Shawaa Bahaatti namichi uffata 'loltuu' uffatee haadha buddeenaasaa ukkaamse hidhaa cimaan adabame

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

"Fuulasaarratti marxoo gurraacha godhatee, fuulasaa dhokfatee, uffata Raayyaa Ittisaas uffatee ture" Abbaa Alangaa

Yakkichi maatii ofiirratti raawwatame kun Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa keessatti.

Himatamaa Gammadaa Fardee ALI Mudde 22, 2018 halkan keessaa naannoo sa'aatii 3:00 yemmuu ta'u aanicha keessa ganda Habulee Guutummaatti kan argamu gara qe'ee Aadde Gannoo Joffee jedhamtu seena.

Heeyyama abbaa qe'ee malee gara mana namaa yeroo seenuttis, "fuulasaarratti marxoo gurraacha godhatee fuulasaa dhokfatee, uffata Raayyaa Ittisaas uffatee ture" jedhu Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti Abbaa Adeemsaa Yakkoota Adda Addaa kan ta'an Tasfaayee Isheetuu.

Itti aansunis haadha qe'ee kan ta'an Aadde Gannoo kutaa nyaata itti qopheessaa turan keessaa baasuun kutaa biraa keessatti balbala alaan itti cufa.

Achii boodas miidhamtuu dhuunfaafi haadha buddeenaa kan ta'aniif, akkasumas keessummummaan mana Aadde Gannoo kan turan Aadde Caaltuu Hirphoof ajaja kenna.

Ajajni kunis "Jajjabeetu si barbaade, warra bosonaatu si barbaade. Koottu gara fulduraa deemi. Gara fulduraa malee duubatti yoo ilaalte sin miidha" kan jedhudha.

Hariiroo himatamaafi miidhamtuu gidduu jiru kan ibsan Abbaan Alangaa, "wal beeku, walitti dhiyeenya qabu, ishuma biratti guddate, haadha buddeenaa isaati" jedhan.

Bifa kanaan himatamaan miidhamtu haadha buddeenaa taatuuf humnaan fudhatee deemsa eegala.

Haata'u malee, sagaleen nama isaan uggure isaaniif haaraa kan hin taaneef Aadde Caaltuun, ofirra garagalanii isa ilaaluuf yaalanis himatamaan miidhamtuu reebuun kuffisa.

Namni isaan ugguruun isaan fudhatee deemaa jiru nama haadha buddeenaa ta'aniif akka ta'e kan shakkan miidhamtuun "utaaluun" marxoo himatamaan fuulasaa ittiin dhoksee ture irraa baasan, iyya naaf birmadhaas dhageesisan.

Himatawwan afur

Himatamaa Gammadaa Fardee haati buddeenaasaa iyya naaf birmadhaa jettee yemmuu dhageesisanitti fiigee baqachuusaa galmeen Abbaa Alangaa hima.

"Marxoo fuulasaarraa fuutee eenyummaasaa barraan inni ni fiige. Battala sanitti qabamuu baatus boodarra hordoffiidhaan to'annoo jala oole" jedhan Abbaan Alangaa.

To'annoo jala erga oolee boodas Abbaan Alangaa himatawwan afur irratti banuun adeemsi falmii eegalame.

"Kan ittin himanne heeyyama malee sa'aa 12 booda mooraa namaa seenuu, nama ugguruu, harka darbuu (reebuu) fi heeyyama malee uffata Raayyaa Ittisaa uffatanii argamuu kan jedhanidha" jedhan Abbaan Alangaa.

Himatamaanis "yakkicha hinraawwanne" jechuun kan waakkate yemmuu ta'u, Abbaan Alangaa ragaaleesaa dhiyeeffachuun jecha ragummaa akka laatan taasise.

Manni Murti Aanaa Adaamii Tullu Jiddoo Kombolchaas himatamaa haadha buddeenaasaa uggureen himatawwan lamaan murtee balleessummaa itti mure.

Abbaan Alangaa himatamaan yakkicha kan raawwate haadha buddeenaasaa isa guddisterratti ta'uunsaafi yakkicha halkan dawoo godhachuun kan raawwate ta'usaatiin adabbiin akka cimu gaafate.

Himatamaanis gama isaatiin galmee yakkaa kan hinqabne ta'uusaafi dogongoraan yakkicha raawwachuusaa kaasuun adabbiin akka salphatuuf gaafate.

Manni Murtichaas yaada garee lamaanii erga dhaggeeffatee booda dhaddacha ALI Guraandhala 24, 2018 taa'een hidhaa cimaa waggaa 3 fi ji'a 11'n akka adabamu murteesseera.

"Yeroo ammaa kanaan walqabatee namoonni eenyummaasaanii dhoksanii hawaasa keenya dararaa jiru" kan jedhan Abbaan Alangaa Tasfaayee Isheetuu, hawaasni namoota gochaalee akkanaa raawwatan qaamolee seeraaf eeruu kennuun tumsa akka taasisu gaafataniiru.