Baha jiddu galeessaatti balaliin addaan citee ture muraasni deebi'ee eegalame
Balaliin sababa waraana Baha Giddu Galeessaatiin guyyootaaf addaan citee ture,tokko tokko deebi'ee eegalee jira.
Waranni kun erga eegalee guyyoota 6 lakkoofsiseera.
Balaliin lammiilee Biriteen Omaan irraa gara biyyaatti deebisuuf mootummaan UK qopheesse Roobii halkan sababa rakkoo teeknikaatiin haqame ture.
Waajjirri Dhimma Alaa UK Kamisa kaan ''balaliin kun gara galgalaa ni taasifama jedhamee eegama,'' jedhe.
Jarman, Ispeen, Nezerlaand, fi biyyoonni Awurooppaa biroo lammiilee isaanii Baha Giddu Galeessaa keessaa baasuun milkaa’aniiru.
Biyya UAE keessattis Daandiin Xiyyaaraa Emirates fi Itihad Airways balalii muraasa gaggeessaa jiru. Balaliin tokko tokko Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Zaayiditti deebi’ee eegaluu Waajjirri Miidiyaa Abu dhaabii beeksise.
Daandiin Qilleensaa Qaxar ganama har’aa Omaan Mascat irraa gara magaalota Awurooppaa adda addaatti balalii gargaarsa namoomaa akka taasisu beeksiseera.
Isaan keessaa balalii gara Landan, Barliin, Kopenhagen, Maadriid, Roomaa fi Amsterdaamfaa keeaatti argamu.
Daandiin xiyyaaraa kun ibsa marsariitii isaa irratti baaseen, balaliin magaalaa guddoo Doohaa irraa ''sababii cufamuu naannoo qilleensaa Qaxaraatiin yeroodhaaf addaan citeera'' jedhe.
Akka Rooyitars gabaasetti Ministeera Geejjibaa Israa’el wabeeffachuun xiyyaarri lammiilee Israa’el fe’ee ture Tel Aviv keessa qubateera.