Tarsiimoon Iraan damdamachuu fi sodaatamuu fakkaata - balaas ni qaba

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Ejjennoon waraana Iraan waraana US fi Israa'eliin walitti jiran keessatti fuullee lolanii injifannoo argachuu hin fakkaatu. Of baraaruuf loluu dha. Karaa of yaaddun of baraaruu.

Hoggantoonni fi ajajoonni Eegdota Warraaqsaa Islaamummaa rippaablika Iraan kana waggootaaf itti qophaa'aa turan.

Abjuun isaan Baha Jiddu-galeessaatti qaban deemee deemee kallattiin Israa'elii ykn Ameerikaadhaan akka walitti isaan buusu ni beeku. Lolli tokkoo waliin qaban isa kaan waliinis akka wal isaan lolchiisa.

Waraanni guyyoota 12 bara darbee sun kana mirkaneessee ture. Isras'rltu haleellaa eegale, booda US itti dabalamte bara darbe.

Miilanas wal duraa duuban Iraan irratti haleellaa banan.

Olaantummaa teknolojii, tikaa, meeshaa waraanaa US fi Israa'el qaban yoo fudhanne istraatejistoonni lolaa Iraan injifannoo dirree lolaatti argachuuf jedhanii karoorsuun gowwummaa dha.

Kanarra, Iraan tarsiimoo sodaatamuu fi jala dhaabbatanii damdamachuu qopheessuu hin oolan. Dandeettii misaayelota baalestikii sadarkaa garaagaraa, dirooniiwwan fageenya dheeraa fi networkii hidhattoootaa Baha Jiddugaleessaatti waggoota kurnanoota darbaniif ijaaraa turaniiru.

Kunis hanqina matasaa qaba: Dachiin Ameerikaa isaanirraa fagoodha, garuu buufataaleen waraanaa Ameerikaa dhiyoo jiru. Biyyoota Arabaa keessa.

Israa'el fageenya misaayeloonni fi dirooniiwwan isaanii dhaqqabanitti argamti.

Waraana tibbanaa fi bara darbeetiin rukutuu akka danda'an mirkaneeffatan.

Haleellaan tokkoon tokkoon taasifamu waraana lolaa qofa miti waraana qorqalbiitisi.

Herregni waraanaa Iraan diinagdee waraanaati.

Teknolojiiwwan ittisa qilleensaa US fi Israa'el misaayelootaa fi diroonota Iraan darbattu caalaa baay'ee qaalii dha.

Waraanni dheerate US fi Israa'el ittisa qilleensaatti baay'ee akka baasan godha. Kun Iraaniif baasiin isaa rakasa kan isaan baasanirra.

Boba'aan carraa diinagdee waraanaa biraati.

Ulaan Hormuuz ulaa murteessaa dooniin zayitaa fi gaazii addunyaati.

Iraan ulaa kana guutuusaa cufuu hin feetu. Garuu xiqquma danquun gatii boba'aa olkaasuun mul'ataa jira. Kun kanaan itti fufnan muddama dhalatu salphisuuf dhiibbaan addunyaa jabaachaa deema.

Kana jechuun muddamni tooftaa Iraan masaanuuwwan ishee itti injifattu ta'a jechuu dha. Kunis kisaara waraana kanaa dabalaatuma deema.

Iraan olloota ishee haleeluuttis seente.

Misaayelootaa fi dirooniiwwaniin biyyoota akka Kaataar, UAE, Kuweet, Omaanii fi Iraaq haleeluun ishee buufata waraanaa US'f biyya ofii keessatti qubsuma kennuun balaa akka qabu ergaa dabarsuuf waan goote fakkaata.

Teehraan biyyootni kunneen Ameerikaan oppireeshinii kana akka salphiftu ykn akka adda kuttu dhiibbaa akka godhan yaaddee kana gooti ta'a. Garuu qumaarri kun balaa qaba. Haleellaa biyyoota hedduurratti raawwachuun Iraan biyyoonni kunneen US fi Israa'elitti dabalamanii akka ishee haleelan dhiibuu danda'a.

Oolee bulee immoo ishee fi biyyoota kanneen gidduutti waraana uumee, haala hiriira naannichaa jijjiiruun Iraan hundaan akka qoolleffatamtu gochuu danda'a.

Kaayyoon ijoo of baraaruu yoo ta'e, naannawa ofiitti diina baay'isuun balaafamaa dha.

Akkasis ta'ee Teehraan lola kanarraa ofqusachunis akka sodaatti waan laalamuuf balaa qaba.

Ajajoonni bakka bakka jiranii murtoo dhuunfaasaanii haleellaa misaayelaa bakka ofii akeekanitti darbachuunis gaaffii kaasaa jira.

Kun sirrii taanan, caasaan ajaja waranaa Iraan caccabuu agarsiisuu dhiisuu danda'a.

Barsiisni waraanaa Iraan, addattimmoo kan Korporeeshinii Eegdota Warraaqsaa (IRGC), haleellaa hamaa yeroo waraanaa damdamachuu akka danda'aniif al-waaltawaa godhaniiru.

Networkiin kominikeeshinii butamuu fi ukkaamfamuuf saaxilamaa dha. Hogganootni olaanaa haleellaaf xiyyeeffatamaniiru.

Olaantummaan humna qilleensaa US fi Israa'el hodoffii waaltawaa akka hin goone isaan daangessa.

Haala akkasii keessatti, ajaja osoo hin eeggatin, hordoffii caasaa olaanuu malee haleellaa gaggeessuun balaa diinarraa dhufi ni salphisa.

Kun egaa humnoonni Iraan dhumaatii ajajoota gameeyyii Korporeeshinii Eegdota Warraaqsaa (IRGC) booda, hogganaa olaanaa fi ajajaan waliigalaa waraana biyyattii Ayaatolaa Alii Kaameniis ajjeefamee haleellaa US fi Israa'el jalatti akkamiin akka hojjechaa jiran agarsiisa.

Al-waaltinni akkanaa garuu balaa qaba. Ajajoonn9 gara gadii odeessa guutuu malee hojjechuun bakka hin malle rukutuu, olloota walaba jedhaman rukutuu faa fida.

Bifti oppireeshinii waloo dhabamuun herrega hin taane dhala. Yoo yeroo dheeraaf ture ajajaa fi to'annoo ajaja jiddugaleessaa guutuutti balleessa.

Tooftaa Iraan deemee deemee, ilaalcha kan diinotni keenya jedhanii ol haala rakkisaa (madaa fi kisaara ni damdamanna jedhudha.

Yoo akkas ta'e, muddama herregame dha jechuudha: dura dhaabbachuu, haaloo bahuu, kufaatii walii galaa hambisuu, itti aanee diigamuu siyaasaa itti aanee dhufu eeggachuu ta'a.

Dura dhaabbachuu (damdamannaanis) daangaa qaba. Hammi misaayelootaa murtaawaa dha. Sararri oomishaa haleellaa jala jira. Wiirtuuwwan irraa dhukaafaman haleelamaa jiru. Isaan bakka buusuun yeroo gaafata.

Dhugaan kun masaanuuwwan Iraaniifis ni hojjeta.

Sirni ittisa qilleensaa Israa'el amansiisaa miti. Hanqina gamaa kanaan dhalachaa jiruun uumanni dallansuu keessa galee jira.

US muddama jiru, gabaa boba'aa danqamuu fi kasaaraa itti fufuu waraana kanaa ilaalcha keessa galchuu qabdi.

Gamni lachuu yeroon kan keenya jedhu. Lachuu sirrii ta'uummoo hin danda'an.

Lola kana keessatti, Korporeeshinii Eegdota Warraaqsaa (IRGC) injifannoo hin barbaadu. Damdamannaa barbaada.

Galmi kun ni milkaawaa, olloota ishee osoo hin qoodin? Fuulduraaf kan baramu ta'a.