Lola adeemaa jiruun baasiin waraanaa Ameerikaa hangam qaaliidha?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Waraanni US-Israa'elifi Iraan erga eegalee torban lamma fixeera. US Iraan keessatti iddoowwan haleellaaf xiyyeeffataman 5,000 rukutuu ibsiteetti, teeknooloojiiwwan waraanaa gosa adda addaa 20 hojiirra oolchuunis gabaafameera.

Pireezidant Doonaald Tiraamp Roobii darbe yaada kenneen Iraan keessatti ''xiyyeeffannoon waraanaa nu hafe hin jiru'' jedheera.

US waraana kana irratti xiyyaarota waraanaa -52 Stratofortress, B-2 Spirit, Rockwell B 1 Lancer, Ittisa haleellaa qilleensaa Patriot fi THAAD fa'a fayyadamteetti.

Dooniiwwan xiyyaara baatan, iistama rokkeettii hedduu irraa dhukaasun danda'amu M-142 jedhamuufi kaan hedduus tarreessuun danda'ama.

Biyyi teknoolojii waraanaan addunyaarratti dhahamtu US waraana hanga ammaa jiruun kaayyoo haleellicha itti eegalte milkeessaa jiraachuu himti.

Garuu baasiin waraana kanaa hangam qaaliidha?

Ammatti ragaa guutuu fi qulqulluun mummee waraanaa US irraa bahe hin jiru. Maddeen Peentaagoniifi bakka bu'oota uummataa garuu gabaasa marii keessatti dhiyaatan hanga ta'e miidiyaaleetti himaa jiru.

Qondaaltotni bulchiinsa Pirezidant Doonaald Tiraamp gabaasa jalqaba torbee kanaatti dhiyaate keessatti guyyoota jalqabaa jaha waraanichi gaggeeffame keessatti qofa baasiin waraanaa yoo xiqqaate $11.3 (biliyoona) ni ta'a jedhanii akka tilmaaman maddeen waabeffachuun Rooyitarsi gabaaseera.

Gabaasni sun Kibxata darbe Senaatarootaaf walgahii cufaa ta'erratti dhiyaate jedhameera.

Gabaasichi baasii guutuu waraanichaa akka hin taaneefi seera baaftotni bajata dabalataa waraanichaaf akka hayyaman odeeffannoo kennuurratti kan xiyyeeffate akka ture ibsameera.

Gabaasa walfakkaataa Rooyitarsi qondaalota bulchiinsa Tiraamp waabeffachuun baaseen guyyoota jalqabaa lamaan waraanichi eegaletti baasiin meeshaalee waraanaa US $5.6 biliyoon akka ta'u ibsa.

Maddi odeeffannoo kanaa ammoo koree Konigireesii Ameerikaaf gabaasa Kibxata darbe dhiyaatedha.

Miseensonni Kongireesii dhiyootti waraanichaaf bajata dabalataa raggaasu jedhamee eegama. Ammoo waraanichi humna ittisaa biyyattii laaffisa jedhanii akka yaaddahan dubbataniiru.

Barruun The New York Times maddeen Pentagoon waabeffachuun akka gabaasetti ammoo baasiin waraanaa torban jalqabaa biliyoona $6 jedha. Maddeen kaan ammoo sanaa oluu akka ta'uu danda'u tilmaamu.

Kana jechuun sochiin waraana US guyyaadhaa guyyaatti gargar ta'us baasiin waranaa guyyuu giddugaleessaan yoo xiqqaate doolaara biliyoon tokko akka ta'u agarsiisa.

Gabaasni Politico ammoo seera baastotni ibsa kophaatti kennameefiin baasiin guyyuu waraanichaa hanga doolaara biliyoona lamaa akka gahu itti himamuu mul'isa.

Barruun Forbis US meeshaalee waraanaa adda addaa 20 Iraanirratti fayyadamaa jirtu hangam qaalii akka ta'an agarsiiseera.

Akka gabaasa kanaatti baasiin meeshaa waaraanaa inni xiqqaan diroonii haleellaa raawwattee achumatti baddudha. Gatiin tokkoo doolaara 35,000 ta'a. Misaayelootni Tomahawk ammoo qaaliidha, miliyoonaan baasiisu.

Dabalataan guyyaa Bitootessa 1 Kuweetitti dhukaasa dogoggoraan xiyyaarotni waraanaa F-15 Strike Eagles jedhaman rukutamanii kufaniiru. Dirooniiwwan MQ-9 Reapers jedhaman 11 ta'anis akkasuma kuffifamaniiru. Baasiin xiyyaarotaa sadiifi dirooniiwwan rukutaman kanaa walumatti doolaara miliyona 600 ta'a jedha gabaasichi.

Baasiin olitti ibsamu kun baasii baasii guyyuu loltoota naannicha qubatanii jiranii hin dabalatu jedhama.

The Washington Post kan waabeffate Forbes ammatti loltootni US 50,000 ta'an bifa adda addaan waraana kana keessatti hirmaataniiru jedha.

Qondaalli muummee bajataa duraanii Peentaagon tokkommoo barruu The Wall Street Journal yoo himu waraanni jalqabaa durayyuu Baha Giddugaleessaa keessa loltoota, dooniiwwan waraanaafi xiyyaarota sochoosuun mataansaa hanga doolaara miliyoona 630 fixeera jedhe.

Wanti baasii waraanaa US akkas qaalesse maali?

Akka gabaasaaleen agarsiisanitti wanti guddaan baasii waraanaa US akka malee qaalesse baasii meeshaalee dhukaafamaniiti.

Dhaabbatni nageenya biyyaalessaarratti hojjetu Center for Strategic & International Studies (CSIS) tilmaama kaaheen sa'aatiiwwan jalqabaa 100(guyyoota afur) keessatti baasiin US meeshaalee dhuka'anitti baafte doolaara biliyoona 3.1 ta'a.

Akka gidduugalli kun jedhutti ergasiis baasiin guyyuu meeshaalee dhukaafamanii gidduugaleessaan miliyoona 758 ta'a.

Forbes guyyaatti US meeshaalee waraanaa hangam akka dhukaaftu ifa miti jedha. Ammoo hangaan baayyee xiqqaa dhukaafteetti inni jedhamu mataansaa doolaara miliyoonota hedduu ta'a jedha.

Mee baasiiwwan meeshaalee dhuka'anii muraasa haa ilaallu.

Misaayela Tomahawk tokkicha: Akka gabaasaaleen agarsiisanitti US misaayela kana Iraanirratti dhukaafteetti. Gatiin misaayela tokkicha kanaa inni xiqqaan doolaara miliyoona lama inni qaaliin ammoo hanga doolaara miliyoona 3.6 gaha.

Dirooniiwwan Kamikaze 100: Gidduugalli ajaja waraanaa US(CENTCOM) dirooniiwwan Kamikaze haleelaanii as hin deebine bal'innaan fayyadamuu ibsa. Gatiin itti omishamanis rakkasa jedhama. Waraanni US diroonota kana hangam akka itti fayyadame ifa hin goone. CSIS garuu yoo xiqqaate 100 jedha. Gatiin tokkichaa doolaara 35,000. Kana jechuun baasiin diroonota kanaa walumaagalatii doolaara miliyoona 3.5 ta'a.

Hoji gaggeessaa olaanaan dhaabbata diroonii Draganfly Kameroon Sheel yaada Fox News'f kenneen haleellaan Ayaatolaa Alii Kaamenii ajjeese doolaar miiliyoona hedduufi dirooniifi xiyyaara nama baatu kan hirmaachise ta'uu mala jedha.

Diroonotni kun warra qaalii fi xiyyeeffannoo adda baasanii kan haleelan ta'uu jedha.

Farra misaayelii THAAD: Kunniin haleellaa misaayelii diinotarraa dhukaafaman fashalsuuf hojiirra oolu. Tokkoon tokkoonsaanii doolaara miliyoona 12.8 baasu jedha Forbes gabaasa Pentagoon waabeffachuun.

Ammoo farreen misaayelaa hangam waraana kanarratti akka bobbaafaman ifa miti.

Dirooniiwwan MQ-Reapers: Dirooniiwwan kunniin tokkoon tokkoon isaanii doolaara miliyoona 30 baasu jedha ragaan koongireesii. Ammoo rukutamanii kufuuf hiree bal'aatu jira jedha gabaasni CBS. Kunis baasi waraanaa US akkaan qaalessuu mala.

Kanneen olitti ibsaman muraasa meeshaaleen waraanaa hedduun tokkoon tokkoon isaanii doolaara kumoota dhibbaan baasisan jiru.

Waraanni kun yoom akka xumuramu hin beekamu. Hangam hammaachaa deemuu akka danda'us tilmaamuun ni dhiba.

Akka ragaaleen agarsiisanitti garuu turtii waraanichaarratti hundaa'uun baasiin waraana US kan tilmaamuun danda'amuun ol ta'uu mala.