Iraan doonii boba'aa feetee imalarra turte Ulaa Hoormuzitti haleele jette
Humnoonni Eegumsa Warraaqsa Islaamaa (IRGC) doonii boba'aa feetee Ulaa Hormuuz qaxxaamuruuf turte haleeluu beeksis.
Humnoonni Iraan ibsa Telegiraamii irratti baasaniin, tankariin boba'aa feetee deemaa turte akeekkachiisi si'a heddu kennamuuf illee diduun qaxxaamuruuf yaallaan Ulaa Hormuuz irratti dirooniin haleelamuu ibse.
Itti dabaluunis dooniwwan boba'aafi meeshaalee daldalaa fe'aniifi kan biyyoota diina Iraan ta'anii karaa Ulaa Hormuuz akka hin dabarree dhorkamuufi didanii qaxxaamuruuf yoo yaalan akka haleelaman ibse.
USfi Israa'el haleellaa Iraanirratti banuu hordofee Iraan Ulaa Hormuuz cufuun dooniwwan karaa sana akka hin imalle akeekkachiistee turte.
Ulaan Hormuuz Iraaniin kan to'atamu yoo ta'u, ulaawwan geejjiba galaanarraa murteessoo ta'an keessaa tokkoodha.
Dhiyeessin boba'aa addunyaa dhibbeentaa shan ta'u karaa Ulaa Hormuuz kana darbuun biyyoota garaa garaatti geeffama.
Odeeffannoo dabalataa waa'ee Ulaa Hormuuzifi barbaachisummaa inni addunyaarratti qabuu asii argachuu dandeesse: Ulaan Hormuz Iraan ittiin addunyaa doorsiftu maali? Eessatti argama?