Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US Faannoo shororkeessummaatti ramaddee, miseensa garichaa ariite
Waajirri dhimma Raawwachiisa Immigireeshinii fi Gumurukaa Ameerikaa (ICE) lammii Itoophiyaa ''miseensa garee Faannooti'' jedhe biyyaa ari'e.
Akka ibsa ICE'n baaseetti, namni maqaan isaa Salamoon Boggaalee jedhamu kun mirgooti namoomaa akka sarbamaniif dhiibbaa gochuu, miseensa garee hidhataa 'Faannoo' ta'uu isaatiif, akkasumas gocha duguuggaa sanyii jajjabeessuun Ameerikaatii ari'ame.
Salamoon Boggaalee ergaawwan miidiyaa hawaasaa isaarratti maxxansuun ''ummanni Tigraay Itoophiyaa keessaa akka duguugamaniif, akka ari'atamanii fi akka miidhaan irrati taasifamuuf waamicha godheera,'' jedha ibsi ICE'n baase.
Maxxansi miidiyaalee hawaasummaa Salamoon Boggaalee irra jiru dhalattoota Tigraay dachee Itoophiyaa irraa "qulqulleessuun" ari'atamuu fi hookkarri akka irratti raawwatamu kan of keessaa qabuudha.
Namni kun miidiyaa hawaasummaa isaarratti qabiyyee maxxansuun akka miseensa Faannootti of ibsuu jaarmiyaan immigireeshinii US kun ibseera.
"Yakkamaan lammii biyya biraa seeraan ala Ameerikaa keessa jiraataa ture Salamon Boggaalee, faayidaan gama immigireeshiniin argatu erga irraa mulqamee booda dhumarratti Bitootessa 5 qondaaltota keenya Fooniksiin (Phoenix) gara Itoophiyaatti ari'ame,'' jedha ibsi ICE.
''Kunis erga ICEn akkaawuntii miidiyaa hawaasaa hedduu irratti miseensa garee Shororkeessummaa Sadarkaa III (Tier III terrorist group) ta'e Faannoo ta'uu isaa ifatti ibsee booda."
Gareen jaarmiyaan dhimma baqattootaa fi gumuruukaa US maqaa eeruun baqataa Itoophiyaa shororkeessummaan shakkee biyyaa ari'e, Faannoon, Itoophiyaa keessatti-keessattuu naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessattis mirga namoomaa sarbuun himatama.
Gareen kun naannoo Amaaraa keessatti erga mootummaa waliin lolatti seenee waggaa sadiif deema.
Sababa walitti bu'iinsa garee kanaa fi qaamolee nageenyaa mootummaan naannochatti dhiittaan mirga namoomaa, mancaatiin qabeenyaa fi goolamni siyaasaa dhalateera.
Gareen kun naannoo ollaa, Oromiyaattis gochoota suukanneessoo dhala namaarratti raawwachuun himatama.
Mootummaan naannoo Amaaraa ji'a sadi dura, Amajjii 3, 2026 ibsa baaseen, humnoota hidhatanii socho'an kanneen 'Finxaaleyyii' jechuun waame ''gocha suukanneessaa dhala namaarraa hin eegamne raawwachaa jiru'' jechuun balaaleffateera.
Mootummaan naannochaa gareen kun ''Haala suukanneessaa ta'een harkaa fi gurra namaa muruun gocha gara jabeenyummaa isaanii ifatti mul'isaniiru,'' jedhe ibsa miidiyaa hawaasummaarratti maxxanse keessatti.
Mootummaan Naannoo Amaaraa ibsa isaa keessatti hidhattoota yakka suukanneessaa raawwatan jedhe kana ''Finxaaleyyii'' jedhee waame.
Haata'u malee ibsi kun ba'uu guyyoota muraasa dura gocha naannochi suukanneessaadha jechuun ibse kana gareen 'Faannoo' raawwachuu BBCn gabaasa isaan mirkaneessee ture.
Inumaa gochi hidhattoonni ''haala suukanneessaan'' raawwatan kun viidiyoodhaan waraabamee miidiyaa hawaasummaarratti qoodamaa ture.
Viidiyoon maxxanfame yeroo hidhataan 'Faannoo' tokko harka namaa tokkoo qottoon kutu agarsiisa.
Taateen kun naannoo Amaaraa keessatti raawwate jedhame.
BBC Verify viidiyoo miidiyaa hawwaasaa irratti qoodame kana xiinxaluun viidiyichi dhugaa tahuu mirkaneesseera. Bakki taateen kun itti mudate Kirree Maariyaam [Karra Maariyaam] jedhama.
Godina Walloo Kibbaa aanaa Warra Iluu keessatti argama.
Dabalataan hidhattoonni kunneen gurra miidhamaa kanaa tokkos irraa muraniiru.
Garuu viidiyoon kun guyyaa akkamii akka waraabame hin beekamu.
Hidhattoonni kunneen godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessattis sarbama mirga namoomaa fi ajjeechaa akkasumas saamicha raawwachuun himatamu.
Jiraattoonni godinaalee kunneenii fi qaamoleen mootummaa hidhattoonni kunneen gocha akkanaa raawwataa jiraachuu yeroo adda addaa BBCtti himaa turaniiru.
Shororkeessummaan US keessaa nama ariisisu 'TRIG' maali?
Ameerikaan erga bara 2003 as namoota sarbama mirga dhala namaa fi yakkoota waraanaan walqabataniin shakkite 1,178 biyyaa ariiteetti.
Ragaan Waajira dhimma Raawwachiisa Immigireeshinii fi Gumurukaa Ameerikaa (ICE) akka agarsiisutti, namni kamuu miseensa ''jaarmiyaa shororkeessaa'' ta'ee yoo argame ykn ofiisaa gocha shorokeessummaa keessatti yoo hirmaatee fi Dhaabata Seera Immgireeshinii fi Lammummaa (INA) jedhamuun yoo adda baafame ''Ameerikaa seenuu hin danda'u.''
Namni haala kanaan adda baafame Ameerikaa keessaa ni ari'ama, faayidaa immigireeshiniin walqabatus hin argatu.
Hiikaan gochoota shororkeessummaan walqabatanii fi nama adabsiisaniif kenname bal'aa ta'uu kan ibse jaarmiyaan kun, namoota dhuunfaa ykn gochoota shororkeessummaa waliin hidhata hin qaban jedhamanii yaadamanillee hammachuu danda'a jedhe.
Sababa kanaaf Kongiresiin Ameerikaa seera dhimma namoota akkanaa ykn gochoota akkasii addatti ilaalu ykn adabbii shorkeessummaan walqabatu jalaa baraarsuu danda'u qopheesseera.
Haala dhaabbileen dhimma Nageenya Biyya keessaa fi Naannolee namoota gochi isaanii shorokeessummaan wal hin qabatu jedhamee yaadamuu fi adabbii biyyaa ari'amuu jalatti kufan baraaruu danda'a jedha jaarmiyaan kun.