Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Marsaa ja'an Israa'el Libaanosiin weerartetti wantoota raawwataman
Guyyaan dhumaa loltoonni Israa'el kibba Libaanos keessaa itti bahuu qaban Guraandhala 18 ta'ee murtaa'eera. Kun ammoo waliigaltee dhukaasa lola ji'oota 16 ol ture dhaabsisuuf sadarkaa idil-addunyaatti kan irratti hojjetamaa turedha.
Akka waliigaltee kanaatti, Israa'el loltootashee hunda daangaa Libaanos keessaa akka baastu kan eegamu yoo ta'u, milishoonni Shi'aa Hezboollaa Libaanos ammoo loltootasaa hundaafi meeshaa waraanaa naannoo kibbaa laga Litaaniirraa akka maqsuu qabu jedha.
Yeroo wal fakkaatutti ammoo, waliigalteen kun loltoonni Libaanos kumaan lakkaa'aman gara bakka sanaatti akka bobbaafaman waliigalameera.
Akka aanga'oonni Libaanos jedhanitti haleellaan ture warra sivilii ta'an dabalatee namoota 4,000 ta'an ajjeesee, kanneen miliyoona 1.2 ol ta'an ammoo akka qe'ee isaaniirraa baqatan godheera.
Aanga'oonni Israa'el yoo xiqqaate loltoonnisaanii 80 (akkasumas warra sivilii ta'an 47) ajjeefamanii, namoonni 60,000 ta'an ammoo Israa'el keessaa buqqa'aniiru jedhu.
Walitti bu'insi dhiyeenya kanaa lola Israa'eliifi Hezboollaa keessatti waggoota kurnaniif deemaa jiru isa guddaa yoo ta'u, Israa'el Libaanosiin yeroo weerartu kun isa jalqabaa miti.
Israa'el baroota darban keessa yoo xiqqaate marsaa shaniif oppereeshinii waraanaa guddaa daangaa biyyashee gama kaabaa kana keessatti gaggeessiteetti.
1978: Opereeshinii Litaanii (Libaanos keessatti akka weerara Israa'el Jalqabaatti)
Gaafa Bitootessa 14, Israa'el loltoota Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) Libaanos keessa buufatan daangaarraa dhiibuudhaaf oppereeshinii bante.
Kun ammoo haleellaa riphe loltoonni galaanarraan gaggeessanii yoo xiqqaate namoota nagaa kaaba Israa'elitti ajjeesuu hordofeeti.
PLOn bara 1970 keessa Yordaanos keessaa ari'amuu hordofee guutummaatti Libaanos keessa buufata ture.
Israa'el kaabaan hanga laga Litaaniitti dhiibdeetti, garuu humna PLO kan osoo Israa'el hin qaqqabiin dursee bahe rukkutuu hin dandeenye ture.
POLn torban lama booda dhukaasa dhaabuu labsinaan, Israa'el ammoo buruma sana gara boodaa achi keessaa baate. Haata'u malee, Israa'el ofiin baatus milishoota Kiristaana ta'an, Raayyaa Kibba Libaanos deeggarti ture.
Yeroo sanatti Oppereeshiniin Litaanii Waxabajji keessa kan xumurame yoo ta'u, lammileen Libaanosiifi Filisxeem 1,1000 ol du'aniiru jedhamee amanama.
Humni Yeroo UN nagaa eeguuf ijaarame (Unifil) daangaa gama lamaaniin jiru (Biluu Laayin) jedhamuun beekamu Mana-maree Nageenyaa UN jalatti bobbaafame.
Erga bara 1978, loltoota bobbaafaman keessaa kan 300 ol ta'an biyyoota gara garaarraa walitti babba'anii bobbaafaman osoo dirqamarra jiranii ajjeefamaniiru. Kun ammoo ergama nagaa eegisisuu UN keessatti isa hunda caalaa hamaa akka jedhamullee taasiseera.
1982: Oppereeshinii Nageenya Galiilaaf (Weeraramuu Libaanos Lamaffaa?
Oppereeshiniin Litaanii walitti bu'insa PLO fi Israa'el gidduutti adeemsifamu dhaabsisuu hin dandeenye.
Erga ambaasaaddarri Israa'el London keessatti Waxabajji 3,1982 nama Filisxeem tokkoon itti dhukaafamee madaa'een booda, humnoonni Israa'el qajeelfama Ministira Ittisaa yeroo sanaa Ariyaal Shaaroniin oppereeshinii cimaa loltoota kumaatamaafi konkolaatwwaan dhibbootaan lakkaa'aman hammate baname.
Haleellaan kun Waxabajji 6 jalqabe. Yeroo sanatti humnoonni Israa'el guyyoota keessatti qarqara magaalaa guddoo biyyattii qaqabuun bakka Musliimonni itti heddumaatan Beerut Lixaa haleeluu danda'anirra gahan.
Marsaa ji'a lamaa ol tureen booda, loltoonni Filisxeem kumaan lakkaa'aman karaa galaanaan miliqfamaniiru.
Akkuma kana humnoonni Israa'el loltoota Sooriyaa gama baha biyyattiin jirus lolaa kan ture yoo ta'u, xiyyaarotasaaniiis barbadeessaniiru. Kun ammoo lola jeettiiwwan waraanaatiin gaggeeffame yeroo kamirrayyu cimaa jedhameera.
Lakkoofsichi falmisiisaa ta'ullee, aanga'oonni Libaanos akka tilmaamanitti, lolli kun lammilee Libaanos, Filisxeemotaafi Sooriyaa nagaafi qodaalota waraanaa 19,000 ta'an ajjeefamaniiru.
Raayyaan Israa'el ammoo Waxabajjii hanga Fulbaana 1982tti loltoota 376 dhabuu himeera.
Haata'u malee, kun ajjeechaa kanaaf isa dhumaa hin taane.
Erga pirezidantiin haaraa Kiristaana ta'e filatame haleellaa boombii makiinaarratti Fulbaana 14 gaggeeffameen ajjeefamee booda, loltoonni Israa'el milishoonni Kiristaanaa akkaa kaampii baqattootaa Filisxeem Saabaa fi Shaatilaa seenuun namoota nagaa akka fixaniif hayyaman.
Tarkaanfii kanaan ammoo namoonni nagaa 700 hanga 3,500tti tilmaaman ajjeefamaniiru.
Waggaa itti aanu loltoonni Israa'el giddu-galeessa Libaanos keessaa bahan. Itti aansuun bara 1985 "zoonii nageenyaa" daangaarraa kiiloomeetira 19 fagaatutti deebiyan. Haata'u malee, Libaanosiin waggoota 18 guutummaatti gadhiisanii hin baane.
Sirriitti hidhatee Iraaniin deeggarsa maallaqaa argachaa, Hezboollaan lafa Libaanos keessaa loltoota biyya ormaa kanneen akka lolaniif uumaman.
1993: Oppereeshinii Itti-gaafatamummaa Waraana Guyyaa Torbaa)
The IDF said that two Israeli civilians and one soldier were killed.
Adoolessa 25 irraa kaasee torban tokkoof wiirtuuwwan Hezboollaa irratti xiyyeeffatamee haleelame. Israa'el akka jettetti, tarkaanfiin fudhatte kun deebii haleellaa rookkeettii Libaanos keessaa bakka qabatanii jiraniifi Israa'el kaabaatti dhukaafameef deebii kennuudha.
Oppereeshiniin kun ammoo [Hezboollaan] Libaanos kibbaa akka buufata isaa godhatee gocha "shororkeessaa" hin raawwanne gochuuf kan yaadamedha jedhama.
Hezboollaan rookkettiin isaan dhukaasan deebii haleellaa qilleensaa helekooptaraan isaan dura gaggeeffamee tureef deebii kennuu akka ta'e dubbatee ture.
Humnoonni Ittisaa Israa'el (IDF) yeroo haleellaa kana gaggeessetti boombii kumaan lakkaa'aman kan dhukaase yoo ta'u, loltoota diinaa ("shororkeessitoota") 50 ajjeesuus himeera.
Haata'u malee, gamoowwan kumootaan lakkaa'aman kan barbadaa'an yoo ta'u, UN akka tilmaamutti namoonni 130 ajjeefamanii 300,000 buqqa'amaniiru.
IDF ammoo lammileen nagaa Israa'eliifi loltuun tokko ajjeefamaniiru jedha
1996: Oppereeshinii Wayinii Dheekkamsa (Weerara Eblaa)
Duulli itti aanu IDF lamaffaa Libaanos keessatti gaggeesse bifa wal fakkkaatu kan hordofe ture garuu kan duraan ture dachaa kan dheeratedha.
Ammas, walitti bu'insi Ebla keessa dhalates erga rokkeettiiwwan gara Israa'elitti dhukaafameen booda yoo ta'u, ammas Israa'el haleellaa boombii akka UN jedhutti namoota 200 caalan kanneen irra guddaan isaanii siviloota ta'an ajjeeseen deebii kennite.
Yeroo IDF wiirtuu UN Qaanaa jiru bakka namoonni nagaa itti dahatan haleeletti 100 ol ajjeefamaniiru.
IDF akka jedhetti, tooftaan isaa "siviloonni (namoonni nagaa) akka kaabatti gara Beerutitti siqan gochuuf gandoota Shi'aa kibba Libaanos keessa jiran haleeluudha.
Kana gochuun ammoo mootummoonni Sooriyaafi Libaanos tarkaanfiiwwan Hezboollaah akka qabatamaan lolan dhiibbaa taasisuudha.
Akka UN jedhutti Hezboollaan rokkeettiiwwan dhibbaan lakkaa'aman Israa'elitti dhukaasuun namoota nagaa 55 madeesseera.
Lammileen nagaa Libaanos fi Israa'el kuma hedduun lakkaa'aman buqqa'aniiru.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Ebla 27 gaggeeffame waraana marsaa kana ture dhaabeera.
2006: Waraana Libaanos Lammaffaa (Waraana Libaanos 2006)
Adoolessa 12 loltoonni Israa'el lama Hezboollaatiin qabamuu hordofee, humnoonni Israa'el Libaanos kibbaafi Beerutiin qilleensarraan, lafaafi galaanarraan ji'a tokkoo oliif haleelan.
Haleellaawwan kunneen ammoo wiirtuuwwan Hezboollaah fi dirree xiyyaaraa idil-addunyaa Beerut dabalatee bu'uuraaleen misoomaa namoota nagaa rukkutaniiru.
Weerarri lafoon gaggeeffame marsaa kanatti akka isa duraan yaalamaa turee dhiibee Libaanos keessa seenuu hin dandeenye. Kanaaf, Hezboollaan akka waraana kanaan injifannoo argateetti leellisaa tureera.
Hagayya 14 dhukaasa dhaabuun jaarsummaa UNtiin gaggeeffame hojiitti hiikame. Akka waliigaltee UN kanaatti, naga eegdota UNifil fi loltoota raayyaa Libaanos qofatu kibba laga Litaanii akka buufatan ta'a. Haata'u malee, kun hojiitti hin hiikamiin hafe.
Harki caalu namoota nagaa kan ta'an lammileen Libaanos 1,125 ta'an walitti bu'insa guyyoota 34 ture kanaan yoo ajjeefaman, loltoonni 119 fi namoonni nagaa 45 Israa'el ta'an ajjeefamaniiru
2023 -
Onkoloolessa 7 michuu Hezboollaah kan ta'e Hamaas Israa'el kibbaatti haleellaa banuu namoota ajjeesee kaan butee fudhate.
Kana hordofee Hezboollaan ammoo Filisxeemota Gaazaa keessa jiraniif deeggarsa qabu agarsiisuuf daangaa falmisiisaa ta'e bakka Israa'el qabattee jirtu rookkeettiiwwan dhukaase.
Onkoloolessa 9, Hezboollaanis Israa'el kaabaarratti xiyyeeffachuu jalqabe.
UNtti ambaasaaddarri Israa'el Fulbaana 22 akka jedhetti, haleellaa Onkoloolessa 7 irraa kaasee Hezboollaan walumaagalatti rookkeettiiwwan 8,000 ol Israa'el kaabaafi Gaarreen Golaan Israa'el qabattee jirtutti dhukaaseera.
Hezboollaa waggoota 32f kan hogganan Hasan Nasrallaah, Fulbaana 27 haleellaa qilleensarraan ajjeefame.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu jiraatullee, Israa'el Libaanos keessatti Hezboollaarratti xiyyeeffattee haleeluu itti fufteetti. Israa'el oppereeshinii kana garee kanarratti gaggeessaa kan jirtuuf akka hin deebiyee hin hidhanne gochuudhaaf jetti.
Seenaa akkanaaf BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.