Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el Huutii adamsuuf Galaana Diimaa irratti buufata waraanaa ijaaraa jirtii?
Israa'eel hidhattoota Huutii adamsuuf Galaana Diimaa irratti buufata waraanaa ijaaraa jirtiii? kan jedhu irra deddeebiin ka'aa kan jiru yoo ta'u Somaliland kana cimsitee haalterti.
Somaaliland Israa'el irraa beekamtii biyyummaa ishee argachuu hordofee Israa'el buufata waraanaa naannawa Galaanaa Diimatti akka ijaartuuf Somaalilaandi haala mijeessuuf wali galtee gabaasaleen jedhan ni dhiyaatu.
Gabaasni Biloombergi irraa tibbana ba'es akka agarsiisutti Israa'el waa'ee walta'iinsa nageenyaa ta'uu danda'u irratti Somaali laandi waliin mari'ateerti.
Gabaasni kun akka jedhutti Israa'el bakka naannoowwa buufata Berbera jiru dabalatee buufata waraanaaf fayyadamuu dandeessi .
Gabaasalen tokko tokko akka mul'isanitti Israa'el qarqara Galaana Diimaa Somaalilaanditti buufata waraanaa ijaaruu kan barbaadduuf humnoota Huutii Yaman jiran adamsuufi.
Gareen hidhottoota Huutii gama isaan baatii Amajjii darbe keessa Israa'el Somaaliland keessatti argamuun ishee kamiyyuu akka xiyyeeffannoo waraanaatti akka ilaalamu akkeekkachiisera.
Yaadni kun Somaaliyaa kan Somaaliilaandi akka qaama isheetti ilaaltu Moqaadishoo keessattis qeeqa jabaa kaasera .
Pireezdaantiin Somaaliyaa Hassan Sheikh Mohamud Tarkaanfiin Israa'el somaliland keessatti buufata waraaanaa ijaaruuf gootu kun abbaa biyyummaa Somaaliyaa kan sarbu jechuun himatan.
BBC'n haala jiru qulqulleessuuf Ministira Dhimma Alaa SomalilandI Abdirahman Dahir Adam waliin gaaffii fi deebii taasiseera.
Adam Somaaleelaandii fi Israa'el hariiroo tumsa waloo irratti hundaa'e akka qaban cimsanii dubbatan.
''Biyyoonni lamaan sirnaan beekamtii waliif kennan, kunis hariiroon dippilomaasii fi dinagdee idilee akka hordofu kan hayyamu ta'us qophii fi tumsa waraanaa hin dabalatu'' jedhan.
Israa'el buufata waraanaa Somaaliyaandi keessatti akka ijjaartuuf hayyamni kennamuufii irratti gabaasawwan dhiyaate ilaalchisee BBC'n qondaalaa kana gaafatee cimsanii haalan.
Israa'el Somaaliland keessatti buufata ijaaruuf waliigalteen akka hin jirres himan
Gabaasaaleen miidiyaalee tokko tokko jechoota isaanii karaa sirrii hin taaneen akka fayyadamanillee qeeqan.
Adaam itti dabaluudhaanis Somaalilaandi waliigaltee dhoksaas ta'e kamuu irratti akka hin hirmaanne eeruun, himannaan mariin dhoksaan gaggeefamuu "olola" ejjennoo biyyattii dogoggoraan ibsuuf yaadame jechuun ibsan.
Gareen tokko tokko Somaaliland miidhuuf odeeffannoo sobaa facaasaa akka jiranis kaasu.
"Gabaasaaleen kun sirrii miti... Somaalilaandii qaama waraana Huutii Yaman keessa jiru miti. Kanneen Huutii irratti duulufi jedhan kanneen Somaaliyaandiin diinummaa qabanii fi gocha itti yaadanii ololaatti facaasaa jiraniti."
Akkasumas biyyattiin doorsisa Huutitiin balaa addaa keessa akka hin jirres dubbataniiru.
Hariiroon Somaalilaandi Israa'el waliin qabdu kan biyyoonni naannichaa biroo Israa'el waliin qabataniin kan walfakkaatu ta'uu fi akka kanaatti dhiibbaa addaa kan hin qabne ta'uu hubachiisan.
Tumsa gara fuula duraatti taasifamuu danda'u ilaalchisee, Adam ''Somaaliland Israa'el waliin tumsa dinagdee ykn tarsiimoodhaaf banaadha, garuu yeroo ammaa wanti mari'atamaa ykn irratti waligalame hin jiru, mariin kamiyyuu iftoominaan kan gaggeeffamu ta'a'' jedhan.
Akkasumas "Hariiroo dinagdee qabaachuu dandeenya, hariiroo tarsiimoo qabaachuu dandeenya... wayita yeroon isaa ga'emmoowaliigaltee addaa dabalataa irrattis mari'achuu dandeenya."
Himata buufatni waraanaa ijaaramaa jira jedhu irratti, Adam ifatti soba ta'uu isaanii irra deebi'ee ibsan.
BBC'n haalawwan ta'aa jiru hordofuu itti fufee kan jiru yoo ta'u, qondaaltota olaanoo Somaalilaand biroos yaada gaafateera.
Yaalii qophiin waraanaa kamiyyuu taasifamaa jiraachuu mirkaneessuuf taasise keessatti deebii ifa ta'e argachuu baatuus gaaffii fi deebii Ministira Dhimma Alaa Adam waliin taasifame ibsa hanga ammaatti qondaalota olaanoo mootummaa Somaaliland Israa'eliif beekamtiin kennuu ishee dhimma waraanaa osoo hin taane dhimma dippilomaasii ta'usaa mul'isa.