Riyaal Maadriid yuuroo biiliyoona 1 buufachuun kilaba jalqabaa ta'e, Arsenaalis buufateera

Kilabni Ispeen Riyaal Maadriid waggaatti doolaara biliyoona tokko buufachuun kilaba jalqabaa ta'uu jaarmiyaan Deloitte jedhamu gabaase.

Akkaataa gabaasa Deloitte waggaatti baasuun Riyaal Maadriid bara dorgommii 2023/24 bu'aa yuuroo biiliyoona 1.05 argateera.

Riyaal Maadriid bara dorgommii darbe waancaa Chaampiyoonsi Liigii fi Laaligaa Ispeen nyaateera.

Kilabni Ingilaand Maanchistar Siitiin yuuroo miiliyoona 708 buufachuun sadarkaa lammaffaa qabateera.

Siitiin waggoota afran darban walitti aansuun waanca Piriimer Liigii Ingilaand nyaateera.

Waancaa addunyaa kilabootaa fi waancaa suppar kaappii Awurooppaas fudhateera.

Bu'aa yuuroo miiliyoona 681 argachuun kan itti aanu PSG yoo ta'u itti aansee yuuroo miiliyoona 651 argachuun Maanchistar Yunaayitid.

Baayer Muunik yuuroo miiliyoona 646 buufachuun sadarkaa shanaffaa qabateera.

Bara dorgommii 2011 booda yeroo jalqabaaf gara dorgommiiwwan waancaa Awurooppaatti kan deebi'e Aston Viilaan kilaboota bu'aa guddaa buufatan jedhaman 20 keessa galuu danda'eera.

Arsenaal, Liivarpuul, Tootanhaam, Chelsii, Niwukasil fi West Ham dabalatee walumaagalatti kilaboonni Piriimer Liigii Ingilaand sagal kilaboota bu'aa guddaa bufatan jedhaman 20 keessa galaniiru.

Biraayitan seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf liigii Awurooppaarratti hirmaachuu hordofee sadarkaa 21ffaa qabateera.

Kiristaal Paalaas, Evartan, Fulhaam fi Woolvis sadarkaa 26ffaa hanga 29ffaa qabataniiru.

Kilaboonni 1-20 keessa galan galiin waggaa isaanii dhibbeentaa 6n dabaluun waliigalatti doolaara biiliyoona 9.7 ga'eera.

Kilabni beekamaan Ispeen Riyaal Maadriid dirree isaa Barnaaboo jedhamu haaressuun galiin isaa kan bara achi aanuurra daran dabaleera.

Maadriid dirree kubbaa miillaa kanarraa yuuroo miiliyoona 210 argateera.

Faallaa kanaan Baarseloonaan ammoo galiin dirree kubbaa miillaa isaa (Kaamp Nuu) irraa argatu gadi bu'eera.

Sababa kanatti sadarkaa afraffaa irraa gara ja'affaatti gadi bu'eera.

Maddeen galii kaan kan beeksisaa fi tamsaasa taphootaarraa argamaniidha.