Qabxiilee 5 dhiibbaa waraanni Iraan jiruu idilee Itoophiyaanotaa irratti qabu

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Waraanni Galoo Galaana Pershiyaa keessatti biyyoota hedduu hubaa jiru teessuma lafaatiin Itoophiyaa irraa fagoo fakkaachuu danda'a.

Garuu daafoon waraana kanaa eessayyuu waan hanqatu miti. Dhibbaan waranni kun diinagdee irratti geessisu salpaa miti.

Ulaawwaan dooniin boba'aa geejjibsiisan danqamuun gatiin boba'aa addunyaarratti haala hamaan dabaleera.

Sochiin geejjibaa fi daldalaa danqamuun ammoo gatii meeshalee fi nyaataa ol kaasuu dabalatee qaala'iinsa jereenyaa hammeessuun jireenya guyyuu lammilee Itoophiyaanoota fi kaan irrattillee dhiibbaa qabaata.

Sababa warraana Israa'elii fi Ameerikaa Iraan irratti eegalani fi guutummaa baha giddu galeessa keessatti babal'ateen biyyootni hedduun akka miidhaman ni beekama, garuu biyyoota boba'aa fi wantoota danuu biyya alaa irraa galchan akka Itoophiyaaf ammoo daran ulfaataa ta'a.

Daandiin qilleensaa Itoophiya torban tokko qofa keessatti yoo xiqqaatee dolaara miiliyoona 13.5 akka dhabe hogganaa itti aanaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Lammaa Yaaddechaa BBCtti himani ture. Amma waraanichi torbee lama keessa jira kisaaraan qaqqabus akkasumaa dabalaa deemaa jira.

Dhiibbaa waranni kun jiruu guyyaa guyyaa namootaa irratti qabu keessaa mee qabxilee muraasa haa ilaalu.

1. Gatiin boba'aa qaala'uu

Itoophiyaan biyya buufata galaanaa hin qabnee fi boba'aa ishee barbaachisu biyya alaatii galchituuf doonii idil-addunyaa irratti hirkattudha.

Kanaaf jeequmsi akkasii daldala waligalaa fi dinagdee qofa irratti utuu hin taane jiruu guyyaa nammota irratti kallattiin dhiibbaa geessesa.

Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa jeequmsi dhiyeessii boba'aa muudachuu ibsuun hawaasni fi dhaabbileen boba'aa ''qusannaa guddaadhaan'' akka fayyadaman tibbana ibsa kenneera.

Daballiin gatii boba'aa waraana kanaan dhufe ''rifaasisaadha'' kan jedhe Ministirichi mootummaan Itoophiyaa maal gochuu akka qabu irratti fulduratti ibsa akka kennu beeksiseera.

Mootummaan dhiibbaa gama kanaan dhufu qolachuuf filannoowwan akka kuusaa biyyotaa irraa bittaa hatattamaa raawwachuu yaalaa akka jiru eerara.

Kanaaf dhiibbaan inni jalqabaa gatii bob'aa yoo ta'u Itoophiyaatti gatiin boba'aa waa heddu waliin wal qabata.

Akka tilmama IMF fi gabaasalee miidiyaatti bahi giddu galeessa naannawa oomisha boba'aa addunyaa keessaa harka tokko sadaffaadha. Kana jechuun boba'aa gabaa addunyaaf dhiyaati keessa kan haraka 30–35 ta'u naannawa kanaa dhiyaata.

Biyyootni adda durummaan boba'aa dhiyeessan ammoo Sa'uudii Arabiyaa, Iraaq, Kuweet, Iraan, Omaan fi Yunaayitid Arab Emireet faa yoo ta'an hundi isaanii sabab haleellaa Iraanin oomisha boba'aa guutummaan ykn gariin adda kutaniiru.

Gabaasni rooyitars akka mul'isutti boba'aa addunyaaf shiyaatu keessaa harka 2 kan ta'u karaa ulaa Harmooz geejjibsifama ture. IOmishni dhaabbachuu dabalataan Ulaan geejjibaa kun cufamuun gatii boba'aa addunyaa hanagam akka qaalessuu danda'u ifaadha.

Wayita boba'aan akka barbaadametti hin oomishamnee fi gabatti bahuun rakkisaa ta'u hanqinni boba'aa ni muudata. Wayita gabaan boba'aa balaaf saaxilamu ammoo daldaltootni boba'aa jiru irratti gatii ol kaasu.

Akka Ejensiin Annisaa Idil-addunyaa jedhutti Itoophiyaan oomishaalee boba'aa hunda jechuun ni danda'ama biyya alaatii kan galchitu yoo ta'u, maamilootni ishee guddaan dhiyeessitoota Galoo Galaanaati.

Kanaaf gatiin boba'aa addunyaa olka'uun dafee gatii boba'aa Itoophiyaa qaalessa.

Itoophiyaatti dhaabbileen geejjibaa, qonnaan bultoonni fi oomishtoonni Indaastrii hedduun boba'aa irratti hirkatu. Gatiin yeroo dabalu baasii meeshaalee guutuu biyyattiitti geejjibsisuuf bahus tilmama keessa galuun ni dabala.

Ida'amni kanaa ammoo baasii gatii nyaataa fi meeshaalee guyyaa guyyaa biroo namuu itti fayyadamu keessatti mul'achuun kiisa tokko tokkoo lammilee seena jechuudha.

2. Yaaddoo nageenya Galaana Diimaa

Irra caalaa Itoophiyaa galtee biyya alaatii galchitu karaa Buufata Jibuutiin kan galchitu yoo ta'u , kun ammoo Galaana Diimaa dooniwwaan ulaa Bab el‐Mandeb jedhaman keessa darbaniini.

Waranni kun yoo babal'ate ykn nageenyi galaanaa Diimaa yoo hammaate, dhaabbileen doonii baasii inshuraansii olaanaa gaafachuu malu.

Yookin ammoo dooniiwwan karaa jijjiirrachuun isaan mudachuu danda'a.

Kun ammoo harkifannaa fi hanqina meeshalee Itoophiyaan alaa galchituu irratti dhiibbaa fida.

Itoophiyaaf kun baasii olka'aa fi harkifannaa meeshaalee alaa galanii meeshaalee elektirooniksii irraa kaasee hanga oomishaalee nyaataatti geessisuu danda'a.

Buufatni Doonii Jibuutii kan daldalli Itoophiyaa dhibbeentaa 90 ol irratti hirkatu jeequmsa galoo galaanaa keessatti mul'atuun wal qabatee rakkoon muudachuu mala.

Galaanni Diimaan dorgommii ji'oopoolitikaa irraa gara dirree waraanatti yoo jijjirame balaan isaa hamaadha. Kanaan dura gareen hidhattoota Iraan waliin hidhata qabu Huutiin haleellaa misaa'elaa, diroonii fi dhootuu galaanaa keessatiin dooniiwaan addunyaa galaanaa diimaa keessa darban jeeqaa ture.

Ammas haalli waraanaa kun yoo itti fufe kuni muudachu mala. Kanaaf Bab el-Mandeb ulaa doonii kan lammafaa ugguramu ta'a jechuudha. Kun Itoophiyaf akkasumas biyyoota gaanfa Afrikaaf qormaata cimaa ta'a.

Gaanfi Afrikaa bakka xiyyeeffannoo dorgommii ji'oopoolitikaa Chaayinaa, Ameerikaa, fi humnoota Galoo Galaanaa hedduu hirmaachises waan taateef naannoo akkasii keessatti jeequmsi bakka galaanaa tokko keessatti uumamu dafee gara kanneen birootti darbuu danda'a.

3. Hanqina xaa'oo fi dhiibbaa gatii nyaataa

Gabaan boba'aa addunyaa oomisha xaa'oo irratti dhiibbaa cimaa qaba. Sababa Waraana Iraanin gatiin boba'aa fi gaazii yoo dabale , baasii xaa'oo dabaluunsaa waan hin oolle.

Dmaeen qonnaa Itoophiyaa xaa'oo biyya alaatii galfamu irratti waan hirkateef qonnaan bultoonni baasii olaanaaf saaxilamu ykn hanqinni dhiyeessii isaan mudachuu danda'a.

Kunis oomishtummaa qonnaa hir'isuu fi dhuma irratti gabaa biyya keessaa keessatti gatiin nyaataa akka ol ka'u gochuu danda'a.

Itoophiyaan damee qonnaa ishee deeggaruuf waggaa waggaan xaa'oo ----biyya alaatii galchiti. source

Dinagdeen biyyatti baay'inaan qonna irratti hirkatee waan jiruuf kufaatii dinagdee cimaallee geessisuu mala.

4. Dhiibbaa qaala'iinsa jireenyaa

Itoophiyaan waggoota dhiyoo asitti qaala'iinsa jireenyaa olaanaan qormaa jirti.

Erga waraana kaaba Itoophiyaati asii akkasumas wal dhibdee fi waraanni addunyaa bakka adda addaa keessa jiru dhiibbaan qaala'iinsa jireenyaa Itoophiyaa daran hammeessa jiru.

Haala kana keessatti wayita baasiin boba'aa dabaluu, meeshan alaa galu qaala'uu fi gatiin galtee qonnaa olka'uun qaala'iinsa jireenyaa daran dabaluu danda'a.

Akka ogeeyyin dinagdee jedhanitti jeeqamni addunyaa akkasii ji'oota hedduu boodallee dinagdee keessaattii dhiibbaa fiduun isaa waan hin oolle waan ta'eef deemee deemee baasii namootni guyyaa guyyaan baasan irratti dhaqee ba'aa ta'a.

Baasii galtee olka'uun, qaala'iinsi jireenyaa dabaluun, daldalli addaan cituu, fi kanneen biroo kunneen guddina dinagdee Itoophiyaa hanga tokko boodatti harkisa.

5. Sharafa alaa fi carraa hojii

Lammiileen Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa'aman biyyoota Galoo Galaanaa kan akka Sa'udii Arabiyaa, Yunaayitid Arab Emireet , Libaanos keessatti hojjetu.

Maallaqni isaan gara biyyaatti ergan kan 'remittances' jedhamuun beekamu maatii hedduudhaaf madda galii fi carraa hojii barbaachisaa dha.

Tasgabbii dhabuun naannichaa sochii dinagdee ykn carraa hojii hojjettoota irratti dhiibbaa yoo uuma.

Lammileen Itoophiyaa naannoo biyyoota Galoo Galaanaa jiran tokko tokko akka BBC'tti himanitti, sababa waraanaa kanaan yaaddoo cimaa keessa jiraachuu fi hojii isaanii dhiisuuf akka dirqamaa jiranille himan.

Keesumaa kanneen Libaanos bakka Israa'el irratti xiyyeeffachuun haleeltu jiran baqataa akka jiran himu.

Kanaaf mallaqni sharafni alaa gara Itoophiyaa yaa'u kun dhabbachuun ykn xiqqaachuun ammoo biyyattii hanqina sharafaaf saaxiluu danda'a.

Maatii deeggarsa maallaqaa firoota isaanii biyya alaa irraa argatan irratti hirkataniif ammoo bala cimaadha.

Akka ragaan Baankii Addunyaa agarsiisutti, Itoophiyaan bara 2024tti qofa maallaqni alaa tilmaamaan doolaara biiliyoona 7.14 biyyoota Baha Giddu Galeessaa, akka Sa'uudii Arabiyaa, UAE, Qaxar fi Libaanos faa irraa argatteetti. Kun dhiibba jala galuun itoophiyaaf dhiibbaa qaba.

Itoophiyaan bittaa biyya alaatii taasiftu doolaraan waan bittuuf gatiin waantota alaa bitamanii hanga eegameen ol dabaluun kuusaa maallaqa alaa ishees hubuun hanqina sharafa alaaf saaxilamuu dandeessi.

Kanaaf Itoophiyaan waldhabdee Galoo Galaanaa keessatti hirmaannaa omaa qabaachuu baattus, walitti dhufeenyi dinagdee isheen karaa daldalaa addunyaa fi gabaa anniisaa waliin qabdu taateewwan Baha Giddugaleessaa keessatti raawwatamaniin biyya keessatti dhiibban irra ga'uu dand'aa jechuudha.

Lammiilee Itoophiyaa hedduuf dhiibbaan waraanni fagootti ta'u kun yeroof irratti mul'achuu baatuus suuta suuta deemee kiisa namoota hundaa seenuun isaa kan hafu miti.