Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Beerutitti battala haleellaan gaggeeffametti xiyyaarri imaltootaa qilleensarra ture

Suurri kun kibba Beerut qarqara magaalaatitti haleellaan yoo gaggeeffamu Rooytarsi kan kaasedha, ganama har'aa kaafame. Haleellaan gaggeeffamaa jira, xiyyaarri imaltootaa achumatti qilleensarra jira.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp US haala fayyadama ulaa Hormuz irratti furmaata keesse jedha - gabaasa

    Prezdaant Traamp dubbii har'a CNN irratti dubbateen,US ulaa Hormuz danqaa malee akkamiin akka fayyadamuun danda'amurratti fala keesse jedhe.

    "Humna galaanaa isaanii cabsineerra, beektee, yoo humna galaanaa isaanii cabsite waan barbaadan gochuu hin danda'an," jedhe.

    US erguma lolli kun eegalamee dooniiwwan waraanaa Iraan 25 haleeluu hime.

    Waayee qaalayuu gatii boba'aarratti gaafatamnaan, "yeruma gabaabaafi" jedhe.

    "Yeroo muraasaaf xiqqoo ol ka'a garuu gad deebi'ee, gatii xiqqaa mul'atee hin beeknetti gurgurama"

    Mootummaan hoggansa amantaan durfamu yoo Teehraan keessatti deebi'e waliigaltuu? kan jedhameef "tarii" jedhe Tiraampi.

    "Namichi eenyu akka ta'erratti hundaaya," jedhe. Hoggansi amantaa anaaf rakkoo miti. Hoggantootaa amantaa biyya bulchan baay'eenin waliigala, namatti tolu. Hoggana haqaa, kan hojii jabaa hojjetu, Ameerikaa fi Israa'el sirriitti hubatu, biyyoota Baha Jiddu-galeessaatiin waliigalu, isaanis michuu keenya waan ta'aniif, hoggana akkasii feena."

    Kamisa, Traampi miidiyaa Ameerikaa Axios jedhamutti hoggana Iraan itti aanu muuduuf "hirmaachuu" akka barbaadu dubbatee ture.

  2. Israa'el haleellaa raawwachuu hordofee aarri samii Beerut dhuunfate

    Humni Ittisaa Israa'el (IDF) Beerut magaalaa Libaanon keessatti haleellaa raawwataa jira.

    Suuronni bahan aarri qarqara magaalaa fi daandiiwwan awwaarri dhuunfatee jiraachuu mul'isa.

    Jiraattonni Beerut BBC'n dubbise haleellaa kana hordofee sodaa fi gamamitti akka gorani wallaaluu keessa jiraachuu dubbatu.

    Waraanni Israa'el "wiirtuu ajaja Hizboolaa fi kuusaa diroonii isaanii haleelaa akka jiru dubbate.

    Suurota kanneen laalaa...

  3. Beerutitti battala haleellaan gaggeeffametti xiyyaarri imaltootaa qilleensarra ture

    Suurri kun kibba Beerut qarqara magaalaatitti haleellaan yoo gaggeeffamu Rooytarsi kan kaase dha, ganama har'aa kaafame. Haleellaan gaggeeffamaa jira, xiyyaarri imaltootaa achumatti qilleensarra jira.

    Hizboolaa irratti haleellaa raawwachuuf akka karoorsite beeksisuun Israa'el lammiileen kumaatamaan lakkaawaman akka naannicha gadhiisanii bahan ajajjee turte.

  4. Waraanni US fi Israa'el Iraan irratti banan "dogoggora addaati" - MM Ispeen

    Waraanni US fi Israa'el Iraanirratti banan "dogoggora addaati" jedhan Ministirri Muummee Ispeen Pedroo Saanchez. Walitti bu'iinsi kun "seera qabeessummaa idil addunyaatiin alas" jedhan.

    "Biyyootni michuu keenya yoo sirrii ta'an gargaaruu fi yoo dogoggoranii fi balleessan sirreessuun waan eegamu, kanuma gochaa jirra" jedhan.

    Pireezdaant Donaald Tiraamp sababa Ispeen Ameerikaan buufata waraanaa ishee fayyadamtee Iraan akka hin haleelle diddeef Ispeenirra qoqqobbii daldalaa akka kaa'u dhaadateera.

    Kun kanaan osoo jiruu, Chaansilarri Jarmanii Fireedrik Merz "Iraanonni hiree ofii murteeffachuuf mirga bilisaa qabu" jedhan.

    Iraan dirree waraana harka lafa jalaas ta'uu hin qabdus jechuun akeekkachiisan.

    Jarmaniin "balaa guddachaa" deemu argaa jirti kan jedhan Chaansilariin Jarman "Tokkummaan biyyaalessaa, biyyummaa fi nageenya michuu teenya Israa'el balaarra buusa jedhan.

  5. 'Iraan haalduree tokko malee harka kennattu malee gara marii hin deemnu'- Tiraampi

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan haalduree tokko malee harka kennattu (UNCONDITIONAL SURRENDER) malee waliigalteen taasifamu hin jiraatu'' jedhan.

    Miidiyaa hawaasaa isaani 'Truth' irratti akkaTiraamp maxxansanitti harka kennachuu booda hoggaan olaanaa gaarii fi fudhatamaa qaba Iran keessatti akka filatamuu ni taasisna.

    Yoo suni ta'e Ameerikaa fi michoonni ishee Iran akka deebitee of ijaartuu fi dinagdeen akka fooyya’u ni hojjetu jedhan.

    ''Iraan qarqara badiisaa irraa deebifachuuf dadhabbi malee ni hojjenna, dinagdeen akka guddattuu fi fooyyoftuf akkasumas yeroo kamiyyuu caalaa akka cimtu goona." jedhan.

    Xumura irrattis Trump “Iran egeree gaarii ni qabatti'' jechuunis dhaadannoo “Make Iran Great Again (MIGA)” jedhu fayyadamuun ibsan.

  6. Israa'el dawoo lafa jalaa qondaaltotni Iraan keessa dhokatan barbadeesse jette

    Waraanni Israa’el buufata lafa jalaa kan hogganaan olaanaa Iraan duraanii Ayatollah Ali Kaameni dabalatee hoggantootni olaanoon yeroo adda addaa haleellaan raawwatamu keessa dhokachuuf itti fayyadamaa turan jedhamee amanamu barbadeessuu beeksise

    Humni waraanaa Israa’el akka jedhetti, boolla lafa jalaa haleellaan akka salphaatti miidhuu hin dandeenye kana barbadeessuuf xiyyaarota waraanaa 50 ta’an keessatti hirmaataniiru jette.

    Itti dabaluudhaanis,bolli lafa jalaa kun daandiiwwan giddugala magaalaa Tehran hedduu waliin kan walqabatu yoo ta’u, ''qondaaltota olaanoo Iraan yeroo balaan tasaa mudate wiirtuu ajaja nageenya qabu'' jechuun kan itti fayyadamanidha jedhe Humni Waraanaa Israa'el.

  7. ''Nagaaf carraa haa kenninu'' jechuun UN waamicha dhiyeesse

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii haleellaa Israa’elii fi Ameerikaan Iraan irratti raawwatamaa jiru itti fufee jiruun, carraan nagaa Baha Giddu Galeessaa keessatti argamu xiqqaa ta’uu ibseera.

    Komishinarri Mirga Namoomaa UN Volker Türki Baha Giddu Galeessaatti ''nageenyaaf carraan akka kennamu'' gaafatan.

    Waraanni US- Israa’el fi Iraan jidduutti geggeeffamaa jiru Jimaata kanaan guyyaa torbaffaa isaa kan seene yoo ta’u, komishinarichi qaamotni waraana irratti hirmaatan of-qusannaa akka qabaatan dhaamaniiru.

    ''Addunyaan ibidda kana dhaamsuuf tarkaanfii fudhachuu qabdi,'' jechuun komishinarri kun dubbachuu dhaabbati oduu Faransaay AFP gabaasera.

    "Wanti amma argaa jirru wal gubuu,wal haleeluu,wal barbadeessuu fi ajjeesuudha." jedhan.

    "Biyyootni qooda fudhatan hundi nagaaf akka carraa kennan waamicha goona, Biyyoonni biroos biyyootni waraanana kanarraa akka of qusatan dhaamuu qabu.'' jedhan.

    Itti dabaluunis ''namoonni nagaan daran akka hin miidhamnee fi rakkoon kun akka hin hammaanne mirkaneessuu irratti hojjachuu qabna" jechuun ibsan

  8. Loltoota lafoo Ameerikaa gara Iraanitti erguun “yeroo qisaasessuudha”

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp NBC'tti akka himanitti, loltoota Ameerikaa gara Iraanitti erguun ''yeroo qisaasessuu'' malee waan yeroo ammaa kana akka furmaatatti ilaalaa jiran akka hin taane himan.

    "Yeroo qisaasessuudha. Waan hunda dhabaniiru. Humnoota galaanaa dhabaniiru. Waan dhabuu danda'an hunda dhaban," jechuun Tiraamp waa'ee Iraan himan.

    Itti dabaluudhaanis, ibsa Abbaas Araghchii kanaan dura NBC irratti Iraan humnoota lafoo Ameerikaa ykn Israa’el haleeluuf qophii ta’uu ishee ibsuun, tarkaanfii gara sanatti seenuu Ameerikaan akka filanootti akka hin laallee fi yeroo gubuu ta'eetti ibsan.

    Ministirri Dhimma Alaa Abbaas Araaghchi Iraan weerara waraanaa lafoo dabalatee tarkaanfii waraanaa kamiifuu qophii ta’uu ibsuun, tarkaanfiin akkanaa diinota ishee irratti balaa guddaa kan buusu ta'uu akeekkachiisan

    Tiraamp caasaa hoggansa Iraan amma jijjiiruu akka barbaadanis dubbatan.

    "Hoggansa gaarii akka qabaatan barbaanna. Namoota hojii gaarii hojjetu jedhee yaadu tokko tokko jiru," jechuun addatti garuu maqaa nama tokkollee osoo hin kaasne dubbatan.

  9. Biyyoonni tokko tokko carraaqqii jaarsummaa eegalan- Pireezdaantii Iraan

    Pireezdaantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan "biyyoonni tokko tokko carraaqqii jaarsummaa eegalan" jedhan, biyyoota kanneen maqaa hin eerre.

    Maxxansa miidiyaa hawaasaa isaaniin, Pireezdaantichi: "biyyoonni tokko tokko carraaqqii jaarsummaa eegalaniiru. Asirratti ejjennoo keenya ifa gochuun fedha: nagaa waaraa riijinichatti uumuuf kutannoo qabna, ammoo kabajaa fi birmadummaa biyya keenyaa tiksuuf takkallee duubatti hin deebinu.

    "Araarri godhamu warra uummata Iraan tuffatee fi lola qabsiise ilaachisee haqa jiru ibsuu qaba."

    Dubbiin Pezekshiyaan kun wayita olloonni isaanii biyyoonni Arabaa haleellaa misaayelootaa Iraan isaanirratti raawwachaa jirtuuf deebii kennuurratti yaada kaasaa jiranitti dhagahame.

    Iraan sababa biyyoota kanneen keessa buufataaleen waraanaa jiraniif biyyoota kanneen haleelaa jirti, mancaatii jabaanis gaheera.

  10. Akeekkachiisni Qaatar waa'ee waraana Iraan irratti kennite maali?

    Qaxar waraanni Ameerikaa fi Israa’el Iraan irratti banan dinagdee addunyaa laamshessuu akka danda’u akeekkachiifteetti.

    Ministirri Inarjii biyyattii Saad Al-Kaabiin gaazexaa GulfTaayimsitti akka himanitti, oomishtoonni anniisaa naannoo Galoo Galaanaa hundi torbee muraasa keessatti al-ergii ni dhaabu jedhanii eegu.

    Gatiin boba'aa barmeela tokkoof doolaara 150 gahuu akka danda'us tilmaamaman.

    Dorsiisni Iraan dooniiwwan karaa Ulaa Hormuz, bakka murteessaa boba’aan addunyaa gara dhibbeentaa 20 ta'u keessa geejjibsiifamu cufamuun rakkoo kana daranuu kan hammeessu ta'uu eeran.

    Erga gatiin boba'aa sababa waraana Iraanin dabalee booda, Ameerikaan qoqqobbii boba’aa Raashiyaa irra keesse hanga tokko salphifteetti. Biyyootni akka Hindiifaa Raashiyaa irraa akka bitatan hayyamteerti.

  11. Taateewwan ijoo torban guutuu waraana US fi Israa'el Iraanirratti bananii

    Haleellaa US fi Israa'el Iraanirratti banan hordofee Bahi Jiddu-galeessaa torbaaniif goolamaa jira. US fi Israa'el wiirtuuwwan misaayelaa, waraanaa fi hoggansaa Iraan irratti xiyyeeffachuun haleelte. Haaloo bahiinsa kanaa Teehraan Israa'el irraa eegaluun Baha Jiddu-galeessaarratti haleellaa bante.

    Taateewwan waraanaa kanaa ijoon torban kanaa maal maal turan:

    Sanbat-duraa - Ganama3:30tti, Israa'el Iraanirratti haleellaa bante. Sa'aatii tokko keessatti Within an hour, Presidantiin US DonAald Traampi biyyi isaanii haleellaa kana keessatti himaachuu miidiya hawaasaa ofiirratti hima. Tiraamp US hoggana Olaanaa Iraan Ayaatolaa Kaamenii dabalatee hogganoonni olaanoon garaagaraa jjeefamuu mirkaneesse.

    Dilaba- Iraan haleellaa haaloo bahiinsaa Israa'elii fi US irratti bantre. Biyyoota Galoo Galaanaa UAE, Kuweet, Bahreen, Kaataar fi Oman haleelte.

    Wixata- Israa'el oppireeshinii ishee gara Lebaanonitti babal'ifte, Humni Ittisaa Israal'e garee hidhattoota Iraaniin tumsamanin haleelaa jira jedheet kana eegale. Dhiibbaan diinagdee waraana kanaa mul'achaa dhufe. Gatiin boba'aa ol ka'e.Balalliin xiyyaarotaa danqamaa dhufe.

    Kibxata-Iraan keessatti mancaatiin hamaan gahuu gabaafamuu eegale. Gaazexessitoonni achii gabaasan Teehraan bakki hundi miidhamuu himan.

    Roobii- Haleellaan qilleensaa ni babal'ate. Lafarraa gara galaanaatti cehe, Ministeerri waraanaa US Piit US Garba Guddaa Hindii keessatti "doonii waraana Iraan dhidhimsuu"

    Kamisa - gaaga'amni ni babal'ate, Azarbaajaan buufata qilleensaa ishee dabalatee biyyishee diroonii Iraaniin haleelamuu ibsite.

    Jimaata (Har'a )- Jiraattonni magaalaa sababa haleellaa Israa'eel Teehraan "halkan hamaa" dabarsuu himan. Haleellaa Israa'elii fi Iraan hammaateera.

    Taateewwan haaraan saffisaan dhalatu, waa hundi saffisaan jijjiiramaa jira.

  12. Ertiraan hordoftoota amantaa warra Wangeelaa yeroo dheeraaf hiite gadi lakkifte

    Mootummaan Ertiraa hordoftoota amantaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa sababa amantiisaaniif jecha yeroo dheeraaf hidhamanii turan gadi lakkisuu maddeen BBC Tigriffaatti himan.

    Namoonni kunneen dhiyeenya magaalaa Asmaraatti kan argamu mana hidhaa waraanaa Maayi Saarwaa jedhamutti hidhamanii kan turan yoo ta'u, kanneen lakkoofsan 40 ta'an guyyoota darban keessa gadi lakkifamaniiru.

    Mootummaan Ertiraa hordoftoota amantaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa irra uggura kaa'uun yeroo dheeraaf, keessumaa gaggeessitoota amantichaa, hidhaa turte.

    Haa ta'u garuu yeroo dhiyoo as kutaalee biyyattii bakka garaa garaa itti hidhamanii gadi lakkisaa jirti.

    Akkasumas Sadaasa darbe keessa hordoftoota amantaa Warra Wangeelaa osoo himanni irratti hin dhiyaatiniifi murtee seeraa malee waggoota hedduuf hidhaa turan lakkoofsan 100 ta'an gadi lakkisuunshee ni yaadatama.

    Hordoftoota amantichaan alatti daldaltoota, miseensota humna nageenyafi kaan waggoota 18 mana hidhaa turan ji'oota darban keessa gadi lakkisteetti.

    Mootummaan Ertiraa waggoota 20 dura hordoftoota amantaa Warra Wangeelaa ifatti ugguruun gaggeessitootafi miseensota heddu hidhee ture.

  13. Erga Iraan misaa'eloota gara Israa'el dhukaastee booda Tel Aviiv keessatti dhohiinsi guddaan dhagahame

    Waraanni Israa'el misaa'eloonni Iraan irraa dhukaafamuu erga ibsee booda magaalaa Israa'el, Tel Aviiv keessatti dhohiinsi guddaan dhagamuu Rooyitarsi gabaase.

    Eegdonni Warraaqsaa Islaamaa Iraan iddoowwan qiyyaafannoo isaa handhuura magaalaa Tel Aviiv misaa'elaa fi dirooniin haleeluu ibseera.

    Akka gabaasa Rooyitarsitti Iraan haleellaan misaa'eloota Kheibar jedhamaniin raawwatte kun qaama oppireeshinii ''Operation True Promise IV'' jedhamuu ta'uu ibsiteetti.

    Waraanni Israa'el ammoo misaa'eloonni Iraan irraa dhukaafaman garasaatti dhufaa jiraachuu adda baasuun ittisuuf hojjechaa akka ture ibsee ture.

    Iddoowwan haleellaa kanaan saaxiluu danda'an keessa namoota jiraniif ergaan akeekkachiisaa karaa bilbilaa ergamuufii ibse waraanni Israa'el.

    Rooyitarsi erga humni waraanaa Israa'el kana ibsee booda magaalaa Tel Aviiv keessatti dhohiinsi dhagahamuu gabaase.

    Tajaajilli yeroo balaa Israa'el misaa'eloota Iraan dhukaaste kanaan miidhaa qaqqabe hin ibsine.

    Waraanni biyyattiis boodarra namoonni dawoo seenanii turan ba'uu akka danda'an ibseera.

  14. Hindiin akka Raashiyaarraa boba'aa bitattu US eeyyamte

    Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa, Hindiin boba'aa osoo hin socho'in galaanarra ture akka hin bitanne qoqqobbii cimaa kaa'amee ture laaffise.

    Tarkaanfiin qoqqobbii kaasuu irratti fudhatame kan guyyaa 30f turu kun boba'aa gabaa addunyaa keessa galchuuf kan gargaaruudha jedhan Ministirri Maallaqaa Iskoot Besent.

    ''Tarkaanfiin kun yeroo Iraan ulaa dhiheessii boba'aa guddicha addunyaa ugguruuf yaaltutti muddama mudatu salphisuu danda'a.''

    ''Yeroo gabaabaaf akka turu kan taasifameef itti yaadameeti,'' jedhu Aab Besent.

    Qoqqobbiin doonii boba'aa feete kan duraan imala eegaltee galaanarratti sochii dhaabderraa ta'uu kan ibsan qondaalli US kun ''tarkaanfiin mootummaa Raashiyaaf galii guddaa argamsiisu hin qabu,'' jedhan.

    Raashiyaan weerara Yukireen irratti lasbuu hordofee Pirezidant Doonaald Tiraamp daldala boba'aa Moskoo irra qoqqobbii kaa'ee ture.

    Tarkaanfiin kun kanneen boba'aa Raashiyaa bitan, filannoo biraa akka barbaadan dirqamsiiseera.

    Keessattuu Raashiyaarraa boba'aa bituun kan beekamtu Hindiin akka bo'aa kana bituun Moskoof galii hin galchine gochuuf baayyee yaalteetti US.

  15. US embasii ishee Kuweet jiru cufuun hojjettoota hunda baaste

    Ministeerri Dhimma Alaa Kuweet Embasiin US magaalaa guddoo Kuweet keessatti argamu hojii dhaabuu ibse.

    Kana dura hojjettoonni embasichaa akka ba'an ajaji darbuu miidiyaan michuu BBC ta'e, CBS gabaaseera.

    Mootummaan US hojjettoota isaa halkan Kamisa kaleessaa Jimaata har'aatti bari'u ta'uu ibseera.

    Hojjettoonni embasichaa ragaalee jiran sirriitti akka balleessanii fi sarvaroota sanadoota iccitii qabatan akka mancaasan ajaji darbuu aanga'oonni lama CBStti himaniiru.

    Hojjettoonni akka ba'an ajaji kan darbe erga humni waraanaa Kuweet humna ittisa qilleensaa isaa fayyadamuun misaa'ela danagaasaatti seenuuf ture qolachuu ibseeti.

  16. Iraanitti humna lafoo bobbaasuun hin barbaachisu jedhe Tiraamp

    Pirezidaant Doonaald Tiraamp loltoota US Iraanitti bobbaasuun "yeroo gubuudha" jechuun waraana lafoo Iraanitti bobbaasuun ammatti kaayyoosaa akka hin taane beeksise.

    Tiraamp dhimma waraana US-Israa'el fi Iraan gaggeessaa jiran ilaalchisee NBC Newstti akka dubbatetti, US loltoota lafoo Iraanitti erguun hin barbaachisu.

    "[Loltoota erguun] akkasumaan yeroo gubuudha. [Iraan] waanti hunduu jalaa manca'eera. Waanti jalaa manca'uu qabu hunduu jalaa manca'eera," jedhe Tiraamp.

    Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii USfi Israa'el humna lafoo kan bobbaasan yoo ta'e, Iraan dura dhaabbachuuf qophii ta'uu NBC Newstti himanii ture.

    Dubbii qondaala olaanaa Iraan kanaaf Tiraamp yoo deebii kennu, "[loltoota Iraanitti bobbaasuun] yeroo gubuudha" jedhe.

    Caasaa mootummaa Iraan amma jiru guutummaan mancaasuu akka barbaadus ifa godhe.

    "Gaggeessaa gaarii akka qabaatan barbaann. Akkan yaadutti namoota waan gaarii gochuu danda'an qabna jedheen yaada," jechuun eenyu Iraan gaggeessuu akka qabu garuu maqaa osoo hin dhahin bira darbe Tiraamp.

  17. Tiraamp adeemsa filannoo hoggantoota haaraa Iraan keessa galuun qaba jedhe

    Pirezidant Doonaald Tiraamp erga US fi Israa'el waliin ta'uun haleellaa Iraan irratti raawwataniin hogganaa olaanaa Ayaatollaa Alii Kaameenii fi hoggantoota biyyattii ajjeesanii booda, adeemsa filannoo hoggantoota haaraa keessatti hirmaachuu akka qabu ibse.

    Tiraamp gaaffii fi deebii Rooyitarsi waliin taasiseen ilma Ayaatollaa Alii Kaameenii hogganaa olaanaa Iraan ta'a jedhamee eegamu akka hin barbaanne ibseera.

    ''Iraan waliin ta'uun hogganaa haaraa filachuutu nurra jira. Filannoo keessatti hirmaachuu qabna,'' jedhe Tiraamp.

    Sambata darbe gaafa Guraandhala 28, 2026 kan ajjeefaman Ayaatollaa Alii Kaameenii erga sirni awwaalchaa isaanii raawwatamee booda hogganaan itti aanu filatama.

    Ilmi Ayaatollaa Alii Kaamenii, Mojtabaa Kaameenii, namoota aangoo kanaaf maqaansaanii eerame keessaati.

    Tiraamp ''ilmi Kaameenii filatamuun na biratti fudhatama hin qabu. Kan nuti barbaannu nama waliigaltee uumuu fi nagaa buusu,'' jedhe.

    ''Yeroosaanii gubaa jiru. Ilmi Kaameenii hagas mara bilchina siyaasaa hin qabu.''

    Namni akkanaa yoo aangoo qabate Ameerikaan ''waggoota shan keessatti'' gara waraanaatti akka galtu kan dirqamsiisu ta'uu dubbate Tiraamp.

    ''Waggaa shaniin deebinee waraanatti akka hin seenneef hoggantoota haaraa Iraan filattuuf adeemsa filannoo keessatti hirmaachuu qabna. Nama kabaja biyyaa fi uummataa ta'e ni barbaanna,'' jechuun Rooyitarsitti hime Tiraamp.

    Ilmi Ayaatollaa Alii Kaameenii, Mojtabaa Kaameenii, hogganaa itti aanu akka ta'uufis tilmaama guddaa kenneera Tiraamp.

  18. Tiraamp hidhattoonni Kurdii Iraanirratti haleellaa akka bananiif waamicha dhiyeesse

    Pirezidaant Doonaald Tiraamp hidhattoonni Kurdii Iraanirratti haleellaa akka banan nan jajjabeessa jedhe.

    Hidhattoonni Kurdii Iraanirraa ta'an Kaaba Iraaq keessa waggotaaf kan socho'an yoo ta'u mootummaa Iraan waliin dhibdee yeroo dheeraa qabu.

    Maddi oduu Rooyotars akka gabaasetti, Tiraamp halellaa USfi Israa'el gaggeessaa jiran cinaatti, hidhattoonni Kurdii kaaba Iraaq keessa socha'an daangaa cehuun Iraanirratti haleellaa akka banan akka jajjabeessu ibse.

    "Haleellaa yoo banan yaada baay'ee gaaridha, nan deeggaras," jechuun Rooyitarsitti dubbate Tiraamp.

    Iraan ammoo Iraaq bakka hidhattoonni kun socho'anitti haleellaa diroonii gaggeessutu gabaafame.

    Hidhattoonni Kurdii Iraan akkaataa itti humnoota waraanaa Iraan irratti haleellaa banuu danda'an irratti guyyoota darban keessa US waliin mariyataa turuu Rooyitars gabaase.

    Hidhattoonni Kurdii Iraanifi Kurdoonni Iraaq naannoo daangaa biyyoota lameenii keessa jiran akkaataa itti Iraanirratti lola banan leenjii fudhataa akka turanis ibsame.

    USfi Israa'el mootumaa Iraan dadhabsiisuuf haleellaa qilleensarraa qofa osoo hin taane, keessodhaas lollis ta'ee mormiin akka hojjataa jiraachuu xinxaaltonni ibsu.

  19. Hezbollaan lammiileen daangaa Libaanositti dhiyoo jiran gadhiisanii akka bahan akeekkachiise

    Lammiileen Israa'el daangaa Libaanositti dhiyoo jiran gadhiisanii akka bahaniif akeekkachiisa kenne.

    Akeekkachiisa afaan Hibruutiin baaseen, uummanni Israa'eel daangarra jiru, hanga km 5 naannoo dangaa Libaanos irraa fagaatanii akka bahan ajajeera.

    Haleellaa waraanni Israa'el uummata Libaanos irratti taasisa jira jechuun kan himate Hezbollaan, kanaaf deebii kennuuf kutannoo akka qabus ibse.

    Hezbollaan Iraan irra goruun haleellaa jalqabuu Israa'el ibsuun duula waraanaa qilleensarraafi lafoon gaggeessaa jirti.

    Gama biroon ammoo Israa'elis magaalaa Beeruut naannoo Hezbollaan deeggarsa cimaa itti qabu keessaa uummanni gadhiisee akka bahuuf akeekkachiiftee turte.

    Magaalaa Beerut dabalatee kibba biyyattii bakkeewwan buufata Hezbollaati jettutti haleellaa cimaa gaggeessaa akka jirtus ibsite.