Manni Murtii Arsii Lixaa himatamaa haadhasaa 'haala suukkanneessaan ajjeese' irratti murtee laate

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Godina Arsii Lixaatti jiraataa Aanaa Nageellee Arsii ganda Maraaroo Hawwiloo kan ta'e himatamaa Amaanaa Nabii Daaluu, ALI Mudde 16, 2018 ture harmeessaa haala suukkanneessaan kan ajjeese.

Waqtichatti yakki raawwatame kun namoota heddu kan rifaasisefi gaddisiise akkasumas miidiyaalee hawaasaarratti ijoo dubbii ta'ee ture.

Dhimma kana ilaalchisee BBC'f odeeffannoo kan laatan Itti Gafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Nageellee Arsii, A/Alangaa Waaqoo Quxii, "Ilmi kun haadhasaa Madiinaa Jiloo jedhamtu walin mana tokko keessa jiraachaa turan. Haati nyaata, qallaba kennaafii turte" jedhan

Haa ta'u malee himatamaan guyyichatti halkan keessaa naannoo sa'aa 10:00 yemmuu ta'u albeedhaan harmeessaarratti ajjeechaa raawwate.

"Ilmi kun haadhasaa halkan erga ajjeesee booda reeffa sana galabaa itti uwwisee, mana itti cufee deeme biraa deeme.

Guyyaa afur booda 'naannoo sanitti wanta ajaa'utu jira' jedhee namni eeruu kenne. Ergasii Poolisiin qaamaan iddoo sana deeme" jedhan Abbaan Alangaa.

Himatamaan yakkicha erga raawwatee booda gara aanaa ollaa- aanaa Qoreetti osoo baqachaa jiruu qaamolee nageenyaa naannichatti opireeshinii gaggeessaa turaniin to'atamuusaas himan.

"Qaamoleen nageenyaa qabanii erga fidanii gaafa sana inni ajjeesuun wanti beekamu hinjiru ture. Booda Waajjira Poolisii dhufee 'ajjeesera' jedhee yaada kenne" jedhan.

Maallaqa- ka'umsa yakkaa

Himatamaan to'annoo jala erga oolee booda Abbaan alangaa fi qorataan Poolisii iddoo yakkichi itti raawwatametti imaluun qorannoo taasisaniiru.

Gareen gara iddoo yakkichaatti imales hawaasa naannoo baasuun dhimmicha qulqulleessuu Abbaan Alangaa himan.

"Qorannoo taasifameen kanaan dura 'sin ajjeesa' jedhee itti dhaadataa akka turefi gaafa sana 'qarshii naaf kenni' jedheenii qarshii kennuufii didnaan halkan albeedhaan mormashee muree ajjeese" jedhan.

Qorannoon erga xummuramee booda Abbaan Alangaa Godina Arsii Lixaa, Mana Murtii Olaanaa Godina Arsii Lixaatti himata hundeesse.

Himanni kunis Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe Keewwata 539/1/A jalatti kan saaqame yemmuu ta'u, gulantaan yakki raawwatame jalatti kufes hidhaa umrii guutuu hanga du'aatti kan nama adabsiisudha.

Manni Murtichaas ragaa gara lamaanii falmisiisaa erga turee booda dhaddacha ALI Guraandhala 27, 2018 taa'een, himatamaa Amaanaa Nabii Daaluu hidhaa cimaa umurii guutuun akka adabamu murteesseera.

Dhimmichi Abbootii Seeraa shaniin ilaalamuu kan himan Abbaan Alangaa, murtee kennamuu qabu ilaalchisee Abbootii Seeraa gidduutti garaagarteen yaadaa akka ture Abbaa Alangaa Waaqoo himaniiru.

Yaadawwan lamaan turanis hidhaa cimaa umurii guutuu fi murtee du'aa kan jedhan akka ta'an fi boodarras sagalee caalmaan hidhaan cimaa umurii guutuu murtaa'uusaa himaniiru.

Gama biraatiin haala xinsammuu himatamaa kan gaafanne Abbaan Alangaa, 'namni kun rakkoo xinsammuu qaba jedhanii shakkuuf jalqabumarraayyuu waan akkasii agarsiisaa hinturre' jedhan.

Dabalataan abukaatoon mootummaa dhaabbateefii akka ture eeruun, "abukaatoon yeroo garagaraatti deddeebisee yoo gaafatu, namni kun dhibee akkasii qabaachuu wanti irraa calaqisu hinjiru ture" jedhan.