Hakiimni Waayit Haawus bu'aa qorannoo fayyaa 'MRI' Doonaald Tiraamp ifoomse

Madda suuraa, Getty Images
Doonaald Tiraamp tibbana qorannoo fayyaa guutuu gaggeessaniiru.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ''qorannoo qaamaa guutuu gaggeessuun fayyaa guutuu qabaachuu'' isaanii hakiimni Waayit haawus ibsan.
Hakiimni isaanii Kaapteen Shiin Barbabeellaa jedhaman Wiixata kaleessaa akka jedhanitti qorannoon 'MRI' ''onnee fi Garaa'' pirezidaantii US ganna 79 tahanii Doonaald Tiraamp deebi'e ''fayyaa guutuu'' qabaachuu isaanii agarsiisa jedhan.
Pirezidaantichi ji'a Onkoloolessaa keessa qorannoo fayyaa taasisanii ture. Sababni isaa manguddoon akka isaa kun qorannoo onnee fi garaa gaggeessuun bu'aa gaarii qabaataafi'' jedhe.
Bu'aan qorannoo kun kan ifoome erga bakka bu'aan Dimokiraatotaa fi bulchaan Minosetaa Tiim Waalz akka ibsamuuf dhiibbaa godhaniiti.
Kunis umurii Tiraamp waliin wal qabsiisuun fayyaa isaa irratti gaaffii waan kaasaa turaniifi.
Hakiimichi Barbabelaan akka barreessetti, hiddi dhiigaas tahu ujuummoon dhiiga Tiraamp dhiphachuun rabsa dhiigaa isaa irratti dhiibbaa gochuus tahe dhibee garaa keessaa qabaachuu homaa ragaan agarsiisu hin jiru jedhe,
Akkasumas fayyaan onnee Tiraamp haala gaarii irra jira jedhe.
Akkasumas hakiimni Humna Galaanarraa US kana dura waraana Iraaqii fi Afgaanistaan keessatti tajaajilaa ture qorannoon 'MRI' garaa keessaa Tiraamp ''dhibee tokkoyyuu malee haala gaarii irra jiraachuu agarsiisa'' jedhe.
Qorannoon taasifameefis kanuma umurii isaa wlaiin deemu qorannoo ''idileeti'' jedhan.
Kana dura yeroo Tiraamp ji'a Onkoloolessaa keessa qorannoo 'MRI' taasise kan maaliis tahuu isaayyuu Waayit Haawus ibsuu hin barbaanne ture.
Gaafa Dilbataa Tiraamp xiyyaara 'Air Force One' yeroo imalaa turan bu'aa qorannichaa gadhiifamuun 'anaaf homaa rakkoo hin qabu'' jedhan.
Gaazexessaan qorannoon siif gaggeeffame kan maaliiti? Qaama kee keesaa kami jedhee yoo gaafatu, ''hin beeku. Qorannoo 'MRI' tahuu isaa malee. Garuu kan sammuu miti. Isaaf kana dura qormaata cimina sammuu madaalu fudhadhee qabxii gaariin fide'' jedhe.
Tiraamp qorannoo wagga waggaan gaggeessu ji'a Eeblaa keessa gaggeesse.
Onkoloolessa keessa ammoo Gidduugala Medikaalaa Waraana Biyyaalessaa Waalter Riid keessatti qorannoo gaggeesse.
Tiraamp illee yero sirrii itti qorannoo gaggeesse jechuun ibse.
Qorannoo kun dursanii dhibee ittisuuf gargaara jedhan hakiimichi.












