Tiraamp loltoota Ameerikaa tokkoo tokkoo isaaniif doolaara 1,700 ol kennufi

Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaanti Traamp miseensota loltuu tajaajila U.S. gara miliyoona tokkoo fi walakkaa ta'aniif badhaasa maallaqaa akka kennan dubbataniiru.

Tokkoon tokkoon isaanii ''kaffaltii goota''' doolaara kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi torbaatamii ja'a kennuuf waadaa galaniiru.

Kunis birri Itoophiyaan gara miliyoona lamaaf walakkaa ta'a.

Maallaqa kana keessaa gariin taarifa Tiraamp biyyotarra kaa'an irraa kan argamu jedhan.

Roobii galgala haasawa televijiiniin biyyatti irratti taasisaniin, Tiraamp ''cheekiin barreeffameera'', kaffaltiin kun ayyaana Qilleef akka raawwatamu dubbataniiru.

Bu'aawwan waggaa jalqabaa aangoo isaanii keessatti galmeessan kaasuun kan dhaadatan tiraamp "rakkoo jiru hundaa sirreessaa jirra," jedhe.

Bu'aa guddina dinagdee fi dhimma godaansaa irratti galmeessan kan dhageessisan yoo ta'u, Dimookiraatotas arrabsaniiru.

Haasaawa isaanii kana keessatti preezdaantichi Ameerikaan daandii sirrii irra akka jirtu irra deddeebiin dubbataniiru.

Tiraamp gatiin meeshaalee gadi bu'us, lammiileen Ameerikaa garuu gatii mana jireenyaa, kunuunsa daa'immanii fi eegumsa fayyaatti akka hin gammanne eeran.

Tiraamp haasaa daqiiqaa 18f taasisaniin, baasii waliigalaa ''kaffaltii goota'' kanaaf bahu doolaara biiliyoona 2.57 akka ta'u fi '' maqaa bara hundeeffama keenyaa waggaa 1776'n kan moggaafamu ta'a'' jechuun ibsan.

Pirezidaantichi maallaqni kun taarifaa fi wixinee baajataa "wixinee guddaa fi bareedaa" jechuun waamu irraa akka dhufes dubbatan.

''Kun waraana keenya caalaa eenyufillee hin malu,'' jedhan.

Tiraamp diinagdee biyyatti deebisanii kaasuu fi qaala'iinsa jireenyaa hir'isuuf tattaaffii taasisaa jiran irra deddeebiin kan jajan yoo ta'u, Pirezidaantii duraanii Joo Baayiden komatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp haasaa isaanii keessatti yeroo torba maqaa Baayiden kaasuun qeeqan.

"Amma bulchiinsa haaraa jalatti qaala'iinsi jireenyaa saffisa ajaa'ibaatiin gadi bu'aa jira.

Dimookiraatonni gatii ol kaasaa jiraatanis rakkoo kana furuutti jirra."jedhan.

Ameerikaatti gar malee kan dabalee ture gatiin hanqaaquu fi zayitaa gadi bu'us, gatiin meeshaalee nyaataa biroo hanga ammaatti akkasumatti jira.

Ragaan dinagdee baatii Fulbaanaa akka agarsiisutti qaala'iinsi jireenyaa dhibbeentaa 3 yoo ta'u, fayyadamtoonni kana dandamachuuf rakkachaa jiru.

Baatii Sadaasaa darbe keessa Rippabilikaanonni kutaalee biyyattii hedduu keessatti dorgoman mo'amuun isaan muudtaeera.

Tiraamp kufaatii paartii isaanii kanaaf gatiin meeshaalee dabalaa dhufuu komatan.

Pireezidaantichi yeroo duula filannoo marsaa lammaffaaf jijjiirama ariifataa fiduuf waadaa galaniiru.

Garuu baatii 11 pirezidaantummaa isaanii boodallee jijjiiramni ariifataan lammiileen Ameerikaa hedduun hawwaa turan ammallee hin dhugoomne.

Tiraamp waggaa 250ffaa Ameerikaa karaa guddaa, bara Awurooppaa dhufu akka kabajan waadaa galaniiru.