Biyyoonni Arabaa halkan haleellaan raawwatamaa buluu himan, eessafaatti?
US fi Israa'el wayita Iraan irratti haleellaa raawwachuu itti fufan, akkasumas wayita Israa'el cimsitee Libaanos haleelaa jirtutti, Iraan haaloo ba'uuf biyyoota Galoo Galaanaa keessatti haleellaa raawwachuurraa duubatti hin jenne.
Sa'uudii Arabiyaan misaa'ela baalistikii fi dirooniiwwan shan qolachuu ibsite.
Humni waraanaa Kuweet dirooniiwwan ja'a qilleensarratti qolachuu fi barbadeessuu ibseera.
Magaalaa Bahreen, Manama keessatti dubartiin umrii waggaa 29 tokko ajjeefamuu booda mootummaan biyyattii sagalee akeekkachiisaa dabarsaa ture, jiraattonni akka iddoo dahannaa dhokatanis akeekkachiiseera.
Ministeerri ittisaa Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) halkan irraa eegalee hanga yoonaa ''misaa'elootaa fi dirooniiwwan Iraan'' qolachuutti akka jiru ibseera.
Kanaafis sirna ittisaa haleellaa qilleensaa fi jettiiwwan waraanaa bobbaasuu ibse.
UAEn qontsilaa ishee kaaba Iraaq, Erbil jiru irratti haleellaan Iraan raawwatamuu fi mancaatiin mudachuu ibsiteetti.