Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ulaan Hormuz Iraan ittiin addunyaa doorsiftu maali? Eessatti argama?
Iraan masaanuuwwan ishee jechuun kan ibsitu US fi Israa'eliin haaloo ba'uuf biyyoota Galoo Galaanaa irratti haleellaa raawwatteetti.
Sarara daldala boba'aa addunyaa akkaan murteessaa kan ta'e Ulaa Hormus (Strait of Hormuz) kan to'attee jirtu Iraan, wayita biyyoonni lixaa tarkaanfii gosa garagaraa irratti fudhachuu eegalan ulaa kana cufuun doorsisti.
Ammas sarara boba'aan addunyaa dhibbeentaa 20 ta'u keessa darbu kana cufuun dooniiwwan karaa kana darban haleeluutti jirti.
Jeneraalli waraanaa Iraan biyyisaanii ''cobi boba'aa naannawa kana keessaa akka ba'u'' hin eeyyamtu jedhan.
Sababa Iraan haleellaa US fi Israa'eliif deebii kenniteen daldalli addunyaa guddichi kun jeeqamuun addunyaarratti gatii boba'aa akkaan olkaaseera.
Ulaa Hormuz cufuun gatiin meeshaalee fi tajaajiloota garagaraa addunyaarratti akka garmalee dabalanis godha.
Chaayinaa, Indiyaa fi Jappaan dabalatee biyyoonni boba'aa baayyinaan karaa ulaa kanaa argatan fi diinagdeensaanii guddaa ta'e sababa kanatti guddoo miidhamu.
Ulaan Hormuz maali? Eessatti argama?
Ulaan Hormuz daandii murteessaa dooniiwwan biyyoota addunyaa keessa darbanii fi sarara boba'aan bal'inaan irra geejjibsiifamuudha.
Ulaan kun kaabaan Iraan, kibbaan ammoo Omaan fi Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) daangeffama.
Seensi fi bahi ulaa kanaa kiilomeetira 50 qofa bal'ata. Bakka itti hanga kiilomeetira 33 dhiphatus qaba.
Ulaan galaanaa baayyee dhiphina qabu kun biyyoota Galoo Galaanaa ta'an galaana Arabiyaan waliin wal quunnamsiisa.
Ulaan Hormuz dhiphaa ta'us baayyee gadi fagoodha. Kanaaf taankaroota boba'aa ulfaatina akkaan guddaa ta'e qaban baachuu danda'a.
Kubbaanniyyaawwan oomisha boba'aa gurguddaan Baha Giddugaleessaa keessa jiran akkasumas maamiloonni isaanii ulaa kanatti fayyadamu.
Jaarmiyaan odeeffannoo inarjii Ameerikaa- US Energy Information Administration (EIA) jedhamu bara 2025 guyyaatti boba'aan barmeela miiliyoona 20 ta'u Ulaa Hormuz keessa darbaa akka ture ibse.
Kun ammoo daldala waggaa inarjii doolaara biiliyoona 600tti tilmaama.
Boba'aan kun Iraan qofarraa miti kan argamu. Biyyoonni Galoo Galaanaa kanneen akka Iraaq, Kuweet, Qataar, Sa'uudii Arabiyaa fi UAE boba'aa oomishan karaa kanaan gabaatti addunyaaf ergu.
Dhiibbaa Ulaa Hormuz cufuun qabu
Ji'atti dooniiwwan 3,000 ta'an karaa Ulaa Hormuz darbu.
Xiinxaltoonni akkuma doorsisi dooniiwwan karaa ulaa kanaa darban irratti gaggeeffamu yeroonsaa dheeratuun boba'aa geejjibsiisuun rakkoo hamaa keessa galaa deema, kun ammoo gatiin boba'aa addunyaa akkaan akk adabalu taasisa jechuun akeekkachiisu.
Jaarmiyaa gabaa inarjii irratti odeeffannoo kennu- Global Risk Management jedhamutti xiinxalaa gameessa kan ta'e Arne Lohmann Rasmussen ''ammatti ulaan kun cufameera jechuu dandeenya, namni ofitti amanamummaan karaa sana darbaa jiru hin jiru,'' jechuun miidiyaa US michuu BBC ta'e CBStti hime.
''Haleelamuu dandeessa, wabii hin qabdu ykn gatiinsaa baayyee qaala'eera, kanaafuu hanga haalli nageenyaa fooyya'utti eeguuf dirqamta. Boba'aa fi gaaziin karaa Ulaa Hormuz darbu yoo adda cite gabaan akkaan miidhama.''
Iraan ulaa kanatti karra gootee guutummaatti hin cufne. Garuu ''doorsisi qondaalota Iraan, haleellaan diroonii fi misaa'elaa akka taankaroonni karaa kana hin dabarre godheera,'' jedha xiinxalaan kun.
Haleellaa Ulaa Hormuz irratti yoo xiqqaate dooniiwwan sadirratti raawwatame hordofee Wiixata darbe, gaafa Bitootessa 2, 2026 gatiin ka'umsaa boba'aa doolaara 82 ga'eera.
Taateen kun akka taankaroonni boba'aa 150 ta'an iddoo kanatti ugguramanii hafan dirqamsiisuu Rooyitarsi gabaaseera.
Dhaabbati oomisha gabaa London Stock Exchange Group jedhamu boba'aa Baha Giddugaleessaa irraa gara Chaayinaa geejjibsiisuuf gatiin kiraa taankaroota gurguddoo kan torbee darbeerra dachaan dabaluun doolaara kuma 400 caaluu ibse.
Cufamuun Ulaa Hormuz biyyoota Galoo Galaanaa diinagdeensaanii boba'aa alatti erguurratti bu'uureffame, kanneen akka Sa'uudii Arabiyaa baayyee hube.
Jaarmiyaan Inarjii Idiladdunyaa Iraan guyyaatti boba'aa barmeelii miiliyoona 1.7 alatti ergiti jedhe.
Iraan bara baajataa 2025 boba'aa alatti ergiterraa doolaara biiliyoona 67 argachuu fi kunis waggaa kurna darbe keessatti galii olaanaa damee boba'aarraa argame ta'uu Baankiin Giddugaleessaa biyyattii ibseera.
Cufamuun Ulaa Hormuz Eeshiyaa irratti miidhaa guddaa qaba.
Jaarmiyaan inarjii addunyaa akka jedhutti bara 2022 boba'aa karaa Ulaa Hormuz biyyoota Galoo Galaanaa irraa alatti ergame keessaa dhibbeentaa 82 kan ta'u gara gabaa Eeshiyaa seene.
Chaayinaan boba'aa Iraan gabaa addunyaaf dhiheessitu keessaa dhibbeentaa 90 fudhatti.
Chaayinaan boba'aa kana fayyadamtee meeshaalee garagaraa oomishtu gara biyyoota adda addaatti waan ergituuf, boba'aan kun irraa cituun ykn gatiin boba'aa dabaluun gatiin oomsihaalee ishees addunyaarratti akka dabalu taasisa.
Iraan akkamiin Ulaa Hormuz cufuu dandeessi?
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) biyya daangaa galaanaa jirtu tokko fageenya hanga kiilomeetira 22 keessa seenuun galaana sana to'achuu ykn bulchuu dandeessi jedha.
Ulaan Hormuz baayyee qallatee daangaa galaanaa to'annoo Iraan fi Omaan jala jiru keessatti argama.
Iraan ulaa kana cufuuf karoorri qabdu maal akka ta'e ibsuu baattus, ogeeyyiin akka jedhanitti malli biyyattiin fayyadamuu dandeessu dooniiwwan haleellaa raawwatanii fi dooniiwwan waraanaa galaana jala yabalaniin dhootuuwwan bishaan keessa facaasuudha.
Dooniin waraanaa idilee Iraan fi dooniin waraanaa jaarmiyaa Eegdota Warraaqsa Islaamummaa- IRGC dooniiwwan waraanaa fi daldalaa biyyootaa kaanii haleeluu dada'u.
Haata'u malee dooniiwwan waraanaa gurguddoon xiyyeeffannaa haleellaa US ta'uu danda'u.
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp kaayyoon gooroo isaa doonii waraanaa Iraan barbadeessuu akka ta'e dhaadateera.
Dooniiwwan xixiqqoon Iraan saffisaa olaanaan socho'an farra misaa'ela doonii waraanaa hidhataniiru.
Biyyattiin dooniiwwan xixiqqoo galaanarra saffisaan yabalanii fi kanneen gariin galaana jala seenuun yabalan akkasumas dooniiwwan waraanaa galaana jala deeman hedduu naannawa kanaa qabdi.
US duraan akkaataa yaa'iinsa geejjibaa ykn tiraafikii Ulaa Hormuz akka haaraatti caasessuun to'achuuf humna waraanaa ishee fayyadamteetti.
Xumura bara 1980ootaa keessa, yeroo waraana waggaa saddeetii Iraan fi Iraaq, haleellaan wiirtuuwwan boba'aa irratti raawwatu waraana biraa- tanker war jedhamu kaasee ture.
Kun ammoo doonii biyyoota dubbii kana keessaa hin qabneellee haleellaaf saaxileera.
Fakkeenyaaf dooniin Kuweet boba'aa Iraaq feetee turte haleellaa kanaaf saaxilamteetti.
Booda dooniin waraanaa Ameerikaa eegamsa gochuun Galoo Galaanaa keessa dabarsuu eegale.
Inistitiyuutiin Humna Galaanaa US akka jedhutti sababa kanatti dooniin waraanaa Ameerikaa galaana biyyoota Galoo Galaanarra qubate Waraana Addunyaa Lammaffaa booda isa guddaadha.
Daandiin biraa Ulaa Hormuz bakka bu'u jiraa?
Doorsisi Ulaa Hormuz cufuun walqabatee dhihaachuu erga eegalee tureera. Sababa kanatti biyyoonni Galoo Galaanaa boba'aa gara alaatti ergan daandii biraa soquu eegalaniiru.
Jaarmiyaan inarjii addunyaa Sa'uudii Arabiyaan sarara guyyaatti boba'aa baarmeela miiliyoona dabarsuu danda'uu fi kiilomeetira 1,200 dheeratu qabaachuu ibse.
Biyyattiin kun kanaan dura yeroof ujummoo gaazii fayyadamuun boba'aa jikita dabarsaa turteetti.
Yunaayitid Arab Emireetis ammoo boba'aashee galaanaan alatti oomishtu buufata galaanaa Fujeeyiraa kan Galoo Galaanaa Omaan irratti argamutti quunnamsiisteetti.
Kunis guyyaatti boba'aa baarmeelii miiliyoona 1.5 dabarsuu danda'a.
Haala kanaan boba'aan sarara biraa Ulaa Hormuz irraa adda ta'een geejjibsafamuu danda'a.
Garuu kun ammoo guyyaatti dhiheessii boba'aa baarmeelii miiliyoona 8 hanga miiliyoona 10n hir'isuu danda'a.