Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waraana Baha Giddugalaatti adeemaa jiruun hangam miidhame?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waraana US - Israa'el fi Iraan gidduutti Giddugala Bahaatti adeemaa jiru hammaatee rakkoolee uume keessaa tokko balaliin danqamuudha.

Balaliin danqamuun immoo biyyoota Giddugala Bahaa turizimiifi bashannanaaf beekaman rakkoo dabalataarra buuseera.

Naannichatti balalii danuu kan qabu Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waraanni hammaateee adeemaa jiru galii isaa akka miidhee BBCtti dubbateera.

Erga waraanni eegale torban guutuudhaas baatu torbanitti yoo xiqqaatee dolaara miiliyoona 135 akka dhabsiisu hogganaa itti aanaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Lammaa Yaaddechaa BBCtti himaniiru.

Turtii addatti BBC waliin taasisaniin osoo waraanni hin ka'in dura guyyaatti gara Giddugala Bahaa waliigalatti balalii 15 qabna turre jedhan.

''Kan Sa'udi Arabiyaa keessa jiru, kan Maskaat [magaalaa guddoo Omaan] fi iddoo tokko tokko wanta rakkoon hin jirreefu itti fufnee jirra.

''Amma kan nuti dhaabne iddoo rakkoo kuni baay'ee hammaate jiru,'' akka ta'e himan.

''Gara Israa'eel Tel Aviivitti bultiitti [guyyaatti] si'a sadii dhaqna turre, isa dhaabnee jiirra. Gara Jordaan Amaanitti bultii tokko keessa yeroo lama deebina.

''Kanaafuu lamaan kana achitti dhaabne jechuudha. Gara Kuweet bultiitti yeroo takka dhaqna isas dhaabne, Baahireenitti [imaluu] dhaabnee jirra.

''Kataar irratti dhaabnee jirra. UAE, Dubaayitti guyyaatti yeroo sadii dhaqna [ture] adeemuu dhaabnee jirra.

''Shaarjiyaas akkasumatti yeroo tokko deemna isas dhaabnee jirra. Abu Daabittis [imaluu] dhaabnee jirra,'' jechuun Obbo Lammaan BBC'tti himaniiru.

Akka qondaalli olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa BBCtti himanitti, walumaagala biyyoota amma imalli danqame torbanitti balalii 101 qabna ture jedhan.

Kana jechuun giddugaleessaan guyyaatti ''balalii 15 dhaabne jechuudha. Gama maallaqaan yoo ilaallu baay'ee baay'ee nu hubaa jira,'' jechuun himan.

Walumaagala torbanitti bakkeewwan amma balali'uu dhaabee kanatti torbanitti imaltoota 40,000 - 45,000 imalchiisna turre jechuunis himan.

''Giddugaleessumaan yoo ilaalle namni tokko garuma dolaara 300 baasa yoo jenne haa xiqqaatu torban tokko keessatti gara miiliyoona 135 dhabna jechuudha.''

Waraana adeemaa jiruun rakkoo dhaqqabe garuu furuuf Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waan gochaa jiru akka jiru dubbatan.

''[Miidhaa] bakka buusuuf hojjechaa jirra. Akka dhaabbataattii kan baay'ee nu rakkisu miti.

''Qabeenya Giddugala Bahaatti baafne Eeshiyaarratti Afrikaarratti Awurooppaarratti deebisnee bobbaafnee jirra.

''Xiyyaaronni hunduu hojjechaa jiru. Garuu xiqqoo nu hubuun isaa hin oolle,'' jechuun Obbo Lammaan BBC'tti himan.

Namoonni tikkeeta bitan akkam ta'u?

Sababii waraana amma adeemaa jiruun imaltoonnii dursanii tikkeeta muran imaluu hin dandeenye.

Isaaniif beenyaan kaffalamu yoo jiraate kan gaafanne Obbo Lammaan seerri jira jedhu.

Akkaataa The International Air Transport Association (IATA) jedhutti ''wanti amma dhalate 'forced measure' jedhama.

''Wanta nuti fidne osoo hin ta'in biyya sanitti yoggaa balali'udhaa kaanu warri biyya sanii wanna qilleensa isaanii cufaniif achitti deemuu hin dandeenye.

''Kanaafuu, wanti goone maali warri [imaltoota] Finfinnee dhufanii Finfinnee jiran halkan lama wanna nyaatanis wanna dhuganis iddoo ciisanis kennine,'' jedhan.

''Akkuma filannoo isaanii bakka biraa deemuu warra barbaadan tikkeeta isaanii jijjiirre warra qe'e isaaniitti deebi'uu barbaadan ofuma keenya deebisne.

''Beenyaa homaa hin kennineef, wanti kenninuufis hin jiru,'' jechuun himan.

Waraannii US - Israa'el fi Iraan gidduu gaafa Sambataa eegale torbaniif deemaa jira.

Waraanni kuni yoo itti fufe Daandiin Qilleensa Itoophiyaa filmaata maal qaba?

''Akka ilaalcha keenyatti wanna yeroo dheeraa turu [waraanni] nutti hin fakkaatu. Gidduu seentummaan ni dhufa. Kanaafuu dafee dhaabbata kan jedhu yaadaa jirra,'' jechuun Obbo Lammaan dubbatu.

Guyyootuma muraasa darbanuu balaliin waan adda citeef xiyyaarota bakka kaanitti ergaa galii argataa akka jiran himan.

Waraanni US-Israa'elii fi Iraan guyyaa ja'affaasaa qabateera. Ammallee hin qabbanoofne. Gareen lamannuu- USfi sraa'el, Iraan haleellaa itti fufaniiru.

Iraan Kamisa ganama misaa'eloota hedduu gara Israa'el dhukaasteetti. Waraanni Israa'el haleellaa misaa'elaa Iraan raawwatte kanaan miidhaa qaqqabe hin ibsine.

Akka gabaasa AFPtti Kamisa ganama Jerusaalem keessatti dhohiinsa guddaatu ture.

Sana booda waraanni Israa'el akka uummanni dawoo achi jiru keessaa ba'u ajaje.

Israa'el gamasheen Tehraan keessatti haleellaa haaraa raawwachuu ibsiteetti.

Gama kaaniin Senetiin US aangoo waraana labsuu pirezidantii irratti mari'ateera.

Senetiin kun sagalee kenneen aangoo Tiraamp waraana labsuuf qabu daangessuu hin dandeenye.

Sagaleen akka Tiraamp waraana labsu deggere dhibbeentaa 53, kan morme ammoo dhibbeentaa 47 ture.