Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hogganaa Olaanaa Iraan: Waraana, aangoofi qabsoo itti aanu
- Barreessaa, Amir Azimii
- Gahee, BBC News Afaan Pershiyaa
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5
Televijiin mootummaa Iraan gaafa Dilbataa galgalaa sagantaa isaa adda kutee waan haaraa miira makate ummataaf labse.
Namni oduu dhiheessu ilmi Hogganaa Olaanaa duraanii Iraan Alii Kaameenii, Mojtaabaa Kaameenii, Hogganaa Olaanaa Iraan ta'un filamuu mirkaneesse.
Oduun kuni abbaan isaanii waraana waloo US fi Israa'eliin ajjeefamee torban tokkoofi guyyaa tokko booda dhagahame.
Ajjeechaan Alii Kaamenii bulchiinsa Rippablika Islaamaa Iraan erga warraaqsa bara 1979 aangootti bahee rifaatuu guddaa uume.
Filannoon hogganaa olaanaa Iraan dhoksaan taasifame.
Murtee kana kan murteessu Gumii Ogeeyyii miseensota 88 of keessaa qabuufi gaheeen isaan heeraan kennameefi bulchiinsa hooggansa Rippablika Islaamaa hordofuudha.
Hojiin isaanii biroo yoo hooggansi hanqateemmoo bakka buusuudha.
Yeroodhuma nagaayyuu adeemsi hooggana filachuu ifa miti, yeroo waraana keessaafi biyyi rakkoo keessa jirtummoo haalichi ittuu ni cima.
Duuba turan
Waa'eee Mojtaabaa Kaamenii wanti ifatti beekamu baay'ee xiqqaadha. Amma umriin isaanii 56 dha. Namni kuni seenaa biyyattii keessatti itti gaafatama fudhatee hin beeku.
Magaalaa Qom kan amantaa Islaamaa Shiyaa keessatti akka magaalaa qulqulluutti ilaalamtu keessatti amantaa qorataniiru.
Waggoota muraasaaf manneen amantaa keessa barsiiseera. Adeemsa kana yoo itti fufe hogganaa amantaa ta'un hanga sadarkaa ayaatolaa (hayyuu Islaamaa Shiyaa) ta'u ni gaha jechuudha.
Hojiin amantii barsiisuu kuni garuu waggaa dura murtee isaan adda cituutu gabaafame, sababi hin beekamu.
Haa ta'u malee, wanti bal'inaan haasa'ame fuula duratti itti gaafatamaa fudhachuuf akka qophaa'aa jirutti akka fudhatamuu abbaan hin jaalanne.
Ali Kaameniin walumaagalatti ilmi isaa ifatti siyaasa yookiin hojii mootummaa keessa akka qooda fudhatu hin feene.
Sababnimmoo bulchiinsa Iraan dur aangoon abbaarraa dhalatti darbu sana ni jibbu waan ta'eefi.
Iraan warraaqsa Islaamaa bara 1979'n ture mootummaa gonfoo Pahlavii aangoorraa kan buqqaafte.
Haa ta'u malee, Mojtaabaan duubaan jaarmiyaa cimaa tika, waraana, biznasiifi dhimma siyaasaa biyyattii keessatti dhiibbaa guddaa kan qabu waajjira hogganaa Ayaatolaa keessatti qooda akka qabaataa turan yaadama.
Xinxaltoonni muraasni akka jedhanitti siyaasa Iraan irratti dhiibbaa guddaa uumeera.
Siyaasa Iraan keessatti qooda fudhachuu isaaf ragaan tokko yeroo filannoo pirezidantii 2005 fi Maahmud Ahimadinejaad akka ol bahan keessatti qooda bahuutu himama.
Namoonni siyaasa Iraan keessa jiran deeggarsa Mojtaabaan yeroos Ahimadinejaad akka deeggarsa argatan taasisuu dubbatu, keessumaa deeggarsa namoota caasaa amantaa dubbii cimsaniifi waraanatti dhiheenya jiranirraa akka argatan.
Ahimaddinajaad filannoo bara 2009 irratti irra deebiin mo'achuun isaanii yeroo ibsame hoggantoonni paartii mormituu cimsanii mormanii turan.
Kanneen mormiif daandii gubbaa bahan irratti tarkaanfiitu fudhatame.
Hogganaa mormituu yeroos morman keessaa tokko kan ta'e Mir-Hoseen Musaavi eegasiii waggoota kudha jahaaf hanga yoonaa hidhaa mana keessaa keessa jira.
Caasaa nama tokko jala ijaarame
Akkatti Mojtaabaan ol bahe hubachuun rakkisaa hin ta'u.
Iraan biyya keessa mormii ummataan raafamaa erga turte booda ammammoo Ameerikaafi Israa'el waliin lola keessa jirti.
Waggoota afurtama darbeef Rippabliki Islaamaa Iraan ejjennoo ifaa tokkoon sosso'e: caasaa gadiitti qaamolee siyaasaafi jaarmiyaalee gidduu morkiin jiraachuu danda'a, murteen dhumaa garuu yeroo hundaa harka hogganaa olaanaa jala jira.
Alii Kaameniin erga ajjeefaman booda wanti mul'ate biyyattiin hangamuu caasaa kanarratti akka hirkattedha.
Hogganni gubbaa osoo hin jiraatin qaamni murteessu dhibe, caasaa siyaasaa keessattis shakkiin uumame.
Mojtaabaa dafanii muuduun bulchiinsi aangoo qabate ergaa ifaa tokko wanti jijjiirame hin jiru jedhu dabarsuu yaade.
Haa ta'u malee, fudhatama horachuufi hoggansa muuduu labsuun walii lamadha.
Amantee horuu
Erga Mojtaabaan muudamuun isaanii labsamee booda caasaa biyyattii keessa dhiibbaan cimeera.
Jaarmiyaaleen siyaasaafi waraanaa biyyattii keessa jiran hogganaa haaraaf akka amanamummaa qaban ibsuu eegalan.
Egdonni Warraaqsa Islaamummaa Iraan (IRGC) kaan caalaa guddisee dubbatani.
Hoggantoonni olaanoo caasaa kanaa hogganaa haaraaf bitamuu qofa osoo hin taane Mojtaabaatiin ''itti aanaa Imaama dhokate'' isa haaroticha jechuun jajan.
Dubbiin kuni siyaasa Shiyaa keessatti cimaadha.
Haaluma wal fakkaatuun kanneen mormii bahuu barbaadan kamuufu akeekkachiisi ergameera.
Tarkaanfiiwwan akkanaa caasaa mootummaa olaanoo keessa tokkummaan akka jiru ibsuuf akeekame.
Waan biraa akeekuu yaadanis qabu. Yoo amanteen bulchiinsa haaraa cimee lafa hin qabanne, aangoo dabarsuun morkattootaaf yookiin qeeqxota jijjirama fedhaniif karra banuu mala.
Hoggansi kana hambisuuf cimee hojjetaa jira.
Gaaffii ka'aa jiru
Hoggansi haaraa filame dafee deeggarsa horatuus, fudhatamummaa hogganaa haaraa irratti gaaffiin jabaa ka'eera.
Dureewwan amantaa kanaan dura turan faallaatti Mojtaabaan akka ayaatolaa hogganoota amantaa biratti baay'ee hin beekamu.
Hanqina sana guutuuf fakkaata miidiyaan mootummaa dafee itti gaafatama halkan tokkoon tolfame fakkaatuun ''Ayaatolaa Mojtaabaa Kaamenii'' jedhee kan waame.
Abbaa isaas bara 1989 qormaanni wal fakkaataa mudateera. Garuu kan yeroosiifi kuni gargaridha.
Yeroos Ali Kaameniin waggaa kudhan ta'uf pirezidantii ture akkasumas siyaasa keessatti michuuwwan cimoo horatanii turan.
Mojtabaan garuu faallaa kanaan gara caalu fuula ummataa jalaa dhokatanii turan.
Ajajoonni ijoo, kan tikaafi siyaasaa Iraan michuu Ali Kaamenii turan waraana duraaniin yookiin waraana booda kanaan ajjeefamaniiru.
Haleellaa US - Israa'el tibbanaan Ali Kaamenii ala, haati warraa isaaniis ajjeefamaniiru. Haati warraa Mojtaabaas ajjeefamaniiru.
Inumaa guyyoota baay'eef Mojtaabaan mataan isaanii akka ajjeefamanitti amanamee ture.
Qormaata gara fulduraa
Tarsiimoo bal'aa Iraan tolchuu dura hogganaan haaraa Iraan caasaa aangoo wal xaxaa Rippablika Islaamaa Iraan keessatti of ijaaruu qabu.
Kana jechuun waggootaaf bakka dhokatanirraa as bahuun ajajoota waraanaa booda kana muudaman, gartuu siyaasaa morkataniifi dureewwan amantaa isaan hin simanneerratti olaantummaa agarsiisuu qabu.
Haaluma wal fakkaatuun waa'ee waraana biyyoota waraanaan cimaa ta'an, US fi Israa'el waliin adeemaa jiruurratti murtee kennuu qabu.
Biyyoonni kuni Mojtaabaa irratti qiyyaafachuun akka haleelan akeekkachiisaniiru.
Ummata bal'aa keessatti haalli jirummoo kana caalaa mirkana ta'anii dubbachuun nama dhiba.
Namoonni mormii ummataan Iraan keessatti hirmaatan Ali Kaameniin ajjeefamuun isaanii xurree siyaasaa haaraa bana jedhanii abdatanii turan.
Amma garuu Kaamenii biraatu itti dhufe - dargaggeessa, kan kaka'umsa qabu garuu caasaa nageenyaa bulchiinsa abbaasaa utube waliin hariiroo jabaa kan qabu.
Ammaaf yeroo rakkisaa keessatti Rippabliki Islaamaa hunduu nagaa ta'u mul'isuu barbaada.
Ilaalcha kana Mojtaabaan hiree waraana amma adeemaa jiru yookiin fuulduree biyyattii keessatti hojiitti hiikaan waan si'achi mul'atuuf jirudha.