Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Hogganaa Olaanaa haaraan Iraan Ayaatollaa Mojtabaa Kaameenii madaa'anis ''nagaa qabu'' jedhame

Hogganaan Olaanaa haaraa Iraan Mojtaabaa Kameenii oduun madaa'an jedhu dhaga'amaa jiraatullee 'nagaa qabu' jedhameera. 'Nagaa ta'uu' hogganaa olaanaa kanaa kan himan ammoo ilma Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaanidha. Yusuuf Pezeshkiyaan fuula Telegram irratti hogganaan olaanaa mada'aniiru "oduu jedhu dhaga'eera" jedhe.

Guduunfaa

  • Hogganaan Olaanaa Iraan madaa'anillee 'nagaa qabu' - Ilma Pirezidantii Iraan
  • Israa'el haleellaa bifa haaraan Libaanos fi Iraan irratti eegaluu ibsite, Iraan ammoo haleellaawwan hedduu Israa'el fi wiirtuuwwan humna waraanaa US Baha Giddu Galeessaa jiran irratti raawwachuu ibsite
  • US dooniiwwan waraanaa Iraan kanneen dhootuuwwan galaana keessa awwaalan 16 barbadeessuu himte
  • Tiraamp akka Iraan ''dhootuuwwan Ulaa Hormuz keessa hin keenye'' akeekkachiisuu booda US tarkaanfii fudhatte
  • Qondaalli poolisii Iraan namni mootummaarratti mormii dhiheessuu yaadu kamuu ''waan diinni arge arguuf deema'' jechuun akeekkachiiseera
  • MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu ''lammiileen Iraan sirna Ayaatollaa ofirraa kuffisuu qabu,'' jedhe
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa
  • Odeessaalee keenya karaa marsariitii, YouTube, Facebook fi WhatsApp keenyaa bal'inaan ni argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraaq keessatti bakki dippiloomaatonni Ameerikaa jiraatan dirooniidhaan haleelame

    Haleellaan diroonii magaalaa guddoo Iraaq, Baagdaad bakka argama iddoo jireenyaa dippiloomaatota Ameerikaa ta'e irratti raawwate kun miidhaan qaqqabsiise hin ibsamne.

    Haleellaa kana hidhattoota Iraan deeggartu kanneen Iraaq keessa socho'atan raawwatan jedhame.

    Dirooniin kun teessoo dippiloomatota Ameerikaa kan handaara buufata xiyyaaraa magaalaa Baagdaad jiru irratti raawwatame.

    Bakki kun wiirtuu gargaarsaa fi tumsa dippiloomatota Ameerikaa ta'uun tajaajila.

    Rooyitarsi maddeen keessa beekan wabeeffachuun akka gabaasetti haleellaan diroonii kun gamoo miidheera.

    Akka gabaasa Washingitan Post'tti ammoo dirooniiwwan gara gamoo kanaatti ergaman ja'a keessa shan qilleensarratti rukutamuun kufaniiru.

    Gama kaaniin kaaba Iraaq bakka Erbil jedhamutti dirooniiwwan sadi qilleensarratti qolatamaniiru. Kanaanis miidhaan qaqqabe hin ibsamne.

    Buufati humna waraanaa US cinaa buufata xiyyaaraa Erbil keessatti argamuu jira. Iraan haleellaa haaloo ba'uuf gaggeessituun bakka kanarratti xiyyeeffatteetti.

  2. Iraan baankiiwwan US fi Israa'el naannocha keessa jiran akka haleeltu akeekkachiiste

    Dubbi himaan ajaja humna waraanaa Iraan Khatam al-Anbiya jedhamuu, haleellaa Iraan keessatti baankiiwwan irra ga'aa jiru haaloo ba'uuf, baankiiwwan US fi Israa'el naannocha keessatti argaman hleeluu akka danda'an akeekkachiise.

    Imraahim Zolfagarii ''namoonni naannocha keessa jiran bakka baankiiwwan kunneen jiranitti fageenya kiilomeetira tokkoo keessatti argamuu hin qaban,'' jedhe.

    ''Diinni akka nuti giddugala diinagdee fi baankiiwwan isaanii haleellu daandii saaqaniiru. Baankiiwwan US fi Israa'el ni haleelamu,'' jedhe.

    Miidiyaan Iraan akka gabaasetti gamoon baankii mootummaa biyyattii magaalaa Tehraan keessatti argamu Sepah Bank haleelameera.

    Kibxata tajaajilli baankiiwwan mootummaa lameen- Sepah fi Melli adda cituu miidiyaaleen Iraan gabaasaniiru.

    Haleellaan diroonii fi misaa'elaa Iraan gara Israa'el fi buufataalee waraanaa US naannocha keessatti argaman irratti raawwattus itti fufeera.

    Biyyoonni Baha Giddugaleessaa haleellaa Iraan ofirraa qolachuurratti xiyyeeffatanii akka jiran ibsaa jiru.

    Omaan diroonii Iraan tokko rukuttee kuffisuu fi kana ammoo galaana keessatti dhidhimsuu himte.

    Qataar ammoo misaa'eloota Iraan irraa dhukaafaaman qolachuu ibsite.

    Duraan Iraan oppireeshinii kanaan dirooniiwwan fi misaa'eloota 35 gara Iraan dhukaasuu ibsitee turte.

  3. Tiraamp ''taphattoonni Iraan Waancaa Addunyaarratti hirmaachuu danda'u jedheera''- Infantiinoo

    Gareen kubbaa miillaa biyyaalessaa Iraan dorgommii Waancaa Addunyaa baranaa irratti hirmaachuu akka danda'an Pirezidant Tiraamp himeera.

    Tiraamp waliin kan mari'ate Pirezidantiin FIFA Jiyaanii Infantiinoo waa'een hirmaannaa taphattoota Iraan yaaddo akka hin taane qondaala US kanarraa dhagahuu ibseera.

    Biyyi Iraan waliin waraanatti jirtu Ameerikaan- Kanaadaa fi Meksikoo waliin ta'uun Waancaa Addunyaa 2026 qopheessiti.

    Gareen kubbaa miillaa Iraan gulaallii Waancaa Addunyaa kan darban yoo ta'u taphoota sadi US keessatti gaggeeffaman irratti ni hirmaatu.

    Jiyaanii Infantiinoo ''wayita waa'ee hirmaannaa taphattoota Iraan Tiraamp waliin mari'annu pirezidantichi 'sirriitti, hirmaachuu danda'u'. US keessatti hirmaachuu wanti isaan dhorku hin jiru,'' jechuunii Instagram isaarratti maxxanse.

  4. Hogganaan Olaanaa Iraan madaa'anillee 'nagaa qabu' - Ilma Pirezidantii Iraan

    Hogganaan Olaanaa haaraa Iraan Mojtaabaa Kameenii oduun madaa'an jedhu dhaga'amaa jiraatullee 'nagaa qabu' jedhameera.

    'Nagaa ta'uu' hogganaa olaanaa kanaa kan himan ammoo ilma Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaanidha.

    Yusuuf Pezeshkiyaan fuula Telegram irratti hogganaan olaanaa mada'aniiru "oduu jedhu dhaga'eera" jedhe.

    "Hiriyoota baayyee kallattin isaan qunnaman gaafadheera, isaanis akkas jedhan: Ayyaana Waaqayyoon, inni nagaa qaba, rakkoon hin jiru," jedhe.

    Kanaan dura Mojtaabaa Kameenii ibsa tokkollee akka hin baasne ykn erga filatamee ifatti ummatatti hin mul'anne gabaasnee turre.

    Odeeffannoo dabalata adhimma kanarrati:

  5. Daawwadhaa: Viidiyo Teehraan keessatti bakkawwan haleellaan booda barbadaa'an agarsiisu

  6. Ajajaan poolisii Iraan mormitoota hiriira ba'an ''akka diinaatti akka lakkaa'an,'' ibse

    Ajajaan Poolisii Iraan Ahmadreezaa Raadaan ''gaaffii fi fedhii diinaa'' bu'uura godhachuun lammiilee Iraan mormiif daandiitti ba'an ''akka diinaatti akka lakkaa'an,'' dubbate.

    ''Gaaffii diinni dhiheesse irratti hundaa'uun qaamni hiriira mormiif ba'u yoo jiraate akka mormituu ykn qaama biraatti hin ilaallu. Akkuma diina keessummeessinutti isaanis keessummeessina. Deebii diinaaf kennine isaaniifis kennina,'' jechuun miidiyaa biyyattiirratti dubbate.

    Qondaalli poolisii kun ''humnoonni keenya hunduu qubi isaanii milaaccii ykn qaataa irra jira. Warraaqsicha tiksuuf qophii jabaa qabu,'' jedhe.

    MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu Dilbata darbe erga dabarseen lammiileen Iraan mootummaa amma jiru ofirraa fonqolchuuf tokkummaan ka'uu akka qaban akeekkachiisee ture.

    Aanga'oonni Israa'el waraanni kun Iraan keessatti jijjiirama sirnaa akka fidu abdii qabaachuu dubbate Neetaaniyaahuun.

    Iraan keessatti Mudde darbe hiriirri mormii mootummaa biyyattiirratti gaggeeffamee ture.

    Mootummaan Iraan hiriira kanarratti tarkaanfii seenaa Rippaablika Islaamaa Iraan keessaatti isa hammaataa ta'e fudhateera.

    Miidiyaan jaarmiyaa mirga dhala namaaf falmuu himuu fi teessoon isaa US ta'e HRANA jedhamuu hiriira kanaan walqabatee namoonni 7,000 ta'an du'uu gabaasee ture

  7. Viidiyoo yeroo US dooniiwwan Iraan haleeltu agarsiisu

    Ajajaan Giddugaleessaa US kanneen dhootuu galaana keessa awwaalan 16 dabalatee dooniiwwan waraanaa Iraan barbadeessuu himuun viidiyoo kana agarsiisu gadhiiseera.

    Bakki dooniiwwan kunneen itti haleelamanis Ulaa Hormuuzitti dhiyodha.

    Asii daawwachuu dandeessu.

  8. Taphattoonni Iraan viizaa Awustiraaliyaa argatan yaadasanii jijjiiruun biyyatti deebi'uu murteessan

    Gareen biyyaaleessaa kubbaa miillaa dubartootaa Iraan dorgommii Waancaa Eeshiyaa keessaa erga kufanii booda biyyatti deebi'uuf yaaddoo qabaachuu ibsanii turan.

    Taphattoonni kunneen taphi eegaluu dura faaruu alaabaa biyyasaanii faarfachuu erga didanii booda wayita dorgommicha keessaas ba'an biyyatti deebi'uu sodaatan.

    Taatee kana booda Awustiraaliyaan taphattoota shaniif viizaa kennitee turte. Ta'us taphattoonni kunneen maatiiwwan isaanii Iraan jiraniif yaadda'uu hin dhiisne.

    Gama kaaniin waa'ee taphattoota kunneenii Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp qooduun daran yaaddoo itti uumeera.

    Tiraamp akka Awustiraaliyaan taphattoota kunneeniif viizaa kennite gaafachuun ''yoo didan ammoo Ameerikaan akka fudhattu,'' ibsee ture.

    Taphattoota shan malee taphattoonni lama biroonis viizaa argachuun Awustiraaliyaa keessa turuuf fedhii akka qaban ibsanii turan.

    Amma garuu taphattoonni viizaa argatan kunneen yaadasaanii jijjiiruun biyyasaaniitti deebi'uu akka qaban murteessaniiru.

  9. Daawwadhaa: Dhohinsi guddaa haeellaa hordofee Karaaj, Iraanitti uumame lafa sochoosee hanga foddaan konkolaataa caccabutti gessise

  10. Waraana Iraaniin hanga ammaatti loltoonni Ameerikaa 140 ta'an miidhamuun ibsame

    Waraana Iraan guyyaa 12ffaa qabateen loltoonni Ameerikaa Baha Giddugaleessaa keessa jiran 140 ta'an miidhamuu Ministeerri Ittisaa biyyattii ibse.

    Dubbi himaan ministeerichaa Vaan Paarnul ''duulli Operation Epic Fury jedhamu erga jalqabamee lola guyyoota 10f gaggeeffame keessatti miseensonni raayyaa ittisaa 140 ta'an madaa'aniiru,'' jedhe.

    Kanneen keessaa ''miidhaan qaqqabe garri caalu salphaadha'' jedhe humni waraanaa US.

    Loltoota miidhaman keessaa 108 kan ta'an bayyanachuun gara hojii idileetti deebi'aniiru jedhe.

    ''Miseensonni raayyaa ittisaa saddeet guddoo miidhaman. Wal'aansa sadarkaasaa eeggate argachaa jiru,'' jedhe.

  11. Iraan buufataalee humna waraanaa US Baha Giddugaleessaa keessa jiranirratti haleellaa haaraa raawwachuu ibsite

    Ibsi Eegodta Warraaqsa Islaamummaa Iraan X irratti ba'e akka mul'isutti biyyattiin Iraan buufata humna waraanaa US kan Qataar keessatti argamu Udeid, kan Kuweet keessatti argamu Camp Arifjan fi Kan Iraaq jiru Harir misaa'elaan haleelteetti.

    Miidiyaan Iraan ISNA jedhamu ibsa kana qooduun gabaaseera.

    Miidiyaan kun Iraan haleellaa guddaa buufata humna galaanaa US Bahreen jiru Fifth Fleet jedhamu irratti raawwachuu gabaase.

    ''Misoomaawwan bu'uuraa buufata kana hojjechiisuu danda'an maca'aniiru,'' jedha gabaasi miidiyaa kanaa.

    US waa'ee haleellaa kanaa hanga yoonaa hin dubbanne.

  12. Erga waraanni eegalee lammiileen US 40,000 caalan Giddugala Bahaa keessaa ba'aniiru

    Dubbi himaan Ministeera dhimma alaa US akka ibsetti erga waraanni US-Israa'el fi Iraan Guraandhala 28, 2026 eegalee lammiileen US kuma 43 caalan Baha Giddugaleessaa keessaa ba'aniiru.

    Kanneen keessaa kuma 30 kan ta'an karaa gargaarsa ministeerichaa baafamuu hime Toomii Pigot.

    Ameerikaan lammiilee kunneen baasuuf xiyyaarota balalii al-idilee 20 caalan fayyadamteetti.

    Garuu lammiileen Ameerikaa hedduun xiyyaara idileen imaluu waan fedhaniif balalii al-idileetiin hojiin namoota baasuu milkaa'e dhibbeentaa 40 hin caalu jedhe ministeerichi.

    Ammas hojiin balalii al-idileen lammiilee US baasuu itti fufeera. Lammiin Ameerikaa kamuu deeggarsa gaafannaan argachuu danda'a jedhe.

  13. Haleellaawwan Israa'el magaalaa Beeruut irratti raawwatte booda dhohiinsi guddaan wayita mudatu viidiyoo agarsiisu

    Israa'el haleellaa bifa haaraan qiyyaafannoowwan Hezboollaa irratti raawwachuu ibsiteetti.

    Haleellaawwan hedduu magaalaa Beeruut irratti raawwatte booda dhohiinsi guddaan magaaattii keessatti mudateera.

    Viidiyoon dhohiinsa guddaa magaalaa Beeruut agarsiisu kunooti.

  14. Iraan haleellaa haaraa eegaluu himte, Israa'el Beeruut fi Iraan irratti haleellaa cimsite

    Waraanni US-Israa'el fi Iraan guyyaa 12ffaaf itti fufeera. Israa'el akka haaraatti Libaanos fi Iraan irratti haleellaa eegaluu ibsiteetti.

    Iraan ammoo haleellaawwan hedduu Israa'el fi buufataalee waraanaa US Baha Giddugaleessaa keessaa qabdu irratti raawwachuu himte.

    Miidiyaan mootummaa Iraan akka jedhutti haleellaan Iraan halkan edaa raawwatte erga waraanni kun eegalee isa hamaadha.

    Israa'el misaa'eloota Iraan irraa dhukaafaman qolachuu ibsuun, haleellaan kun waan jiraattotaaf yaaddessu akka hin turre himte.

    Sa'uudii Arabiyaan dirooniiwwan lama gara buufata boba'aa isheetti dhukaafaman qolachuu ibsiteetti.

    Biyyattiin misaa'eloota ja'a gara buufata humna waraanaatti dhukaafamanis qolachuu himteetti.

    Teessoo humna galaanaa US Fifth Fleet kan taate Baahireen keessattis sagaleen akeekkachiisaa dhagahamaa ture.

    Gama kaaniin Tiraamp akka Iraan Ulaa Hormuz keessa dhootuuwwan hin awwaalle akeekkachiisuu hordofee US dooniiwwan Iraan kanneen dhootuuwwan awwaalu jedhaman 16 barbadeessuu ibse.

  15. Michoonni Iraan Chaayinaa fi Raashiyaan maaliif waraanaan Iraan hin tumsine?

    Ameerikaa fi Israa'el biyyootni humna waraanaa fi ittisaa cimaa qabaan wal ta'uun Erga Iraan haleeluu eegalanii guyyootni hedduun lakkaa'amaniiru.

    Biyyootni baha giddu galeessas kallattiin waraanicha keessatti hirmaachuu baatanis haleellaa misaa'elaa fi dirooni Iraan irraa gara isaanitti dhukaafamu qolachuun hirmaataa jiru.

    UK'n Ameerikaa fi Israa'el haleellaa Iraan irratti geggeessaaniif buufataalee qilleensaa ishee akka fayyadaman hayyamte. Biyyootni Awurooppaa biroo heddus Iraan haleeluuf doorsisaa jiru.

    Garuu Iraan hanga yoonaa qofaa ishee lolataa jirti.