Odolli Iraan Ameerikaan qabachuuf yaadaa jirtu maali?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Akkuma waraanni Baha Giddu Galeessaa cimee itti fufaa jiruun, xiyyeeffannaan Ameerikaa gara odola xiqqaa Galoo Galaana Pershiyaa keessatti argamtu kan wiirtuu dinagdee boba'aa Iraan Odola Kaargi ta'eera jedha gabaasni.

Odolli xiqqaan kun qarqara galaanaa Iraan irraa gara kiiloo meetira 30 fagaattee galoo galaanaa kaabaa keessatti kan argamtu yoo ta'u, wirtuu ijoo indaastirii boba'aa biyyattiitti.

Odolli kun bakka tarsimoo Iraan qabdu ijoo taatus bakka kana haleellaa irraa ittisuun rakkisaa fi salphaatti irratti xiyyeeffatamuu kan danda'udha. Haa ta'u malee wayita waraanaa kanatti haleellaan kallattiin hanga ammaatti irratti hin raawwatamne.

Akka xiinxaltootni jedhanitti hireen odola kanaa kaardii xumuraa Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp Tehran harka micciiruun gara waligaltettii dhiibuuf qabachuuy yaadan ta'uu akka danda'u eeru.

Marsariitiin Ameerikaa Axios qondaala Ameerikaa tokko wabeeffachuun akka gabaasetti, bulchiinsi Ameerikaa filannoowwaan karaa waraana naannichaa ittin to'atu irratti filannoowwan hedduu ilaalaa akka ture fi kanneen keessaa filannoo odola Kargi qabachuu isa tokko ta'uu eerera.

Xiinxaltoonni fi qondaaltonni Waashingitan tokko tokko akka jedhanitti gaheen odolichi dinagdee fi waraana Iraan keessatti qabu akka Ameerikaan irratti xiyyeeffattu ykn to'attu dhiibbaa uumuu eeru.

Gaheen dinagdee Odolli Kargi qabu akka xiyyeeffannoo waraanaa jala galtu taasisa.

Odola kana irratti xiyyeeffachuun ykn qabachuun galii boba'aa Iraan madda galii mootummaa ijoo ta'e haalaan jeequu danda'a.

Gorsaan mana maree Jarrod Agen Waashingitan akka jedhanitti, Ameerikaan "kuusaa boba'aa Iraan harka baasuuf yaalaa jirti" jechuun qabeenya boba'aa Iraan qabachuun mootummaa Tehran irratti dhiibbaa uumuu akka dandeessu eeru.

Haala kanaan yaadni Ameerikaa odoola Karg, bakka buufata boba'aa biyyattii isa guddaa ta'e to'achuu ta'uun ifa ba'eera

Xiinxalaan dhimma siyaasa baha giddu galeessaa Maayikeel Ruubin tarkaanfiin kun galii boba'aa mootummaan Iraan irraa argatu kutuuf karaa bu'a qabeessa ta'uu danda'u jechuun ibsan.

Garuu gama biraatiin qondaalli Ameerikaa duraanii Riichaard Nephew odola kana irratti xiyyeeffachuun ''diinummaa akka hammaatu fi tasgabbii gabaa boba'aa addunyaa daran balaadhaaf saaxiluu danda'a'' jechuun akeekkachiisaniiru.

Ogeeyyiin biroon odola kana qabachuuf haleellaa xiyyaaraa qofa osoo hin taane hojii waraanaa lafoo barbaachisuu akka hin oolle kaasu. Sana gochuuf Ameerikaan garuu hanga ammaatti karoora akka hin qabne Tiraamp kan ibsan.

Odolli Kargi buufata doonii boba'aa Iraan al-ergii guddaa qabdu yoo taatu, bu'uuraalee anniisaa biyyattii keessattis utubaa ijoodha.

Jikinni boba'aan Iraan gara %90 alatti ergitu osoo gara gabaa addunyaatti hin ergamin dura odola kana irraa ka'uun ulaa Hormuz, kan akka koliidarii anniisaa addunyaatti ilaalamtu keessa geejjibsiifama.

Buufatni boba'aa odola kanaa guyyaatti boba'aa barmeela miliyoonaan lakkaa'amu oomishuu kan dandeessisu yoo ta'u, kunis Iraan gabaa boba'aa idil-addunyaa keessatti ga'ee guddaa akka qabaattu ishee taasiseera.

Odolli kun sarara boba'aa galaana jalaa waliin kan walqabatu yoo ta'u, boolla boba'aa gurguddoo Iraan muraasa waliinis kan walqabatudha.

Boba'aan kun boolla keessaa erga baafamee booda gara odolaakanatti geejjibsamee kuusaa gurguddaa keessatti kuufama.

Achis dooniiwwan gurguddoo buufata bishaan guddaa figadi fagoo kanatti fayyadamuun kuusaa gurguddaa fa'atu.

Qarqarri galaanaa Iraan baay'een isaanii dooniiwwan boba'aa baay'ee gurguddoo ta'an keessummeessuu hin dandeenyeef odola Kargi bakkeewwan muraasa hojii guddaa kana hojjechuu danda'an keessaa isa tokko.

Bu'uuraaleen boba'aa ijoon bakka kanatti waan argamaniif, odolli kun lafee dugdaa dinagdee guddaadha jedhu ogeeyyiin.

Qondaaltonni Ameerikaas barbaachisummaan odola kanaa guddaa waan ta'eef hojiin isaa wayita adda citu diinagdeen Iraan haalaan miidhamuu mala jedhu.

Amma odolli kun bakka kuufama boba'aa gurguddaa, buufata boba'aa al-ergii, mana jireenyaa hojjettootaa fi buufata xiyyaaraa xiqqaa Iraan waliin wal qunnamsiisu qabdi.