Ministirri dhimma alaa Sa'uudii Arabiyaa hoogganaa waliigalaa humna waraanaa Paakistaan waliin ''haleellaa Iraan'' isaanirratti raawwataa jirtuu fi humna waloo qaban fayyadamuun akkamiin ofirraa ittisuu akka danda'an irratti dubbachuu ibseera.
Akkaataa waliigalaa humna waraanaa biyyoonni lameen qaban kanaan ''haleellaan biyya tokkorratti raawwatamu akka haleellaa biyya lameenirratti raawwatameetti,'' fudhatama.
Miidiyaaleen Sa'uudii gariin mariin aanga'oota biyyoota lameenii kun ''humna waloo kana hojiitti galchuuf qophaa'uusaanii agarsiisa'' jechuun gabaasaniiru.
Hoogganaan waliigalaa humna waraanaa Paakistaan Leftenaant Jeneraal Asim Munir gara magaalaa guddoo Sa'uudii Arabiyaa, Riyaad, imaluun ture kan Ministira ittisaa Sa'uudii Arabiyaa Ilma Mootii Kalild bin Salmaan waliin mari'atan.
Biyyoonni lameen Fulbaana 2025 ture waliigaltee humna waraanaa waloo kan mallatteessan.
''Haleellaan biyya tokkoo akka haleellaa biyyoota lameenirratti raawwateetti ilaalama'' kan jedhu waliigaltee kana keessa jira.
Waliigalteen Sa'uudii fi Paakistaan kun erga Israa'el maqaa hooggantoota Hamaas adamsuu jedhuun Qataar, Dohaa keessatti haleellaa raawwattee mallattaa'e.
Kaaliid bin Salmaan qondaala Paakistaan waliin humna waloo kana fayyadamuun ''haleellaa Iraan'' Sa'uudii Arabiyaa irratti raawwataa jirtu dhaabsisuun akka barbaachisu mari'achuu ibse.
''Gochi Iraan kun nageenya naannawa kanaa tuffachiisa,'' kan jedhe qondaalli waraanaa Sa'uudii kun, ''warri Iraan dogoggora akkanaarraa of qusacchuu qabu,'' jedhe.
Iraan haleellaa haaloo ba'uu wiirtuuwwan waraanaa US biyyoota Baha Giddugaleessaa keessa jiranitti raawwattuun miidhaa biyyoota kunneen irra ga'eef dhiifama gaafatteetti.
Dhiifama Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan gaafate boodas biyyattiin haleellaa raawwachuun bu'uuraalee misoomaa biyyoota Arabaa mancaasuu itti fufteetti.