Seenaa 'Abbaa Gannaa'fi muka ayyaana Qilleef tolfamuu kana beektuu?

Abbaa Gannaa nama jedhamuun nama fakkeefamee fi muka ayyaanichaaf tolfame

Madda suuraa, Getty Images

Ayyaana hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti waggaa waggaan kabajamu keessaa tokko guyyaa dhaloota Yesus Kiristoos ykn ayyaana Gannati. Bara kanas ayyaanicha biyyota akka lakkoofsa gorigoriyaanitti lakkaa'an biratti Roobii darbe Mudde 25, 2024 kabajameera.

Biyyoota akka Itoophiyaa, Eertiraa, Masrii fi biyyoota baha giddu galeessaa dabalatee Raashiyaafi biyyoota Awurooppa tokko tokko keessatti torban tokko booda kabajama.

Keessumaa warra dhihaa biratti simannaa Ayyaana Gannaa kanaaf baatii tokkoof oliif qophiin taasifama.

Haalli fi yeroon kabajasaa adda adda haata'u malee, wayita ayyaanni qillee kabajamu mukti ayyaanicha simachuuf tolfamuu fi suuran nama abba Gannaa jedhamuu yeroo baay'ee sammu ijooleetti dhufa.

Waqtii ayyaana Gannaa kana manneen namoota dhuunfaa, bakkeeewwaan daldalaa, daandiwwaan, hotelotaa fi bakkeewwaan bashannanaa dabalatee muka gannaaf tolfamu (Christmas Tree) suuraa namaa huccuu diimaa fi adiin faayamee (Charismas Father) kan Abbaa Gannaa jedhamuun faayyama.

Ofii ka'uumsi waan kanaa maali? Maalirraa aadeeffatamaa dhufe as gahe? Dhaloota Yesuus kiristoos waliin hoo maaltu walitti fida?

Biyyoota dhihaa keessatti Waqtiin kun yeroo itti qorrii fi cabbiin bu'uudha. Sababa jijjiirama qilleensaa kanaan mukkeen baay'een baala harcaafatu ykn dandamachuuf isaan rakkisa.

Muka ayyaana Gannaa

Mukti Gannaa (chrsmas tree) jedhamu fi Gaattiraa fakkaatu garuu uumamaan yeroo rakkisaa kana mo'uuf humna qaba. Kanaaf mukichi akka mallattoo waqtii hamaa dandamachuun yeroo gaariitti ba'uu fi hormaatatti ilaalama.

Kanaaf hordoftootni Amantichaas waanti kun gaarummaa Waaqa kan agarsiisu ta'uu waan amananiif, akkuma bara haaraa yeroo dhufu kabajan, ayyaana Gannaa kanallee gammachuu guddaan kabaju.

Akka ragaaleen adda addaa mul'isanitti, mukti kun bara haaraa fi cichoomina agarsiisuf malee dhaloota Yesuus Kiristoos waliin hangas mara walitti dhufeenya akka hin qabne mul'isa.

Seenan nama 'Abbaa Gannaa' jedhamuu hoo maali ?

Saantaa Nikolaas

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Seenaa achi as dhuftee fi ka'uumsi gocha isaa sheekkoodhan jira moo qabatamaan tureeraa? kan jedhu irratti ammayyuu falmii qaba.

Haata'uu malee, akka ragaaleen seenaa fi amantii jedhanitti, naannawa jaarraa 4ffaa irraa eegalee waa'een Luba biyya Girikii Saantaa Nikolaas jedhamuu ka'uumsa seenaa kanaa akka ture himama.

Dhaloota Kiristoos dura naannawa bara 280tti Turkii magaalaa Pataraa keessatti dhalachuun isaanii kan himamuuf luba qulqulluu Amantii kan ta'an Saantaa Nikolaas, gaarummaa fi tola ooluun nama fakkeenyummaa qaban ture.

Gaarummaan isaas qabeenya qabu utuu hin qusatin namaa qoooduu fi hiyyeessaf dhukkubsataa gargaaruun nama beekamu ture.

Kanaanis yaadannoo isaaf muddee 6 waggaa waggaan akka kabajamuu fi guyyaa namoonni kennaa walii kennuun gaarummaa isaa yaadataa turan. Amantii keessatti kanneen guyyaa Qulqulluu Niqolaas itti kabajanillee jiru.

Biyyoota addaa adda keessatti maqaan garaa garaa kennamufis garuu hojiifi seenaan isaa sheekkoodhan biyyota heddutti, keessumaa Awurooppaa fi Ameerikaa keessatti bakka guddaa qaba ture.

Akka himiinsaa fi sheekkoo sanaatti guyyaa jala bultii ayyaana qillee kana guyyaa Kenna Nikolas jedhamee waan yaadamuuf meesha wayii baasanii ala kaa'u. Akka ergamaa waaqtti samiirra balali'ee dhufee kennaa sana akka kaa'ufitti amanu.

Kanneen aannanii fi biskuutii bakka sana isaaf kaaa'anis akka jiran ragaaleen oduu durii yeroo sana wabeffachuun barraa'an jiru.

Fakkeenyummaa sanaan namoonni qulqulluu Niqolaas ykn 'Sinterklaas' of fakkeessanii uffata phaaphaasota diimaa uffachuun namoota walitti qabaman gammachiisu,gargaaru fi gaarummaa barsiisu turan.

Saantaa Kilaawus wayyaa diimaa fi adii qabu uffatee kennaa qabatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Naannawa xumura jaarraa18ffaatti Ameerikaa keessatti aartiistii Ameerikaa Toomaas Naastii jedhamu barruu 'Harper's Weekly' jedhamuu keessatti gochaa gaarummaa fi fakkii amma beekamu kan jaarsa gammadaa, areeda adii dheeraa qabu, uffata diima fi adiin miidhage wayita maxxansu waa'een isaa sirritti barame.

Kitaaba walaloo waa'ee luba Niqolaas" ("the Night Before Christmas") jedhamuun kan jalqaba bara 1823tti maxxanfame keessattis sirritti ibsameera.

Jalqaba Jaarraa 20ffaa keessas kaardii ayyaana qillee fi fakkiiwwan beeksisaaf itti fayyadamaa kan ture yoo ta'u, keessattuu bara 1930moota keessa beeksisa daldalaa dhugaatii lallaafaa Saantaa fakkeefamee hojjatame irratti jaalatamummaa guddaa argate.

Achiin boodas namamni Saantaa Kilaawus jedhamuun moggaafame fakkeenyummaa Nikolaas sanaan namoota rakkataniifi daa'imman amala gaarii qabaniif kennaa geessa ture.

Maqaa afaan Ingiliffaatiin Abbaa Ayyaana Qillee (Christmas Father) ammayyaa jedhamu mogga'uufinis jala bultii ayyaana Gannaa kana irratti mana daa'immanii dhaquun kennaa fi nyaata ayyaanaatiin mana isaanii guuta.

Ijoolleen hedduunis xalayaa hanga guyyaan gannaa bira gahee wal arganitti akka isa yaadanii fi jaalatan Santaaf barreessu ture.

Isa qofaa utuu hin taane biyyoota heddu keessatti namoonni biroos fakkeenyummaa kanaan daa'imman abbaa fi haadha hin qabne gargaaru, dhukkubsattoota fi kanneen soorama ba'an gaafachuu fi warra beela'an nyaachisu dabalatee arjummaa fi gaarummaa fakkeenya isaa ta'e ibsuun, dhalotatti darbaa as gahe.

Amma addunyaa irratti guyyaa ayyanaafi jala bultii ayyaana Gannaa irratti kennaa walii kennuu fi kanneen wal jaalatan ergaa isaanii waliif qooduun baratamaa dhufera.

Haata'u malee gaarummaa, tola ooluu fi arjummaan fakkeenya ta'uu irraa kan hafe dhaloota Yesuus kiristoos waliin waanti walitti fidu irratti ragaa gahaa hin arganne