'Namni hundi guyyaatti sa'aatii 24 hin qabu' - Gargaartuu dhuunfaa sooressaa

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

"Namni hunduu guyyaatti walqixa sa'aatii 24 qaba kan jedhamu beektaa? Inni soba, jetti Jooliyaanaa Paasaareelii, shamarreen- waggaa 31 Saa'opooloo, Biraaziil jiraattu.

Gargaartuu dhuunfaa (Personal Assistant) miliyeenara tokkooti. "Innis [hogganaan kiyya] sa'aatii 24 ani qabu san qaba" jetti.

Jooliyaanaan waa hunda miliyeenarii umriinsaa 35 ta'e tokkoof akka hojjettuuf qacaramte. Waa hunda isaa akka to'attuuf ishee qacare. Uuffata suufii qaalii kam akka bitu, guyyaa dhalootaa ijoollee qindeessuu, ijoolleef waan barbaachisu bituu dabalatee hunda raawwachuun ishee ilaallata.

Hojiin guyyaa guyyaa isheen itti jirtu kun garuu maallaqa qisaasuus ta'uu danda'a. Fakkeenyaaf, hogganaan ishee kun konkolaataa Feraarii barbaadee akka fuutuuf tasuma hatattamaan gara Faransaay waamamuu dandeessi.

"Galgaluma qophaayee buluun qaba. Sababnisaas inni waan qaalii bituuf deema waan ta'eef. Gara Faransaay balallii goone. Magaalaa ollaa Paaris jirtu deemne, sanadoota seeraa hunda fixuutu narra ture. Konkolaataa kana gara Biraazilitti fuudhuuf," jetti Paasareelliin

Hojiin ishee karoora yerootiin kan murtaaye miti. Gaaf tokko hakiima ilkaanii hoggana ishee [miliyeenaraa] beellamuu ykn tariimmoo saree isaa gara mana yaalaa geessuu dandeessi.

"Agartee guyyaan kee aaragalfii tokko malee dhumuu danda'a, sababa kanaan gaaf tokko tasa "saamunaa ilkaanii bituufaa dagachuu hin dandeessuu? Kun isaaf hin hojjetu— Ani hin irraanfadhu ture kaa."

Tiktookii isheerratti suuraan Paasareellii amma si'a miliyoona 5 jaalatameera. Hordoftoota 140,000 qabdi. Viidiyoon dub-duubee (background) ishee waan "gargaartuu miliyeenarii" tokko itti jirtu agarsiisu.

Paasareelliin hogganaan ishee "waa hanga sammuu isaatiin waa hunda dagatutti" gaafatamummaa mara isheetti kennuu dubbatti.

"Daa'ima waggaa lamaa irraa ija ni buqqifattee sekondiifillee bakka biraa deemtaa? Kan isaa kunis akkana.

Jireenya isaa dhuunfaa nama biraatiif anatu dirqama fudhate jechuu dha, yeroo kamittuu waa hundi jijjiiramuu danda'a."

Paasareelliin beeksisa(advertaayiziingiidhaan) digrii jalqabaa, Maarketingiidhaan Maastarsii qabdi. Hojii waajjira ofii ejensiiwwaniitti kennite

"Waanin dalagaa ture nan jaaladha, garuu ammallee iddoo koo hin arganne. Ganama sa'aatii 02:00 hanga galgala 12:00 hin dalagun ture. Kompitararraa taa'aa hin oolu ture."

Carraan kun yeroo weerara Koronaa uumame. Namni isheen wal beeku gargaartuu miliyeenarii taatee hojjechuu yoo feete gaafate. Gaafiif deebii (interview) daqiiqaa shanii booda, akka yaaliidhaan eegaltu murteesse. Paasareelliin amma waggoota shaniif isaaf hojjechaa jirti.

Hojicha keessatti wanti keessummaa namatti ta'e ni jira. Hogganaan ishee artikilii tokko waayee sooressoota lukkuu xixinnoo akka malee jaalatanii dubbisuu yaadatti. Sana baruufis hordofuu murteesse ture jetti.

Lukkuuwwan kunneen hundeen isaanii Maaleezhiyaa keessa yoo ta'an sanyiinsaanii Seraamaa jedhamu. Sanyii lukkuu manaa Saa'oopooliitii gadi gadi xixiqqoo dha.

"Gaaf tokko lamaan isaanii biirootti fidee dhufe, achi booda eegduu lukkuuwwan xixiqqoo kanneeniin ta'e" jetti.

Allaattiiwwan qaqqaaliin kunneen yeroo ammaa ooyruu hojjetoota sooressa kanaa keessaa tokkorra jiraatu.

Garuu Paasareelliin suurawwanii fi haala isaan irra jiran gara ishee ergaman hoggana ishee kanaaf ni dabarsiti.

Yeroon gulantaa kee hima (Time is status)

Prof Kiristiinaa Piro'eenshae, Escola Superior de Propaganda e Marketing (ESPM)tti, gosa barnootaamuummee Contemporary Luxury Business and Marketing, hogganu. Hojiin Paasareellii haaraa miti jetti.

Gaheen hojii mana keessaa nuti duraan beeknutu jijjiiramaa dhufuusaati jetti. Durumaa mana sooressootaa hojjettoonni fi eegdonni manaa turuu himti.

"Maatiin durii akkasii turaniiri-kan waggoota hedduuf akka maatii isaanii gargaaraniif hojjetaa qacaratan," jetti Piro'eenshaan.

Kuufamni qabeenyaa tujaarota gara olii bira jiru hojjettoota tajaajila ogummaa garaagaraa qabanii qacarachuuf fedhii guddaa uumeera. Gabaanis haala kana uumaa jira jetti.

''Gargaaraa/tuun dhuunfaa nama maamila ofii sirriitti beeku/tu muuxannoo ofii fedha nama sanaa isa sirrii sanaan wal simsiisuu beeku, tajaajila addaa namni biraa hin kennine kennu/kennitu,'' jechuun ibsiti Piroo'eenshaan.

Kaayyoon jabaan fedhii akkanaa meeshaa miti. Yeroo dha. "Waayee hojjettoota akkasii qacarachuu yoo dubbannu, waayee yeroo argachuu dubbachaa jirra, yeroo nama biraa maallaqaan bitachuun argachuu," jetti.

"Kun mataan isaa mallattoo gulantaa namaat: Yeroo qabaachuun."

Pirofesar jecha "gargaartuu, hojjettuu miliyeenaraa", jedhu hin jaalattu. Jechi akkasii nama hojjettuu qacarate akka daa'ima of hin dandeenyee fakkeessa.

"Akka waan namni sun of hin dandeenyee fakkeessa, " jetti.

Sooreyyiidhaaf, loojikiin tajaajila kana kireeffachuu kana duuba jiru adda dha.

"Hojii xixinnootti nama qacarachuun ni danda'ama. Hojiin kun takka takka akka mana keessa ol ka'anii bishaan buufatanii taa'uu fa'i," jetti

Ejensiin Saa'oopooloo keessaa jiru, Luu Shaaveer, hojjettoota manaa qacarsiisuun beekama. Maatii sooreyyiif qacaruurratti xiyyeeffata.

Ulaagaan ittiin nama filu "riikardii yakkaa irraa bilisa ta'uu, wabii qabaachuu, seenaa liqii, fi fayyummaa dha".

Daldaltuun Luuciyaanaa Shaaveer fedhii gabaa ilaaltee akka kaampaanii hundeessite himti. Maatii sooreyyii biratti qacaramtee waggoota 25- hojjettuu manaa taatee dalagdeerti. Yeroo guutuudhaan. Hojii kana maaliif hin ammayyeessinu jettee gaafachuu eegalte.

"Eenyummaa namootaa nan ergaaf, isaan immoo dorgomaan kamtu akka hin madaalle natti ergu. Achirraa eegaleeni kanan hanqinni jiraacuu bare, keessumaa qulqullina tajaajilaa waliin," jetti.

Kaampaaniin ishee hojjettootaa mana pirofeeshinaala ta'an garaagaraa qacara, hojjettuu manaa, hanga biqiltuun kununnunsutti. Gargaartota dhuunfaa yoo ta'e immoo ulaagaa addaa baafti. Fedhii gabaa qaalii jiru waliin kan deemu.

"Mana habaaboo gurguru kamitti akka bilbiltu beekuu qabda, ejensii tajaajila hoteelaa kamirraa akka qacartu beekuu qabda, irbaanni akkamiin akka dhiyaatu. Addunyaawwan sanneen yoo akkanatti hin beekne bilaasha."

Ogummaa qofa osoo hin taane naamusnis murteessaa dha jetti Luusiyaanaan.

"Maatii hedduun iccitii ofii eeggachuu barbaadu. Waliigalteen iccitiin wal qabatu jira. Dhimma ofii gabaa baasuu hin fedhan" jechuun akeekkachiifti.

Imalawwan idil addunyaa fi sosochii fi jireenya qaqqaaliin malees hojiin gargaartota dhuunfaa aarsaa fi dandeettii addaa gaafata.

Rakkoowwan, mudannoowwan tasaa hubatanii fala dhawuu, dandeettii cimaa dhaabbata keetii fi dandeettiin afaan Ingliizii dhimmoota ijoo qacartoonni barbaadani.

Haala hubatanii wajjin deemuu

Dargaggeessi waggaa 29 Jo'aayo Victor Maarkas giddugaleessa Biraazil Goyyooniyaa keessa jiraata. Jireenyi isaa Paasareelliin wal fakkaata. Hojiin isaa damee qaalii kun Monaakoo, Dubaayi, Landan, Zuuriik faa isa geessa.

Daldalaa Biriitishiif hojjeta.

"Taateewwan addaa hojii koo keessatti na mudatan keessa tokko sagantaa Irbaataa bidiruu taatoo (actor) Hooliiwoodi Leonardo DiCaprio irratti argamuudha jedhe. Bidiruun tun magaalaa Monaakoo cinaa dhaabbatte

Hogganaan kiyya duraanii fi haati warraasaa irbaata affeeraman, nus waliin affeeramne" jedha Maarkas.

Biraaziil waan yaadef deebi'uuf murteesse. Har'a, gorsaa dhuunfaa daldaltuu "queen of motels" jedhamtuu ta'ee hojjeta.

Waa hunda jireenya isheen hordofa. Mana ishee, hojii guyyaa guyyaa ishee fi daldala moteelota ishee hunda" jedha.

Maarkas kophaa jiraata. Guyyoota hojii garuu mana hoggantuu isaa oola.

Dhimmoota malaalchisoo sababa hojiisaa kan sooreyyii faana hojjechuun argee hin dhoksu.

Hojiin kun addunyaa nama naannessa jedha.

"Yeroo hundaa waan gaariitu na qunnama, waan gaarii addaa, takkallee hin qisaasessine, waanuma bu'uura ti. Wanti na hawwatu, muuxannoo kana hunda argachuuf naa kaffalamuu isaati. ofii kiyyaa waan baase hin qabu"

Guyyaa guyyaan sooreyyii faana jiraachun miira wal makaa qaba.

"Gabaasi The World Inequality Report 2026 akka agarsiisutti Biraazil keessa garaagarummaan qabeenyaa lammiilee gidduu addunyaarraa isa olaanaa dha".

Paasareelliin akka jettutti baasiin namoonni sooreyyiin baasan biyya garaagarummaan sadarkaa qabeenyaa Biraazil keessa jiru faana yoo laalamu nama rifaasisa.

"Dhuguma dhiibbaa sirratti qabaata. Haala qabatamaa lafarra jiru biroo yoo agartu haqa-qabeessa miti. Yeroon yaadee: "Waaqa koo, garaagarummaa guddaan kun maali? akka ta'uu hin malle," jetti.

"Garuu … ani hojuma kiyya hojjechaa akkan jiru yoon yaadadhu immoo akkas jedhee murteessuu hin qabun jedha."

Isheedhaaf, viidiyoo miidiyaa hawaasummaarratti agarsiiftutti milkaawuun immoo addunyaan jiruu namoota hedduurraa fagoo jiraachuusheeti akeeka.

"Homaa barsiisuuf ykn akkamiin gargaartuu sooressaa akka ta'an barsiisuuf fedha hin qabu" jetti.

"Boorsaa harkaa tolchituu boorsaa akka taataniif miti isin jajjabeessuu koo miti—Addunyaan kunis jiraachuu akka beektaniifi jetti. Kun isaaniif jireenyumasaaniiti."