Raashiyaan dhimma Nijeer irratti gidduseentummaa waraanaa ECOWAS akeekkachiifte

Hiriirtota Nijeer

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Raashiyaan Niijeritti gidduugaltummaan waraanaa,''walitti bu'insi akka itti fufu godha jette.

Gamtaan naannicha Ecowas humna eeggataa akka gurmeessu himuun booda dha Raashiyaan akeekkachisa kana kan baaste.

Ministeerri Haajaa Alaa Raashiyaa gidduugaltummaan akkasii naannoo Saahel guutummaa tasgabbii dhorka jedhe.

Raashiyaan fonqolcha mootummaa Nijeeritti geggeefame ifatti hin deeggarre.

Haa tahu malee Ameerikaan hogganaa fonqolchaan aangoorraa bu'an Mohaammad Baazuum iddootti deebisuuf sochii taasifamu deeggarti, gareen waraanaa Raashiyaa, Waaginar tasgabbii dhabuu biyyattii faayidaasaaf oolchaa jira jetti.

Gaafa Jimaataa kanneen fonqolcha deeggaran alaabaa Raashiyaa agarsiisaa buufata waraanaa Faransaayi dhihoo magaala guddoo Nijeer, Niyaamee jirutti ''down with France, down with Ecowas'' ( Firaans haa kuftu, Ecowas haa kufu) dhaadannoo jedhu dhageessisaa turan.

Ameerikaa fi Firaans Nijeeritti buufata waraanaa qabu isas jihaadistootaa naannichatti socho'an loluuf fayyadamu.

Qondaaloti waraanaa biyyoota Ecowas garee waraanaa gurmeessuu karoorsuuf Sambata har'aa wal arguuf jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gamtaan kuni rakkoo kanaaf furmaata dippiloomaasiif banaa tahuu yoo himu, Pireezidantiin Naayijeeriyaa Boolaa Tinuubuu, immoo gaafa Kamisaa, ''filannoon hin fayyadamne hin jiraatu, kuni ammoo humna akka filannoo dhumaatti fayyadamuu dabalata,'' jedhan.

Ameerikaan ifatti tarkaanfii waraanaa deeggaruu baattus, juntaan heerri demookiraasawaa biyyattii iddootti akka deebi'u eeyymauu qabaa jetteetti.

Juntaan Nijeera fonqolcha raawwate ibsa Ecowas boodanaa irratti waan jedhe hin qabu.

Adoolessa 26 irraa qabee to'annoo jala kan jiran Pireezidantiin biyyattii Mohaammad Baazuum faayyaafi nageenyi isaanii yaaddessaa taheera.

Maatiin isaanii,''nyaata, ibsaafi wal'aansa fayyaa guyyaa baayyeef dhorkamanii jiru,'' jedhan Gamtaa Awurooppaatti hogganaan imaammataa Jooseep Booral.

Koomishinariin mirgoota namoomaa UN Vookar Tark, gabaasa isaaan qaqqabeen,''haalli qabinsaa pireezidantichaa hammaataafi kan namummaan gadi, '' tahuu himan.

Hiyumaan Raayitis Wooch gamasaan Baazuumm, qabinsi ''isaaniifi maatiisaanii haala hamaafi dhala namaaf hin malleeni,'' jechuun itti himuu ibseera.

''Ilmi koo dhukkubsateera, dhukkuba onnee qaba, hakiima ilaaluu qaba,'' jechuu isaanii Hiyuumaan Raayitis Wooch himeera.