Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan dirooniidhaan bulchiinsa Ameerikaa, Kaliforniyaa, haleeluu akka dandeessu FBI akeekkachiise

Odeeffannoo keessaa FBI'n seera kabachiistota Los Anjalas (LA) jiraniif torban darbe erge tokko Iraan Kaalifoornyaa irratti dirooniin "osoo hin eegamiin haleellaa tasaa" raawwachuu dandeessi jechuun akeekkachiisuu isaa Ameerikaatti michuu BBC kan ta'e CBS gabaaseera.

Guduunfaa

  • Iraan dirooniidhaan Kaalifoorniyaa haleeluu akka dandeessu FBI akeekkachiise -Gabaasa CBS
  • Iraan gatiin boba'aa baarmeeliin tokko doolaara 200 galuu akka danda'u akeekkachiiste
  • Ulaa Hormuz fi naannoo sanatti haleellaan hammaate, Israa'el haleellaa haaraa Libaanositti eegalte
  • Biyyoonni miseensa Ejensii Inarjii Idiladdunyaa (IAE) boba'aa yeroo rakkoof kuusan keessaa baarmeelii miiliyoona 400 fayyadamuuf waliigalan
  • Hogganaan Olaanaa Iraan eessa jiru? Maaliif ummatatti hin mul'anne?
  • Hogganaan Olaanaa Iraan madaa'anillee 'nagaa qabu' - Ilma Pirezidantii Iraan
  • Israa'el haleellaa bifa haaraan Libaanos fi Iraan irratti eegaluu ibsite, Iraan ammoo haleellaawwan hedduu Israa'el fi wiirtuuwwan humna waraanaa US Baha Giddu Galeessaa jiran irratti raawwachuu ibsite
  • US dooniiwwan waraanaa Iraan kanneen dhootuuwwan galaana keessa awwaalan 16 barbadeessuu himte
  • Tiraamp akka Iraan ''dhootuuwwan Ulaa Hormuz keessa hin keenye'' akeekkachiisuu booda US tarkaanfii fudhatte
  • Qondaalli poolisii Iraan namni mootummaarratti mormii dhiheessuu yaadu kamuu ''waan diinni arge arguuf deema'' jechuun akeekkachiiseera
  • MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu ''lammiileen Iraan sirna Ayaatollaa ofirraa kuffisuu qabu,'' jedhe
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa
  • Odeessaalee keenya karaa marsariitii, YouTube, Facebook fi WhatsApp keenyaa bal'inaan ni argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waa'ee diroonii Iraan Giddugala Bahaafi US yaaddorra buuse maal beekna?

    Waraanni US – Israa’el fi Iraan gidduutti hammaatee itti fufeerratti meeshaaleen waraanaa garagaraa mul'achaa jiru.

    Kanneen keessaa tokko dirooniin Iraan akka rasaasaa dhuka’u Giddugala Baharraa darbee Ameerikaa yaaddessaa jira.

    Gatiifi ulfaatinni isaa xiqqaa ta'us, miidhaa jabaa geessisa. Ameerikaafi Raashiyaanis cimina isaa baranii fakkeessanii dalaganiiru.

    Waa’ee diroonii kanaa maal beenna?

  2. Humnooti Iraan doonii Ameerikaa Galoo-galaa irra jirtu haleelan

    Eegdoti Warraaqsaa Iraan doonii Ameerikaa Galoo-galaanarra turte Kamisa har'aa haleeluu, maddi oduu Iraan Faarsii jedhamu gabaaseera.

    Maddi Oduu Faarsi mootummaa biyyattiitti hidhata qabu Eegdoti Warraaqsaa Iraan kuni doonii Ameerikaa kaaba Galoogalaanaa irratti haleeluu hime.

    Taankarootni boba'aa lama qaama bishaanii Iraaq Baasraa irratti haleelaman keessaas tokko kan Ameerikaati.

    Maddi oduu Faarsii dooniin Saafesiyaa Vishnuu jedhamtu yeroo haleelamtu agarsiisu qoodeera. Viidiyoo kanarratti dhohinsi guddaan halkan keessa gaafa uumamu agarsiisa.

    Qondaalotni Hindii doonii Saafesiyaa Vishnuu jedhamtu kana bidiruun saffisaa adii tokko waan dhuka'u baattee yeroo haleeltu mul'ateera jedhan. Kanaanis namni tokko ajjeefamee, kaan baraaramaniiru.

  3. 'US torban jalqabaa waraanaa irratti doolaara biiliyoona 11.3 baaste'- Maddeen waraanaa

    US waraana Iraan irratti torban jalqabaa qofatti baasii dolaara biliyoona 11.3 akka baafte maddeen waraanaa seera baaftota Ameerikaatti himan.

    Qondaalonni waraanaa Ameerikaa Kongresitti akka himanitti waraanni Iraan torban jalqabaa qofatti US dolaara biliyoona 11.3 kasaarsuu miidiyaan michuu BBC Ameerikaarraa gabaasu CBS News gabaase.

    Lakkoofsi kun tilmaama isa gad-aanaa fi qophii fi baasii sosochii waraanaan duraa [Guraandhala 28 dura] ture hin hammatu jedhe.

    Seenaatarri paartii Dimookraatotaa Kiriis Kuun Roobii miidiyaatti akka dubbatanitti "Baasiin waraana kanaa kanaa ol akka ta'un tilmaama jedhan.

    Bajanni waraanaa waggaa kan US bara 2026 dolaara biliyoona 900 dha.

  4. Lammiin Chaayinaa goondaa 2,000 ol Keeniyaatii fuudhee bahuuf ture to'atame

    Lammiin Chaayinaa goondaa mootii 2,000 ol Keeniyaa irraa fuudhee yeroo bahuuf yaalu buufata xayyaaraa biyyattiitti to'annoo jala oole.

    Buufata xayyaaraa Jomoo Keeniyaataatti ture yeroo sakatta'insi taasifamuu qondaaloti goondaa lubbuu qaban miya Shaang Keequun keessatti kan argan.

    Lammiin Chaayinaa kuni himannaa irratti banameef deebii kennuu baatulleen poolisiin dhimma kana daddabarsa goondaa bara darbe raawwatee ture waliin wal qabsiisee jira.

    Gosti goondaa kunneen waliigaltee addunyaa eegumsa sirnakkoon kan eegaman yoo tahu, daddabarsii isaanii akkaan kan to'atamu dha.

    Tajaajilli Eegumsa Bosonaa Keeniyaa goondaan kunneen biyyoota Awurooppaafi Eeshiyaa keessatti akka bineelda manaatti waan madaqfamaniif akkaan barbaadamaa jiraachuu akeekkachiiseera.

  5. 'Raashiyaan gargaarsa namoomaa Iraanif ergite'

    Ministeerri dhimmoota yeroo Muddamaa Raashiyaa gargaarsa namoomaa toonii 13 ta'u karaa Azarbaajaan gara Iraanitti erguu ibsuu isaa miidiyaan Turkii Anadooluun gabaasera.

    Deeggarsi gargaarsa namoomaa kun ajaja preezdaant Vilaadmiir Puutiin kan raawwatame ta’uu ministeerichi beeksiseera.

    Raashiyaan meeshaalee deeggarsa namoomaa fi qoricha Azarbaajaanitti erga geessitee booda bakka bu’oota mootummaa Rippabiliika Islaamaa Iraanif kan dabarfamu ta'a jedhame.

    Iraan biyya ollaa ishee Azaarbaajanillee dirooniin haleeltee turte.

  6. Israa'el 'mooraa Iraan meeshaalee waraanaa nukilaraa keessatti oomishtu' haleeluu himte

    Humni waraanaa Israa'el haleellaawwan guyyoota darban raawwataa jiruun ''mooraa Iraan keessatti meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishtu'' rukutuu ibse.

    Akka waraana Israa'elitti mootummaan Iraan mooraa magaalaa Tehraan keessatti argamu, Teleghan jedhamu keessatti ''meeshaalee waraanaa oomishuuf sadarkaa murteessaara ga'ee jira.''

    Iddoon kun bakka Iraan meeshaalee dhukaafamanii fi dhohuun balaa qaqqabsiisan bal'inaan keessatti oomishtu ta'uu kan ibse humni waraanaa Israa'el ''dhoksaan ammoo sagantaa oomisha meeshaalee waraanaa nukilaraa'' kan bara 2000 keessa eegalte kan keessatti itti fufaa jirtu ta'uu eere.

    Waxabajji darbe waraana guyyoota 12f Israa'el fi Iraan gidduu ture, kan boodarra US gara Israa'el goruun itti makamteen buufataalee nukilaraa Iraan irra miidhaan ga'ee ture.

    Inumaa Pirezidant Tiraamp haleellaa maqaa ''Operation Midnight Hammer'' jedhamuun humni waraanaa US gaggeesseen buufataaleen nukilaraa Iraan hundi barbaada'uu ibsee ture.

    Kanaan booda yaaddoon meeshaalee waraanaa nukilaraa Iraan irraa dhufu akka hin jiraannes ibsee ture.

    Ji'oota booda garuu Israa'el waliin ta'uun deebi'anii dhimmuma nukilaraa akka sababaatti kaasuun waraana eegalan.

  7. Waraanni Iraan torbeen jalqabaa qofti Ameerikaa doolaara biiliyoona 11 caalaa baasise- New York Times

    New York Times walga'ii Ministeerri Ittisaa Ameerikaa Kongiresii keessatti dhoksaan gaggeesse ilaalchisuun odeeffannoo argate gabaaseera.

    Akka gabaasa kanaatti, Pentaagan, Ameerikaan torbee jalqabaa waraana Iraan irratti doolaara biiliyoona 11.3 baasuu ibseera.

    Tilmaamni kun baasiiwwan oppireeshinii waraanaa kan hin hammannellee qaba jedha gabaasi New York Times.

  8. Buufati waraanaa Xaaliyaanii kan Iraaq keessa jiru misaa'elaan haleelame

    Ministeerri Ittisaa Xaaliyaanii akka jedhetti haleellaan kun buufata humna waraanaa biyyattii kan kutaa kaaba Iraaq, bulchiinsa Erbil jedhamu keessatti argamurratti raawwatame.

    Bulchiinsi haleellaan misaa'elaa irratti raawwatame kun gariin warra Kurdi jalatti bula.

    Ministeerichi haleellaa kana eenyu akka raawwate hin ibsine. Xaaliyaaniin loltoota 3,000 Erbil keessaa qabdi. Loltoota Kurd leenjisu.

    Buufati humna waraanaa Ameerikaas Erbil keessatti argama. Iraan haleellaa US fi Israa'el irratti raawwatan haaloo ba'uuf iddoowwan irratti xiyyeeffattu keessaa tokko isa kana.

    Hidhattoonni Iraaniin deeggaramanis erga waraanni US-Israa'el fi Iraan eegalee bakka kanarratti xiyyeeffatanii haleellaa gaggeessaa jiru.

    Iraan ammas biyyoota Arabaa buufataaleen waraanaa US keessatti argaman haleeluu itti fufteetti.

    Miidiyaan Kuweet akka gabaasetti Buufati Xiyyaaraa Idiladdunyaa biyyattii har'a dirooniiwwan torbaan haleelameera.

    Qabeenyi manca'us namarra garuu miidhaan akka hin geenye Abbaan Taayitaa Siivil Aviyeeshinii biyyattii ibseera.

    Israa'el ammoo haleellaa cimaa bakka mootummoonni Iraan qubatan akkasumas buufataalee waraanaa biyyattii ta'an irratti gaggeessuu akka eegalte ibsiyeetti.

  9. Daawwadhaa: Taankarii boba'aa Galoo Galaanaa keessatti haleelamee boba'aa jiru

  10. Israa’el Beerutitti namoota heddu galaafatte, Hizbullaan rookkeettii 100 ol itti dhukaasun haaloo ba'e

    Haleellaa qilleensaa Israa’el Libaanos irratti raawwataa jirtuun namootni hedduun ajjeefamaniiru.

    Haleellaa naannoo qarqara galaanaa magaalaa guddoo Libaanos Beerutitti raawwatameen yoo xiqqaate namootn saddeet du’uu isaanii gabaafameera.

    Ministeerri Fayyaa Libaanos haleellaan kun kallattiin konkolaatta irratti kan raawwatame yoo ta’u, kanneen ajjeefaman malees namoonni 21 madaa’uu ibseera.

    Haleellaan marsaa lammataa ammoo namoota miidhaman gargaaruuf kanneen walitti qabaman irratti raawwachuun miidhaa dabalataa qaqqabsiiseera.

    Magaalaa guddoo Beerutitti Roobii halkan haleellaa qilleensaa cimaan kan raawwate yoo ta’u, dhohinsi guddaan kutaalee magaalattii hedduu keessatti dhaga’ameera. Jiraattonni kutaa kibba magaalattii kumaatamaan lakkaawaman haleellaa kana jalaa miliquuf qe'ee isaaniirraa baqataniiru.

    Haleellaan qilleensaa biroon kutaalee magaalattii adda addaa irratti itti fufeera

    Waraanni Israa'el gama isaan halkan tokkotti Libaanos keessatti haleellaa qilleensaa ''guddaa'' walitti fufiinsaan raawwachuu isaa mirkaneessee, daqiiqaa 30 keessatti waajjiraalee Hizbullaah kudhan irratti xiyyeeffachuu hime.

    Hizbullaanis haaloo ba'uuf rookkeettiiwwaan 100 ol ta'an Israa'elitti dhukaasera.

    Akka ibsa garee hidhattootaa Hizbullaatti, qindoomina michuu isaa Iraan waliin ta'uun Israa'eel Haayifaa fi naannoolee kaaba Israa’el biroo irratti misaa'ela dhukaasuu eerera

  11. Daawwadhaa: Haleellaa Iraan keessati raawwatame hordofee aara guddaa uumameefi namoota naasuun fiigan

  12. Dooniiwwan meeqatu haleelame?

    Galoo Galaanaa Arabiyaa, Ulaa Hormuuz, akksumas Galoo Galaanaa Omaan keessatti Guraandhala 28 hanga Bitootessa 11'tti dooniiwwan 13 haleelamuu Oppereeshiniin Daldalaa Galaanaa UK (UKMTO) gabaase.

    Halkan darbe dooniiwwan lama qarqara Iraaq bakka ulaa Uum Qasir magaalaa Baasraatti dhiyootti haleelamaniiru. Haleellaan kun nama tokko ajjeesee 38 ammoo madeessuu gabaasni kun beeksiseera.

    Saatii muraasa dura akka UKMTO beeksisetti ammoo, kaaba Jebelii Alii, UAE'n "Ze Maaster doonii konteenaraa dhukaasa hin beekamneen haleelamee abiddi xiqqaan doonicharratti uumamee ture."

    Miidhaa qaqqabe guutummaatti adda baasuuf ammoo "sababa waraanaaf danqameera," jedheera.

    Odeeffannoo kana waliin walitti dhiyaataniif:

  13. Daawwadhaa: Omaan keessatti haleellaa Iraan raawwatteen taankeriin boba'aa yeroo boba'utti

  14. Galoo Galaanaa keessatti haleellaan dooniiwwan irratti raawwatamu hammaate

    Haleellaan Israa'el kutaalee Libaanos garagaraa keessatti raawwattu hammaateera. Wayita kanatti Galoo Galaanaa keessatti haleellaan dooniiwwan irratti raawwatamus babal'ateera.

    Aanga'oonni Iraaq handaara buufata Umm Qasr magaalaa Basra keessatti argamutti lubbuun namaa darbuu fi namoonni 38 baraaramuu ibsan.

    Omaan ammoo namoota 20 doonii alaabaa Taayiwaaniin socho'aa turte keessa turan baraaruu ibsite.

    Biyyoonni addunyaa jajjaboon boba'aa kuusaa keessaa qaban gadhiisuuf murteessanis gatiin boba'aa akkuma dabaletti jira.

    Miseensonni Ejensii Inarjii Idiladdunyaa (IAE) boba'aa yeroo rakkoof olkaa'anii turan keessaa baarmeelii miiliyoona 400 fayyadamuuf waliigalaniiru.

    Haata'u malee gabaa Eeshiyaatti boba'aan jikitaa dhibbeentaa 9n dabaluun baarmeeliin tokko doolaara 100 ga'eera.

    Iraan ulaa murteessaa boba'aan irra geejjibsiisfamu, Hormuz irratti haleellaa akka cimsitu kakatteetti, sababa kanatti gatiin boba'aa baarmeeliin tokko doolaara 200 ga'uu akka danda'u akeekkachiisteetti.

    Gama kaaniin Israa'el ammoo halkan keessa Libaanos haleelaa turte.

    Israa'el misaa'eloota Iraan fi Hezboollaan dhukaasan qolachuus himtetetti.

    Ministeerri dhimma alaa Iraan gamasaan misoomaawwan bu'uuraa biyyattii kanneen akka baankii fi kaan xiyeeffannaa haleellaa Israa'el fi US ta'uu ibsuun, kanas akka haaloo ba'u akeekkachiise.

    Biyyoonni Galoo Galaanaa kanneen akka Sa'uudii Arabiyaa, Qataar, Kuweet fu Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) haleellaa qilleensarraan irratti raawwatame ofirraa qolachuu ibsaniiru.

  15. US haleellaa mana-barumsaa shamarranii Iraan irratti gaggeessiteef itti gaafatamuu dandeessi -Darektara duraanii CIA, Dimokiraatonni halellaa mana-barumsaa shamarranii Iraan irratti raawwatameef deebii barbaadna jedhan

    Daarektarrii CIAfi Komaandara Ajaja Giddugaleessaa US duraanii Jeneraal Daaviid Petiraawus, waa'ee haleellaa mana-barumsaa shamarranii Iraan Kibbaa irratti raawwatamuun akka aanga'oonni Iraan jedhanitti lubbuu 168 galaafate jedhanitti gaheen US maal ta'uu danda'a jedhamee gaafatameera.

    Jeneraal Petiraawus BBC News Chaanaalitti akka himetti, ragaa qorannoof dhiyaataa jiru kallattiin argu baatus, kana nama "gaddisiisu misaa'ela Tomahawk waraana kana keessatti fayyadamuu kan danda'u nu qofadha" jedhe.

    "Ragaan durii akka agarsiisutti, waggaa ta'e dyra gamoon kun addatti qaama mooraa humna galaanaa Iraan isa guddaa waan ture fakkaata."

    Akka bu'aa qorannoo jalqabaa US'tti michuu BBC kan ta'e CBS agrsiisetti, US haleellaa lubbuu galaafate kanaaf carraan itti gaafatamtuu akka taatu agarsiisu jira. Haata'u malee, mana-barumsaa kana ta'e jettee osoo hin taane dogoggoraan rukkutte.

    Gama kaaniin, Dimokiraatonni halellaa mana-barumsaa shamarranii Iraan irratti raawwatameef deebii barbaadna jedhan.

    Dimokiraatonni Seeneetii US keessa jiran xalayaa Ministira Ittisaa Pee hegeseeziif ibarreessaniin yeroo waraanni kun jalqabe haleellaa mana-barumsaa shamarratii Iraan irratti raawwatamee daa'imman 110 dabalatee namoota 168 ajjeeseef deebii barbaadna jedhan.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ragaa osoo hin dhiyeessiin Iraanitu raawwate jedhee akka amanu dubbateera. haata'u malee, viidiyoon akka agarsiisetti misaa'el US Tomahawk buufata waraanaa iraan mana-barumsaa kana cinaa jiru yoo haleleu agarsiiseera.

  16. Iraan dirooniin Kaliforniyaa haleeluu akka dandeessu FBI akeekkachiise -Gabaasa CBS

    Odeeffannoo keessaa FBI'n seera kabachiistota Los Anjalas (LA) jiraniif torban darbe erge tokko Iraan Kaalifoornyaa irratti dirooniin "osoo hin eegamiin haleellaa tasaa" raawwachuu dandeessi jechuun akeekkachiisuu isaa Ameerikaatti michuu BBC kan ta'e CBS gabaaseera.

    Qondaalonni tikaa seera kabachiistota US fi Kaalifoorniyaa miidiyaa kanatti akka himanitti, odeeffannoo keessoo ergame kanarraa yaaddoo haleellaan yaadame kun geessisuu malu wanti beekame hin jiru.

    Ergaan akeekkchiisaa kun osoo waraanni Iraan hin jalqabuun dura kan ergamedha.

    Bulchaan Kaalifoorniyaa Gaaviin Niwsom X irratti akkas jedhe: "Ammatti yaaddoon qabatama jiraachuu isaa hubachuu baannus, isteetii keenya keessatti waan tasa uumamuu danda'uuf qophoofnee eegdna".

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp buufata xiyyaaraa Jooyint Beez Andiriiwus keessa osoo jiruu gaafatamee, "Qoratamaa jira, garuu waan baayyee ta'aa jiru qabna waan ta'eef wanti gochuu dandeenyu akkuma isaan dhufanitti simachuudha."

  17. Yooyyaa!

    Akkam jirtu hordoftoota keenya?

    Tamsaasa kallattii kanaan dhimma waraana US-Israa'el fi Iraan irratti xiyyeeffanna. Dhimmoota addunyaa fi odeeffannoo biyya keessaas karaa kanaan isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattiin armaan duraa: