Hidha gurguddoo Afrikaa lamaan: Hidha Haaromsaafi hidha Aswaan yoo walbira qabamu

Hidha Aswaan Guddicha (bitaa) fi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa (mirga)

Madda suuraa, Getty Images, EBC

Afrikaa keessaa yaa'a laga tokkoo irratti kan argaman Itoophiyaa fi Masiriin anniisaa elektirikii maddisiisuudhaanis tokkoffaa fi lammaffaarratti argamu.

Hanga yeroo dhihootti Hidhi Aswaan Guddichi anniisaa elektirikii meegaa waatii 2100 maddisiisu Afrikaa keessaa tokkoffaa ture.

Amma garuu Afrikaa keessaa tokkoffaan akkasumas akka addunyaatti hidhaawwan anniisaa elektirikii gurguddaa keessaa tokko kan ta'e meegaa waatii 5150 kan maddisiisu Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaati.

Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Waxabajjii 30, 2011 lafa daangaa Sudaanitti dhihaatee argamu, Gubaatti hojiinsaa eegale, waggaa 14 booda Fulbaana 09, 2025 eebbifame.

Itoophiyaan laga waggootaaf faarsuu malee irraa fayyadamtee hin beekne kanarratti pirojektii humna ibsaa ijaaruu eegaluun salphaa hin turre.

Ijaarsi isaas yeroo dheeraa fudhate, bulchitoonni biyyattii sadi itti wal jijjiiruun hojii ijaarsa isaa hooggananiiru.

Ministirri muummee duraanii Itoophiyaa Mallas Zeenaawii bara warraaqsi garee Muslim Brotherhood jedhamaniin durfamu Masirii keessatti dhohe haala mijataa sana fayyadamuun ijaarsa isaa eegalchiisan.

Sana booda aangoo kan qabatan MM Haayilamaariyaam Dassaalanyi ijaarsa hidha kanaa itti fufsiisan, MM Abiy Ahmad ammoo ni xumursiisan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hidhi Aswaan Guddichi garuu akka kana osoo hin taane, bara bulchiinsa nama tokkoo keessatti ijaaramee xumurame.

Amajjii 9, bara 1960 hanga 1970 gidduutti waggaa kudhan keessatti ijaaramee xumurame.

Garuu bishaan hidhichaa sadarkaa anniisaa maddisiisuu danda'u isa olaanaatti guutee kan xumurame bara 1976 ture.

Bara Gamaal Abdal Naasir Pirezidantii Masirii turan keessa waan ijaarameef akka gumaacha pirezidantichaatti ilaalama. Garuu bara 1971 kan eebbisiisan Pirezidantii yeroo sanaa biyyattii Anwaar Saadaat.

Hidhi yaa'a laga Naayil irratti bakka Aswaan jedhamutti ijaarame kun akka kan Itoophiyaa osoo hin taane deeggarsa alaatiin ijaarame.

Itoophiyaan hidha kana gargaarsa qaama alaa tokko malee harka dhibba keessaa dhibba humna ofiitiin akka ijaarte ibsiti, Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp biyyisaanii maallaqaan tumsuu himanillee.

Ijaarsa hidha Aswaan Guddichaaf Raashiyaan Doolaara Ameerikaa miiliyoona 425 baasteetti.

Hidhi kun meetira 3,830 dheerata, hojjaansaa ammoo meetira 111, bishaan meetir kiyuubii miiliyoona 43 qabata. Garuu haroon guddichi hidhi kun uume- Hara Naasir kan jedhamu walumaagalatti giddugaleessaan bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 150 ta'u qabachuu danda'a.

Haroon kun dheerinni isaa kiilomeetira 479 yoo ta'u bal'inni isaa inni guddaan kiilomeetira 16 ta'a. Waliigalatti lafa kiilomeetir Iskuweerii 5250 qabatee jira.

Hidhi Aswaan Guddichi magaalaa umrii waggaa dheeraa qabduu fi galmee UNESCO irra jirtu Aswaan karaa kibbaan kiilomeetira 13 irratti argama.

Magaalaan Aswaan magaalaa guddoo Masirii, Kaayiroo irraa gara kibbaatti kiilomeetira 760 irratti argamti.

Hidhi kun ijaaramuu dura iddoon amma bishaan irra ciisee jiru irra piraamiidotaa fi lafa gammoojjii qofatu ture.

Hidhi kun ijaaramuun anniisaa biyyattiif argamsiisuun alatti hojii qonnaaf akkasumas balaa lolaa duraan ture to'achuu keessatti qooda olaanaa gumaacheera.

Ijaarsa isaatti maallaqi doolaara biiliyoona 5 ta'u ba'uun kan himamu Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ammoo kiilomeetira 1.8 dheerata, hojjaansaa meetira 145 ta'a.

Haroon sababa ijaarsa hidha kanaan uumame- Nigaat jechuun kan moggaafame, bara 2020 guutamuu eegale. Hanga bara 2024tti guutamee kan xumurame haroon kun bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 74 akka qabatu ibsame.

Dheerinni haroo kanaa kiilomeetira 246 yoo ta'u, gadi fageenya hanga meetira 140 ga'u qaba.

Waliigalatti kiilomeetir iskuweerii 1,874 bal'ata. Lafti haroon kun irra buufatee jiruu fi lafti duwwaan daangaa haroo kanaa ta'e walumaa galatti kiilomeetira iskuweerii kuma 172 fi 250 ta'a.

Haroon nam-tolchee kun haroowwan gurguddoo Afrikaa keessaa isa jalqabarratti eeramu ta'a.

Haroo guddicha Voltaa jedhamu kan Gaanaatti argamu ni caala.

Haroo Naasir kan daangaa Masirii fi Sudaan irratti argamuun dorgoma, akkasumas haroowwan pirojektoota anniisaa gurguddoo addunyaa kanneen akka Haroo Kariibaa fi Three Gorges jedhaman faana toora tokkotti waamama.

Haroon Nigaat bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 74 qabata

Madda suuraa, EBC

Ibsa waa'ee suuraa, Haroon Nigaat bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 74 qabata

Haroon Nigaat wayita guutee duubatti babal'ataa deemu odoolaawwan 70 caalan uuma.

Haroon Nigaat bishaan qulqulluu iddoo jireenyaa lubbu qabeeyyii hedduu ta'eera. Horsiisa qurxummiif akkaan mijataadha.

Lafa daangaa biyyaarratti argamuu fi takkaa qotamee hin beekne magariisatti deebiseera.

Kun ammoo hojii qonnaafis haala mijeessa. Iddoon pirojektii humna ibsaa kun giddugala biyyaarraa baayyee fagaatus mootummaan Ministira Muummee Abiy bakka kanaaf xiyyeeffannaa addaa kennuun akka misoomsu ibseera.

Akkasumas lammiileen dhiheenya haroo kanaatti argaman kanneen sababa misoomaawwan bu'uuraa hin jirreef akkasumas gogiinsaan rakkataa turan amma carraa hojjetanii misoomuu argatu.

Bakki Itoophiyaan hidha kana itti ijaarte bakka uummanni irra qubatee hin beekne waan ta'eef lafa haroon kun uwwise irraa namni buqqa'e hin jiru.

Kan Haroo Naasir garuu ijaaramuusaa dura uummanni Sudaan mormaa turan. Bakka haroon kun irra buufaterra baayyinaan uummata Nuubiyaa, hortee Kuush ta'antu jiraachaa turan.

Sababa kanatti Masiriin namoota hedduu buqqisteetti. Haroon kun wayita guutu lafa Sudaan hedduu jalaa weerare.

Qaamni haroo kanaa garri caalu daangaa Masirii keessa ta'us, muraasni garuu Sudaan keessa buufateera, kanaaf warri Sudaan Haroo Nuubiyaa jedhanii waamu.