'Ani hidhannoo hiikkannaan Libaanos ni diigamti'- Hezbollaa

Mootummaan Libaanos gareen Hezbollaa hidhannoo akka hiikkatuuf kan dirqisiisu taanan biyyattii keessatti diigumsiifi waraanni waliinii ka'uu akka malu garichi akeekkachiise.

Jimaata darbe, Hagayya 15, gareen Hezbollaa akeekkachiisa kenneen mootummaan biyyattii adeemsa hidhannoo hiikkachiisuu yaadu akka dhaabufi ta'uu baannan Libaanos waraana waliiniin akka gaaga'amtu ibsuu isaa maddi oduu Rooyitars gabaase.

Hezbollaan akka jedhutti mootummaan Libaanos karoora Ameerikaafi Israa'el galmaan gahaa jira.

Haleellaa Israa'el irratti gaggeessiteen kan laaffate Hezbollaan Israa'el daangaa Libaanos qabatte keessaa hanga hin baanetti, "abadan hidhannoo hin hiikkadhu" jedheera.

Mootummaan Libaanos Hezbollaa hidhannoo akka hiikkachiisuf Ameerikaan dhiibbaa gochaa jiraachutu himama.

Kanarraa ka'uun giddu seentummaafi deeggarsa Iraan Hezbollaaf taasisftu akka hin barbaanne Libaanos Iraan beeksifteetti.

Hezbollaan garuu mootummaan Libaanos "USfi Israa'el gammachiisuf" kana gochaa akka jiru eerun tarkaafiin hidhannoo hikkachiisuu biyyattii waraana waliinitti geessun gaaga'ama guddaa akka geessisu akeekkachiisa kenne.

"Kuni biyya keenya, waliin taanee kabajamnee jiraannam waliin taanee kabaja itti goonee jiraanna, [mootummaan] faallaa kanaa yoo dhaabbate nu dura dhaabbachuufi nu diiguu yoo barbaade Libaanos waanti jedhamtu hin jiraattu," jechuun dubbate gaggeessaa Hezbaollaa kan ta'e Naa'iim Qaasiim.

Waggoota lamaan darban Israa'el haleellaa Hezbollaa irratti gaggeessiteen duree garichaa kan ture Hasan Nasarallaa dabalatee qondaalota siyaasaafi waraanaa buleeyyii garichaa ajjeeftetti.

Akeekkachiisaa gaggeessaan Hezbollaa kenne ilaachisee Ministiirr Muummee Libaanos Nawaaf Salaam dubbuun Naa'iim Qaasim waa'ee waraana waliinii dubbate "fudhatama kan hin qabneedha" jechuun ibsan.

"Libaanos keessatti [humna waraanan] alatti meeshaa waraanaa hidhachuun kan maluuf jiraachuu hin qabu," jedhan Nawaaf Salaam.

Torbee darbe kaabineen mootummaa Libaanos humni waraanaa biyyattii meeshaalen waraanaa humna nageenyaa biyyattii harka qofa akka galuuf ajaja dabarsee ture.

Hezbollaan garuu murtee kaabinee biyyattii kanaan heddu dheekkame.

Gaggeessan Hezbollaa Naa'iim Qaasim mootummaan Libaanos ajaja USfi Israa'el irraa itti kenname fudhachuun kaayyoo Hezbollaa danquuf jira jechuun, kunimmoo gara waraana waliinitti akka geessu akeekuun dubbate.

Haa ta'u garuu, Hezbollaafi michuusaa kan ta'e gareen Sochiin Amaal jedhamuun beekamu ammatti karaatti bahanii mormii gaggeessuu irraa akka of qusatan dubbate Naa'iim Qaasim. Sababni ammoo carraan mariin dhimmicha furuu akka jiruudha.

"Dubbichi gara walitti bu'iinsa eenyullee hin barbaannetti osoo hin cehin dura ammayyuu carraan marii, wantoota sirrachuu qaban sirreessuufi furmaaya siyaasaa jira," jechuun gaggeessan Hezbollaa Naa'iim Qaasim dubbachuusaa Rooyitars gabaase.

Hezbollaan waggoota 30 dura deeggarsa Iraanin kan hundaa'e yoo ta'u, Kibba Libaanos bakka hawaasni Islaamaa Shiyaa ta'an heddumminaan jiraatanitti deeggarsa cimaa qaba.