ammoo ittiin mo’achuu danda’an argachuu hin dandeenye.

Ayivorii Koost taphoota ramaddiirratti gahumsa dadhabaa ta’e agarsiisuun leenjisaashee Zheen Looyis gaggeessite.

Tapha ramaddii isa dhamaa deeggartootashee fuula duratti Ayivorii Koost goolii 4-0n mo’amtee kan ture yoo ta’u, kan gara sadarkaa mo’anii darbuutti ce’uu dandeesses sadarkaa sadaffaa qabxii gaarii qabdu ta’uudhaanidha.

Taphoota itti aansitee taphatteen shaampiyoona Afrikaa kan taate Senegaal, Maalii, akkasumas kaleessa DR. Koongoo mo’achuudhaan waancaaf qaqqabdeetti.

Taphni xumuraa Dilabata galgala sa’aatii shan irratti gaggeeffama.

Kun ammoo biyyoonni Kaaba Afrikaa kanaan dura kubbaa miilaan maqaa gaarii qaban warri akka Masirii, Morookoofi kaan keessaa yaa'anii biyyoota Afrikaa Lixaa jajjaboo walitti fideera.

Maaltu eegama? Kan ilaallu ta'a.