Saatalaayitii basaasaa haaraa addunyaarratti dandeettii addaa qabdu Israa'el furguggifte maali?

Israa'el saatalaayitii basaasaa haaraa gara hawaatti furguggiftee milkaa'uu ishee kan himte yoo ta'u, tarkaanfiin kun dandeettii hordoffii Baha Giddugaleessaa keessatti qabdu haalaan guddisa.

Saatalayittiin hordoffii raadara basaasaa irratti hundaa'e kan qophaa'e yoo ta'u, sochii waligalaa guutuu Baha Giddu Galeessaa keessaa hundaa halkanii fi guyyaa odeeffannoo walitti qabuun dhiyeessa

Akka qondaaltonni Israa'el jedhanitti, saatalaayitiin kun halkanii fi guyyaa wantoota xixiqqaa hanga 50 cm xiqqaa ta'an dabalatee suuraa kaasuu dandeessi

Ministirri Ittisaa Israa'el Israa'el Katz akka jedhanitti, saatalaayitiin maqaa "Horizon 19" jedhamuun moggaafame kun furguggifamuun isaa ergaa inni kallattiin qabu "diina yeroo hundumaa fi haala hunda keessatti ilaalaa akka jirruudha" jedhan.

Katz milkaa'ian kana ''bu'aa sadarkaa olaanaa'' kan addunyaa kanarra biyyootni muraasni qofti galmaan gahuu danda'an jechuun ibsaniiru.

Saatalaayitiin haaraan kun furguggifamuun ishee waraana Israa'elii fi Iraan gidduutti guyyoota 12f ture kan Israa'el dhaabbilee waraanaa fi niwukilaraa Iraan akkasumas naannoo mana jireenyaaqondaaltotaa haleelte ji'a lama boodadha.

Hogganaan Kutaa Qorannoo fi Misooma Ministeera Ittisaa Daani'eel Goold akka jedhanitti haleellaa Iraan irratti raawwatame basaasuuf suuraawwan saatalaayitii kuma 12 ol fayyadamaniiru.

Daarektarri Olaanaa Ministeera Ittisaa Israa'el Meejar Jeneraal Amiir Baram akka jedhanitti, Horizon 19 qaama karoora biyyoolessaa bal'aa Israa'el "qabxii hunda naannoo Baha Giddu Galeessaa keessatti hordoffii dhaabbataa fi yeroo tokkotti" galmaan ga'uuf qopheesseedha.

Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun yeroo ammaa biyyi isaanii waraana ''fuuldura torba'' jedhee waamu irratti bobba'aa jirti jedhan; akkasumas erga waraanni Gaazaa jalqabee ji'oota 23 keessatti Israa'el lola guyyoota 12f Iraan irratti geggeessite malees Libaanos, Sooriyaa, Yaman fi Iraaq keessatti haleellaa raawwatteetti.

Hojii gaggeessaan olaanaa IAI, kan pirojektii kana irratti Ministeera Ittisaa waliin tumse, Bohaz Levi, waraanni dhiheenya kana Iraan waliin taasifame "naannoo keenya keessatti (waan ta'aa jiru) dursanii ilaaluu qabaachuun qilleensaa fi lafa irratti milkaa'ina argachuuf barbaachisaa ta'uu isaa ifatti agarsiiseera" jedhan.

Saatalaayitiin Horizon 19 suuraa ka'uuf teknooloojii raadaraa irratti kan hirkattu yoo ta'u, kunis haala qilleensaa osoo hin ilaalin halkanii fi guyyaa hojjechuuf dandeettii isheef kenna. Akka Obbo Leeviin jedhanitti, satalaayittiin suuraa wantoota 50cm gadi ta'an kaasuun ni dandeessi

Israa'el bara 1988 saatalaayitii ishee jalqabaa "Horizon" jedhamuun beekamtu gara orbiitii Dacheetti erga furguggiftee booda ifatti tarree humnoota hawaa kanaatti makamte.