Hawaasni fi dhaabbileen boba'aa ''qusannaa guddaadhaan'' haa fayyadaman jedhame

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ministirri Maallaqaa Ahmed Shide, jeequmsi dhiyeessii boba'aa waraana Ameerikaa- Israa'elfi Iraan gidduutti gaggeeffamu hanga yoomitti akka turu waan hin beekamneef, hawaasni fi dhaabbileen boba'aa ''qusannaa guddaadhaan'' akka fayyadaman dhaaman.

Daballiin gatii boba'aa waraana kanaan dhufe ''rifaasisaadha'' jechuun kan ibsan Ministirri Maallaqaa, mootummaan ''tarkaanfiiwwan boba'aa qusachuu dandeessisan yeroo dhiyootti'' akka labsu beeksisaniiru.

Ahimad kana kan beeksisan Roobii Bitootessa 11, 2026 yoo ta'u, rakkoo dhiyeessii boba'aa waraana Iraan irraan kan ka'e fi haala boba'aa yeroo ammaa biyyattii keessatti mul'atu ilaalchisee ibsa gaazexeessitootaaf kennaniiru.

Ministirri kun ibsa kana kan kennan mootummaan gatii boba'aa qinxaaboon gurguramu irratti daballii hanga birrii 17 gochuu booda tokko buleeti. Akka daballii gatii Kibxata ifoomeen beenzilli birrii 129n gurguramaa ture amma birrii 132 fi saantima 18n gurgurameera.

Gatiin diizila adii gatii walfakkaataa qabu birriin 10 itti ida'amee birrii 139 fi saantima 83n gurguramaa jirama. Daballii olaanaa birrii 17 kan irratti labsame keeroosiniin birrii 146n akka gurguramus murtaa'eera.

Ministirri Maallaqaa Ahmad ibsa har'a kennaniin, gatii boba'aa addunyaa haalaan dabaluu isaa ilaalcha keessa galchuun haaromsi mootummaan taasise ''isa baayyee xiqqaa ta'ee fudhatama'' jechuun ibsaniiru.

Ameerikaa fi Israa'eel haleellaa irra ga'e Iraan haaloo ba'uun boba'aan addunyaa harka shan keessaa tokko karaa irra darbu ulaa Hormuuz cuftee jirti. Waraana kanaan walqabatees bu'uuraalee boba'aa Iraanii fi biyyoota Baha Giddu Galeessaa biroo irratti haleellaan raawwatameera.

Sababa kanaan bara 2022 as gatiin boba'aa haalaan dabalee barmeela tokko doolaara 120 gaheera. Haa ta'u malee, ergasii gadi bu'uun yeroo ammaa barmeela tokkoof doolaara 89n daldalamaa jiru.

Ministirri Maallaqaa ibsa isaanii keessatti akka jedhanitti: "Gatiin addunyaa guyyaa darbe sadarkaa olaanaa irra ga'eera, gatii Jibuutii irraa itiin fudhanne yeroo ilaallu beenzilli birrii 205 fi saantima 74 ta'uu qaba ture. [...] Mootummaan ammallee beenzila birrii 73 fi saantima 56n liitira tokkoof deeggarsa gochaa akka jiru agarsiisa."

Akkasumas gabaa addunyaa irratti diizila adiin liitira tokkoof birrii 238 fi saantima 13 akka gahe, akkasumas mootummaan birrii 98 fi saantima 29n deeggarsa gochaa akka jiru ibsaniiru.

"Mootummaan Itoophiyaa ammallee yeroo gatiin boba'aa idil-addunyaa saffisa ol'aanaa, sodaachisaa ta'een dabalaa jiruttillee deeggarsa olaanaa kennaa jira," kan jedhan ministirri faayinaansii, boba'aan "karaa dhiyeessii murtaa'een" fi "gatii mootummaan kaa'een qofa" gurguramuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.

Mootummaan rakkoo dhiyeessii boba'aa fi gatii waraana kanaan dhufu irraa kan ka'e "dhiibbaa mudatu furuuf filannoowwan" fudhachaa jira jedhan. Tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran keessaa kuusaa irraa dhiyeessii fi bittaa hatattamaa raawwachuu akka ta'e eeraniiru.

Akkasumas muddama sababa cufamuu ulaa Hormuuziin mudachuu malu dandamachuuf filannoowwan birootiin bittaa boba'aa saffisiisuuf" tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ahmed itti dabaluudhaan rakkoon Baha Giddu Galeessaa kun hanga yoomitti akka turu mirkanaa'uu hin danda'amu jedhan.

"Waraanni Baha Giddu Galeessaa yoom akka xumuramuu fi jeequmsa oomisha boba'aa fi addaan cituu cancala dhiyeessii irratti uumamu hanga yoomitti akka turu tilmaamuun [hin danda'amu]," jedhan.

Mootummaan dhimmicha hordofaa jiraachuu fi biyyattii keessatti boba'aan ''dhiyeessii nageenya qabu'' mirkaneessaa jiraachuu kan himan Ahmed, "Kana cinaatti tattaaffii qusannaa boba'aa guddaa irratti bobba'uu qabna" jedhan.

"Fayyadamtoonni boba'aa hundi, akkasumas hawaasni guutuun, hawaasni daldalaa, dhaabbileen mootummaa, dhaabbileen miti mootummaa, fi fayyadamtoonni boba'aa hundi boba'aa of eeggannoo guddaan akka fayyadaman yaadachiisuu barbaanna," jechuun cimsanii dubbataniiru.

Kana malees, "yeroo dhiyootti tarkaanfiiwwan [boba'aa] qusachuu dabalataa ummataaf ni beeksifamu" jechuun hojimaatni mootummaan labse akka jiru beeksiseera.

Ministirri Maallaqaa Ahimad haala dhiyeessii sirrii biyyattii keessatti fayyadamuu dhiisuu fi gatii mootummaan kaa'een gurguruu dhabuu furuuf tarkaanfiin akka fudhatamus ibsaniiru.