Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kaatiriin Pereez: Dubartiin Israa'eel 'basaastummaan hamatamtu' Ayatolaa Kameeniifi qondaalota olaanoo Iraan akkamiin qunnamuu dandeesse?
Ayaatolaa Alii Kameenii dablaatee qondaalota siyaasaafi waraanaa olaanoo Iraan ajjeefaman qunnamuun dubbisteetti. Pirezidaantii duraanii Iraan balaa helikoptaraan du'an, Ibraahiim Raa'isii, waliin xayyaara tokkoon imalaniiru.
Qondaala waraanaa beekamaa Iraan haleellaa UStiin bara 2020 ajjeefame, Jeneraal Qaasiim Suleemaanii waliin wal-argitee mariyatteetti. Gaggeessitoota siyaasafi waraanaa Iraan kanneen qunnamuufi gola Tehraan sirriitti baruuf Paarisii hanga Iraanitti imala jireenyaa dheeraa keessa dabarsite.
Kaatiriin Peereez Shakdaam jedhamti. Lammii Faransaayi taatus, hiddi dhalootashee Yuhudiidha. Ogummaan gaazexeessummaa, xinxala siyaasaa, barreessufi Baha Giddugalaarratti hubannoo gahaa qabaachuunshee salphaatti qalbii qondaalota Iraan akka boojitu ishee gargaarera.
Daa'imummaa kaatee waa'ee Warraaqsa Iraan bara 1979tti sirna mootii garagalchee, waa'ee qaroomina Pershiyaafi seenaa Iraan baruuf hawwii qabdi ture. Dheebuushee kana kan milkeessuuf mudannoon jireenyaa isheen hin yaanne umurii daa'imummaatti ishee mudate.
Awurooppatti guddachuusheen barnoota ammaayyaan qaramtee guddattus, haati ijoollummaatti waan irraa duuteef ganna 18tti heerumuuf dirqamte. Namni isheen itti heerumte lammii Yamaniiti. Kaatiriin abbaa warraashee waliin gara Yaman magaalaa Sana'aa imaluun jiraachuu eegalan.
Ilaalcha amantii leellisuu keessatti guddachuu baattus hawaasa amantaa Islaamaa hordofu gidduu waan jirtuuf dhiibbaa abbaa manaashee waliin amantaa Islaamaa akka fudhatte dubbatti.
Haa ta'u garuu Yaman yeroo turtetti, dhiibbaan jibba sanyummaa irra gahaa waan tureef kana jalaa miliquuf eenyummaashee [Yihudii] ta'uusheetti akka qaana'aa turteefi kanarraa ka'uun abbaa manaasheen gargar baatee gara Awurooppatti deebi'uun Landan keessa jiraachuu eegalte.
Akkamiin qalbii Iraan hawwatte?
Erga Landanitti deebitee dhaabbilee garaa garaa waliin xinxaala siyaasaa dhiyeessuun hojjachuu eegalte.
Barreeffamoota xinxaala dhaabbileefi miidiyaalee garaa garaaf dhiyeessituun biyyoota Lixaa, Israa'elifi biyyoota Iraan waliin walitti dhufeenya gaarii hin qabne kanneen akka Saawudii fa'aa qeequun eegalte.
Yeroo Yaman keessa jirataa turtetti ammoo, dhiibbaan Iraan biyyattii keessatti babal'achaa deemuu sirriitti hubatteetti.
Gama biraan ammoo Iraan Yaman qofaa osoo hin taane biyyoota akka Iraaq, Sooriyaafi Libaanos fa'aa keessatti akkamiin dhiibbaa fiduu dandeesse? kan jedhu baruuf hawwiinshee akka dabalu taasiseera.
Barreeffamoonni xinxaalli isheen Israa'el qeequun dhiyeessitu Iraan akkaan hawwataa deeme.
Gama biroon ammoo nama amantaa Islaamaa sirriitti hordofu fakkaattee of dhiyeessite. Abbaa manaashee wajjin yeroo jirtu Sunnii taatus, [erga gargar bahanii] booda Shiyaa cimtuu fakkaachuun ilaalcha siyaasaafi amantii kan Iraan waan deeggartu fakkaattee dhiyaatte.
Keessoo Iraan baruuf, Iraan biyyoota akka Yaman, Iraaq, Sooriyaafi Libaanos fa'aa keessatti akkamiin dhiibbaa fiduu akka dandeesse caalmatti hubachuuf nama amantaa Islaamaa hordofu of fakkeessuuf malee garaasheerraa amantaa Islaamaa akka hin fudhanne turtii dhaabbata Jerusalem Center for Security and Foreign Affairs jedhamu waliin taasisteen ibsite.
"Namoonni amantaa Islaamaa fudhatte jedhanii yaadu, ani garuu amantaa Islaamaa hin fudhanne ture. Akka waanan amaneetti akka fudhatanin godhe, Qur'aana dubbiseera. [Akkan waanin amaneetti] fakkaadhee dhiyaachuun koo na fayyadeera," jette.
Kaatiriin heddu osoo hin turin Iraan irraa waamichi dhiyaateef. Bulchiinsa Ayaatolaa Alii Kameenii keessatti nama ijoo kan ta'e Naadar Taaleebzaadeeh, boodarra kan du'e, gara Iraan dhuftuuf affeerraa taasiseef.
Kaatiriin akka jettutti, lammuummaa Faransaayi qabaachuusheerraa kan ka'e namni paaspoortii Faransayi qabu, biyyoota Awurooppaa kam caalaa Iraan seenuuf akka salphataaf.
Yeroo hundumaa xinxaalashee keessatti Filisxeemonni walaboomuuf "qabsoo hidhannoo itti fufuu qabu" hanga jechuutti Israa'el qeeqaa turte. Kuni ammoo balballi Tehraan akka banamuuf carraa guddaa uume.
Jlalqabarratti miidiyaalee Iraan kanneen akka Press TV fa'aarratti dhiyaachuun xinxaala akka dhiyeessitu affeeramuu eegalte.
Yaadifi xinxaalli isheen dhimma Baha Giddugalaafi Israa'el irratti dhiyeessitu Iraan garaa ciibse. Suuma suuta waa'eenshee qondaalota siyaasaafi waraanaa Iraan birratti beekamtii argataa dhufte.
Sagantaa garaa garaa irratti gara Tehraan affeeramuu eegalte. Gaggeessitoota Iraan biraas amantaa horataa deemte. Keessumaa dhimma Yamaniifi ekspartii filatamtuu Iraan ta'uun dhiyaachuu eegaluu Iran International gabaase.
Akka isheen jettutti qondaalonni Iraan ilaalchafi tarsiimoo Iraan biyyoota Lixaa biraan gahuuf salphaatti itti fayydamuu akka danda'an amananuun ija irra kaa'atanii turan.
Guyyaa itti Ayaatolaa wajjin wal-qunnamte
Miidiyaaleefi marsariitiwwan Iraanifi Iraan waliin hidhata gaarii qaban kanneen akka miidiyaa Russia Today (RT) fa'aarratti xinxaala dhiyeessuun qalbii Iraan akkaan hawwatte.
Gaggeessaa Pirooppaagaandaa Iraan kan ture Naadaar Taaleebzaadeh Ayaatolaa Alii Kameenii dabalatee gaggeessitoota olaanoo Iraan waliin akka wal-bartuuf karra banee ol seensise.
Inumaayyuu marsariitii Ayaatolaa irratti editara taatee akka hojjattu ykn akka barreessituuf affeerraan godhameefii turuus ibsiti. Affeerraa kana hordofuun barreeffamoota garaa garaa erguun marsariiticharratti bahaa turuus yaadatti.
Gama biraan ammoo dubartii ta'uusheen alatti, amantaa Islaamaa, keessumaa lammiileen Iraan hedduun kan hordofan Shiyaa ta'uunshee namuu akka ishee hin shakkine ishee taasisera.
Bara 2017 qondaalli olaanaan Iraan Naadaar Taaleebzaadeh Kaatiriin Ayaatolaa Kameenii waliin akka wal-ishee qunnamsiisu itti hime. Akkuma jedhe haala mijeessee Ayaatolaa wajjin wal-qunnamsiise.
Ayaatolaa wajjin qaaman osoo wal-hin argin dura, yeroo bira geessu waan gochuu qabduufi hin qabne qajeelfamni heddu kennamuufii ibsiti.
"Naadaar Taaleebzaadeh hoteela keessa jiru keessaa na fuudhee humnoota nageenyaan ajjabamnee bakka itti Ayaatolaa wajjin wal-agarru geenye. Dubartiin na waliin turte, 'yeroo achi geessu ijasaa keessa hin ilaalin, [jala hin dubbatin]," kan jedhu fa'aa natti himte jechuun akkaataa itti Ayaatolaa qunnamte himti.
Ayaatolaan waa'ee Warraaqsa Iraanifi waa'ee dhaadannoo "Duuti Israa'eliif" jedhuu maalif akka jedhaniifi hiikisaa maal akka ta'e akka itti hime yaadatti.
Haa ta'u garuu Kaatiriin Yihudii ta'uusheen yeroo Yaman jirtu jibbi sanyummaafi qoolliffannaa irra gahuu himattuun eenyummaashee jibbitee turte, dubbiin Ayatolaan jedheen akka hirribaa ishee dammaqse miidiyaa Iraan US buufate Iran International tti himte.
"Waa'ee Warraaqsa Iraan, waa'ee Ayaatolee [Ruhoollaa] Homenii waan inni biyyaaf buuse teessisee na barsiise jechuu nan danda'a. Namni afaan nuu hiku tureera," jechuun ittaansee gaaffii akka ishee gaafate himti.
"Duuti Israa'eliif gaafa jennu maal jechuudha? Sii galeeraa? jedhee na gaafate. Lakki, jedheen deebiseef. [Duuti Israa'eliif] gaafa jennu mootummaa Israa'el jechuu keenya. Israa'el ilmaan Yaaqobi jechuu keenya," jechuun naaf deebise jechuun dubbiin sun eenyummaa dur ofirraa fageessa turte akka ishee keessatti deebisee hore himti.
Akka Kaatiriin jettutti, waanti isheen haasaa Ayatolaafi ilaalcha siyaasaa Iraan gaggeeffamaa jirurraa hubatte "mootummichi Israa'eliif jibba addaa akka qabuudha" jetti.
Pirezidaantii Iraan waliin xayyaaraan deemuu
Kaatiriin Peereez Shakdaam, gaggeessaa olaabaa Iraan haleellaa USfi Israa'eliin dhiyeenya ajjeeffamaniin alatti, pirezidaantii duraanii biyyattii bakaa xayyaaran du'an waliinis xayyaaran imaluufi yeroo garaa garaatti gaaffifi deebii gochuufii himti.
Bara 2017 Iraan keessatti yeroo duulli filannoo gaggeeffamu ture. Kaadhimamtoota keessaa tokko pirezidaantii duraanii Ibraahim Raa'isii kaadhimamaa tokko turan.
Namnumti jalqaba Ayatolaa waliin wal-ishee qunnamsiise, Pirezidaant Ibraahim Ra'isii waliin akka wal-argituufi af-gaaffii taasiftuuf affeerraa godheef.
Isheenis affeerraa kana fudhachuun gaaffifi deebii taasisuufii qofa osoo hin taane, yeroo pirezidaantichi duula na filadhaaf bakkeewwan garaa garaa deemu waliin imaluuf carraa argachuu dubbatti.
Kaatiriin Ayaatolaafi Pirezidaant Ibraahim Raa'isii qofa osoo hin taane, qondaala olaanaa Iraan haleellaa UStiin bara 2020 ajjeefame, Qaasiim Suleemaanii wajjinis wal-argiteetti.
Qaasiim Suleemaanii jeneraala waraanaa Iraan keessatti akkaan beekamaafi Eegdota Warraaqsaa Islmaa IRGC) jalattu humnoota Iraan ittiin hidhattoota Baha Giddugalaa gargaartu Quds Force kan jedhamu hogganaa nama tureedha.
Jeneraal Qaasiim Suleemaanii nama "harka mirgaa Ayaatolaa Kameenii" jedhamuun beekamuudha.
Kaatiriin miidiyaa Iran International jedhamutti akka himtetti, affeerraa qondaalli piroppaagaandaa Iraan Naadaar Taaleebzaadeh taasiseefin Jeneraal Qaasiim Suleemaanii waliin Iraaqitti wal-argite.
Akka isheen jettutti, Qaasiim Suleemaanii akka qondaalota Iraan kaanii ofirraa bu'ee amanee isheetti hin haasofne.
Kibba Iraaq, Karbaalatti erga wal-arganii booda Qaasim Suleemaan waa'ee loltoonni isaa ISIS irratti haleellaa gaggeessuun bakkeewwan Sooriyaafi Iraaq keessaa akka gadi lakkisiisan itti himuun alatti waan baay'ee amanee akka wajjin hin haasofni himti.
"Marii gaarii hin turre... na sodaachisee ture," isa waliin baay'ee akka hin mariyanne himte.
Kaatiriin yeroo Iraan turtetti, qondaalota yeroo sana aangorra turan qofa osoo hin taane pirezidaantota duraanii biyyattii lama qaaman argachuunis waliin akka mariyatte ibsiteetti.
Yeroo Iraan turtetti, namuu akka isheen lammii Faransaayi taatetti beeka malee hiddishee Yihudii akka ta'e namuu ishee hin beeku.
Eenyummaashee dhokfattee dhiyaachuun keessoo Iraan sirriitti baruufis akka ishee gargaare himti.
Namoonni heddu Kaatiriin Peereez Shakdaam miseensa Mossad akka taatefi qondaalota olaanoo Iraanitti dhiyaachuun basaasaa akka turte kaasu.
Isheen garuu himannaa kana "tasumaa dhara" jetti.
Kaatiriin yeroo ammaa waa'ee Israa'el cimsitee dubbachuufi barreessuun beekamti.
Yeroo ammaa dhaabbata Director We Believe In Israel jedhutti daayireekatara ta'uun hojataa jirti.