Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Tiraamp Iraan waliin mariif qophii miti, lammiileen US akeekkachiifaman

Embasiin Ameerikaa Baagidaad jiru lammiileen Ameerikaa ''atattamaan'' Iraaq akka gadhiisanii bahan akekkachiise. Gama kaaniin Pirezidant Donaald Tiraamp ammatti Iraan waliin mariif akka hin teenye himan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Keeniyaatti lakkoofsi namoota balaa lolaan du'anii 62 gahe

    Keeniyaatti lakkoofsi namoota rooba cimaa fi lolaadhaan du’anii daa’imman 8 dabalatee 62 ga’uu poolisiin beeksise.

    Roobni cimaan dhuma torbee darbee roobuu kan jalqabe yoo ta’u, magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii dabalatee kutaalee biyyattii kaan keessatti balaa lolaa cimaa uumeera.

    Akka ibsi poolisiitti magaalaan Naayiroobii akka malee kan miidhamte yoo ta’u,magaalittii qofa keessatti du’a namoota 33f sababa ta'eera.

    Hojjettoonni lubbuu baraarsaa naannoolee balaa lolaa kanaan miidhaman keessaa raaffaan namootaa baasaa kan jiran yoo ta'u lakkoofsi namoota sababa anaan lbbuu dhaban torban darbe gabaafame 42 irraa amma 62 ga'eera.

    Erga roobni cimaan kun jalqabees namoonni kuma lamaa ol qe’ee isaanii akkabuqqa'an dirqisiisuu anga'ootni himaniiru

    Pireezidaantin biyyattii Wiliyaam Ruutoon balaa lolaa lubbuu ummataa balaadhaaf saaxilee jiru kanaaf deebii kennuudhaaf mootummaan isaanii qophii guutuu ta’uu ibsan.

    Namoota lolaa kanaan miidhamaniif gargaarsa hatattamaa fi wal'aansi yaalaa taasifamaa jira jedhan. Hojjettoonni lageeni fi bo'oo lolaa cufaman qulqulleessaa akka jiranis himaniiru.

    Biyya ollaa Keeniyaa itoophiyaa naannawa Kibba biyyattiitti lolaa fi sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 100 ol darbeera.

  2. Gaazexeessaa Taarikuu Olaanaa du'aan boqote

    Gaazexeessaa Taarikuu Olaanaa dhibee irra buleen yaalamaa ture du'aan boqochuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Gaazexeessaan angafaa kuni kana dura hundeeffama Raadiyoo Faanaa akkasumas hundeeffama STVO kan amma OBN'ttu guddate keessatti qooda akka qabu gabaafameera.

    Sagantaa Raadiyoo Faanaa beekamaa ta'e, Faana Afaan Oromoo jedhamus dhiheessaa ture.

    Gaazexeessummaan ala beeksisa, wal tajjii gaggeessuufi walaloonis ni beekama.

    Akka gabaasa Faanaatti, gaazexessaa Taarikuun dhibee irra buleen gaafa Sambataa boqote.

    Owwaalchi isaas Dilbata har'aa magaalaa Finfinnee Bataskaana Madaanaalamii Qacaneeti akka raawwatu gabaasi kuni mul'isa.

    Gaazexeessaa Taarikuu abbaa ijoollee lamaati.

  3. Israa'elitti namoonni 100 ol ta'an hospitaala galan

    Sa'aatii 24 darban keessatti namoonni 108 miidhaan irra ga’ee gara hospitaalaatti geeffamuu ministeerri fayyaa Israa'el beeksise.

    Kanneen keessaa 96 miidhaan salphaan akka irra gahe, lama haala "giddu galeessa" keessa akka jiranii fi sagal ammoo ammallee wal'aansi fayyaa taasifamaafi akka jiran ibse.

    Erga waraanni Iraan, Ameerikaa fi israa'el kun jalqabee namoonni 3,195 miidhaan irra gahe hospitaalatti yaalamuu isaanii kan ministeerichi eerera.

    Hanga Dilbata ganamaattis namoonni 81 hospitaala keessa ciisanii wal'aanamaa akka jiran ibse.

    Ministeerri fayyaa kun lakkoofsa namoota du'anii hin eerre.

  4. Iraan namoota 20 Israa'eliif basaasuun shakkite to'annoo jala oolchite

    Dhaabbanni oduu Iraan Tasnim kan Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa waliin hidhata qabu ibsa waajjira abbaa alangaa bulchiinsa Azarbaajaan Dhihaa irraa kenname wabeeffachuun, akka gabasetti kaaba dhiha Iraan keessatti namoonni 20 Israa’eliif baasaasuun himataman to’annoo jala oolaniiru.

    Bakka buufanni waraanaa, loltootni poolisii fi humnootni nageenyaa Iraan jiran ilaalchisee odeeffannoo Israa’eliif erguun himatamuu isaanii ibsichi kan eeru.

    Maddi tarsimoo waraanaa Israa’el beeku tokko torban darbe Rooyitarsiitti akka himetti Israa’el haleellaa marsaa haaraa Iraan irratti raawwachuu kan jalqabde, odeeffannoo basaastootni Iraan keessa jiran erganiif irratti hundaa'uun buufataalee sakatta’iinsa nageenyaa irratti haleellaa raawwatteerti.

    Gabaasni miidiyaalee biyya keessaa akka agarsiisutti aangawoonni Iraan guutuu biyyattiitti sakatta’iinsa bal’aa kan raawwatan yoo ta’u, guyyoota darban keessa namoonni dhibbaan lakkaa’aman Israa’elii fi Ameerikaa waliin tumsuun shakkamanii to’annoo jala ooluu isaanii ni mul’isa

  5. Eegdonni Warraaqsa Iraan Netaaniyaahuu ''adamsee ajjeesuuf'' dhaadate

    Yeroo waraanni Iraan fi Israa’eliifi Ameerikaa itti fufee guyyoota 16ffaa isaa qabatetti Eegduun Warraaqsa Islaamummaa Iraan Beeniyaamin Netaaniyaahuu irratti xiyyeeffachuu akka itti fufu ibse.

    Garichi kana duras adamsaa akka jiru kan ibse yoo ta'u, ibsa marsariitii isaa Sepah News irratti baaseen ''yakkamaan daa'ima ajjeese kun lubbuun yoo jiraate humna guutuun adamsinee ajjeesuu itti fufna'' jedha.

    Waraana guyyaa 16ffaa qabate kana keessatti diinummaa fi waraaanni Iraan, Israa’elii fi Ameerikaa gidduu jiru akka malee cimee itti fufeera.

    Iraan Israa’el irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwataa jiraachuu fi buufataaleen Ameerikaa sadi naannoo. baha giddu galeessa keessa jiran barbadeessuu ibsiteerti

  6. Tiraamp hogganaan Iraan lubbuun jiraachuu isaanii ni shakkuu?

    Pirezidant Tiraamp gaaffiifi deebii miidiyaa US, NBC, jedhamu waliin taasisaniin waa'ee hiree Hogganaa Haaraa Iraan Mojtabaa Kaamenii gaaffii kaasan.

    Ilmi Hogganaa Olaanaa duraanii Iraan, Ayaatolaa Ali Kaamenii, kuni torban dura filaman. Haa ta'u malee, hanga yoonaa ummatatti as bahanii fuulli isaanii hin mul'anne.

    ''Yoo lubbuun jiraate hin beeku. Hanga ammaa namni nutti mul'ise hin jiru,'' jechuun dubbatan.

    Mojtaabaa Kaameniin erga filamanii yeroo duraaf barreeffamaan ergaa dhaamanii turan. Ammoo, viidiyoon isaanii hin mul'anne.

    ''Lubbuun hin jiru waan jedhu dhagahaan jira, yoo lubbuun jira ta'e, biyya isaaf waan bareedaa gochuu qaba innis harka kennachuudha,'' jedhan Tiraamp.

    Oduun du'ee jedhamu garuu ''jette jetteedha'' jedhan.

  7. Tiraamp Iraan waliin mari'achuuf qophii miti jedhan

    Miidiyaa Ameerikaa NBC jedhamu waliin bilbilaan kan dubbatan Pirezidantiin US Donaald Tiraamp Iraan Ameerikaa waliin waliigalteerra gahuu barbaaddi jedhan.

    Haa ta'u malee, ammatti Tiraamp fedhii akkanaa akka hin qabne dubbatan.

    Sababnimmoo, ammatti waan irratti waliigalan ''gahaa miti'' yaada jedhu kennan.

    Kunneen maal akka ta'an hin dubbanne, garuu dhimmi Iraan niwukilara akka hin hidhanne gochuu qaama waliigaltee kanaa akka ta'e himan.

    Gaaffiifi deebiidhuma kanarratti biyyoonni baay'ee Ulaa Hormuuz keessa dooniiwwan darbanii akka boba'aa gurguran gargaaruuf akka waliigalan himan.

    Biyyoonni kunneen garuu kam akka ta'an hin dubbanne.

    Ameerikaan gaafa Sambataa odola Kaarg ''guutummaan guututti mancaasuu'' dubbatteeetti.

    Ulaan kuni al ergii boba'aa Iraaniif wiirtuu ijoodha.

  8. Waraanni Iraan deeggartoota paartii Rippaablikaanaa akkamiin gargar qoode?

    ''Kuni waraana Israa'el dha. Kuni waraana Ameerikaa miti.''

    Ameerikaa fi Israa'el haleellaa Iraan jalqabuun guyyaa lama booda ture viidiyoon mata duree armaan olitti eerme qabu kan maxxanfame.

    Al miiliyoona lamaa ol ilaalameera. Tahus viidiyoo kana roogeeyyii Tiraamp qeeqanii miti kan maxxanse.

  9. Lammiileen US biyyoota Giddugala Bahaa akka gadhiisan ajajaman

    Embasiin Ameerikaa Iraaq magaalaa Baagidaad keessatti argamu akeekkachiisa haaraa baasen lammiileen US akka biyyattii gadhiisan gaafate.

    Kunis, gaafa Sambataa misaa'elli gamoo embaasichaa erga rukute boodadha.

    Akeekkachiisa isaan, Embasiin US lammiileen ''ammuma Iraaq gadhiisuu qabu'' jedhe.

    Embasichi akeekkachiisa isaa keessatti sababni akka bahan akeekkachiise ''garee milishoota Iraanitti maxxananiin yaaddoo uumame'' akka ta'e hime.

    Waraanni US - Israa'el gama tokkoon Iraan gama kaaniin itti jiran torban lama darbeera.

    Iraan biyyoota Giddugala Bahaa keessatti qiyyaafannoo US irratti haleellaa waan cimsiteefi Ameerikaan lammiileen ishee biyyoota kudhan ol keessaa akka bahan kan ajajje.

    Gama kaaniin, akka gabaasa Rooyitarsitti hojjettoonni mootummaa hojii deeggarsa atattamaaf hin babaachifneefi maatiin isaanii Omaan akka gadhiisan ajaji darbeera.

  10. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Dilbataa eegale.

    Waraana giddugala Bahaatti adeemaa jiru, waan biyya keessaafi kaan jala jalaan isin biraan geenya.

    Isinis karaa marsaritii, Facebook, WhatsApp, fi YouTube gubbaan nu hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!