Suuraawwan babbareedoo addunyaa ayyaana Qillee
Maxxanfame
Hordoftoonni amantii Kiristaanaa yaadannoo guyyaa dhalootaa Yesuus Kiristoos kaabajachaa jiru.
Suuraawwan kanneenis isinii filanneerra.

Madda suuraa, AFP/Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Jalabultii ayyaana Qilleetti phaaphaasiin bataskaan Vaatikaanaa poop Firaansis namoonni ''qooduufi kennuu'' akka jabeessaniifi ''doqnummaa' ammayyummaan dhufu akka dhiisan yaadachiisan
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Daa'ima Masrii magaalaa Kaayirootti tajaajila waldaatti kennamu hordofaa jirtu
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyichi waldaa Fuyaan baha Chaayinaa naannoo Anuuhii jedhamutti kabajameera.
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Baangilooritti Kiristaanooti Indiyaa waldaa Infant Jesus Church kadhata dhageessisan.
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Waldaa Baankoog kanatti namooti bobboca dhaloota Yesuus agarsisu harkaan tuquuf hiriira qabataniiru
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Democratic Republic of Congo, Kinshaasaatti dargaggoota fannoo Yesuus baachuun jamaa fuuldura dhaabachuun tajaajilan
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Gurbaa godaantota kumaatamaan lakkaawwaman giddugala Ameerikaarraa gara UStti imalan, dahoo yeroo godaantotaa Tijuhaanaa Meeksikootti kabajachaa jira.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Kabajni jala bultii ayyaana Qillee istaadiyeemi Surbaayaa Indooneezyiyaatti namoota hedduun kabajameera.
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaana gidduuttii, cimdooliin kun magaalaa Tarkii magaalaa Istaanbulitti
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Maatii ayyaanicha naannoo handaara galaanaa Bondii Siidniitti kabajameera.
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Dubaayitti hawaasni Kiristaanaa waldaa Saantaa Maariyaatti ayyaanicha kabajan
Madda suuraa, AFP/Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Firaansitti mormitooti ''qomee keelloo'' sirna kabajaa taasisaniiru. Abbummaan suuraa akka armaan dura ibsametti dha.