Seenaa anniisaa elektirikii Itoophiyaa meegaa waatii 6 hanga biyyoota ollaaf rabsuutti

Madda suuraa, EBC
Itoophiyaatti hidhi anniisaa elektirikii maddisiisu inni jalqabaa bara 1932 laga Aqaaqii irratti kan hojjetame, Hidha Abbaa Saame'eel jedhamudha.
Hidhi kun hanga bara 1970tti tajaajila kennaa ture.
Waggaa 85 booda yeroo ammaa biyyattiin hidha bishaanii anniisaa meegaa waatii kuma 5 caalaa maddisiisu hojjechuurra geesseetti.
Bara 2011 hojiinsaa kan eegale Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa waggaa 14 booda barana xumuramee eebbaaf qophaa'uu mootummaan Itoophiyaa ibseera.
Hidhi kun dandeettii anniisaa meegaa waatii 5000 ol maddisiisuu akka qabu ragaan Humna Ibsaa Itoophiyaa ni mul'isa.
Dandeettii anniisaa haaromfamu bishaan dabalatee maddeen adda addaarraa oomishuutiin Afrikaa keessaa jalqabarra kan jirtu Itoophiyaan yeroo ammaa anniisaa meegaa waatii 4,566 akka qabdu qorannoon ni mul'isa.
''Anniisaa bishaan irraa maddisiisuu'' mata duree jedhuun qorannoon Yuniversitii Jimmaatiin qoratame, teessumi lafaa mijataa fi qabeenyi bishaanii Itoophiyaan qabdu biyyattiin misooma anniisaa haaromfamuun Afrikaa keessaa akka dursitu taasisuu agarsiise.
Qorannoon kun marsariitii barattoonni idiladdunyaa meeshaalee barnootaa fi qorannoo irraa argatanii fi hojii isaaniis irratti maxxansan, Studocu jedhamurratti maxxanfame.
Barattoonni biyyoota 60 miiliyoona 60 caalan hojii akkaadaamii isaaniif marsariitii kana ni fayyadamu.
Akka qorannoo misooma anniisaa elektirikii Itoophiyaarratti gaggeeffamuun marsariitii kanarratti maxxanfamee kanaatti, Itoophiyaan lageen hedduun badhaadhuu fi maallaqi ittiin anniisaa elektirikii bishaan irraa maddisiisan salphaa ta'uun biyyattiin anniisaa bishaan irraa maddisiisuuf dursa akka kennitu taasiseera.
Ammoo Itoophiyaan maddeen biraa anniisaa irraa misoomsitu, kanneen haaromfamanii fi hin haaromfamne, hedduu qabdi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaan biyyoota saffisaan guddataa jiran keessatti ramadamti, lakkoofsi uummataa biyyattii keessatti beekamuu baatus baayyinni uummata ishees wagga waggaan baayyee dabala.
Kun ammoo fedhiin anniisaa waggaa waggaan dhibbeentaa 30 akka dabalu taasiseera.
Haalli kun mootummaan biyyattii bishaan fi maddeen haaromfaman kaanirraa anniisaa baayyinaan oomishuurratti akka xiyyeeffatu dirqamsiiseera.
Itoophiyaan anniisaa maddisiisuudhaan Afrikaa keessaa tokkoffaadha. Dandeettii anniisaa maddisiisuu qabduun (meegaa waatii 60,000 ta'uun) ammoo sadarkaa lammaffaarratti argamti.
Madda anniisaa Afrikaa jedhamuun kan beekamtu Itoophiyaan, maddeen anniisaa ardittii kanneen elektirkiitti geeddaramuu danda'an keessaa dhibbeentaa 20 akka qooddattu qorannoon kun ni eera.
Lageen Itoophiyaan anniisaa elektirikii irraa maddisiistu keessaa Abbayyaa, Oomoo fi Gibee akkasumas Baarootti kan yaa'an dhibbeentaa 85 qooddatu.
Laga Abbayyaa irratti ijaaramuun amma eebbaaf qophaa'ee kan jiru Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa meegaa waatii 5000 ol, laga Oomoo irratti ijaaramuun tajaajila kennaa kan jiru Gibee 3ffaan meegaa waatii 1870, Afrikaa keessatti hidha gurguddaa jedhamuun beekamu.

Madda suuraa, EBC
Pirojektoota humna ibsaa gurguddoo kudhan Afrikaan qabdu keessaa sadi Itoophiyaa keessatti argamu.
Itoophiyaan bara mootummaan ADWUI dura anniisaa meegaa waatii 400 gadi misoomsite.
Isaanis hidha jalqabaa, Abbaa saamu'eel-laga Aqaaqii irratti-meegaa waatii 6, Xiis Abbaay- laga Abbayyaarratti- meegaa waatii 11.5, hidha Qooqaa- laga Awwaash irratti- meegaa waatii 42.5, Awaash 2ffaa- laga Awaash irratti- meegaa waatii 32, Awaash 3ffaa- laga Awaash irratti- meegaa waatii 32, hidha Fincaa'aa- laga Fincaa'aa irratti- meegaa waatii 135, hidha Malkaa Waakkennaa- meegaa waatii 153, hidha Soor meegaa waatii 5.
Itoophiyaan bara 1990 as imaammata anniisaa haaromfaman irratti bocachuun diinagdee anniisaa maddeen haaromfaman kanneen akka humna bishaanii, qilleensaa fi kaan irraa argamuun utubaa jirti.
Keessattuu pirojektoonni anniisaa kanneen akka Xiis Abbaay 2ffaa, Gilgel Gibee tokkoffaa fi lammaffaa, hidha Takazee, Xaanaa Balas, hidha haaromsaa fi humna bubbee diinagdee biyyattii ceesisuu keessatti qooda olaanaa gumaachaniiru.
Biyyattiin haala amma jiruun anniisaa elektirikii guddaa qabaattus garuu baayyina uummatashee waliin fedhii dabalaa jiru guutuu hin dandeenye.
Laga Abbayyaa irratti ijaaraa kan jirtu Hidhi Haaromsaa Guddichi ijaarsi isaa waggaa 14 caalaa fudhate hagam falmisiisaa ta'ullee amma xumurtee eebbaaf qopheessiteetti.
Kun diinagdee biyyattiif humna cimaa, uummata biyyattiif ammoo oduu aagaa yoo ta'u, biyyoota yaa'a gadii keessattuu Masiriif ammoo yaaddoo guddaa ta'eera.
Biyyattiin fuuldurattis anniisaa maddeen haaromfaman kanneen akka bishaan, humna bubbee fi aduurraa hojjechuuf karoora qabattee jirti.
Hidha haaromsaatti aanuun pirojektoonni gurguddoon Itoophiyaan hojjechuuf jettu Takazee 2ffaa, Gilgel Gibee 4ffaa fi 5ffaadha.
Itoophiyaan hurka lafa jalaarraa anniisaa elektirikii oomishuurrattis xiyyeeffattee jirti. Kana dabalatee waggoota itti aanan anniisaa meegaa waatii 10,000 oomishuuf karoora qabdi. Bishaan qofarraa dandeettii anniisaa elektirikii meegaa waatii 45,000 maddisiisuu qabdi.
Afrikaa keessaa qabeenya anniisaa elektirikiin tokkoffaa hanga 10ffaa kan jiran Itoophiyaa, Afrikaa Kibbaa, Angoolaa, Masirii, Rippaablika Dimokiraatawaa Koongoo, Zaambiyaa, Mozaambik, Naayijeeriyaa, Sudaan fi Morookoodha.
Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaatti aanee sadarkaa lammaffaarra kan jiru hidhi guddichi Masirii- Aswan High Dam jedhamu anniisaa meegaa waatii 2,100 maddisiisa.

Madda suuraa, Getty Images
Hidhi haaromsaa ijaaramuu dura Afrikaa keessaa Masiriitu dursiti ture. Bara 1970 kan hojjetame hidhi Aswaan haroo nam-tolchee addunyaarratti isa guddicha ta'e, Hara Naasir uumeera.
Hidhi kun akka mallattoo Masiriitti ilaalama. Utubaa diinagdee biyyattii kan ta'e hidhi kun garuu anniisaa biyyattiin maddisiistu keessaa muraasa qooddata.
Masiriin osoo ofiisheetti anniisaa guddaa bishaan irraa hin maddisiisin Itoophiyaan pirojektii anniisaa elektirikii Afrikaa keessatti isa guddicha ta'e hojjechuusheetti gammachuu hin qabdu.
Addunyaarratti anniisaa elektirikiin tokkoffaarra kan jirtu Chaayinaadha.
Biyyattiin bara hidha guddicha- Three Gorges jedhamu kan anniisaa meegaa waatii 22,500 maddisiisu xumuruun addunyaarraa sadarkaa tokkoffaa qabatte.

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaan yeroo ammaa anniisaa meegaa waatii kuma 400 caalu akka qabdu ragaan humna elektirikii biyyattii ni mul'isa.
Kana malees biyyattiin hidha Medog Hydropower Station jedhamu Tibeet keessatti laga Yarlung Tsangpo jedhamurratti ijaaruu eegalteetti.
Hidhi kun seenaa addunyaa keessatti isa guddicha yoo ta'u anniisaa meegaa waatii kuma 60 maddisiisa. Mootummaan Chaayinaa hidha kana doolaara biiliyoona 160 ol baasuun ijaaraa jiraachuu hime.
Hidhi Itaipu jedhamu kan Biraaziil keessatti argamu ammoo anniisaa meegaa waatii kuma 14 maddisiisuun addunyaarraa lammaffaadha.
Meegaa waatii kuma 13 fi 860 kan maddisiisu hidhi Chaayinaa Xiluodu jedhamu sadaffaarra jira.












