Marii 'Ijoollee Naayil' kan egeree waloo biyyoota yaa'a Laga Abbayyaa cimsuurratti fuulleffate

Yaa'ii mata duree ''Children of the Nile Initiative'' jedhun yeroo jalqabaaf karaa oonlaayinii gaggeeffame irratti hirmaattonni 170 ol argamaniiru.
Kora kanarratti Masirii dabalatee hayyoonni biyyoota yaa'a Laga Abbayyaa (River Nile) 11 irraa walitti qabamanis, dhimmoota fedhii Itoophiyaafi sodaa Masir furuudhaan attamiin egeree waloo ijaaruun danda'amurratti xiyyeeffachuun mari'ataniiru.
Korri kun kan jalqabaa ta'us fuulduraaf yaadota hariiroo hawaasaafi hayyoota biyyoota Laga Abbayyaa cimsan akka karoorfaman himu, Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa fi qorataan Bulchiinsaafi Guddinaa Dr. Idiriis Yebaa.
"Children of the Nile Initiative'' yaada namoonni hedduun kaasaa turanidha.
''Boodarra artist Gazzaanyi namni jedhamu maaliif kora hin qopheessine yaada jedhu barsiistuu keenya Dr. Mitsilaaliif kaase" jechuun haala jalqabbii kora jalqabaa innisheetiivii ilmaan Naayil itti eegale ibsu.
Inishetiviin ilmaan Naayil (Children of the Nile Initiative) keessa "dameewwan afurtu jiru. Isaan keessaa dameen tokko dhaabbilee barnoota olaanooti,'' jedhan.
''Kanaanis, yunivarsiitota yaa'aa Laga Abbayyaa keessatti argaman kudha tokkorraa dhufan walitti fiduudhaan akkamittiin bishaan Laga Abbaayaa waliin itti fayyadamna, waliin misoomna, waldhabuu dhiisnee waliin badhaana yaada jedhurratti innisheetiivii qophaa'edha.''
Innisheetiiviin kun eebbifamuu Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaatiin walqabatee, jijjiirama dhufu karaa saayinsawaa ta'eef fayyadamummaa ummata keenyaafi ummata biyyoota yaa'aa Abbayyaa hunda haala mirkaneesseen ''deemuu akka qaburratti mari'achuuf kan qophaa'edha" jechuun kaayyoo kora jalqabaa kana ibsu Dr. Idiriis.
Dhaabbilee "qorannoo gurguddaa Itoophiyaattii argaman keessaa tokko" kan ta'e yunivarsiitiin Jimmaa inniisheetiiviichatti barreessaa ta'ee akka geggeessuuf filatamuusaas himu Dr. Idiriis.
Kunis gaggeessummaa Pirezdantiin Yunivarsiitii Jimmaa, Dr. Jamaal Abbaa fiixaa, yunivarsiitichi adda durummaadhaan innisheetiivicha geggeessuu qaba jedhuun gara hojiitti akka seename ibsu qorataan Bulchiinsaafi Guddinaa kun.
'Wanni ummataafi mootummaa Masiriis odaachisu hin jiru'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Korri waloo biyyoota yaa'aa Laga Abbaayyaa jalqabaa kunis Fulbaana 6 fi 7, 2025tti geggeeffamuu ibsu qindeessaan kora kanaa Dr. Idiriis.
"Yeroo baay'ee sodaan Masiriin qabdu sodaa lama. Tokko, Itoophiyaan hidha kana yeroo [hiitu] bishaan keenya nu jalaa qabdi kan jedhuu fi lammaffaan ammoo gara fuulduraatti gogiinsi yoo dhufe, bishaan ammumti jirtu suniyyuu nubira hin geessu kan jedhudha'' jechuun yaaddoo Masriin kaasu.
Itti dabaluunis, ''Sodaan kun ammoo sirriitti hayyoota gara garaatiin deebiin kennameefii jira. Wanni ummata Masiriis ta'ee mootummaa Masirii sodaachisu hin jiru. Bishaan Laga Abbaayaa hunda keenyaafuu gahaadha" jechuun sodaa Masriin kaastu qabatamaa akka hin taane falmu qorataan kun.
Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa tibbana eebbifames bishaan Masirii irraa otoo hin hir'isiin akka ta'e kan kaasan qorataan kun, sodaan Masirii [dhugaa akka hin taane] bifa qabatamaa ta'een kan mirkaaneesse ta'uus ibsaniiru Dr. Idiriis.
Korri jalqabaa dantaa waloo biyyoota Yaa'aa Laga Abbaayyaa irratti xiyyeeffate kunis ittifayyadamaa waloo dhugoomsuuf bu'uura ta'uu dabaluun ibsu qorataan yunivarsiitii Jimmaa kun.

Innisheetiiviin kun fedhii Itoophiyaafi sodaa Masirii akkamiin walitti araarsa?
Innisheetiiviin Ilmaan Naayiil kunis fedhii biyyoota yaalaa laga kanaa walitti dhiyeessuun fayydamummaa walloo hubannoofi haqarratti bu'urreeffate akka jiraatu jajjabeessuudha.
"Karoora gurguddaatu lafa kaa'ame; pirojektoonnis jiru. Haala ittifufinsa qabuun, karaa saayinsawaa ta'een sodaan [Masirii] akka qabatama hin qabaanne, olaantummaa agarsiisuu yoo ta'e malee fayyadamummaa bishaan Laga Naayiliin walqabatee ummata Masiris ta'ee mootummaa Masir wanni sodaachisu akka hin jiraanne'' dubbatu qorataan kun.
Itoophiyaan [duudhaalee] waliin fayyadamuutiin ofiis irraa misoomtee, ummanni naannoo guutuunis walitti hidhatee akka waliin guddatu yaada jedhuun socho'aa jirti'' jechuun ejjannoo Itoophiyaan Laga Abbayaarratti waliin misoomuuf qabdu ibsu Dr. Idiriis.
"Kana ammoo karaa saayinsawaa ta'een qorannoo geggeeffamee, akkasumas kora akkaadamik ta'aniin yaanni babal'atee sodaan kun akka badu gochuudhaaf ummataafi ummata, qorattootaafi qorattoota walitti fiduudhaan sodaa jiru hambisuun, ummatootaafi biyyoota [yaa'aa] Abbayaa keessa jiran guutuu walitti fiduudhaan haariiroo cimaa akka uuman taasisuudhaaf bu'uura guddaa saayinsiirratti hundaa'e lafa kaa'a" jechuudhaan galma innisheetiiviin kun qabatee ka'e ibsu qorataan kun.
Kanaan duras hariiroon biyyoota yaa'aa Laga Abbayyaa gidduu bifa qindaa'aa hin taaneen jiraachuu kan kaasan Dr. Idiriis, innisheetiiviin amma jalqabame kun bu'uura guddaa dantaa waloo egereerratti hojjechuuf isaan kan dandeessisu akka ta'e ibsu.
Bu'uurri kunis, "qorattoonni biyyoota yaa'aa Laga Abbayaa keessa jiran walitti dhufanii dhimmoota gurguddaa sadiirratti akka hojjetan [taasisa]. Tokkoffaa misooma walitti fufinsa qaburratti, lammaffaan ittifayyadama bishaaniifi anniisaa irratti; sadaffaan ammoo walitti dhufeenyaaf haqa hawaasummaa sirriitti lafa qabachiisuu irratti hayyoonni sirriitti akka hojjetan riqicha akkaadamii guddaatu hojjetama" jechuun hojiilee gara fuuldurratti karoorfaman ibsu qindeessaan kora jalqabaa kun.

'Lagni Abbayaa hunda keenyaafuu jireenya akka ta'eefi eenyuu akka hin miine…'
Yeroo yerootti korri akkaadamikii gara garaa adeemsifamuuf akka karoorfaman himu kan dubbatan qorataan kun, hayyoonni dhimmoota waloo gara garaarratti bu'aa qorannoosaanii ummataaf akka ibsan ni mijeeffamas jedhan Dr. Idiriis.
Itti dabalunis, "qorattoota bira darbee barattoonnis akkasuma ummataaf ummata walitti fiduu, dippilomaasii ummataa (public diplomacy) keessatti [waljijjiirraan barattootaa] bakka guddaa qabaata.
''Kanaaf, barattoonni yunivarsiitii yaa'aa Laga Abbayaa keessa jiraatan Koongoorraa jalqabee hanga Masiriitti guutuun isaanii walitti dhufanii hiriyummaa akka cimsan, waliin akka qoratan, Lagni Abbayaa hunda keenyaafuu jireenya akka ta'eefi eenyuunuu akka hin miine qorannoon akka bira gahaniif haala mijeessuu ta'a,'' jedhan.
Inni sadaffaa ammoo ''qorannoo waliin geggeessuudhaan saayinstistoonni rakkoolee teeknikaal ta'aniifi rakkoo ilaalchaas furuudhaaf bakka guddaa qaba jennee yaanna" jechuun karaalee ittiin innisheetiivichi haariiroo hawaasummaa cimsu tarreessu qorataan kun.
Barattoonni biyyoota yaa'aa Laga Abbaas dhufanii nu biratti baratan jiru kan jedhan Dr Idriis, fakkeenyaaf ''barataan ani gorsu tokko Yugaandaarraa dhufe. Dhimmuma Laga Abbayyaarratti [qorannoo]'' akka hojjetu himu Dr. Idiriis.
Barattoonni Sudaan Kibbaarraa dhufuun yunivarsiitii Jimmaatti barataa jiranis jiraachuu kan kaasan qorataan kun, "hojiin dursinee jalqabne jira" jechuun dubbatu.
"Hojii kana babal'isnee itti fufna" kan jedhan barsiisaan kun, barattoonni asii baratanii yeroo deebi'an ambaasaaddara ta'anii akka hojjetaniif waan jalqaban cimsuun akka hojjetanis himu.
"Lagni Abbayaa qabeenya walooti. Ummanni yaa'a laga kanaa keessa jiru hundinuu" waloon itti fayyadamu kan jedhan Dr. Idiriis, "rakkoonis yoo jiraate karaa saayinsawaa ta'een" waliin mar'iachuun furmaata kaa'aa adeemuun murteessaa ta'uu ibsu.
"Kanaaf ammoo yunivarsiitiin Jimmaa giddugala qorannoo saayinsawaa dhimma kanaa ta'ee hojjechuudhaaf kutannoo" cimaa qabaachuus dbaluun kaasaniiru Dr Idiriis.















