Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni Iraan deeggartoota paartii Rippaablikaanaa akkamiin gargar qoode?
''Kuni waraana Israa'el dha. Kuni waraana Ameerikaa miti.''
Ameerikaa fi Israa'el haleellaa Iraan jalqabuun guyyaa lama booda ture viidiyoon mata duree armaan olitti eerme qabu kan maxxanfame.
Al miiliyoona lamaa ol ilaalameera. Tahus viidiyoo kana roogeeyyii Tiraamp qeeqanii miti kan maxxanse.
Viidiyoo kanarrtti kan dubbatu siyaasa gara mirgaa keessatti nama akkaan beekamuufi gaazexeessaa Fooks Niiwus kan ture Taakar Kaarlsan dha.
''Yeroo waraanaatti biyyooti walabummaa hin qaban, hokkorri ni babal'ataa, achii namoonni ni geeddaramu,'' jedha Kaarlsan.
Namni kuni deeggaraa Tiraamp yeroo dheeraa yoo tahu, tarkaanfii waraanaa akka dhaabu amansiisuuf baatii darbe Tiraamp waliin wal arguuf yaaleera. ''Namoonni dheebuu dhiigaa, jibba waan qabaniif dubbiin ni hammaata,'' jedha.
Gorsi Kaarlsan ifaa dha: ''Waraana kana keessaa ammuma bahaa. Ergan takkaa salphaafi wal xaxaa tahuu danda'a tarkaanfiin jalqabaa garuu kana keessaa bahuuf murteessuu dha,'' jedhe.
Deeggartoonni amanamoofi beekamoo Tiraamp tarkaanfii waraanaa miilanaa deeggaranillee, qorannoo ilaalcha uummataarratti geggeefameen Rippaabliikaanota afur keessaa tokko ilaalcha faallaa qabu.
Falmiin gidduu isaanii jiru kuni qoodamaa jiraachuu isaaniif akeektuu ifaa tahe dha.
Warri ajandaa Tiraamp ''Dursi Ameerikaa'' jedhuuf deeggaraa turan ji'ootaaf dheekkamaa turaniiru.
Waraanni Iraanitti geggeefamaa jiru kuni filannoo marsaa walakkaa Sadaasa dhufu geggeefamu irratti paartii Rippaabliikaanaa miidhuu danda'a jedhu maddeen keessoo.
Ilaalchi uummataa maal jedha?
Kanaan dura yeroo pireezidantiin Ameerikaa tarkaanfii waraanaa fudhatu gara jalqabaa uummata biratti fudhatamni qabu ni dabala. Uummati sabboonummaan waan itti dhagahamuuf ''alaabaa qabatee ka'a.''
Miilana garuu dubbiin akkas miti. Fudhatamummaan Tiraamp waggaa tokko keessatti gad hir'isaa ture erga waraanni jalqabees waan geeddarame miti jedha qorannoon ilaalcha uummataa Real Clear Politics jedhamuun hojjetame.
Iraanitti haleellaan jalqabaa erga taasifamee sagaleen uummataa walitti qabame lammiileen Ameerikaa harki caalaa waraana kana hin deeggaran. Qorannoon NBC News akka agarsiisutti harki 54 akkatti dhimma Iraaniif adeemaa jiruun gammadoo miti.
Paartii Rippaablikaanaa keessatti tarkaanfiin waraanaa kuni deeggarsa %77 yoo argatu, Demookiraatonni %88 ammoo ni mormu.
Akkuma ifatti mul'atu paartilee lamaan gidduu gargaarummaan ifa tahe jira.
Akka NBC'n jedhutti Rippaablikaanota 10 keessaa sagal waraana kana ni deeggaru.
Warri kuni duula Tiraamp huda irratti koofiyyaa diimaa keewwatee warra deemu dha. Ija dunuunfataniit Tiraamp deeggaru.
Rippaablikaanoti gariin waraana kana ija shakkiin ilaalu. Isaan keessaa tokko sadaffaan waraana kana hin deeggaran.
''Dhalooti hawaasa goodaa keessa jiru kanneen waraana Iraaqiifi Afgaanistaan irratti hirmaatani dha,'' jetti Viish Burraa rogeettiin paartii Rippaabliikaanaa
Tiraamp waraana kanaa yoo loltoota lafoo gara Iraan erge fudhatamummaansaa ittuu hir'ata.
Sagalee ummataa irratti qorannoon torbee darbe taasifame akka agarsiisutti Rippaabliikaanoti %85 waraana kana deeggaranillee %52 loltoota lafoo garas erguu ni mormu.
Akka maddeen keessoo gariin jedhanitti Tiraamp balaa siyaasaa itti dhufaa jiru akkatti darbu ni qabaata. Maat Waayiil gorsaa dhimma Rippaablikaanaa Kibba Kaarolaayinaa jiraatu dha. Waraana kanarratti addaan qoodamuun jiraatus deeggartootasaa gariin biratti inumaa fudhatamummaansaa dabalu mala jedha.
''Jarri kuni Ameerikaan biyya warreen walaba tahuu fedhan deeggartu dha jedhanii amanu. Michootaafi biyyoota walabaa yaaddoo nageenyaa qaban waliin dhaabbachuu qabdi,'' jedhanii amanu.
Haa tahu malee kanneen pireezidanticha sagalee guddaan deeggaraa turan Kaarlsan fi Joo Roogaan fa'a ammoo waraana Iraan kana ''maraatummaa dha,'' jedhu
Waraanichi hangam tura kan jedhutu murteessa
Tiraamp yeroo duula geggeessaa ture ergaa fi ibsa X fi miidiyaa hawaasaa ofii irratti barreessaa tureen waraana akka hin deeggarree himaa ture.
''Anaa waliin waraanni hin jiraatu. Anaa waliin waraana addunyaa sadaffaa hin argiitan,'' jechuun bara 2024 uummata Niiw Yoorkitti walitti qabametti himaa ture.
Kuni garuu dhugoomaa hin jiru.
Haa tahu malee Tiraamp ammallee Paartii Rippaablikaanaa keessatti nama aangoo jabaa qabu dha. Filannoo marsaa walakkaa geggeefamuuf Tiraamp ammallee deeggarsa argachaa jira.
Haleellaa Iraan kanaan dura geeggeefameen yeroo lolli dhaabbatu kanneen Tiraamppiin mormaa turan callisuu filataniiru.
Deeviid Azeraad piroofeesara saayinsii siyaasaa Kooleejii Hiilsdeeli yoo tahu ''pireezidantichi qeeqa irratti dhiyaachaa jiru yeroof tuffachuu danda'a,'' jedha.
Haa tahu malee pireezidantichi lola biyya alaa wal-xaxaafi yeroo dheeraaf turu keessa waan seene fakkaata. Ogeeyyiin waraanichaa hangam tura kan jedhutu murteessa jedhu, dabalataan dhiibbaan diinagdee Ameerikaa keesumaa gatii boba'aa irratti qabutu murteessa.
Maat Wiiliin yoo loltuu lafoo ergeefi lammiileen Ameerikaa lubbuu dhaban akkasumas waraanichi yeroo dheeraa yoo fudhate deeggarsi isaa duubatti deebi'ii mala jedha.