Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Iraaniin hanga yoonaa kan hin miidhamne miseensi NATO, Turkiin, yoo haleelamte maaltu ta'a?
Waraana US-Israa'el fi Iraan gidduutti Guraandhala 28, 2026 eegale booda Iraan haaloo ba'uuf buufataalee US Baha Giddugaleessaa keessaa qabdu irratti haleellaa raawwachaa jirti.
Haleellaan Iraan raawwattu buufataalee waraanaa US bira darbuun misoomaawwan bu'uuraa biyyoota Galoo Galaanaa irratti xiyyeeffateera.
Kanaaf waraana kanaan biyyoonni Arabaa kanneen akka Kuweet, Sa'uudii Arabiyaa, Omaan, Bahreen, Qataar, Jordaan, Yunaayitid Arab Emireetis (UAE), Iraaq, Saaypiras akkasumas Libaanos goolamaa jiru.
Wayita Iraan fi hidhattoonni deeggarsa Iraan qaban biyyoota Arabaa daangaa isaanii jiran irraa hanga biyyoota Galoo Galaanaa hunda keessa jiran irratti haleellaa raawwatan, biyyi ollaa Iraan, Turkiin, garuu qilleensi ishee hanga ammaatti nagaadha.
Haata'u malee, haleellaa Iraaniin hanga yoonaa miidhamuu baattus, Roobii (Bitootessa 4, 2026) misaa'ela Iraan irraa itti dhukaafame meeshaa ittisa NATO'n qolachuu ibsiteetti.
Misaa'elli balistikii Iraan kun erga naannoo qilleensaa Siiriyaa fi Iraaq bira darbee gara naannoo qilleensaa Turkiitti qajeelee booda sirna ittisa qilleensaa fi misaa'ela NATO'n baha Galaana Meditiraaniyaanii keessatti barbadaa'uu Ministeerri Ittisaa Turkii ibseera.
Ministeerichi misaa'ela Iraan dhukaaste kanaan lubbuun namaa darbe ykn miidhaan irra gahe akka hin jirre beeksise.
Turkiin tarkaanfii diinummaa ishee irratti raawwatamu kamiifuu deebii kennuudhaaf mirga akka qabdu ibsuun, qaamoleen hunduu tarkaanfiiwwan waldhabdee kana hammeessuu danda'an irraa akka of qusatan akeekkachiiste.
Turkiin Iraanirraa misaa'elli itti dhukaafamuu himattus Iraan haleellaa misaa'elaa Turkii irratti hin raawwanne jechuun waakkachuushee miidiyaan Israa'el Haaretz gabaase.
Turkiin akkuma biyyoota Galoo Galaanaa kaanii iddoo buufati humna waraanaa US keessatti argamuudha.
Miseensa gamtaa humna waraanaa biyyoota lixaa- NATO ta'uunshee Iraan akka ija jabaattee ishee hin haleelle ga'ee gumaacheera jedhu xiinxaltoonni.
Xiinxaltoonni BBCtti dubbatan, hariiroo gariin Ankaraa fi Tehraan gidduu jiru sababoota Iraan akka Turkii hin haleelle godhan keessaa tokko ta'uu ibsan.
Turkiin waraana Baha Giddugaleessaatti baname kana irratti ibsa kenniteen haleellaa US fi Israa'el eegalan, akkasumas, Iraan haaloo ba'uuf haleellaa raawwachaa jirtu balaaleffatteetti.
Guraandhala 28, guyyaa haleellaan Iraan irratti eegale sana Pirezidantiin Turkii Rajiib Taayyip Erdowaan waraana kallattiisaa jijjiirsisuun gara furmaata dippiloomaasiitti akka qajeelchan dubbatanii turan.
''Dubbiin kun ogummaan hin furamu taanaan, ilaa fi ilaameen hin jiru taanaan, marii dippiloomaasiif iddoon hin kennamu taanaan, naannoon keenyatti abiddi qabachuuf deema,'' jedhan Pirezidant Erdowaan.
Turkiin garam jirti?
Turkiin biyyoota waraana Baha Giddugaleessaa kana xiyyeeffannaan hordofaa jiran keessaa tokko.
Ankaraan waraanni US-Israa'el fi, ollaa ishee fi michuu diinagdee ishee cimtuu kan taate, Iraan, gidduutti gaggeeffamaa jiru kun garamitti deemuu akka danda'u, naannocha keessatti dhiibbaa inni qabu xiyyeeffannaan sakatta'aa jirti.
As keessatti Turkiin waraanni kun babal'achuu fi itti fufuu isaa irratti yaaddoo guddaa akka qabdu ibsiteetti.
Ministirri dhimma alaa Turkii Hakan Fidan ibsa Bitootessa 02, 2026 baasan keessatti ''waraanni kun babal'achuun Baha Giddugaleessaa tasgabbii dhowwuun,'' biyyasaanii akkaan akka yaaddessu ibsaniiru.
Aanga'oonni biyyattii sababi ijoon waraana kana babal'isu haleellaa Iraan buufataalee waraanaa Ameerikaan Baha Giddugaleessaa keessaa qabdu irratti raawwattu ta'uu amanu.
Ankaraan boba'aan Iraan irraa gara biyyoota garagaraa deemu dhaabbachuun ykn gara biyyoota Galoo Galaanaa seenuu dhorkamuun addunyaarratti dhiheessii boba'aa rakkoo hamaa keessa galcha jettee amanti, kanaafis tarkaanfii Iraan himatti.
Pirezidant Erdowaan fi Ministirri dhimma alaa Fidan erga Guraandhala 28 as rakkoon Baha Giddugaleessaatti dhalate akka furamuuf hawaasi idiladdunyaa akka gumaacha taasisu dhiibbaa dippiloomaasii gochaa turan.
Pirezidant Erdowaan US fi Iraan gara marii dippiloomaasiitti akka deebi'an gitoota isaanii kan Iraan- Masuud Pezeshkiyaan fi kan US- Doonaald Tiraamp irratti dhiibbaa uumaa turan.
Iraan buufataalee waraanaa US biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran haleeluun haaloo ba'uun ishee dogoggora jettee amanti Turkiin.
Tarkaanfiin Iraan kun biyyoonni isheen haleelaa jirtu US fi Israa'el waliin akka hiriiran gochuu danda'a jette Ankaraan.
Pirezidant Erdowaan akkuma waraanni kun Guraandhala 28 eegaleen jechoota jajjaboon ejjennoo biyyasaanii kana US, Israa'elii fi Iraaniif ibsaniiru.
Turkiin dhimma Iraan ilaalchisuun yaadi xiinxalte kan biraan akkaataa Tehraan adeemsa marii dippiloomaasii fi tarkaanfii waraanaa itti hubattedha.
Iraan galma siyaasaa US fi Israa'el hedatanii socho'aa turan sirriitti hubachuu akka hin dandeenyee fi kanarraa ka'uun kufaatii guddaan akka ishee mudachuu danda'e amana mootummaan Turkii.
Iraan adeemsa marii ture qixa sirrii ta'een itti hin fayyadamne jetti Turkiin.
Pirezidant Doonaald Tiraamp dhimma Iraan irratti furmaata ykn tarkaanfii hatattamaa barbaadaa akka ture Iraan hin hubanne kan jedhu mootummaan Turkii, Tehraan garuu saffisa US kana hin hubanne jedhe.
Iraan saffisa warri lixaa ittiin imalaa turan kana hubachuu dhabuurraa kan ka'e dogoggora Waxabajjii darbe waraana guyyaa 12f ishee saaxile irra deebiteetti jettee akka amantu Turkiin ibsiteetti.
Marii US fi Iraan qopheessitee akka turte kan ibsite Turkiin, dhumarratti kan didde Iraan ta'uu ibsite.
Kun ammoo biyyattiin [Iraan] ''yaadota haaraa fi furmaata fidan'' fudhachuuf qophii dhabuu agarsiisa jechuun kufaatii waraanatti biyya geesse kanaaf Iraan komatan qondaalonni Turkii.
Ministirri dhimma alaa Turkii Fidan waraanni akka hin kaaneef tattaaffii gochaa akka turan himan.
''Furmaata haaraa dhiheessineefii turre, dhugumatti. Tattaaffii gooneen waraanichi akka barfatullee gooneerra. Tattaaffiin keenya silaa furmaata fiduu danda'a ture, garuu Iraan diddee garuma yaada duriitti deebite.''
Iraan US faana qofa osoo hin taane biyyoota Baha Giddugaleessaa hunda waliinillee akka mari'attu haala mijeessanii akka turan ibsan qondaalli Turkii kun.
''Haleelamuun Turkii miseensota NATO dubbiitti kaasa''
Turkiin biyya daangaa biyyoota Galoo Galaanaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa qooddattuudha. Biyyoota kunneen hunda waliin hariiroo mishaa qabdi, qabaachuus feeti.
Naannawa kana keessaa biyyi miseensa NATO Turkiidha. Gama kanaan biyyoonni lixaa akka michuusaaniitti ofitti qabu.
Hogganaa Giddugala Qorannoo Imaammata dhimma Alaa fi Diinagdee kan ta'e Sinan Algen, haleellaa Iraan biyyoota Galoo Galaanaa irratti raawwachaa jirtu ilaalchisee Turkii kan adda godhu miseensa NATO ta'uusheeti jedha.
Ulgen seera NATO keewwata 5ffaa jalatti qabxii irratti waliigalame bu'uura godhachuun ''haleellaan Turkii irratti raawwatamu akka haleellaa miseensota NATO hundarratti raawwatameeti,'' jedha.
Keewwati shanaffaan NATO ''haleellaan miseensa NATO tokkorratti raawwatame haleellaa miseensa hundarratti raawwatame,'' jedha.
Bu'uura keewwata kanaan yoo haleellaan akkanaa raawwate biyyoonni hundi tarkaanfiitti seenu jechuudha.
Ulgen akka jedhutti Iraan kana waan beektuuf buufata waraanaa US kan Turkii keessatti argamu haleeluurraa of qusatte.
''Iraan haleellaa Turkii irratti raawwachuun adda waraanaa biraa ofirratti dabaluu hin feene. Biyya humna waraanaa jabaa qabdu, akka Turkii kana haleeluun dubbii biraa ofirratti kaasti jedhee hin yaadu,'' jedhe Ulgen.
''Kanaafuu Iraan Turkii haleeluuf carraan jiru baayyee xiqqaadha.''
Ulgen akka jedhutti buufati waraanaa Incirlik kan Turkii, Adana keessatti argamus bakka irraa Iraan irratti haleelaan raawwatamu taanaan rakkoo biraatu dhalata.
Giddugala Qorannoo Iraan (IRAM) jedhamutti qorataa kan ta'e Oral Toga, Iraan haaloo ba'uuf haleellaa raawwattu keessatti Turkii dabaluuf carraan jiru baayyee dhiphaadha jedhe.
''Gareen Iraan keessa socho'u wayii akka carraa yoo tarkaanfii kana fudhate malee [kunis waan ta'u miti], Iraan biyya miseensa NATO haleeluun dubbii hammeessiti jedhee hin yaadu.''
Iraan fi Turkiin daangaa kiilomeetira 534 kan qooddantan ta'uu kan ibse Oral Toga, biyyoonni lameen duudhaa walirratti hirkachuun waliin jiraachuus qabu jedhe.
''Iraanonni, keessattuu du'a Pirezidantii isaanii kanaan duraa Ibraahim Ra'iisii booda, hariiroo Turkii waliin qaban cimsataa turan. Kallattii kana gadhiisanii kallattii biraa filatu jedhee hin yaadu.''
Buufataalee US Turkii jiran- Incirlik fi Kurecik
Turkiin humna waraanaa- lafoo fi qilleensaa akkasumas buufata waraanaa US biyyashee keessatti argamurraa haleellaan Iraan irratti akka raawwatamu akka hin eeyyamne ibsiteetti.
Ibsi jaarmiyaan farra- odeeffannoo dogoggoraa kan waajjira pirezidantii biyyattiitti daarektara kominikeeshinii waliin hidhata qabu, ibsa Guraandhala 28 baase keessatti Ankaraan humni qilleensaa ykn humni waraanaa kamiyyuu Iraan haleeluuf akka hin oolchine himeera.
Buufataalee humna qilleensaa Incirlik fi Kurecik jedhaman buufataalee waraanaa gurguddoo US waliin hidhata cimaa qabaniidha.
Marsariitiin biyyattiirratti akka eerametti buufati humna qilleensaa Incirlik bara 1951 garee injinariingii Ameerikaa "American Engineering Group" jedhamuun ijaarame.
Isa booda bara 1954 waajjirri muummee humna waraanaa Turkii fi Humni Qilleensaa US buufata kana waliin fayyadamuuf waliigaltee mallatteessan.
Bulchiinsi isaa ammoo akkaataa waliigaltee bara 1980 US fi Turkii gidduutti mallattaa'een gaggeeffama.
Waliigalteen kun ''Waliigaltee hariiroo ittisa waloo-defense cooperation agreement" jedhama.
Ministeerri Ittisaa Turkii mooraan kun to'annoo humna waraanaa Turkii jala akka jiruu fi Rippaabilika Turkiin akka hoogganamu ibseera.
Buufati waraanaa Kurecik ammoo bara 2012 hundaa'e, kan hogganamu NATO jalatti.
Bara 2011 Pirezidantiin yeroo sanaa Iraan Mahmuud Ahmaddiinjaad buufati Turkii keessatti ijaaramuu qeequun dubbatanii turan.
Buufati kun akka wiirtuu akeekkachiisaatti kan hundeeffame yoo ta'u, qondaalli Iraan kun buufatichi Israa'eliin haleellaa misaa'eloota Iraan jalaa baraaruuf kan hundaa'e jechuun qeeqan.
Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwate booda waraana Israa'el Gaazaa irratti bante keessatti Turkiin buufata kana waraana Israa'eliif eeyyamte jechuun rogeeyyiin Filisxeemotaa himataniiru
Buufati kun akka cufamuuf hiriira mormii qindeessaa turan.
Haata'u malee Turkiin haleellaa Israa'el uummata Gaazaa irratti raawwattu balaaleffataa turte.
Pirezidant Erdowaan waltajjiiwwan hedduu irratti gocha Israa'el yeroo balaaleffatan dhagahamu.
Kora waliigalaa Fulbaana darbe gaggeeffamerrattis gocha Israa'el Gaazaa fi West Baank keessatti raawwattu balaaleffachuun addunyaan kana dura dhaabbachuu akka qabdu waamicha dhiheessanii turan.
Pirezidantichi wayita Waxabajjii 2025 Israa'el haleellaa Iraan irratti bantee turtes ''Israa'el gufuu nagaa Baha Giddu Galeessaati'' jechuun gocha mootummaa Israa'el balaaleffachuu ibsanii turan.
Haleellan Israa'el Iraan irratti gaggeessite mariin dhimma nikularaa ilaalchisee Iraanii fi US gochaa turan akka fashalaa'uuf ta'uu ibsan.
Biyyoota Galoo Galaanaa, Ardii Eshiyaa fi Awurooppaa gidduu kan jirtu Turkiin walitti bu'iinsa addunyaarratti mudatu jaarsummaan gidduu seenuun furmaata dippiloomaasii fiduuf tattaaffii taasisuun beekamti.
Kan Iraan fi US kanas osoo mariisisuuf adeemsarra jirtu waraanni eegalamuutti akka gadditu ibsiteetti.