Michoonni Iraan Chaayinaa fi Raashiyaan maaliif waraanaan Iraan hin tumsine?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Ameerikaa fi Israa'el biyyootni humna waraanaa fi ittisaa cimaa qabaan wal ta'uun Erga Iraan haleeluu eegalanii guyyootni hedduun lakkaa'amaniiru.

Biyyootni baha giddu galeessas kallattiin waraanicha keessatti hirmaachuu baatanis haleellaa misaa'elaa fi dirooni Iraan irraa gara isaanitti dhukaafamu qolachuun hirmaataa jiru.

UK'n Ameerikaa fi Israa'el haleellaa Iraan irratti geggeessaaniif buufataalee qilleensaa ishee akka fayyadaman hayyamte. Biyyootni Awurooppaa biroo heddus Iraan haleeluuf doorsisaa jiru.

Garuu Iraan hanga yoonaa qofaa ishee lolataa jirti. Michootni Iraan jajjabaoon Raashiyaa fi Chaayinaan maaf callisan?

Maaliif Iraanif tumsuurraa duubatti jedhanii?

Raashiyaa fi Chaayinaan lamaan isaanii iyyuu Rippabiliika Islaamaa Iraan waliin hariiroo cimaa kan qaban yoo ta'u, hanaga yoonaa lamaan isaanii iyyuu Iraan deeggaruuf waraanaan gidduu seenuuf fedhii hin agarsiifne.

Haa ta'uu malee haleellaa Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti raawwataa jirtus ta'ee ajjeechaa hoggantoota Iraan irratti taasifame balaaleffataniiru.

Gabaasaaleen tokko tokko akka agarsiisanitti Raashiyaan bakka loltootni Ameerikaa itti argaman Iraanif odeeffannoo basaasaa kennuun gargaartetti jedhu.

Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadimir Putin hogganaa haaraa Iraan filataman Mojtabaa Kameniif ergaa baga gammaddee dabarsuun achumaanis deeggarsi Mooskoon Tehraaniif gootu akka itti fufu eeraniiru.

Miidiyaaleen Ameerikaa akka - Washington Post, New York Times, fi Associated Press qondaalota biyyattii wabeeffachuun Raashiyaan tajaajila adda addaa Iraaniif kennaa jiraachuu gabaasan.

Akka gabaasa miidiyaalee kunneeniitti Moskoon tajaajila tikaa fi odeeffannoo wiirtuuwwan humna waraanaa fi loltoota US Baha Giddugaleessaa keessa jiran haleeluuf gargaaruun Iraan tumsaa turteetti.

Raashiyaan garuu Iraan tumsaa jiraachuu ifatti hin dubbanne

Kan jechuun Raashiyaan ifatti Iraan tumsuu caalaa harkaa lafa jalaan deeggaruun tarkaanfii gara waldhabdee ykn waraanatti ishee geessu kamiyyuu irraa of qusachaa jirti.

Raashiyaan wayita Yukireen waliin wal loltu michoota dhiyoo Moskoo keessaa tokko Iraan yoo taatu diroonii dhiyeessuu fi qoqqobbii biyyoota dhihaatin akka hin miidhamneef ishee gargaaraa turte.

Moskoo fi Tehran odeeffannoo waliif qooduuf, shaakala waloo gaggeessuuf, akkasumas nageenya naannoo waliin eeguuf yeroo adda addatti waligaltee qabu.

Haa ta'uu malee haleellaan yoo biyya tokko irratti raawwate waliin irratti duullaa kan jedhu waligaltee qabaachuu isaanii waanti ifatti beeksisan hin jiru.

Lamaan isaanii dhiheenya kana Ameerikaa fi Israa'el Iraan haleelu dura galaana Hindii keessatti shaakala waraanaa waloo gaggeessaniiru.

Biyyootni lamaan waligaltee daldala meeshaa waraanaa qabu. Akka gaazexaan Faayinaanshiyaal Taayims jedhutti bara darbe keessa qofa Raashiyaan Iraaniif sirna ittisa gara Yuuroo miiliyoona 500tti tilmaamamu waliin taasisniiru.

Waliigalteen kun jettiwwaan waraanaa fi meeshalee misaa'ela qolatan waliif dhiyeessu dabalateeti.

Kanaaf Raashiyaa fi Iraan michoota tarsiimoo malee michuu waraanaa miti. Kanaf yeroo waraanni kun jalqabu, Moskoo waliigaltee wal-irraa ittisuu waan hin qabneef deebii waraanaa kennuudhaaf dirqama hin qabdu jechuudha.

Akka xinxaltootni dhimma kanaa jedhan Raashiyaan Iraan deeggaruuf tarkaanfii waraanaa kallattiin fudhachuutti yoo galte balaan mudatu garmalee ol'aanaa ta'a.

Michuu jabduun Iraan biraa Chaayinaadha. Iimaammatni Chaayinaa seenaa keessatti yeroo dheeraaf beekamu tarkaanfii waraana caalaa gama dippilomaasiitiin rakkoo furuudha.

Bara 2021 Chaayinaa fi Iraan waliigaltee tumsa waggoota 25 kan qabaniifi michuu tarsimawaa ta'amis hanga faayidaan biyyaalessa ishee hin xuqamnetti Chaayinaan waraana keessa seenuu fedhii hin qabdu.

Kanaaf wayita Ameerikaa michoota ishee akka Veenzulaa, Iraan fi biyyoota biroollee yoo haleelte Chaayinaan Ameerikaa waliin waraana keessa seenuu hin feetu.

Tarii Chaayinaan Ameerikaa waliin waranatti seenuu kan dandeessu dhimma Taayiwaan kan kallattiin faayidaa biyyaleessaa ishee wal qabataniin qofa irratti akka ta'e xinxaltootni kan himan.

Iraan Ameerikaa fi Israa'el haaloo ba'uuf boba'aan baha giddu galeessarraa liitirri tokkollee akka hin dabarre ulaa Harmooz cufuun dooniwwaan achiin darbuuf yaalaan irratti haleellaa fudhatti.

Boba'aa kanarraa fayyadamtuu kan taatee Chaayinaan ulaan Harmooz cufamuun kallattiin faayidaa fi dinagdee Chaayinaa irratti balaa kan geessisuudha.

Akka gabaasaaleen tokko tokko jedhanitti, oomisha boba'aa Iraan keessaa hangi harka 90 gara Chaayinaatti kan ergamu yoo ta'u warshaaleen Chaayinaa irra jireessi dheyeessii kana irratti hirkatu

Warshaaleen Chaayinaa hedduun Jikita boba'aa baha giddu galeessarraa bituun qulqulleessuun gabaa addunyaaf dhiyeessu ykn itti fayyadamu.

Kanaaf waranni kun Michuu ishee miidhuu qofa utuu hin taane amma kallattiin faayidaa biyyaalessaa isherratti waraanaa dhufe ta'eera.

Kanaaf waraana dinagdee ishee miidhu kana harka marattee teesse ilaaluu hin feetu.

Haa ta'uu malee gara tarkaanfii waranatti seenuu caalaa jaarsummaan dubbii xumurtee faayidaa ishee eegsifachuu barbaaddi.

Kanaaf Iraaniif Chaayinaan biyyoota michuu walii qofaa utuu hin taane maamila boba'aa ishee guddaadha.

Waraanichi kana caalaa dinagdee ishee utuu hin hubin akkasumas jeequmsi guddaa gatii boba'aa addunyaa daran ol kaasu hin ta'in waraanni kun akka dhaabbatuuf tarkaanfii karaa nagaa kamuu ni fudhatti.

Kanaaf biyyoota Baha Giddu galeessaa akka Saawud Araabiyaa waliin waraana kana jaarsummaa xumuruuf yaalaa jirti.

Waggootaaf Ameerikaan Iraan irra qoqqobbii cimaa wayita keessu Beejiingi deeggartuu dinagdee Tehran ta'uu boba'aa hedduun gatii salphaan irraa bitatti.

Fakkeenyaf bara 2025 Chaayinaan boba'aa Iraan alatti ergitu keessaa harka 80 ol bitterti. Kun ammoo Iraan humna waraana ishee akka cimsattu ishee gargaarera.

Kanaaf biyyootni michuu Iraan jajjaboon lamaanu sababa kanaaf Iraan daran haleelamtuyyuu dhiibbaa dippiloomasiif gara araaratti dhiiburraan kan hafe waraanaan gidduu seenuuf fedhii hin qaban.

Carraan isaa baayyee xiqqoo ta'us tarii biyyoota jajjabaoo kana keessaa tokko waraanatti seenuun balaan isaa hammataa fi gara waraana addunyaa barsaa biraattiakka guddatu taasisuu danda'a.