Dadammaqiinsa hawaasa horsiisee bulaatiin kan yaadatamu Aabba Boruu Dhaddachaa eenyu?

Aabba Boruu Dhaddacha umriisaa ganna 73tti Muddee 15, 2025 boqote.

Naannawa hawaasa horsiise bulaa kibba Oromiyaatti qabsoon Oromoo akka hidda gadi fageeffattu nama gumaache jedhama.

kufaatii Dargii booda miseensa mana-maree mootummaa cehumsaa ta'uun tajaajileera.

Shaalaqaa Jaatanii, Baaroo Tumsaa, Galaasaa Dilboo, Leencoo Lataa fa'i dabalatee gameeyyii Adda Bilisummaa Oromoo heddu waliin hojjeteera.

Al-lama qabsoo uummataaf jecha barnoota olaanaa adda kute. Siyaasaan gamattis dhaabbileewwan miti-mootummaa jajjaboo keessatti tajaajiluun oolmaa jabaa hawaasaf ooluun yaadatama. Aabba Boruu Dhaddachaa.

Seenaa gabaabaa Aabba Boruu

Aabba Boruu Dhaddacha abbaa isaa Dhaddacha Qampharee fi haadha isaa Aadde Qabbalee Waariyoo irraa Nageellee Booranaatti dhalate. Barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa mana barumsaa Miishinii Nageellee Booranaatti, barnoota sadarkaa lammaffaammoo mana barumsaa Yirgaalemitti hordofe.

Barnoota isaatiin collee kan ture Aabba Boruun, Yuunivarsitii Finfinneerraa Seeraan eebbifame. Itti aansuun, biyya Ingiliizii Yuunivarsitii 'Sussex' keessatti guddina diinagdee hawaasa horsiisee bulaa irratti xiyyeeffachuun digrii lammaffaa (Maastarsii) argateera. Achumattis barnoota isaa Ph.D hordofe.

Aabba Boruun abbaa warraatiifi abbaa ijoollee maatii akka ta'ee, akkasuma ijoollee harkaa qalleeyyiif horsiise bulaa abbaa fi haadha itti tahuun, irraa fuudhee guddisee barsiisuun sadarkaa garaa garaatiin gahe, nama jireenya maatii horsiise bulaa hedduu jijjiire akka ta'e himamaaf.

Si'a lama qabsoof jecha barnoota adda kute

Aabba Boruu Dhaddachaa bara bulchiinsa Haylasillaasee (gaafa barataa turee kaasee) sochii siyaasaa keessatti dammaqinaan hirmaachaa turuu himu fira dhiyoo isaa kan ta'e Aabba Godaanaa Areeroo.

"Socho'iinsa yeroo Haylasillaasee barattoonni dhimma dabaa mormitu sunillee warra mataa keessaa ti odeeffannoo qaba, Ani yeroo san n warra hin dhaqqabne ijoolluma baadiyyaatti guddate ani. Achii eegalee baay'ee hojii siyaasaa mormii fi bulchiinsi dabaa akka inni qajeelu waan kana akka inni guddisee qabsoo tolche odeeffannoo nan qaba." jedhu.

Aabba Boruu Dhaddachaa jireenya mataa isaa dhiisee al-lama barnoota isaa addaan kutee qabsoo Oromoo qaamaan keessatti argamuun qooda fudhachaa turuu seenaan jireenyaa isaa ni hima.

Yeroo barnoota digrii jalqabaa hordofaa turetti, daangaa Oromiyaa naannoo Booranaa tiksuuf qabsoo tolche. Bara 1991 kufaatii mootummaa Dargii hordofeemmoo, barnoota isaa kan PhD addaan kutuun siyaasaa cehumsaa biyyattii keessatti gahee olaanaa bahe.

Kufaatii Darguutti aanee mootummaa cehumsaa ijaarame keessattis Boruun Dhaddachaa hawaasa Booranaa bakka bu'ee miseensa mana maree akka tures himanii jiru Aabba Areeroon.

Naannawa hawaasa horsiise bulaa (Booranaa fi Gujii) keessatti qabsoon Oromoo akka hidda gadi fageeffatu gochuu keessatti gaheen nama kanaa guddoo turuu himama. Hawaasa horsiisee bulaa barsiisuu, dadammaqsuu, ijaaruu keessatti qoodni isaa jabaa turuu dubbatamaaf.

Aabba Boruu waldhaansoo Oromoo keessatti hayyoota akka Baaroo Tumsaa, Galaasaa Dilboo, Leencoo Lataa, Dhaddacha Gololchaa fi Dheeressaa Qiixee waliin hojjachaa ture.

Hooggantoota akka Koloneel Salasaa Jaaloo, Boruu Diinee fi Saaraa Jaarsoo faana hundee qabsoo kaa'ame itti fufuun, aangawoota akka Godaanaa Tunii Kaanoo fi Shalaaqaa Jaatanii Alii fa'i waliin ta'uun dammaqiinsa siyaasaa fi diinagdee hawaasa horsiisee bulaa keessatti uumuu irratti qooda guddaa qaba ture.

Aabba Boruu nama tokkummaa Oromoo Itoophiyaa fi Keeniyaa gidduu jiru jabeessuuf hojjates jedhamuun ni faarfama. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) mootummaa cehumsaa keessaa erga bahee boodas, biyya Keeniyaa ta'uun Dr. Diimaa Nagoo faana sochii qabsoo uummataa hoogganuu itti fufe.

Siyaasaan gamattis, Aabba Boruun Pirojektii 'Southern Rangeland Development Unit' kan jedhamu keessatti hawaasa horsiise bulaatiif carraa diinagdee uumuu irratti nama qooda guddaa taphate.

Projektiin kun hawaasa horsiise bulaa misoomaan boodatti hafe hammachuu fi hireewwan diinagdee jiran adda baasuufii irratti kan xiyyeeffate ture. Kana malees, dhaabbata 'Norwegian Church Aid (NCA)' keessattis hanga hoggansa olaanaatti tajaajilaa akka ture seenaan isaa ni agarsiisa.

"Dirijjitii 'SORDU' jedhan tokko keessa hojjete. SORDU'n tunin 'South Rangeland Development Unit' kan jedhani. Waan kana keessa waan haroo warra horsiisee bulaatii qotan, waan karaa baadiyyaa keessaa hojjetan, waan kana ni hojjeta, yeroo biraallee immoo bara beelaa dirijjitii irdaataa (dhaabbilee gargaaraa) keessa hojjetee nama rakkate akka lubbuun baraaramtu ni tolche" jedha waayee gumaacha isaa BBC'tti kan dubbatu Aabba Godaanaan.

Yeroo sanattis rakkoo hawaas-diinagdee hawaasa horsiisee bulaa kibba Itoophiyaa mudatu addunyaatti agarsiisuu fi misooma hunda-hammaterratti xiyyeeffatee hojjachaa turuun beekama Boruun.

Ijoollee hedduus guddisee barsiisuun bakka guguddaan gahuun akka yaadatamu ragaa bahuuf Aabba Areeroon.

"Kaan ammoo wanti guddoon ijoollee dhale malee nama lakkoofsi isaa amma yoo xiqqaate 20 cufa barsiise, kan firaa fiixaas jira, kan Boorantichummaan barsiisutu jira. Namni kun cufi warra amma sadarkaa gugurdaa irra jiru, kan gariin doktarii, kan gariilee ogummaa adda addaa qabutu jira. Waan kana cufa guddoo gugumaache."

Aabba Boruun nama bultii qabuu fi abbaa ijoollee dubraa lamaa ture.

Sirni awwaalchaa isaa Muddee 23, 2025 Nageellee Booranaatti raawwatameera.