Hindiin akka Raashiyaarraa boba'aa bitattu US eeyyamte
Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa, Hindiin boba'aa osoo hin socho'in galaanarra ture akka hin bitanne qoqqobbii cimaa kaa'amee ture laaffise.
Tarkaanfiin qoqqobbii kaasuu irratti fudhatame kan guyyaa 30f turu kun boba'aa gabaa addunyaa keessa galchuuf kan gargaaruudha jedhan Ministirri Maallaqaa Iskoot Besent.
''Tarkaanfiin kun yeroo Iraan ulaa dhiheessii boba'aa guddicha addunyaa ugguruuf yaaltutti muddama mudatu salphisuu danda'a.''
''Yeroo gabaabaaf akka turu kan taasifameef itti yaadameeti,'' jedhu Aab Besent.
Qoqqobbiin doonii boba'aa feete kan duraan imala eegaltee galaanarratti sochii dhaabderraa ta'uu kan ibsan qondaalli US kun ''tarkaanfiin mootummaa Raashiyaaf galii guddaa argamsiisu hin qabu,'' jedhan.
Raashiyaan weerara Yukireen irratti lasbuu hordofee Pirezidant Doonaald Tiraamp daldala boba'aa Moskoo irra qoqqobbii kaa'ee ture.
Tarkaanfiin kun kanneen boba'aa Raashiyaa bitan, filannoo biraa akka barbaadan dirqamsiiseera.
Keessattuu Raashiyaarraa boba'aa bituun kan beekamtu Hindiin akka bo'aa kana bituun Moskoof galii hin galchine gochuuf baayyee yaalteetti US.