Vaayirasii hantuutaan namatti daddarbu, lubbuus galaafatu beektuu?

Vaayirasii karaa bineeldotaafi bineensotaa dhala namaatti darbaniifi namoota balaarra buusan baay'eetu jiru.

Kana keessaa tokko hantuuta ishee gumbii urtu, gundoo nyaattu, baaxirra deemtu akkasumas galgala sireerra qaxxaamurtu waliin walqabata.

Itoophiyaa biyya hantuunni balleessaaf malee gaarummaaf hedduu maqaan hin kaanetti balaan kuni hangam akka cimaa ta'e ifa miti.

Haa ta'u malee, Ameerikaatti namoota galaafataa akka jiru ifatti mul'ateera.

Duuni haadha warraa artististii beekamaa tokkos kanumaan akka walqabatu aangawoonni mirkaneessaniiru.

Beetii Araakaawaa haadha warraa Jiin Haakimaan- jechuunis artistii Badhaasa Oskaar injifateedha.

Eegasii waa'een vaayirasiin hantuutarraa namatti darbu, Hantaavaayirasiin irra deebiin ijoo dubbii addunyaa ta'eera.

Hantaavaayiras dhangala'aa hantuuta keessaa bahan waliin xuxxuqqaan erga uumame booda mallattoo qufaa akka mul'isu ogeeyyiin fayyaa himu.

Mallattoon kuni erga bademmoo dhibee sombaa lubbuu balaarra buusu, jechuuns Hantaavaayiras Pulmonaarii Sindiram (HPS)'f saaxilamuu malu.

Ogeeyyiin fayyaa haati warraa artistii kanaa sababa dhibee kanaan akka duute amanu.

Sababa kanaaf dhibee hantuutarraa darbu kana baruun ni barbaachisa.

Eessaan nutti darba? Mallattoonoo?

Hantaavaayiras dura aantummaan vaayirasii fincaan hantuutaa, bobbaa yookiin hancufa hantuutaarraa ka'an karaa qaama hargansuu namaa keessa yoo seenu nama qabata.

Wiirtuun To'annoo Dhukkubaa US (CDC) illee akka beeksisetti, fincaan, bobbaa yookiin hancufi hantuutarraa ka'e sababa hargansuun gara infeekshinii sombaatti jijjiirama.

Dhibeen darbee darbee mudata. Ta'us, hantuunni yeroo nama ciniintu yookiin nama moccortu babal'achuu danda'a.

Akka ragaa giddugala kilininii Maayootti, kaaba Ameerikaatti gosi hantuutaa 'mice' jedhan vaayirasii kana baatu yookiin ofirraa qabu.

Vaayirasichi dhibee jajjabaa gosa lama nama dhukkubuu danda'a.

Inni jalqabaa Ameerikatti baay'ee kan barameefi kan duratti maqaa dhoofne Dhahicha Sombaa Hantaavaayiras (Hantavirus Pulmonary Syndrome) isa jedhamee beekamudha.

Mallattoon dhibee kanaa yeroo baay'ee dadhabbii, mataan ho'uu, akkasumas maashaan dhukkubuu hordofsiisa.

Itti aansuunis mata bowwuu, mataa lafatti maruu, qorra qorra jechuufi dhibee garaas nama qabsiisuu mala.

Rakkoon hargansuu yoo mudate carraan du'uu keenyaa tilmaamaan 38% akka ta'e Wiirtuun To'annoo Dhukkubaa Ameerikaa (CDC) ni hima.

Mallattoon lammataa dhibee kanaa kanarra hammaata, kalees miidhuu mala.

Kunis, Hemooreejik Fiivar (Haemorrhagic Fever) kaleen hojjetuu dhaabuu (Renal syndrome) waliin erga takkaa kan mudatudha.

Hangam hammaata?

Sadarkaa idil-addunyaatti bara 1993 kaasee hanga 2022'tti Ameerikaatti qofa namoonni 864 dhibee hantaavaayirasiin lubbuun isaanii darbeera.

Dhibeen gara caalu Kaaliforniyaa, Waashingitan, Arizoonaa, Niiw Meksikoofi bulchiinsota Koloraadoo baadiyyaa gama lixa biyyattii jiran keessatti galmaa'e.

Wiirtuun To'annoo Dhibee US bara 1993 bakkeewwan Arizoonaa, Koloraadoo, Niiw Meeksikoo, fi Yuutaatti rakkoon hargansuu jabaa yeroo mudatetti dhibee kana hordofuu eegale.

Sadarkaa idil-addunyaatti wagga waggaan namoota 150,000 irratti dhibee kaleen hojjetuu dhaabuun walqabatee mudachuu akka danda'u ragaan dhaabbilee fayyaa ni mul'isa.

Dhibee kana keessaa immoo walakkaa ol kan mul'atan Chaayinaa keessattidha.

Maaltu gorfama?

Hantaavaayirasiif wal'aansi addaa hin jiru.

Wiirtuun To'annoo Dhukkubaa Ameerikaa mallattoo dhibee wal'aanuuf kunuunsa gargaaran gorsa.

Kanneen dhibeen kuni itti jabaate kutaa wal'aansa addaa hospitaalota keessatti ciisuun dirqama itti ta'uu mala.

Namoonni haalaan itti jabaate biroos ujummoon afaaniifi funyaaniin suuqamee wal'aansa barbaachisu argachuu malu.

Wiirtuun To'annoo Dhukkubaa Ameerikaa (CDC) mana keessas ta'e bakka hojiitti xuxxuqqaa hantuutaa dhaabuun akka barbaachisu gorsa.

Uraa hantuunni manatti seentu, lafa keessaas ta'e kornisiin seenti taanaan duuchaa jedha.

Udaan hantuutaas ta'e dhangala'aa biroo yeroo qulqulleessitan afaaniifi funyaan keessan cuqqaalaa, harkarrattis haguugduu godhadhaa jechuun gorsa.