Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hezbollaan meeshaa waraanaa akka hin hiikkanne beeksise
Milishaan Shiyaafi sochiin siyaasaa Libaanos Hezbollaa jedhamuun beekamu murtee mootummaan biyyattii meeshaa waraanaa biyyattii akka to'atu murteesse akka hin fudhanne hime.
''Murtee kana akka waan hin jirretti ilaalla,'' jechuun Hezbollaan ibsa gaafa Roobii baaseen beeksiseera. Murtee mootummaas ''cubbuu guddaa'' jedhe.
Yaadi Hezbollaa kuni yerootti garichi meeshaa akka hiikkatu dhiibbaan idil-addunyaa cimee jirutti dhagahame.
Gartuun Iraaniin deeggaramu kuni waraana Israa'el waliin waggaa darbe tureen guddoo hubameera.
Haa ta'u malee, Ameerikaafi morkattoonni isaa waamicha taasisaniis meeshaa hiikkachuu dideera.
Isa kaabineen Libaanos dhiheessiifi oomisha meeshaa waraanaa harka waraana mootummaa jala akka seenu murteesse dhiibbaa Ameerikaan akka ta'e Hezbollaan dubbate.
Hezbollaan ''weeraraan'' osoo hin taane mariifi murtee ''imaammata nageenya biyyaalessaa'' irratti mari'achuuf qophii ta'u ibse.
Gaafa Kibxataa kaabineen Libaanos xumura waggaa kanaatti bittaan meeshaa waraanaa taasifamu waraana biyyattii jala akka ta'u waraanni biyyattii karoora akka dhiheessu gaafateera.
Karoorri kuni xumura baatii kanaatti marii kaabineef dhihaatee ragga'uu qaba jechuun Ministtirri Muummee Nawaaf Salaam miidiyaatti dubbataniiru.
Mariin kaabinee Libaanos kuni sa'aatii jaha fudhateera.
Qondaalonni Ameerikaa baatii Waxabajjii keessa karoora Hezbollaan yoo meeshaa guutuu hiikkate, Israa'el haleellaa akka dhaabduufi kibba Libaanos keessaa bakkee shan qubaterraa akka baatu aangawoota Libaanosif yaada dhiheessaniiru.
Israa'el bakkeewwan kana baatii Sadaasa keessa osoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu waliigalamee jiruuti qabattee turte.
Osoo kaabineen Libaanos walgahiirra jiruu hogganaan gartuu kanaa Naayim Qaasim ergaa televijiniin darbeen ergaa dhaamaniin osoo haleellaan Israa'el itti fufuu Hezbollaan ''dhimma meeshaa waraanaa'' hin mari'atu jedhan.
Israa'el waliigaltee cabsuunis himatan. Israa'el haleellaan raawwattu Hezbollaan akka deebi'ee hin ijaaramneefi meeshaa hin hidhanne gochuufi jechuun himti.
Waraana Israa'el waliin tureen laafus Hezbollaan ammallee ummata Musliima Shiyaa Libaanos keessa jiru biratti deeggarsa guddaa qaba.
Mariin akka gareen kuni waraana hiikkatu taasamu biyyattii keessa muddama kaasa jedhanii lammiileen biyyatti yaadda'u.