Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Mojtaabaa Kameenii bakka abbaasaa bu'uun hogganaa olaanaa Iraan ta'e

Mojtaabaa Kameenii bakka abbaa isaa Ayaatolaa Alii Kameenii ta’uun hogganaa olaanaa Iraan ta’uun muudame. Abbaan isaa haleellaa US fi Israa’el irratti raawwataniin magaalaa guddoo Iraan, Teehraan mooraa isaa keessatti ajjeefame.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Nama Tiraamp 'fudhatama hin qabu' jedhe filachuun diddaa agarsiisa

    Ilmi abbaa isaa duubaan waggoota kurnaniif hojjechaa ture ejjennoo abbaasaa tarkaanfachiisuuf aangoo abbaasaa qabate.

    Maajtobaa Kameeniin Humna Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan (IRGC )waliinis waligtti dhufeenya dhiyoo akka qabus ni himama.

    Mojtaabaan humna waraanaa cimaa kanattis osoo barnoota amantaa barachuuf hin deemiin duras itti makamee waliin hojjechaa tureera.

    Hidhata qabaachaa ture itti fufsiisuu kanadha amma aangoo guddaa kanarratti akka muudamu kan isa taasise.

    Waggaa lama dura abbaan isaa ilmi isaa akka isa hin dhaalle dubbatee ture. Sababiin isaa ammoo aangoo maatiin dhaalamu duraan ture ofiin aangoorrraa kaasan akka biyyattiitti deebiyu hin barbaadnu yaada jedhuunidha.

    Haata'u malee, bulchiinsi amanta ainni ijaaree deeme amma wallaansoo jiraachuufi jiraachuu dhabuu keessa jira.

    Amma aangoon kan jiru huna to'ataa kan jiru harka IRGC keessadha.

    Iraanonni abbaa isaa abba airreeti jechuun abaaraa turan umuriin ilma isaa kun gabaa ta'a jedhanii abdatu.

    Haata'u malee, filamuun isaa [Mojtaabaa Kameenii] kun Pirezidant Tiraamp kan "fudhatama hin qabu" ittiin jedhe, akkasumas Israa'el kan adamseen ajjeeesa jettee dhaadatteef ergaa dabarse qaba -ergaa diddaa.

  2. Ejennoo US fi Israa'el muudamuu Mojtaabaa irratti

    Torban darbe, akkasumas Dilbata ganama Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp gaggeessaa waliigalaa Iraan filachuu keessatti gahee qabaachuu akka fedhu dubbatee ture.

    Tiraamp amma bakka abbaasaa kan bakka bu'e Mojtaabaa Kameenii akka filamu mormeera.

    "Anaaf ilmi [Ayaatolaa Alii] Kameenii fudhatama hin qabu," jedhe Tiraamp jalqaba torban darbeerra.

    Itti dabaluun saatii muraasa dura ammoo osoo hin hin mirkaneessiin eenyuyyu aangoo kana kan qabatu " yeroo dheeraa irra hin turu" jedhe.

    Israa'el ammoo osoo ilmi Ayaatolaa Alii Kameenii lamaffaa kun osoo hogganaa waliigalaa Iraan ta'ee hin muudamiin dursitee "nama Ayaatolaa bakka bu'u kamiyyu akka itti futee adamsitu" akeekkachiisa baastee ture.

  3. Amma nu gahe, Mojtaabaa Kameenii bakka abbaasaa bu'uun hogganaa olaanaa Iraan ta'e

    Mojtaabaa Kameenii bakka abbaa isaa Ayaatolaa Alii Kameenii ta’uun hogganaa olaanaa Iraan ta’uun muudamuu miidiyaan biyyattii gabaase.

    Abbaan isaa haleellaa US fi Israa’el irratti raawwataniin magaalaa guddoo Iraan, Teehraan mooraa isaa keessatti ajjeefame.

  4. Daawwadhaa: Sababa boba'aa gubachaa jiruun aarri gurraachi magaalaa guddoo Iraan dukkaneesse

  5. Haleellaa Israa'el Libaanositti gaggessiteen lakkoofsi namoota ajjeefamanii 400'tti siqe

    Akka ministeera fayyaa Libaanositti, haleellaa Israa'el Libaanos keessatti gaggeessiteen lakkoosi namoota du'anii 394 qaqqabeera.

    Ibsa Dilbata kennameen Rakaan Nasiraddin akka jedhetti, daa'imman 83 fi dubartoonni 42 namoota erga Libaanos waraana US-Israa'el Iraan waliin gaggeessan kana keessa galtee ajjeefaman keessatti argamu.

    Nasiraddin itti dabaluun, hojjetoonni lubbuu baraaran sagalis du'aniiru jedhe.

    Lakkoofsi lammilee Libaanos du'anii Sambata kan ministeerri fayyaa gabaase 294 irraa baayyee dabaleera.

  6. Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii saddeet maaliif dubartoota qofan balaliise?

    Daandiin Qilleensa Itoophiyaa paayileetiifi hojjettoota dubartoota qofaan balalii idil-addunyaafi biyya keessaa saddeet Finfinneedhaa ka'ee gara bakkeewwan saddeetitti imale.

    Sagantaan addaa daandiin qilleensaa kuni raawwate Guyyaa Dubartoota Idil-addunyaa sababeeffachuuni jedhameera.

    Balaliiwwan saddeet balalistootaafi hojjettoota dubartootaan qofa balali'an kuni gara Naayiroobii, Firaankifart, Kaayiroo, Akiraa, Jibuutii, Wiindihook, Mumbaayi, akkasumas biyya keessaammoo gara Dirree Dhawaadha.

  7. Hogganaan haaraa Iraan yoom barama?, Goncheh Haabibiyaazad, BBC Afaan Pershiyaa

    Iraan hoggana haaraa filachuun ishee gabaafameera, yoo dhugaa ta'ef.

    Haa ta'u malee, yoom akka ifa ta'u hin beekamu - dubbiin wal dhahu dhagahamaa jira.

    Miseensonni Gumii Ogeyyii (kan hoggana bakka bu'u filuuf dirqama qaban) waan wal dhahu dubbataniiru.

    Ogeeyyiin miseensa gumii kanaa kaadhimamaan sagalee wayyaba argachuufi kan hafu ifa gochuu akka ta'e himan.

    Kaanimmoo, sagalee kennuun xumurameera oduun jedhu ''soba adiidha'' jedhaa jiru.

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ilma Alii Kaamenii, Mojtaabaa Kameenii, waliin hojjechuu hin feene.

    Israa'el immoo nama Alii Kaamenii bakka bu'us ta'e hoggana haaraa filuuf kanneen sosso'an irratti akka qiyyaafattu akeekkachifteetti.

    Hogganaan olaanaa duraanii Iraan kan haleellaa US-Israa'eliin torban dura ajjeefaman hanga yoonaa sirni owwaalcha isaanii hin raawwatamne.

    Magaalaa Tehiraan keessatti akka owwaalchi isaanii akka raawwatu eegamee ture.

    Ta'us, aangawoonni hammi namoota owwaalchaaf bahaan 'tilmaamuun waan cimuuf' yeroo biraatti dabarsuu isaanii dubbatan.

  8. Netaaniyaahuun lammiilee Iraaniif irra deebiin waamicha dhiheessan

    Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahu kallattiin ummata Iraaniif ergaa dhaamaniin mootummaa biyyatti kuffisuuf akka ka'an waamicha dhiheessan.

    Viidiyoo gabaabduu X gubbaa qoodameerratti namoonni alaabaa Iraaniifi Israa'el mirmirsaa mul'atu.

    Netaaniyaahuun biyyi isaanii ''qambarrii gabrummaa jalaa Iraan bilisa baasuu'' akka karoorfatte himan.

    Itti gaafatamni ijoo garuu kan lammiilee Iraan ta'uufi akka waliin ta'un mootummaarratti ka'an waamicha godhan.

    ''Yoo waliin taatanii mootummaarratti kaatan guyyaan Israa'el fi Iraan hiriyyoota ta'an fagoo miti,'' jechuun dubbatan.

    Aangawoonni Iraan, Netaaniyaahuu dabalatee, walitti bu'iinsi amma adeemaa jiru Iraan keessa jijjiirama bulchiinsaa akka fidu akka abdatan dubbataniiru.

  9. Tiraamp loltuu gara Iraan erguu danda'uu?

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp dhimma kanarratti deebii kennaniiru.

    Haleellaa qilleensaan Iraan waraanuun alatti loltuu erguun filmaata tokko akka ta'e dubbatan.

    Loltoota Ameerikaa gara Iraan erguun yuraaniyeemii biyyattii gabbate to'achuun filmaata tokko ta'u mirkaneessaniiru.

    ''Filmaatni hunduu jira, hunduu,'' jechuun ABC News'tti dubbatan.

    Tiraamp dabaluunis, hogganaan olaanaa haaraa Iraan filatamu ''nubiraa mirkana argachuu qaba'' jedhan.

    Kanaan ala, namni Ayaatolaa Ali Kaamenii bakka bu'u kamuu ''waan turu miti'' jechuun dubbatan.

    ''Waggaa kudhan kudhanin itti deddeebi'uu hin qabnu [keessumaa] yeroo pirezidantii akka kiyyaa akkana hin goone yoo hin jiru ta'e,'' jechuun dubbatan.

    Tiraamp nama bulchiinsa durii waliin hariiroo qabu akka simatan himan.

  10. Iraan akkamiin waraana guddaa kan qaban US fi Israa'el dura dhaabbatte?

    Iraan michuuwwan US biyyoota Galoo galaanaa irratti xiyyeeffachuun haleelaa jirti.

    Haleellaan Iraan iddoowwan qiyyaafannoo waraanaan alatti, iddoowwan nagaa fi buufataalee boba'aarrattis kan xiyyeeffatedha.

    Waraanni kun saffisa olaanaan babal'ataa jira, Qophiroos fi Libaanos illee guyyoota dhiyoo ofitti harkisaa jira, waraana laafaa jiru miti.

  11. Teehraanitti kuusaan boba'aa haleelamuu hordofee daandiinis gubataa ture

    BBC Verify suuraa kuusaa boba'aa Teehraan gubate qorateera.

    Viidiyoon abidda halkanii sararaan laboobu agarsiisu kun kaaba-lixa Teehraanitti.

    Idoon isaa Koohsar Boulevard, qe'ee Shahran, buufata boba'aarraa km 2 irraa fagaata. Sanbata duraa halkan haleelame. Balaan lamaan haa wal qabataniif dhiisanii hin mirkanoofne.

    Miidiyaan mootumama Islamic Republic of Iran Broadcasting (IRIB), akka gabaasetti kuusaan boba'aa Teehrani fi kutaa bulchiinsa Alboorzi jiru halkan darbe haleelamuu gabaase.

    Suuronni kunneen haaraa ta'uu mirkaneeffanneerra. Halkan darbe maxxanfaman. AI kan hojjete miti.

    Ganama kana immoo samiin Teehraan aaran uwwifamuu fi abiddi bal'aan buufata boba'aa Shahran irraa laboobaa jiraachuu mirkaneeffanne.

  12. Erga waraanni ka'ee namoonni 2,000 ta'an hospitaala seenaniiru - Israa'el

    Ministeerri Fayyaa Israa'el erga waraanni eegalee namoonni 1,929 ta'an miidhamanii gara hospitaalaa dhufuu dubbate.

    Kanneen keessaa 122 hospitaala akka ciisan taasifamuufi sagal immoo ''haala yaaddessaa'' keessa akka jiran hime.

    Ta'us, kanneen keessaa garuu muraasni ''haleellaa misaa'elaan miti'' jedhe.

  13. Dho'insi Imbasii US Norweey mudate 'haala nageenyaa' walqabachuu mala - Poolisii Noorwey

    Dho'insi Norweey magaalaa Osloo mudate maal akka ture odeessi bal'aan kunooti:

    Poolisiin balaan salphaatu qaqqabe jedhe. Namni madaayes hin jiru.

    Fuulleewwan foddaa harca'anii gara seensa gamoo qooontsilaa cabbii keessatti mul'atu. Lafarratti sararri gugurraachi ni mul'ata.

    Poolisiin Noorweey, battala balaan kun uumametti kan shakkamee to'atames hin turre, eegumsi nageenyaa magaalaa Osloos cimuu Rooytarsitti hime.

    "Haala rakkoo nageenyaa amma jiruun waan akkasii ni mudata, haleellaa ta'e jedhamee Imbasii US irratti qiyyaafame" jedhe dubbii himaan poolisii Firood Laarsan ibsa miidiyaaf kennaniin.

    US dhimma kanarratti hanga ammaa homaa hin jenne.

  14. Dhiiraafi dubartiif kaffaltiin maaliif wal caala?

    Hojii yeroo tokkicha jalqabdee, hojii wal fakkaatu ogummaa wal fakkaatuun hojjettee garuu dhuma ji’aa irratti yeroo jallan waliin hojjettuun gadi argattu yaadimee.

    Kun dhugaa laffarra jiru dubartoota Afrikaa mudatudha. Dubartoonni Afrikaa Bahaa fi Kibbaa hojii wal fakkaatu hojjetanii giddu-galeessaan dhiironni dolaara tokko yoo argatan isaan ammoo saantiima 81 argatu.

    Garaagarummaa galii argatan kana wal qixxeeffachuuf dubartoonni ji’a tokko keessatti guyyaa lamaafi walakkaa dabalataan hojjechuun isaanirra jira.

    Afrikaatti garaagarummaa kaffaltaa dhiiraafi dubartii gidduu jiru biyyarraa biyyatti, akkasumas sektara irraa gara sektaraatti adda addummaa qaba.

  15. Embaasii US Osloo jiru keessatti dhohinsi dhaga’ame

    Ganama har’aa embaasii US Noorway, Osloo jiru keessatti dhohinsi dhaga’amuu poolisiin hime

    Dhohinsa mudate kana hordofee “humni guddaan” akka sa’aatii bakka sanaatti 01:00 ykn (00:00 GMT) irratti gara sanati bobbaafamuu poolisiin dabalee ibseera.

    “Poolisiin embaasicha waliin dubbachaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti miidhaan gabaafame hin jiru,” jedha ibsie bahe.

    “Hanga ammaatti maaltu akka mudateefi eenyutu akka kana keessa jiru ilaalchisuun odeeffannoon bahe hin jiru.”

    Embaasicharra miidhaan xiqqaan gahuu garuu miidiyaan gabaaseera.

  16. Daawwadhaa: Jiraattonni Tehraan kuusaan boba'aa haleelamee yeroo gubatu abidda guddaa waraaban

  17. 'Of eeggadhaa waraanatti hin seeninaa' - UK'tti Amb. Iraan

    Ambaasaaddarri Iraan Landan jiran, Seyed Ali Mousavi, gaaffiif deebii BBC waliin tolchaniin waayee waraanatti hirmaachuu UK'n of eeggachuu qabdi jedhan.

    Seyed Ali Mousavi biyyisaa UK'n kallattiin US fi Israa'elitti dabalamtee yoo Iraan waraante Iraan "mirga ofirraa qolachuu qabdi" jedhan.

    Mootummaan Iraan Mootummaan Biriitishii fi kanneen biroo "baay'ee of eeggannoo godhu" jedhee eegdi jechuun akeekkachiisan.

    UK'n buufata waraanaa ishee akka ittiin of ittistuuf Ameerikaaf heyyamte. Haleellaa garuu hin raawwanne.

    Weerara kana keessatti UK'n hirmaachuu dhabuun gaarii dha kan jedhe Ambaasaaddarri Iraan UK jiru, mootummaan UK weerara Iraaq irratti bara 2003 godhamerraa barateera jedhe.

  18. Amma nu gahe, Hogganaa Olaanaan Iraan filame - Miidiyaa Iraan

    Miseensi Gumii Ogeeyyotaa Iraan Ahmad Alamolhoda, filannoon hogganaa itti aanuu raawwatameera, hogganaanis filameera jedhan.

    Akka inni jedhetti amma wanti hunduu hogganaa Waajjira Barreessaa Gumii Ogeeyyotaa Huseen Busheehrii irraa dhagahama jedhe.

    Huseen Busheehrii murtee kana beeksisuun gaafatamummaa isaa akka ta'e Mehr news agency gabaase.

  19. Hayyoonni amantaa nama Ayaatolaa bakka bu'u murteessuf fiixerra gahan -Gabaasa

    Hayyoonni amantaa nama Ayaatolaa bakka bu'u murteessuf fiixerra gahan jedha miidiyaan Iraan.

    Viidiyoo miidiyaan mootummaa Iraan Mehr news agency, baase akka agarsiisetti dureewwan amantaa olaanoon Yaa'iin Ogeeyyii Iraan nama Ayaatolaa Khameenii bakka bu'u murteessuu jala geesse jedhe.

    Ayaatolaa Alii Kahmeenii sanbat-duraa torban dabre haleella US fi Israa'eliin ajjeefame.

    Yaa'iin Ogeeyyii kun garee dureewwan amantaa 88 of keessaa qabudha. Isaan kunneen uummataan kan filaman yoo ta'an eenyu hoggana olaanaa Iraan akka bakka bu'u warra murteessani.

    Gabaasni madda oduu kanaa Ayatollah Mohammad Mehdi Mirbagheri wabeeffatee akka gabaasetti eenyu akka bakka bu'u murtoorra gahameera. Dhimmoota Adeemsaan wal qabatan furamuu qaban qofatu hafe.

    Yaa'iin dhiyoottuun walgahaha jedhame.

    Waraanni Israa'el immoo nama hogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatolaa Kameenii bakka bu'uuf jiru kamuu nan nan hordofa jechuun akeekkachiise.

  20. Waraanni Israa'el nama Ayaatolaa bakka bu'u kamuu nan hordofa jedha

    Waraanni Israa'el nama hogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatolaa Kameenii bakka bu'uuf jiru kamuu nan nan hordofa jechuun akeekkachiise.

    Waraanni Israa'el ergaa fuula X isaarratti, Afaan Faarsiin barreessen akkana jedhe: Gumiin ogeeyyotaa Iraan waggoota kurnan hedduuf kan wal geessee hin beekne, fuuldura kana magaalaa Qoom keessatti wal gahuuf jira.

    "Harki mootummaa Israa'el nama bakka bu'uu fi nama immoo bakka bu'aa san muuduu barbaadu hordofuu akka itti fufuu isinitti himuu feena.

    "Namoota walgahii bakka bu'aa filachuu kanarratti hirmaachuuf akeeka qaban kamirrattuu xiyyeeffachuuf duubatti akka hin jenne isin akeekkachiisuu feena. Kun akeekkachiisa!"