Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Xiyyaarri US xiyyaarota waraanaa boombii darbataniif boba'aa guutu Iraaq keessatti kufe, hojiin lubbuu baraaruu itti fufeera

Xiyyaaronni Ameerikaa lama xiyyaara waraanaa boombii darbataniif boba'aa guutan lixa Iraaq keessatti kufan. Lameen keessaa tokko nagaan qubate jedhame. Sababni balaa kanaa beekamuu baatus, garuu haleellaa irratti raawwatameen akka hin taane ajaji giddugalaa US ibseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hojjettootni xiyyaara US boba'aa guuturra turan jahanuu du'uun gabaafame

    Xiyyaara waraanaa US KC-135 jedhamuufi sababa maaliin akka kufe hin ibsamnerra kanneen hojjechaa turan afur duraan du'uunsaanii mirkanaa'etti dabalataan hojjettootni hafan lamas du'uu waraanni biyyattii mirkaneesse.

    Sababni balaa Iraaqitti qaqqabe kanaa ifa hin taane.

  2. UAE'n har'a misaayela torbaafi diroonii 27 qoladhe jette

    Humni qilleensaa UAE guyyaa har'aa qofa misaayeloota torbaa fi dirooniiwwan 27 Iraanirraa itti dhukaafaman qolachuu beeksise.

    Erga waraani kun eegalee biyyattiin misaayela baalistikii 285, kiruus misaayelii 15 fi dirooniiwwan 1567 qolachuu Ministeerri ittisaa biyyattii beeksiseera.

  3. Dhaddachi 'dubartooti hojii hin argatan' jechuun iyyannoo boqonnaa laguu kuffise

    Manni Murtii olaanaa Hindii dubartoonni hojii idilee qabaniifi barattoonni shamarranii yeroo laguu boqonnaa akka argatan iyyannoo dhiyaate kuffise.

    Daanyaan seerri akkasii yoo tumame ''namni dubartoota hojiitti qacaru hin argamu,'' jedhan.

    Dhaddacha kana kan hogganan, Daanyaa Suuryaa Kaant guyyaa boqonnaa kana dirqama yoo goone dubartoonni waayeloota isaanii dhiiraa wajjin qixxee akka hin ilaalamne waan godhuuf ''guddina isaanii miidha,'' jedhan.

    Dhimmi boqonnaa yeroo laguu hawaasa Hindii lamatti qoodee kan ture yoo tahu, gariin namaa waan daanyaan jedhe kan deeggaran yoo tahu kaan ammoo dubartoonni guyyaa tokko ykn lama hojiirraa hafuun dhukuubbii laguu isaanii irratti akka of kunuunsan gargaara jedhu.

    Bulchiinsoti muraasaafi dhaaboti dhuunfaa biyyattii hojjettoota isaaniif boqonnaa laguu eeyyamaniiru.

  4. Peentaagan ibsa har'a kenneen waa'ee waraana adeemaa jiruu maal jedhe?

    • Hogganaan Humna Ittisaa Ameerikaa Piit Heegseez Ameerikaan haleellaa jabaa akka raawwattu himuun waraana Iraan ''barbadeessuun'' akka itti fufu beeksise.
    • Iraan humna qilleensaa haalaan hojjetu hin qabdu, hammi misaayela isaanis %90 hir'iseera. Iraan dhihoottuu meeshaa waraanaa oomishuuf humna hin qabaattu, jaarmilaayleen ittisaa isaanii ammoo yeroo dhihootti ''barbadaa'u'' jedhe Piit.
    • Heegseez dabaluunis ulaa Hormuuz irratti gochaa 'abdii dhabuu' irraa madde raawwataa akka jirtu himuun Ameerikaan dhimmicha hordofaa jirti jedhe.
    • Hogganaan olaanaa haaraa Iraan Mojtaabaa Kaameeneen ''madaa'ee, fuullisaa akka hin taane taheera,'' jechuun dubbate.
    • Jeneraalli Olaanaa Waraanaa US Daan Keen dhaabota waan dhuka'u ulaa Hormuuz irra kaa'an irratti akka qiyyaafatan himan.
    • Haleellaa mana barumsaa dubartootaa irratti raawwateef himanna ka'u irratti Heegiseez Ameerikaan haleellaa sana qorataa akka jirtuufi oppireeshiniin US-Israa'el ''gonkumaa'' namoota nagaa irratti hin xiyyeefatu,'' jedhe
  5. Namni qaamni 'na dhukkube' jedhee yaala hatattamaa deeme, halluu 'ansoolaa keeti' jedhame

    Namni Toomii Liinch jedhamu qaamnisaa gara cuquliisaatti geeddaramnaan hospitaala deeme. Hakiimonni garuu ansoolaa isaa haaraa irraa halluun cuquliisaa itti allaqatee akka tahe itti himan.

    Namni UK bulchiinsa Derbiishaayar keessa jiraatu kuni ansoolaa cuquliisarra sa'atii dheeraaf erga rafaa turee, yoo ka'u qaamnisaa waan guuloo cuquliisaa keessatti dhuubame fakkaata.

    Kana booda hiriyyaansaa gara wal-aansa hatattamaa akka deemu isa gorsa. Mana yaalaa gahee oksijinii akka argatu erga godhameen booda ogeeyyiin qaamasaarraa huccuun gaafa haqan qalama akka tahe baran.

    Namni ganna 42 kuni ''ani baayyee nahee ture garuu ogeeyyiin sababa kolfaa nuu taate ,'' jedhan ''Ani yeroo baayyee seenaa nama kolfisisu hin qabu tureyyuu'' jechuu dubbate.

    Qaamni namaa halluu cuquliisa yoo agarsiise qaamasaa keessa hanqinni oksijiinii akka jiru akeektuu dha.

  6. US qoqqobbii boba'aa Raashiyaarra keesse laaffifte, Moskoon fedhiin keenya walargateera jette

    Guyyaa Kamisaas gatiin boba'aa baarmeela tokkoo doolaara 100 darbuu hordofee Ameerikaan gabaa boba'aa tasgabbeessuuf tarkaanfii fudhatteen Raashiyaa gammachiifteetti.

    Waraana Gidduugala Bahaatti itti fufeen walqabate ulaan boba'aan irra imalu Homuuz cufamuu isaaf gatiin boba'aan dabalaa jira.

    US boba'aa Raashiyaa buufatalee galaanaa qaqqaban bitachuun akka danda'amu qoqqobbii keessee ture laaffifteetti.

    Ministirri Qabeenyaa US Iskoot Baseent hayyamni kenname kun guyyoota 30f akka turu beeksiseera. Murteen kun mootummaan Raashiyaa hangas mara bu'aa guddaa irraa hin argatus jedheera.

    Boba'aan Raashiyaa baarmeela miiliyoona 100 ta'u tiraanzitiirra jira jedhameera.

    Kireemliin gama isheen murteen US ''gabaa boba'aa tasgabbeessuurratti xiyyeeffate'' jedheera. Kanaanis fedhiin biyyoota lamaaniiwalitti dhiyaateera jedha.

    Ministirri Inarjii UK gama isaaniin UK'n kophaatti boba'aa Raashiyaa ilaalchisee qoqqobbii akka hin laaffifne beeksise.

  7. 'Mootummaan Iraan hunkutaa'aa jiraachuuf ragaan hin jiru'

    Gulaalaan Hajaa Alaa BBC Jereemii Boowen mootummaan Iraan hunkutaa'aa jiraachuuf ragaan akka hin jirre dubbata.

    Yeroo hogganaan olaanaa Iraan guyyaa jalqabaa ajjeefamu Ameerikaan mootummaan biyyattii saffisaan hunkutaa'a jettee eegaa turte, haa tahu malee kuni tahuusaaf ragaan hin jiru.

    Donaaldi Tiraamp nama hoggansa jabaatti amanu dha. Ayaatolaan erga ajjeefamee booda taateen akka Veenzuweelaa uumama jedhee amana ture taha.

    Yaada akkasii qabateetu deeme taanaan akkatti caasaan bulchiinsa Iraan hojjetu hin beeku jechuu dha.

    Iraan seenaa diddaafi jibba Amerrikaa fi Israa'el yeroo dheeraa qabdi.

    Israa'el hogganaa haaraa Mojtaabaa Kaameenee ajjeesuuf akka yaaltu himteetti.

    Haleellaa abbaasaafi haadhasaa ajjeeseen madaa'uunsaa himamullee ragaa garuu hin jiru.

    Biyyooti Galoo galaanaa Ameerikaan laaqaa haxaa'uuf rakkatanitti akka isaan dhiiste komatu.

  8. Tiraamp waa'ee miidhamuu hoogganaa haaraa Iraan dubbate

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ergaa jalqabaa Mojtabaa kaameenii karaa TV mootummaa Iraan darbe booda waa'ee miidhamuu hoogganaa kanaa dubbate.

    ''Hoogganaa haaraan Iraan 'hubameera'. Garuu lubbuun jiraachuu mala,'' jedhe Tiraamp.

    Rooyitarsi qondaala Iraan maqaan hin eeramne wabeeffachuun akka gabaasetti Mojtabaa Kaameenii haleellaa US fi Israa'el Iraan irratti raawwataniin ''xiqqoo miidhameera.''

    Haata'u malee dhimma kanarratti gama mootummaa biyyattiinis ta'e, miidiyaaleen gabaasi bal'aan hin baane.

    Mojtabaa Kaameenii erga filatamanii yeroo jalqabaaf kennaniin Iraan haleellaa haaloo ba'uuf raawwataa jirtu irratti dabalataan Ulaa Hormuz irrattis tarkaanfii fudhachuu akka itti fufte ibsaniiru.

    ''Waan baayyee dubbatu. Innis of mullisuu qaba. Waan ta'u arguuf deemna. Hundasaanii balleessaa jirra waan ta'eef,'' jechuun dhaadate Tiraamp.

    ''Erga Waraana Addunyaa Lammaffaa as haleellaa isa hamaa ta'e irratti raawwataa jirra.''jedhe Tiraamp

  9. Haleellaa misaa'elaa Iraan Israa'el irratti raawwatteen hedduun miidhaman

    Jimaata ganama kaaba Israa’el keessatti haleellaa misaa’elaa raawwateen namoonni hedduun miidhamuu isaanii tajaajilli balaa tasaa Israa’el beeksise.

    Haleellaa kanaan namootni hangamii akka ajjeefaman hin ibsamne.

    Tajaajilli balaa tasaa biyyatti akka jedhetti, ogeeyyiin fayyaa namoota 58 namootni lubbuu gargaargaarsaa gara hospitaalota naannoo sanaatti geessaan wal'aanaa jiru jedhe.

    Waraanni Israa’el akka jedhetti miseensonni lubbuu baraarasaa gara bakka balaan kun itti dhaqqabeetti ergamaniiru.

    Itti dabaluudhaanis, ''haalli taatee kanaa qoratamaa jira,'' jedheera.

    Waraanni Israa'el misaa’elli haaraa Iraan irraa gara Israa’elitti furguggifame to’achuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

    Naannolee balaan kun itti muudachuu danda'u ummataaf akeekkeachiisa ergeera.

  10. Chaayinaan maatii barattoota Iraan haleellan dhumaniif gargaarsa ergufi

    Chaayinaan maatii barattoota Iraan kan haleellaa US fi Israa'el raawwataniin ajjeefamaniif gargaarsa akka gootu beeksifte.

    Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa ⁠Waldaan Fannoo Diimaa fi addeessa deemaa Chaayinaa ⁠gargaarsa ⁠Namoomaa hatattamaa doolaara kuma 200 akka ergu ibse.

    Maallaqni kun addatti maatii barattoota waraana kanaan ajjeefamaniif kan oolu ta’uu ibseera.

    Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Chaayinaa Guho Jiyakun ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Beejiing “haleellaa namoota nagaa irratti raawwatamu hunda ni balaaleffatti” jedhan.

    Raashiyaanis qorichaa fi meeshalee deeggarsa namoomaa dabalatee karaa Azabajaanin Iraanif erguun kaleessa gabaafamee ture.

  11. Tiraamp hoggantoota Iraan ajjeesuutti ''nan boona, waan har'a ta'us eegaa!'' jedhe

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaa irratti maxxanseen ''hoggantoota Iraan ajjeesuu kootti nan boona,'' jedhe.

    ''Mootummaa shororkeessaa Iraan barbadeessaa jirra. Diinagdee, humna waraanaa fi kaan balleessaa jirra,'' jechuun Truth Social irratti barreesse.

    ''Humni galaanaa Iraan manca'eera. Humni qilleensaa isaanii akka hin jirre ta'eera. Misaa'eloonni, dirooniiwwanii fi meeshaaleen waraanaa isaan qaban hundi barbadaa'aniiru. Hoggantoonni isaaniis lafarraa haxaawamaniiru.''

    Tiraamp biyyisaa humna waraanaa dorgomaa hin qabne qabaachuu ibsuun dhaadate.

    ''Meeshaa dhukaasnu fi kaan bal'inaan qabna. Yeroo dheeraa fudhannee waan feene gochuu dandeenya. Waan hoggantoota jiran mudatu har'as eegaa!'' jechuun erga akeekkachiisa qabu dabarse.

    Israa'el fi US haleellaa waloon gaggeessaniin hogganaa olaanaa Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii ajeesuudhaan dhaadatu, hogganaa haaraa filamus adamsuun akka ajjeesan kakataniiru.

    ''Waggaa 47f namoota nagaa ajjeesaa turan. Har'ammoo an, akka pirezidantii Ameerikaa 47ffaatti, isaan ajjeesaan jira. Kana gochuu kootti ammoo baayyeen boona,'' jedhe Tiraamp.

  12. Iraan haleellaa misaa'elaan lammiilee Israa'el hedduu miite, kadhannaan mooraa qulqulluu Jerusaalem adda cite

    Jimaata ganama Iraan misaa'elaan gandoota kaaba Israa'el haleeluun namoota hedduu miidhuu Tajaajilli Yeroo Balaa Israa'el ibse.

    Tajaajilli kun Magen David Adom (MDA) kan jedhamu yoo ta'u haleellaa kanaan namoota miidhaman 60tti siqaniif tajaajila wal'aansa yeroo erga kennee booda gara hospitaala Zarzir, handaara magaalaa Naazereet jiruutti geessuu ibse.

    Namoota haleellaa misaa'elaa Iraaniin miidhaman kunneen keessaa 57 kan ta'anirra miidhaa salphaatu ga'e.

    Gama kaaniin halkan keessa sababuma waraana kanaan Masjiida al-Aqsaatti Salaatni adda citeera.

    Ministeerri dhimma alaa Israa'el akka ibsetti sababi Salaati adda citeef Iraan misaa'elaan iddoowwan qulqulluu Jerusaalem keessa jiran haleeluuf waan akeekkachiifteefi.

    Ibsi ministeerichaa akkas jedha: ''haleellaawwan Iraan raawwachuuf doorsisaa turte keessaa tokko iddoowwan qulqulluutti meetira muraasa dhihaatee kufeera.''

    Sababa kanatti kadhannaan iddoowwan qulqulluu keessatti gaggeeffamu yeroof adda citeera jedhe.

    Kunis lubbuu dhala namaa balaa jalaa baraaruu fi nageenyummaa amantootaaf jecha kan raawwatamedha akka ministeerichaatti.

    Iddoowwan qulqulluu amantiiwwan Islaamaa, Yihuudaa fi Kiristaana biratti iddoo guddaa qaban magaalaa Jerusaalem keessatti argamu.

    Haleellaa misaa'elaa Iraan Israa'el irratti raawwatteen miidhaa qaqqabe viidiyoodhaan:

  13. Ameerikaan qoqqobbii boba’aa Raashiyaa irratti kaa’ame xiqqeessite

    Ameerikaan dhiibbaa diinagdee fi gatii boba'aa sababa waraanaa Iraan keessatti deemaa jiru tasgabbii dhabe to’achuuf jecha boba’aa Raashiyaa qoqqobbiin irra kaa’amee ture xiqqeessuun biyyootni akka bitatan hayyamtee jirti.

    Ministirri Maallaqaa Ameerikaa Iskoott Beesent yeroo waraana kanaatti ''gabaa anniisaa addunyaa keessatti tasgabbii uumuuf'' tarkaanfii yeroof fudhatamedha jedhan. Hayyamni kun hanga Ebla 11tti kan turu ta’uun ibsameera.

    Haleellaan dooniiwwanii boba'aa Galoo Galaanaa ulaa Hormuz irratti rawwatamuun gabaan boba'aa addunyaa akka malee jeeqameera

    Kana boodaas tarkaanfiin ulaa kana cufuu kan itti fufu ta'uu hogganaan olaanaa haaraan Iraan dhaadataniiru.

    Biyyootni hedduun boba'aa usachuuf jecha tarkaanfiwwaan adda addaa fudhataa jiru.

    Fakkeenyaaf, Filippiins boba’aa qusachuuf hojjettoonni mootummaa torbanitti guyyoota afur qofa akka gara hojii deeman taasiseera.

    Gama biraatiin Jaappaan, Kooriyaa Kibbaa fi Taayilaandi gatii boba’aa irratti daangaa kaa’uu beeksisaniiru.

    Mootummaan Ameerikaa ''haala danda'ameen '' dooniiwwan karaa ulaa Hormuz darban balaa irraa eeguu kan jalqabu ta'aa jedhan Bessent.

  14. Hoggantoonni Iraan akkamiin sirna aangoorra isaan tursiisu ijaaran?

    Warraaqsa bara 1979 booda gara aangootti kan dhufan hoggantoonni Iraan, waggoota 40 booda amma haala rakkisaa keessa jiru.

    Haleellaan waloo US fi Israa'el hogganaa waliigalaa biyyattii kan turan Ayaatolaa Ali Kaameeniifi ajajaoota waraanaa sadarkaa olaanoo ajjeessera, bu'uraalee misoomaa ijoo ta'anis miidhera.

    Biyyoonni lamaan Iraan keessatti jijjiirama mootummaa/bulchiinsaa akka barbaadan mallattoo kennaniiru, lammiileen Iraan mootummaasaanii akka fonqolchanis waamicha dhiyeessaniiru.

    Haa ta'u malee bulchiinsi Iraan caasaa aangoo jabaa diriirsuusaatiin salphaatti akka hin fonqolchamne xinxaltoonni himu.

    Dandamannaan bulchiinsa Iraan kun akkamiin ibsama? Biyyoota Baha Giddugaleessaa biroorraa maaliin adda ta'a?

  15. Gahee Eegdota Warraaqsaa Iraan

    Hoggantoonni Iraan akkamiin sirna aangoorra isaan tursiisu ijaaran?

    Waraana idilee biyyattoo cinaa kan hojjetu Gareen Eegdota Warraaqsaa Islaamaa (IRGC) "lafee dugdaa bulchiinsa biyyattii" akka ta'e akka amanamu Urkaad himu.

    Gareen kun gahee waraanaan cinatti humna siyaasaafi diinagdee guddaa akkasumas gama caasaa isaa Baasij Milishaa jedhamuun dhiibbaa uumtummaa guddaa kan qabudha.

    Kana malees qaamoleen nageenyaa biyyattii hookkarawwan garagaraa keessatti tokkummaa isaanii eeggatanii turuu kan himan Boussois, kunis amanamummaa yaadama/ilaalchaarraa kan madde akka ta'e himu.

    Deetaa Ministeera Ittisaa Iraan kan ta'an Rezaa Talaeinik af-gaafii dhiyeenya kana televiziyoonarratti taasisaniin itti fufiinsa Garee Eegdota Warraaqsaa Islaamaa (IRGC) mirkaneessuuf tokkon tokkon komaandaroota garichaaf bakka bu'ootni hanga sadarkaa sadii qophaa'uusaanii himaniiru.

  16. Loltuun Faransaay Iraaqitti ajjeefamu fi hedduun madaa'uu Maakroon himan

    Iraaq naannoo Erbil keessatti haleellaa dirooniin raawwatameen loltuun Faransaay tokko ajjeefamuun, namoonni hedduun madaa’uu Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon beeksisaniiru.

    Erga waraanni Iraan dhuma baatii darbee jalqabee as loltuu Faransaay isa jalqabaa ajjeefame jechuun jechuun ibsan Maakroon.

    "Loltoonni keenya hedduunis madaa'aniiru. Faransaay loltoota kanneen maddii dhaabbattee jirti."jedhan

    Maakroon haleellaa humnoota Faransaay naannichatti garee mootummaa Islaamummaa lolan irratti raawwatame ''fudhatama hin qabu'' jechuun balaaleffatan

    "Iraaq keessatti argamuun isaanii qaama shororkeessummaa iittisuuti. Waraanni Iraan haleellaa akkasii kanaaf sababa ta'uu hin danda'u." jedhan

  17. Lammiileen Iraan ergaa jalqabaa Mojtabaa Kaameenii irratti gargar qoodaman

    Lammiilee Iraan biyyattii keessa jiran bilbilaan argachuun rakkisaadha, kanneen akka carraa toora irra galan garuu arganneerra.

    Mojtabaa Kaameenii hogganaa olaanaa Iraan ta'uun erga filamanii yeroo jalqabaaf ergaa dabarsan irratti lammiileen biyyattii miira garagaraa mul'isaniiru.

    Jiraataan Tehraan umriin waggaa 30 keessa ta'e tokko ''ergaan darbe kanuma duriiti. Keessoo sirnichaatii homaa jijjiiramaa akka hin jirre agarsiisa,'' jedhe.

    Dubartiin jiraattuu magaalaa Tehraan taatee fi umriinshee 40 keessa ta'e tokkos ergaa hoogganaa olaanaan kun dabarsanitti akka hin gammadne dubbatte.

    ''Ergaan kun kan isaa waan ture natti hin fakkaanne. Biyyattiin to'annoo Eegdota Warraaqsa Islaamummaa (IRGC) waan jiru fakkaata. Ergaan isaa baayyee hamaadha,'' jette.

    Mojatbaa Kaameenii abbaasaanii Ayaatollaa Alii Kaameenii haleellaa US fi Israa'eliin Guraandhala 28,2026 ajjeefaman bakka bu'uun Bitootessa 8, 2026 seenaa Iraan keessatti hogganaa olaanaa sadaffaa ta'uun filataman.

    Wayita Mojtabaa Kaameenii filataman lammiileen biyyattii kumaa kitilaan ba'uun gammachuusaanii ibsuun hogganicha deeggaran akkuma turan kanneen jijjiirama sirnichaa fedhan ammoo mormiisaanii dhiheessaniiru.

    Ameerikaa fi Israa'el hoogganaa haaraa kana akka hin feene ibsuun lammiileen Iraan sirna kanarratti ka'uun carraa argametti fayyadamanii biyyasaanii akka of harka galfatan waamaniiru.

  18. Xiyyaarri waraanaa US Iraaq keessatti kufuu humni waraanaa biyyattii ibse

    Humni waraanaa US taateen kun xiyyaarota boba'aa guutan lama mudachuu ibse.

    Xiyyaaronni US xiyyaarota waraanaa boombii darbaniif boba'aa guutan kunneen lixa Iraaq keessatti rakkoon kun irra ga'e.

    Ajaji giddugalaa US xiyyaarota lameen keessaa tokko nagaan qubachuu ibse, tokko garuu kufeera jedhe.

    Taatee kana hordofee hojiin lubbuu baraaruu itti fufeera.

    Sababi balaa kanaa ammatti beekamuu baatus garuu haleellaa qaama alaanis ta'e dogoggoraan keessaa mudateen akka hin taane ibseera waraanni US.

    Balaan xiyyaara KC-135 jedhamu kanaa hangam akka ta'es hin beekamu, garuu walitti bu'iinsa qilleensarratti uumame ta'uu hin hafu jedhamaa jira.

    Xiyyaarri kun xiyyaaronni waraana US fageenya dheeraa imaluun akka haleellaa boombii fi kaan raawwataniif duukaa deemee boba'aa guutaaf.

    Kanaaf haleellaa qilleensaa US keessatti qooda guddaa gumaacha.

    Iddoon balaan kun itti mudate Iraaq keessa ta'us hangam Iraan irraa akka fagaatu ajaji giddugalaa waraana US hin ibsine.

    Biyyi US waliin wal waraanaa jirtu Iraan haleellaa kana keessatti qooda qabaachuu wanti ibsame hin jiru.

    Haata'u malee Iraan biyya ollaashee Iraaq keessatti iddoowwan wiirtuuwwan US fi biyyoota lixaa kaanii jiran irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachaa jirti.

    Buufataalee waraanaa Xaaliyaanii, Faransaay, US fi kaan irratti haleellaa raawwatteetti.

    Waa'ee meeshaalee (xiyyaarota) waraanaa US:

  19. Yooyyaa!

    Akkam jirtu hordoftoota keenya?

    Tamsaasa kallattii kanaan dhimma waraana US-Israa'el fi Iraan irratti xiyyeeffanna. Dhimmoota addunyaa fi odeeffannoo biyya keessaas karaa kanaan isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattiin armaan duraa: