Waa'ee viidiyoo yeroo 'hidhattoonni Faannoo' harka namaa muran agarsiisuu dhugaan jiru maali?

    • Barreessaa, Zelalem Tadessa Duressa and Peter Mwai
    • Gahee, Senior Broadcast Journalist

Akeekkachisa: Qabiyyeen odeessa kanaa miira keessan jeequu mala.

''Kuti, irraa muri, aalbeekee baafadhuu irraa baddu baasi, akkasi kunoo....'' jedha hidhataan tokko yeroo harka namaa kutan.

Tibbana miidiyaa hawaasaa irratti viidiyoo yeroo hidhataan 'Faannoo' tokko harka namaa tokkoo qottoon kutu agarsiisu qoodamuun ijoo dubbii tahee ture.

Taateen kun naannoo Amaaraa keessatti raawwate jedhame. Kaan dhuguma taatee dhugaadha yoo jedhan kaan ammoo dandeettii nam-tolcheen 'AI'n' hojjetame jechuun maxxansaa turan.

BBC'n dhugummaa viidiyoo kanaa qoratee adda baaseera.

Viidiyoo kana irratti hidhattoonni lamaa fi namni harki isaa irraa muramu garuu maqaan isaa hin ibsamne mul'atu.

Hidhataan tokko meeshaa waraanaa qawwee isnaayiperii qabatee bira dhaabbata.

Hidhataan harka nama kanaa qottoon kutu uffata raayyaa ittisa biyyaa kan fakkaatu uffatee morma isaa irratti ammoo alaabaa Itoophiyaa durii kan halluu isaa [ Magariisa, Keelloo, Diimaa ] tahe hidhateera.

Viidiyoo kana irratti maal jedhan?

Hidhataan alaabaa halluu Magariisa, Keelloo Diimaa qabu mormatti marate kun harka nama irraa muramee dhagaa irra akka kaa'u godhe.

Achiin booda qottoo irra kaa'uun akkas jechuun ergaa dabarsa.

''Viidiyoon kun nama hundumaaf barumsa taha. Viidiyoo kun ni dhagahama? Amaara taatee gochaa akkasii nan hojjedha yoo jette carraa kanatu si eeggata. Namni kamiyyuu baandaa kanarraa barachuu qaba,'' jechuun dubbata.

Namni kun balleessaa maalii akka hojjete garuu hin ibsine.

Namni biraan isa waliin karaa duuba isaa dhaabbatuu fi viiidyoo waraabaa ture jedhamee shakkamu ammoo akkas jedha.

''Yoo hin dhagahamu tahes rakkoo hin qabu. Kuti kuti,'' jedhe.

Yeroo kana hidhataan kun harka nama kanaa dhagaa irra kaa'uun qottoo isaa ol kaasee irra buusa. Namni harki irraa muramaa ture lafa jilbeenfachuun harka isaa dhagichumarra kaa'ee ture.

Yeroo qottoon irra bu'ee harka isaa dhagicha irraa kaasuuf yaale. Namni qottichaan muraa ture ''fidi, fidi. Deebisii asirra kaa'i,'' jedha.

Namni biraan duubaan dhaabbataa ture ammoo ''kuti. Miilla isaa akka hin dhoofne, eeggadhuu kuti, Jabaadhu,'' jedha.

Yeroo kana si'a sadii ol itti deebi'uun akka nama muka muru ykn qoraan falaxuutti qotticha harka isaarra buusa.

Akkas godhees harki nama kanaa irraa citee irratti rarra'ee hafnaan namni biraan cinaatii dubbataa ture sun ''albeedhaan irraa murii fixi'' jedhe.

Innis tole jedhee albee baafachuun irraa muraa ture. ''Eeyyee akkasi, fixi, irraa fixi. [Qumux]... godhi'' jedhan. Yeroo biillaa isaan irraa murus sagaleen isaa dhagahama.

Namni harka irraa cite kun dararaa kana gidduun ''wayyoo'' jedha. Dhiigni dhagicha, lafaafi uffata nama irra cituu irra dhangala'eera.

Gara dhuma viidiyoo kanaa irratti ''ni gaha, kunoo akkasi....'' jechuun dubbatu. Sana booda namni kun harki isaa cite hidda xiqqoon irratti rarratee hafnaan bakka jilbeenfatee sanaa ka'ee akka fiiguu tahuun rarraasee qajeele.

Hidhattoonni kunneen ''deebi'i.. as deebi'i'' yoo jedhaniin hidhataan isa harka mure bira jiru kan biraan ammoo ammoo ''ni gaha deemi'' jedhaan.

Qorannoo BBC Verify maal adda baase?

BBC Verify viidiyoo miidiyaa hawwaasaa irratti qoodame kana xiinxaluun viidiyichi dhugaa tahuu mirkaneesseera. Bakki taateen kun itti mudate Kirree Maariyaam [Karra Maariyaam] jedhama.

Godina Walloo Kibbaa aanaa Warra Iluu keessatti argama.

BBC Verify viidiyicha xiinxaluun bakki viidiyoo irratti mul'atuu fi bu'aan isaa wal simuu mirkaneesse.

Kirree Maariyaam magaalaa Xiqqaa yoo taatu bakkatti harka muran sana manneen jiran, mukeen mul'atanii fi ragaalee taa'umsa lafichaa fi kaan xiinxaluun gochaan kun dhuguma achitti raawwachuu isaa mirkaneesse.

Dabalataan hidhattoonni kunneen gurra miidhamaa kanaa tokkos irraa muraniiru.

Viidiyicha irratti osoo harki hin citiin dura dhiigni uffata isaa irraa mul'atus kanuma irraa kan ka'e tahuu hin hafu. Garuu viidiyicha irratti osoo muranii hin agarsiisu.

Viidiyoon yeroo harki muramu qoodame dandeettii nam-tolchee ykn AI'n kan hojjetame osoo hin taane gochaa naannoo Amaaraa bakka Kirree Maariyaam jedhamutti raawwate tahuu mirkaneesseera.

Garuu viidiyoon kun guyyaa akkamii akka waraabame hin beekamu.

Miidhamaan hospitaala galee osoo yaalamu viidiyoon agarsiisu biraan miidiyaa hawwaasaa irratti qoodamaa ture.

Viidiyoon kun yeroo jalqabaaf miidiyaa hawwaasaa irratti kan maxxanfame Bitootessa 24 bara 2025 tahuu 'BBC Verify' adda baaseera.

Miidhamaan kaleessa jedhee dubbataa waan tureef taateen kun ji'uma sana keessa raawwachuu hin oolu.

Namoonni viidiyoo irratti hin mul'anne garuu sagaleen isaanii dhagahamu hospitaala bakka yaalamaa jirutti deemuun waan isarra gahe gaafataa turan.

Uffanni miidhamaa kanaa irra keessaan mul'atu akkuma gaafa harki isaa irraa murameeti.

Gurri isaa tokko gadi maxxanuun irraa muramee mul'ata. Harki isaa ogeessotaan baandeejiin maramee argama. Dhukkubbii keessa ta'ee yoo dubbatu namni kun maqaa hidhattoota harka isaa irraa muranii dubbataa ture.

Maqaan isaanii eenyufaati jedhee namni tokko hospitaala keessatti gaafate.

''Lammaa, Qaaluu, Xaasoo'' akka jedhaman namni kun mana yaalaa ciisee yaalamaa ture keessaa yoo dubbatu dhagahameera.

Kan harka isarraa mure ammoo Qaaluu akka jedhamu dubbate.

Sababni gochaa suukaneessaa kanaa maali?

Miidhamaan akkas jedhee dubbate.

''Ergamtee dhufte na jedhan. Isaan waliin hin turre. Dhaqee hin beeku ture. Roobiin naannicha deeme. Kamisaa fi Jimaata oolee gaafa Sanbata duraa ganda 010 jedhamutti na argatan.

Kan harkakoo kute Qaaluudha. Diimaa, funyaan isaarra akka waan abiddi gubee mallattoo qaba.

Kirree Maariyaamitti na argatan. Rayyaa Ittisa Biyyaa deemee yeroo gabaabaaf leenji'een deebi'e.

Nagaa kabachiisuuf na erganii ture. Guyyaa shan turtee dhufta sii bilbilla jedhaniin deeme,'' jedhe.

''Kaleessa ganama gara sa'a 4:00tti akkas na godhan'' jedhe. Garuu guyyaan isaa yoom akka tahee fi ji'a kam keessa akka tahe hin dubbanne.

Miidhamaan kun leenjii gabaabaa fudhatee nageenya kabachiisaa turuu fi miseensa raayyaa ittisa biyyaa tahuu afaan guutee ibsuu baatus garuu guyyaa sana meeshaa waraanaa kamiyyuu hidhatee akka hin turre dubbate.

Naannoo sanaa firootaa fi hiriyyoota akka qabus himeera.

Erga viidiyoon kun bahee as viidiyoon biraa qoodamaa ture hidhataan harka kute ''ajajamneeti, tarkaanfii akaksii fudhadhaa jedhameen raawwadhe jedhee yeroo dubbatu viidiyoo biraa maxxanfamee ture.

Haa tahu malee, Sadaasa 12 bara 2025 Waajjirri Komunikeeshinii aanaa Warra Iluu akka maxxansetti hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo waamicha nagaa mootummaan dhiyeessef fudhachuun harka kennataniiru jedha.

Maxxansa kana keessatti maqaan hidhattoota eeramanii kan harkaa fi gurra miidhamaa kanaa muranii waliin tokko.

Hidhataan Faannoo qottoodhaan harka mure dargaggeessa diimaa sun hidhattoota harka kennatan sana keessa jira.

BBC'n dargaggoon harka kennatee fi harka mure akka wal fakkaatanii fi garaagarummaa hin qabne mirkaneesse.

Waajjirri Komunikeeshinii aanaa warra Iluu ''yaada dogogoraan bosona galanii socho'aa kan turanii fi maqaa isaanii 'Kutaa Waraanaa Wasil Seenxiq Shaalaqaa' jechuun kan of waamu mootummaatti harka kennateera'' jedhe.

''Gareen hidhattootaa kun Ajajaa isaanii Qaaluu Asfaaw, fi Sulxaan Siisay fi ajajaa duulichaa dabalatee hidhattoonni kaanis humna waraana waloo mootummaa naannicha socho'utti harka kennataniiru jedhe.

''Hidhattoonni kunneen qabsoon bosonaa akka rakkina uummataa hin furre hubachuun uummata miidhan tajaajiluuf qophaa'uu isaanii himaniiru'' jedha maxxansi Waajjira Komunikeeshinii aanichaa.

Meeshaaa waraanaa isnaayiperii dabalatee hidhannoo kaan mootummaaf deebisuu ibseera.

Haa tahu malee, fuulli feesbuukii kun malattoo cuquliisa waan ofirraa hin qabneef BBC'n kanuma aanichaa tahuu mirkaneessuuf yaalus hin milkoofne.

Hidhattoonni Faannoo harkaa fi qaama namoota nagaa muruun kan himataman kun kan jalqabaa miti.

Hidhattoonni Faannoo waggoota muraasa dura Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa jaardagaa Jaartee fi Amuruu keessatti gochaa wal fakkaataa raawwataa turan.

Miidiyaa hawwaasaa irratti akka qoodamaa turetti morma namaa kutanii mukatti fannisanii aka gootummaatti ittiin dhaadataa yeroo deeman mul'ateera.

Isaan morma hidhattoota WBO aanichatti wal waraanaa turanii akka tahe ibsaa turan.

Gochaan kun akka malee kan balaaleffatame yoo tahu aanota Wallagga Bahaa kan akka Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu fi Haroo akkasumas fi Horroo Guduruu keessaa aanaa Abee Dongoroo fa'aa keessatti gochaa suukaneessaa namoota nagaa irratti raawwachaa turuu jiraattonni himaa turan.

Shawaa Lixaa aanaa Noonnoo keessatti namoota nagaa hedduu dhiyeenyuma ajjeesaniiru. Mana duubaan itti cufuun maatii cidha irra turanitti abidda kaa'uun kaan ammoo dhukaasaa banuun ajjeesuu qondaalonni mootummaa BBC yeroo sana dubbise himaniiru.

Hidhattoonni Faannoo kun Naannoo Amaaraa keessatti qoqqoodamanii waan socho'aniif qaama isa kamtu raawwate jedhanii adda baasuufis tahe gaafachuuf rakkisaadha.

Gochaa suukaneessaa tibbana raawwateef ammoo deebii kennanis tahe ibsi baasan hin jiru.